===============
Daarektarri ol’aanan Kolleejjii Poolisii Oromiyaa Gar/Komishinara Gosaayee kabbadaa hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaan ergaa baga ayyaana kataraa fi cuuphaa bara 2017 nagaan geessanii dabarsan.
Ayyaanni Cuuphaa hordoftoota amaantaa kiristanaa biratti, ayyaana guddaa kan miirri jaalalaa, tokkummaa, akkaasumaas jireenya gammachuutti ce’uuti jechuun ergaa isaanii dabarsanii jiru. Ergaa isaanii keessattis, Qandaaltotni fi Miseensootni Poolisii hundi bakka jirrutti ayyaanicha ilaalchisee nageenya hawaasa keenyaa kabaachisuu maddiitti, aadaa boonsaa wal-gargaaruu qabnuun harka qalleeyyii naannoo keenyatti argaman deggaruun, ayyaanicha akka kabajnu jechuun dhaamanii jiru.
Irraa deebin, hordoftootni amantaa kiristaanaa naannoo fi biyya keenyaa hundi baga guyyaa cuuphaa nagaan geessan baga waliin geenye. Ayyaana Gaarii.
Kominikeeshinii Kolleejjii Poolisii Oromiyaatu Gabaase.