Oolmaa Guyyaa ⌛️ @olmaaguyyaa Channel on Telegram

Oolmaa Guyyaa ⌛️

@olmaaguyyaa


Chaanaalii kana jalatti :-
√ Ta'ii olmaa guyyaa biyya keenyaa
√ Wantoota dinqisiisoo guyyichaa
Spoortii
📚Siyaasa
💼Dinagdeetu dhiyaata

Oolmaa Guyyaa ⌛️ (Afan Oromo)

Oolmaa Guyyaa ፦ Olmaaguyyaa kan jedhu kan bara - Wantoota dinqisiisoo guyyichaa. Guutuu keenyaa kan uummata Oromoo fi biyya keenyaa addunyaa kanarraa gahuuf kan dura dhaabbatame siyaasaa, wantoota dinqisiisoo guyyichaa fi wantoota dinagdee. Olmaaguyyaa kan bara biyya keenyaa keessatti hogganootaafi duratti qabuu isaatii cufte. Olmaaguyyaa kan bara hundi guyyaa namoonni sagaleewwan Oromoo fi dhalootaafi ajaja har’as waraanaa kaffalte. Kan zaawlee keessatti baay’ee waan dhiyaatamuu fi irraanfame guyyaa isaatii cufame. Olmaaguyyaa - Best channel for news, sports, politics, and all the latest updates in the Oromo language. Join us now and stay informed about everything that matters to you!

Oolmaa Guyyaa ⌛️

11 Jan, 17:41


Pireezidantiin #Somaaliyaa daawwannaa hojiif Finfinnee galan

Pireezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad har'a Amajjii 11, 2025 waaree booda daawwannaa hojiif #Finfinnee galaniiru.

Pireezidaantichi wayita Finfinnee, Buufata Xiyyaaraa Boolee gahan Ministira Muummee #Itoophiyaa Abiy Ahimadiin simatamaniiru.

Pireezidant Hasan Sheek gara Finfinnee kan imalan "affeerraa Ministira Muummee Abiy Ahimad godhaniin" ta'uu kan eere Waajjirri Pireezidantii Somaaliyaa, turtii isaaniin dhimmoota waloo biyyoota lamaan irratti akka mari'atan ibseera.

Pireezdaant Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa kana kan taasisan Waliigaltee Ankaaraa dhiheenya gaggeessitoota Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu irra gahame hordofeeti.

@Oolmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

11 Jan, 12:10


Affaaritti sababa kirkira lafaan manneen barnootaa 37 irratti miidhaan qaqqabe

Naannoo #Affaar keessatti kirkira lafaa mudateen manneen barnootaa 37 irra miidhaan qaqqabuu Biiroon Barnootaa Naannoo Affaar beeksise.

Hogganaan biirichaa Obbo Abduu Hasan FBC’tti akka ibsanitti, miidhaa balichaan manneen barnootaa 21 guutummaatti kan miidhaman yoo ta’u, 16 ammoo gartokkeen miidhamuu ibsaniiru.

Miidhan qaqqabe manneen barnootaa aanaalee Awaash Fantaallee, Dulasaa fi Haanruukaatti argamanirra ta’uun ibsameera.

Sababa kanaan barattoonni barnoota isaanirraa akka hin hafneef sadarkaa naannootti koreen hundeeffamuun hordoffii fi deeggarsi taasifamaa jiraachuu Obbo Abduun himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun kirkirri lafaa kun Warshaa Sukkaaraa Kasam irratti miidhaa giddu galeessaa hanga cimaa akka qaqqabsiise hoji gaggeessaan warshichaa himan.

@Oolmaaguyyaa ... join gochuu hin dagatinaa!

Oolmaa Guyyaa ⌛️

09 Jan, 14:11


Labsiin namni daldala boba’aa seeraan alaarratti bobba'e hidhaa hanga waggaa 5 akka adabamu taasisu ragga’e

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseen labsii sirna bittaa fi gurgurtaa bu’aalee boba’aa irratti mari’achuun sagalee mormii lamaa fi kan sagalee hin kennine 1’n sagalee caalmaan raggaaseera.

Gatii gurgurtaa mootummaan kaa’een ala oomisha boba’aa daldaluu, akkasumas oomishaalee boba’aa wantoota badaa waliin walitti makuun hidhaa cimaa waggaa 3 hanga 5 fi maallaqa birrii kuma 300 hanga kuma 500 akka adabsiisu labsicha keessa eerameera.

Akkasumas namni oomishaalee boba’aa bakka hayyamameen alatti kuuse, bakka fi sirna daldalaa itti gurguramuu qabun alatti gurgure, ykn meeshaa balaa qaba jedhameen kan gurgure kamiyyuu qabeenya boba’aa irraa dhaalamuun hidhaa waggaa 3 hin caalleeni fi adabbii birrii kuma 350 hanga kuma 500 ni adabama.



@Oolmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

08 Jan, 08:36


#Itoophiyaatti gatiin beenzila yeroo jalqabaatif birrii 100 caale; gatiin naafxaa fi keeroosinii 10% dabaleera

Mootummaan gatii gurgurtaa oomishaalee boba'aa irratti sirreeffama taasisuu hordofee, gatiin beenzilaa seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif liitirri tokko birrii 100 caaleera.

Kaleessa Amajjii 07, 2025 irraa eegalee gatiin beenzilaa liitira tokkoo %11.5 dabaluun gara birrii 101.47tti ol guddateera.

Gorsaan Ministira Daldalaa Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Ahmad Tusaa ibsa ji’a sadii dura laataniin, boba’aa gara biyyaa galchuufi geejjibuuf baasii bahu ilaaluun gatiin boba'aa liitira tokkoo hanga birrii 120 ol dabaluu akka danda’u ibsanii turan.

@Oolmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

02 Jan, 07:39


Qoricha fi meeshaalee yaalaa birrii miiliyoona 76 ol baasan yeroon isaanii darbee faayidaa ala ta’uu ibsame

Tajaajilli Dhiyeessii Qorichaa Itoophiyaa liqii qorichaa Birrii biiliyoona 1.4 baasuu sassaabuu dhabuun, akkasumas qorichi fi meeshaaleen yaalaa Birrii miiliyoona 76 ol tilmaamamu yeroon isaanii akka darbu taasisuu isaatiin qeeqame.

Dhaabbaticha irratti qeeqni kun kan dhiyaate gabaasa raawwii odiitii bulchiinsa dhiyeessii qorichaa tajaajilichaa irratti marii Koreen Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsaa fi To’annoo Baasii Mootummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kaleessa gaggeesse irrattidha.

Walitti qabduun koree dhaabbii kanaa Yashimmabet Damissee, tajaajilichi liqii qorichaa birrii biiliyoona 1.4 akka hin sassaabne eeraniiru

@Oolmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

01 Jan, 11:53


Tajaajilli Elektirikii #Itoophiyaa hoggansa dabalatee hojjettoota isaa 20 irratti tarkaanfii naamusaa fudhachuu ibse

Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa hoggantoota dabalatee hojjettoota naamusa dhaabbatichaa sarban irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhachuu dhaabbatichatti Daayirektarri Kutaa Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Obbo Hibrawarq Yimanuu ibsan.

Dhaabbatichi komii maamiltoota irraa dhufu irratti hundaa’uun qorannoo gaggeesseen hoggantoota fi hojjettoota dhaabbatichaa 20 irratti tarkaanfii bulchiinsaa akeekkachiisa barreeffamaa eegalee hanga adabbii mindaa fudhachuu himaniiru.

Kanneen tarkaanfiin irratti fudhatame fe’iinsi humnaa dandeettii tiraansifoormarii ol hayyamuun akka gubatu kan taasisan, maamiltoota haaraa seeraan alaa keessummeessuun maamiltoota durii irratti humni elektirkii akka addaan ciccituu kan taasisan, galii dhaabbatichi argachuu malu kan dhabsiisan ta’uu ibsame.

@Oolmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

30 Dec, 14:18


Oduu: #Masriin waliigaltee #Itoophiyaa fi #Somaaliyaa itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu ibsite

Pireezidaantiin Masrii Abdal Fattaah Al Siisiin waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti Ankaaraatti raawwatame “itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu” eeruun waliigalteen kuni Gaanfa Afrikaa nagaa buusa abdii jedhu akka qabu ibseera.

Pireezidaantichi, marii bilbilaan Pireezidaantii #Faransaay Imaanu’eel Maakroon waliin taasiseen, waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti Ankaaraatti mallattaa’e “dhiyeenyaan” hordofaa jiraachuu eeeruun waliigalteen kuni akkaataa seera idiladdunyaa kabajeen akka raawwatamuufi nageenya Gaanfa Afrikaatiif gumaacha akka taasisu abdii akka qabu ibseera.

@Oolmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

28 Dec, 08:57


t.me/seed_coin_bot/app?startapp=399162343


Warreen Seed hojjetaa jirtan jabaadha. Yeroo dhiyootti list waan ta'uuf. kanneen hin jalqabne immoo link kana seenuun ammuma jalqabaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

26 Dec, 08:56


Oduu: Yuunivarsitiileen “hojii milkaa’inaa” hin galmeessifne itti fufuu akka hin dandeenye ministeerri barnootaa beeksise

Yuunivarsitiilee biyya keenyaa keessaa kan “hojii milkaa’ina qabu” hin galmeessifne itti fufu akka hin qabne ministeerri ministeera barnootaa Pirof. Birhaanuu Naggaa beeksise.

Birhaanuun kana kan dubbate marii ministeerri barnootaa boordii hoggansa yuunivarsitiilee biyya keessaa waliin guyyaa kaleessaa gaggeesseerrattiidha.
Gabaasa guutuuf ..... Oduu: Yuunivarsitiileen “hojii milkaa’inaa” hin galmeessifne itti fufuu akka hin dandeenye ministeerri barnootaa beeksise

Yuunivarsitiilee biyya keenyaa keessaa kan “hojii milkaa’ina qabu” hin galmeessifne itti fufu akka hin qabne ministeerri ministeera barnootaa Pirof. Birhaanuu Naggaa beeksise.

Birhaanuun kana kan dubbate marii ministeerri barnootaa boordii hoggansa yuunivarsitiilee biyya keessaa waliin guyyaa kaleessaa gaggeesseerrattiidha.
Gabaasa guutuuf
👇👇👇👇


@Oolmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

25 Dec, 07:56


Oduu: Aanga’aan Jarmanii garee Itoophiyaanotaaf viizaan akka kennamu diriqisiisuun himatame

Ministeerri dhimma alaa #Jarmanii garee Itoophiyaanotaaf viizaan akka laatamu qonsila Jarmanii Finfinneetti argamu dirqisiisuun himatame.

Akka gabaasa kanaatti, viizaan Itoophiyaanota kanneeniif akka raggaasifamu xalayaa barreessuun qonsila Finfinneetti argamu aanga'ichi ajajeera jedhame.


@Oolmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

25 Dec, 06:55


Oduu: Dhoohiinsi Gaara Fantaallee jiraattotarratti sodaa uume

Kirkira lafaa tibbana Godina #Shawaa_Bahaa aanaa Fantaalleetti mudate walqabatee dhohiinsa Gaara Fantaalleetti uumameen jiraattonniifi horsiise bultoonni sodaa nageenyaa keessa jiraachuu himu.

Dhohiinsi mudateen walqabatee sodaa nageenyaa hawaasa keessatti uumameen jiraattonni naannawa sanatti argaman qe’eesaanirraa akka baqataniifi loon akka godaansifatan taasisuun himame.

@Oolmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

24 Dec, 11:00


Waajjira Fayyaa Godina Arsii Lixaa
Baayyina:50
Muuxannoo:0 fii isaa ol
Galmeen:7-21/4/2017
Bakki Galmee: Waajjira Fayyaa Godina Arsii Lixaa,kutaa HR tti galmaa'uu dandeessu.
# Hojjetaa Mootummaa Qaxarrii dhaabbiidhaan hojjechaa jiru hin ilaallatu.
Qulqullinaan Ilaaluuf


https://t.me/Beeksisahojii2024 join gochuu hin dagatinaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

23 Dec, 14:27


Somaaliyaatti dooniiwwan biyyoota biroo “seeraan ala” qurxummii kiyyeessan saamtonni galaanarraa akka baay’atan taasise

Somaaliyaatti dooniiwwan biyyoota biroo karaa seeraan ala ta’een bishaan Somaaliyaarraa qurxummii qabatan saamtonni galaanarraa akka baay’ataniif sababa ta’aa jiraachuun BBC’n gabaaseera.

Dooniiwwan biyyoota biroo kunneen hojii qurxummii kiyyeessuu kiyyeessitooni Somaaliyaa hojjatan danquu hordofee kiyyeessitoonni Somaaliyaa kunneen hojii doonii saamuutti akka boba'an taasisuu himameera

Kanumaan wal qabatee gidduu kana Somaaliyaan ministeera qonnaa biyya Turkiyyeetiif kiyyeessitoonni qurxumii isaanii bilisaan galaana ishee irraa akka qurxummii kiyyeessaniif heyyamuun ishee ni yaadatama

@Oolmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

23 Dec, 00:22


Oduu: Somaaliyaan loltoota #Itoophiyaa hirmaachisuuf “banaadha” jette

Loltoota Itoophiyaa ergama tika nageenyaa Gamtaa Afrikaatiif ji’a dhufu keessa Somaaliyaatti bobbaafaman simachuuf “banaa” ta’uu mootummaan #Somaaliyaa beeksisuu VOA’n gabaaseera.

Aanga’aa Somaaliyaa maqaansaa akka hin eeramne gaafate wabeeffachuun VOA gabaasa dhiyeesseen, Somaaliyaan loltoota biyyoota ergama kanaaf bobbaafaman afur, Burundii, Keeniyaa, Jibuutiifi Ugaandaa, ramadiifi qooda kennuu raawwachuu eeruun loltoota Itoophiyaatiif qooda kennuuf “irra deebiin ilaaluuf qophii” ta’uu addeesseera.

Oduu kuni kan himame waliigaltee mootummaa Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduuttii torban darbe Ankaaraatti taasifame hordofeeti.



@Oolmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

21 Dec, 06:47


Carraa Barnoota Bilisaa Digirii 2ffaa

Yuunivarsiitiin Finfinnee bara barnootaa 2017 semisteera lammaffaa Dorgomtootaf carraa Barnoota bilisaa qopheessee jira.

Yuunivarsiitii Finfinnee:-Mastercard Foundation (AAU-MCF) Africa Health Collaborative Project, Kolleejjii Saayinsii Fayyaa, Yuunivarsiiti Finfinnee jalatti, sagantaalee mastersii digrii lammaffaa AAU keessatti damee fayyaatiin kennamaniif scholarship yeroo guutuu (yeroo hunda) kennaa jira second semester of 2017.

Odeeffannoo bal'aan isaa armaan gaditti ibsamee jira

( https://t.me/Beeksisahojii2024/31 )

Oolmaa Guyyaa ⌛️

19 Dec, 13:54


Oduu: Hiriira naannoo #Amaaraatti gaggeeffameerratti haleellaa boombii raawwatameen lubbuun namaa darbuu jiraattonni himan

Hiriira uummataa naannoo Amaaraatti guyyaa kaleessaa taasifamerratti haleellaa boombii magaalaa #Baahirdaar, #Waldiyaa fi #Dabra_Birhaanitti raawwatameen lubbuun nama tokkoo darbuufi namoonni biroo madaa’uu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataa magaalaa Waldiyaa maqaansaanii akka hin eeramne gaafate Addis Standard dubbise tokko hiriira guyyaa kaleessaa raawwatamerratti boombii darbatameen namoonni madaa’an jiraachuu dubbateera.

@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

19 Dec, 11:34


Namoonni afaan keessaniin beeksisa hojii adda addaa dorgomuuf barbaaddan channel https://t.me/Beeksisahojii2024 jedhu kana join gochuun gita barbaaddan kamiyyuu filattannii adda baasuun apply gochuu dandeessu. Akkasuma hirriyoota keessan kanneen biroof illee share godhaa

https://t.me/Beeksisahojii2024

Oolmaa Guyyaa ⌛️

19 Dec, 11:29


Mootummaan #Itoophiyaa aanga’oota dhiittaa mirga namoomaan himataman aangoorraa akka kaasu Ambaasaaddarri #Ameerikaa dhaaman

Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Ambaasaaddara Haqaa Yakka Idil-addunyaa kan ta’an Beet Vaan Shaak, mootummaan Itoophiyaa aanga’oota dabalatee qaamolee waraanaa dhiittaa mirga namoomaa keessatti hirmaatan aangoorraa akka kaasu hubachiisan.

Akkasumas ''mootummaan federaalaa dhiittaa mirga namoomaa raawwatameef ifatti beekamtii akka kennu'' gaafatan. Itti dabaluun, "dirreen siivilii dhiphachaa dhufuufi dhiittaan miga namoomaa keessattuu naannolee #Oromiyaa fi #Amaaraa keessa dabaluu hubanneerra" jedhan.

@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

15 Dec, 12:27


Waamicha Barattootaa
( Remedial Program)
#Yuunivarsiitii BaahirDar

Galmeen barattoota Sagantaa Sirreeffama haaraa bara 2017 Yunivarsiitii Baahir Daar seenan Amajjii 5-7/2017 mooraa yuunivarsiitichaa Geesh Abaay keessatti akka gaggeeffamu beeksiseera.

Wantoota yeroo galmeef deemtan fiduu qabdan:

➫ Ragaa Barnootaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa orijinaala fi kooppii, .
➫ Orijinaala fi kooppii tiraanskriiptii kutaa 9-12, 2012.
➫ Suuraalee guurdii 3x4 afur, .
➫ Uffata Halkanii, fi meeshaalee ispoortii.

Join @Beeksisahojii2024

Oolmaa Guyyaa ⌛️

10 Dec, 00:33


Oduu: #Finfinneetti sagaleen dhukaasaa miseensota WBO dhageessisaniif poolisiin dhiifama gaafate

Finfinnee naannawaa tokko tokkotti sagaleen dhukaasaa kaleessa miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo waliigaltee araaraan booda gara giddugala leenjiitti imalaa turan dhageessisan rifaatuu uumeef poolisiin magaalichaa dhiifama gaafateera.

Taatee kana hordofee paartiin #Izeemaa ibsa baaseen hidhattoonni gara giddugala leenjiitti imaluu isaaniin dura dursa meeshaa waraanaa isaanii qaama nageenyaaf dabarsanii kennu akka qaban hubachiiseera.


@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

08 Dec, 02:27


Geetaachoo Raddaan aangoorraa akka kaafaman gaaffii Dabratsiyoon dhiyeessan MM Abiy fudhachuu didan

Ji'oota jahaa oliif waldhabdeerra kan jiran Dura Taa'aa #TPLF Dabiratsiyoon Gabramikaa'el fi Pireezidantiin Bulchiinsa Yeroo #Tigraay Geetaachoo Raddaa marii tibbana MM Abiy Ahimad waliin taasisan irratti wal-himachuu isaanii gabaafame.

Gareen TPLF Dabratsiyooniin hogganamu rakkoo Tigraay keessatti uumamaa jiruuf dadhabina bulchiinsa yeroo naannichaa ta'uu eeruun, ''Geetaachoon aangoorraa ka'ee iddoosaa ittaanaan isaanii Lt. Jeneraal Taaddasa Warrada akka qabatan" yaada dhiyeessan.

Geetaachoo Raddaan gama isaaniin, "bulchiinsi yeroo sirnaan hojiisaa akka hin dalagne gufuu kan taatan isinii" jechuun Dabrtsiyoon fa'a himatan.

Dabratsiyoon Obbo Geetaachoon aangoorraa ka'anii iddoosaanii Lt. Jeneraal Taaddasaan bakka haa bu'an isa jedhan Ministirri Mummee Abiy Ahimad akka hin fudhanne BBCn gabaaseera.


@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

06 Dec, 22:21


Oduu: Obbo Taayyee Danda’aan hidhaa waggaa tokko booda gadhiifamanii maatii isaanitti makaman

Hidhaa waggaa tokko booda kaleessa mana hidhaa Qilinxoo irraa yeroo bahan balbalatti qaamolee nageenyaan fudhatamanii gara Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaatti kan geeffaman Taayyee Danda’aa, har’a gadhiifamanii maatii isaanitti makamuu haati warraa isaanii Addis Standard’tti himan.

Haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoon, “ganama isa gaafanne erga deebine booda guyyaa walakkaa nutti bilbilee baheera kottaa na fudhaa nuun jedhe. Nuti qaqqabuu waan hin dandeenyeef maatiin dhiyoo jiru dhaqee fudhatee amma mana galeera,” jedhan. 


@Oolmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

02 Dec, 19:09


Oduu: Obbo Taayyee Danda’aa wabiidhaan akka gadhiifaman murtaa'e

Deetaa Ministeera Nagaa duraanii Taayyee Danda'aa wabiidhaan akka gadhiifaman Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa murtee dabarsuu haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo Addis Standard’tti himan.

Aadde Sintaayyoon Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa har’a Muddee 02, 2024 ooleen Obbo Taayyeen wabiidhaan akka gadhiifaman murtaa’u mirkaneessaniiru.

Haaluma kanaanis, ajaja mana murtii kana raawwachiisuuf adeemsa barbaachisaa ta’ee raawwachaa jiraachuus dabalanii himaniiru.



@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

02 Dec, 07:47


Atileet Taammiraat Tolaa fi Simboo Alamaayyoo ‘atileetii cimoo bara 2024’ jedhaman

Atileetonni #Itoophiyaa Taammiraat Tolaa fi Simboo Alamaayyoon badhaasa atileetii cimaa fi cimtuu waggaa kanaa injifatan.

Atileet Taammiraat Tolaan badhaasa atileetii cimaa Istaadiyeemiin alaa injifateera. Atileet Simboo Alamaayyoon gama isheetin badhaasa atileetii guddattuu cimtuu injifatte.

Atileet Taamraat Tolaa bara dorgommii kanatti rikoordii maaraatoonii Olompikii fi Barliin fooyyeessuun injifachuun isaa ni yaadatama.

Akkasumas dhalattuun Itoophiyaa lammiin #Neezarlaand Atileet Siifan Hasan badhaasa atileetii cimtuu istaadiyeemiin alaa akkasumas waliigalaan atileetii cimtuu bara 2024 injifatte.


@Olmaaguyaa ... Join gochuu hin dagatinaa 🙏🙏🙏

Oolmaa Guyyaa ⌛️

30 Nov, 09:15


Jubaalaand loltoonni Somaaliyaa guyyaa 15 keessatti akka bahan akeekkachiifte

Pireezidaantiin #Jubaalaand Ahmad Maadoobee loltoonni #Somaaliyaa guyyaa 15 keessatti Jubaalaand gadhiisanii hin bahan taanaan "tarkaanfii cimaa" akka fudhatu ibse.

Ahmad Maadoobee haasaa Masjiida Kismaayootti argamutti taasiseen, loltoonni Somaaliyaa iddoo qarqarqa Keeniyaatti argamtu Raaskaamboonii jedhamtu keessa buufatanii jiraachuu eeruun guyyaa 15 keessatti gadhiisanii akka bahan akeekkachiiseera. Guyyaa 15 keessatti hin bahan yoo ta'e "gatii kaffalu" jedheera.

@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

28 Nov, 14:35


#Tigraay keessatti adeemsi loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuu ittiin hogganamaa jiru sirrii miti’ - #ABUT

Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin hogganamu, adeemsi hidhattoota duraanii hidhannoo hiikkachuu fi deebisanii ijraaruu (DDR) Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru “haala itti hogganamaa jiru sirrii miti” jedhe.

Dura taa’aa Itti aanaa dhaabichaa Amaanu’eel Asaffaa ibsa kaleessa laataniin, loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuun dura “humnoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa ala ta’an Tigraay keessaa bahuu qabu” jedhan.

Itti dabaluun, "bulchiinsi yeroo naannichaa [Geetaachoo Raddaan hogganamu] haala Waliigaltee Piritooriyaa waliin wal hin simneen harka namoota dhuunfaatti kufeera” jechuun qeeqaniiru.


@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

27 Nov, 16:21


Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara #Dambi_Dolloo taasisu torbanitti gara guyyaa 7tti ol guddise

Daandiin Qilleensaa #Itoophiyaa balalii torbanitti guyyoota sadi Finfinnee irraa gara Dambi Dollootti taasisaa ture Sadaasa 27, 2017 ALI irraa eegalee balalii guyyuu taasisuu beeksise.

Daandiin Qilleensichi balalii idilee Finfinnee irraa gara Dambi Dolloo waggootaaf addaan citee ture torbanitti guyyaa 3 Guraandhala 18, 2016 ALI deebisee eegaluun isaa ni beekama.

Haaluma kanaanis Wiixata, Roobii fi Jimaata hunda gara Dambi Doollootti balali'aa tureera.

Balaliin gara Dambi Doollootti gaggeeffamu sababa rakkoo nageenyaa naannoo sanaatiin yeroo dheeraaf addaan citee ture jechuun hawaasni komachaa turuun isaa ni yaadatama.

Balaliin guyyoota sadiif ture kun gara torbatti ol guddachuunis gaaffii hawaasaa guutummaatti akka furu ni eegama.

@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

23 Nov, 13:44


Aanaa #Darraatti ajjeechaan suukaneessaa dargaggeessa tokko dheekkamsa kaase; Ji’oota afur keessatti namoonni 43 ol ajjeefamaniiru

Tibbana viidiyoon dargaggeessa hidhattootaan albeedhaan mormi irraa muramuu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamuu hawaasa biratti dheekkamsa kaaseera. Dargaggeessi kun dhalataa aanaa Darraa ganna 17 Darajjee Amaare jedhamu ta’uu himame.

Waggoota dhiyoo asi aanaan Darraa dirree waraanaa gaaga’ama guddaa geessise taateetti. Keessattuu bara 2022 booda walitti bu’iinsi cimaan humnoota mootummaa, Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO), fi hidhattoota #Faannoo gidduutti gaggeeffamuun lubbuun namoota hedduu darbaa jira.

Addis Standard dhimma kana irratti jiraattota aanaa Darraa dubbisuun akka qorateetti Adoolessa hanga Onkoloolessa 2024 gidduutti haleellaa dirooniin dabalatee lammiileen nagaa 43 ol lubbuu isaanii dhabaniiru.

Taateewwan kanneen keessaa tokko Onkoloolessa 23, 2024 haleellaa diroonii aanicha keessa halkan keessa naannoo sa’aatii 8:00 raawwatameen namoonni sadi ajjeefamaniiru.

@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

20 Nov, 09:55


Aanga’aan bulchiinsa yeroo #Tigraay aggaammii ajjeechaa irraa ooluu himan

Naannoo Tigraayitti bulchaan Godina Giddu-galeessaa kan ta’an Obbo Solomoon Ma’aashoo Dilbata darbe hojiif magaalaa Aksuum irraa gara Maqalee imalaa osoo jiranii hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen yaalii ajjeechaa irratti raawwatamuu himan.

Obbo Solomoon turtii BBC Tigrinyaa waliin taasisaniin, taatee kun ''yaalii ajjeechaa'' isaanirratti xiyyeeffate ta'uu akka malu himan.

Aanga’aa kanas ta’ee eegduu isaanii fi konkolaachisaan isaan waliin konkolaataa keessa turan miidhaan tokkollee kan irra hin geenye ta’uus, konkolaataan isaanii bakka afuritti rasaasaan rukutamuu mirkaneessaniiru.

Yeroo haleellaan kun raawwatametti Obbo Solomoon hojiif Aksuum irraa gara Maqaleetti imalaa akka turan eeruun, naannoo Maayqinaxaal jedhamu yommuu gahan "rasaasni nutti dhukaafame" jedhan.


@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

17 Nov, 14:42


Oduu: Mootummaan hiriira uummataa #Oromiyaa keessa gaggeeffame ‘qaama mootummaatin qindaa’e’ jedhamuu haale

Naannoo Oromiyaa godinaalee garaagaraa keessatti hiriirri waamicha nageenyaa kaleessa Sadaasa 14, 2024 gaggeeffame akka qaamaa mootummaan qindaa’eetti odeeffannoon tamsa’aa jiru “dhugaa irraa kan fagaatee” jechuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibse.

Mootummaan naannichaa ibsa baaseen, “hiriira nagaa ummatni fedhii isaatiin bahu akka qaama mootummaan qindaa’eetti muldhisuuf yaaluun madaa ummataa mukaan horfuu akka ta'etti yaadama” jedhe.

Hiriira kanaan walqabatee namoota siyaasaa akka Jawaar Mohaammad qeeqaan mootummaatti quba qabaniiru. Jawaar fuula feesbuukii isaarratti “mootummaan gama tokkoon marii araaraa marsaa 3ffaa didaa, gama biraan ummata miskiina adutti baasanii waywaachisuun sirrii miti,” jedhe.



@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

15 Nov, 02:01


Oduu: Daballiin mindaa eegamaa ture ji’a Sadaasaatti akka hin taasifamin hojjatoonni mootummaa himan

Komishiniin Sivil Sarvisii daballiin mindaa hojjattoota mootummaatiif taasifamu ji’a Onkololeessaatiif kan gadhiifamu ta'uu haa ifoomsu malee daballiin mindaa ji'a kanatti akka hin taasifamin hojjattoonni biiroolee garaagaraa Addis Standard’tti himan.

Miseensi poolisii federaalaa maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard dubbise akka himetti, “Ji’a Sadaasaatti nuuf dabalama jennee eegaa turre. Haa ta’u malee, hanga yoonaatti daballiin mindaa nuuf hin kaffalamne," jedheera.


@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

11 Nov, 18:55


Oduu: “Bulchiinsa yerooratti fonqolchi mootummaa ifatti raawwatamaa jira” – Bulchiinsa Yeroo Tigraay

Gareen Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin hogganamu bulchiinsa yeroo Tigraay irratti fonqolcha mootummaa “ifatti” gaggeessaa jiraachuu pireezidaantiin bulchiinsi yeroo naannichaa beeksise.

Pireezidaantiin bulchinsa naannichaa Getaachoo Raddaa, ibsa kaleessa baaseen, gareen ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin durfamu kan ji’a Hagayyaa keessa yaa’ii taasisee ture bulchiinsa yeroo naannichaarraa humnaan aangoo dhuunfachuuf fonqolcha gaggeessaa jira jedhe.

Gabaasa guutuuf 👉 @Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

11 Nov, 04:14


Oduu: #Oromiyaatti qonnaan bultoota fi hojjettoonni mootummaa 'deeggarsa milishaaf' birrii akka buusan dirqisiifamaa jiraachuu himan

Qonnaan bulaan godina #Arsii Lixaa aanaa Kofalee tokko, jalqaba bara 2024 irraa eegalee jiraattonni sagantaa nyaata barattootaa, uffata milishaa, fi dhiyeessii nyaata milishaaf maallaqa akka gumaachan gaafatamuu himan.

Barbaachisummaa sagantaa nyaata barattootaa irratti kan amanan ta’us, hanga ammaa “nyaanni tokkollee barattootaaf hin kennamne” jedhan. Itti dabaluudhaan qonnaan bulaa dide hidhaan kan isa eeggatu ta'u eeran.

Hojjetaan mootummaa Addis Standard dubbise gama isaatin, "deeggarsa namoomaa ykn milishaaf akka ta’e osoo nu hin beeksisin mindaa keenya irraa hir’isu” jedhe.

@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

05 Nov, 20:44


Oduu: Daandiin Qilleensaa #Itoophiyaa xiyyaara Afrikaatti jalqabaa A350-1000 bitachuu beeksise

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaara akka #Afrikaatti isa jalqabaa ta’e A350 - 1000 jedhamu dhaabbata biyya #Faransaay ‘Eer Baas’ jedhamu irraa gara biyyaa galchuun hojii eegalsiisuuf akka jiru beeksise.

Xiyyaarri daandiin qilleensichaa Dhaabbata Eer Baasirraa fudhate kun Itoophiyaa madda dhala namaa (Ethiopia Land of Origins) jedhamuun kan moggaafame kun akka Afrikaatti kan jalqabaati.

Xiyyaarichi Buufata xiyyaaraa Faransaayi Tuluus irraa ka'uun guyyaa har’aa sa'aatii 8:00 irratti buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ni gaha jedhamee yeroo isaatti gahuun qubateera.


@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

04 Nov, 16:14


Af-gaaffii: “#Somaalilaand biyya kamiinuu waliin waliigaltee taasisuuf mirga qabdi” - Mohaammad Abdillaahi Omar, hogganaa paartii mormituu

Filannoo pireezidaantummaa Somaalilaand guyyoota muraasa booda gaggeeffamuun dura hoggantoonni Paartii Biyyaalessaa Somaalilaand ykn Waddani, paartii mormituu teessoo paarlaamaa harka caalu qabu, tibbana #Finfinnee daawwataniiru.

Hogganaa paartichaa fi Ministira Dhimma Alaa Somaalilaand duraanii Mohaammad Abdillaahi Omar dhimma turtii isaanii fi waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand fi #Itoophiyaa gidduu mallatteeffame ilaalchisee Addis Standard waliin turtii taasisaniiru.

Paartiin isaanii filannicha yoo injifate hariiroo Itoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoo akka qabu mootummaa Itoophiyaaf mirkaneessuuf Finfinneetti argamuu kan eeran hogganichi, tumsa Itoophiyaa waliin jiru gama daldala, nageenyaa fi anniisaan babal’isuuf akka barbaadan ibsaniiru.

“Itoophiyaan buufata doonii argachuuf fedhiin qabdu dantaa seera qabeessaati,” kan jedhan Omar, paartiin isaanii Itoophiyaan buufata doonii Somaalilaand kan ta’e Barbaraa akka fayyadamtuuf fedhii qabaachuu himan. “Tumsi gama kanaan jirus, hoggansa keenya jalatti daran ni cima” jedhan.


@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

02 Nov, 18:18


Majors torbee tokkoon booda ni dhaabbata. Namoonni hanga ammaatti hin jalqabiin jirtan hundi 👇👇

https://t.me/major/start?startapp=399162343

Oolmaa Guyyaa ⌛️

01 Nov, 19:22


Oduu: #Naqamteetti namoota gudeeddii dubartoota lamaan shakkaman jaha to’ataman

Namoota tibbana magaalaa Naqamteetti shamarran lama walcinaatti gareedhaan gudeeduufi yakkicha viidiyoo waraabanii miidiyaa hawaasummaa irratti qooduu keessa harka qabaachuun shakkaman jaha to’ataman.

Yakka gudeeddii kana kan raawwatan lamaan keessaa tokko Lalisaa Dirribaa kan jedhamuu fi dargaggoonni viidiyoo waraabuun miidiyaa hawaasummaa irratti qoodan shan to’annoo jala ooluu ibsameera.

Waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii magaala Naqamteetti ogeettii seeraa kan ta’an Aadde Shawaayyee Didhaa BBC’tti akka himanitti, shakkamtoonni kunneen Roobii ganama to’annaa jala oolan.

Haata’u malee, “shakkamaan gudeeddii kana raawwate fi maqaa Gammachuu yookan Maammee jedhamuun beekamu yeroodhaaf miliqee barbaadamaa jira,” jedhan.

Shakkamtoonni yakka kana keessatti qooda qabu jechuun to’ataman jahan Kamisa darbe mana murtiitti dhihaachuun yaanni irraa fuudhamuus himan.


@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

31 Oct, 19:50


©Paws Airdrop yeroo ammaa jiran keessaa Gaariidha waanti isa jechisiisu maalidha?

Akkuma beeksisaa turre Airdrop kun Guyyoota muraasa keessatti beekamtii kan argateedha

Beekamtii maaf dafee argachuu dandahe?

✓Airdrop kun Projectoota amansiisoo kana dura namoonni baayyeen itti gammaddan kanneen Akka
✓Dogs fi
✓Notcoin dhaan
deeggeramaa kan jiru dha!

Kana irratti immo Telegram dhaan ille kan deeggeramuudha!

Telegram dhaan deeggaramuu isaa akkamitti beekna?

1 Osoo Telegram dhaan kan deeggaramu miti tahee Bara isin itti Telegram fayyadamuu eegaltan adda baasuun nii ulfaata ture

2 DOGS kana dura hanga isin hojjettanii turtan isaa dhugaa isinitti himuun ni ulfaata ture

3 Notcoin Hanga isin hojjettan akkasumas hojjechuu fi dhiisuu keessan isinitii himuun ulfaataa ture

4 Hamster illee akkasuma

Sababni Inni yeroo dhiyootti beekamtii akkasii argateefis deeggersa akkasii waan qabuufidha

Kutaa 2ffaa ammas itti fufnee bor isinii barreessina

Maatii channel keenyaa namni hin eegalle ni jiraa? @Olmaaguyyaa

As Tuquun eegalaa!

✓ https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=kuID5T6S

@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

23 Oct, 12:50


Airdrop kun nama torba afeertanii ammuma doolaara $7 baafachuu dandeessu.
Mirkaneessinee jirraa

Link armaan gadii kanaan seenaa hojjedhaa

https://t.me/Btcbr_dropbot?start=399162343

Oolmaa Guyyaa ⌛️

22 Oct, 17:05


Maanguddoon #Arsii maatii 500 horuun Galmee Dinqisiisoo Afrikaa irratti galmaa'an boqotan

Godina Arsii Lixaa Aanaa #Nansabootti jiraachaa kan turan maanguddoon Abbaadaaluu Jaarsoo Onkoloolessa 20, 2024 du’aan addunyaa kanarraa boqochuu Kominikeeshinii Aanaa Nansaboo beeksise.

Maanguddoon kun umrii dheeraa qabaachuu fi maatii 500 ol horuun waggaa tokko dura Galmee Dinqisiisoo Afrikaa irratti galmaa'uun isaanii ni yaadatama.

Wayita Galmee Dinqisiisoo Afrikaa irratti galmaa'anitti  umriinsaanii waggaa 180 jedhamaa ture. Galmeen riikardii kun garuu umurii isaaniin osoo hin taanee baay’ina maatii horataniin akka galmeesse hojii gaggeessaan dhaabbata isaan galmeesse yeroos BBC'tti himanii turan.

“Haa ta’u malee, qorannoowwan tokko tokko taasifneen Abbaadaaluun maatii 500 ol akka horatan odeeffannoo arganne,” jechuun himu.

@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

21 Oct, 21:53


Oduu: Antooniyoo Guutareez waltajjii marii #Gamtaa_Afrikaa fi #UN irratti hirmaachuuf Finfinnee galan

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez Itoophiyaatti turtii hojii taasisuuf kaleessa Onkoloolessa 20, 2024 Finfinnee galuu isaanii ibsame.

Antooniyoo Guutareez gara Finfinnee kan dhufan waltajjii marii olaanaa Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii sadattaffaa irratti hirmaachuuf akka ta’e eerameera.

Waltajjii har’a Onkoloolessa 21, 2024 eegale kana Komishinara Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahaammat waliin ta’uun dura taa’ummaan akka geggeessan ibsameera.

Waltajjichi raawwii hammattoowwan tumsa dhaabbilee lamaanii kan gamaaggamu yoo ta’u, akkasumas nageenyaa fi tasgabbii dabalatee dhimmoota adda addaa irratti bal’inaan ni mari’atuun eegama.

@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

18 Oct, 20:00


Birriin #Itoophiyaa tarree maallaqa biyyoota Sahaaraa gadii humna bittaa isaanii gadi aanaa ta'etti ramadame

Birrii Itoophiyaa dabalatee Naayiraa #Naayijeeriyaa fi Paawundiin #Sudaan_Kibbaa maallaqa biyyoota Sahaaraa gadii humni bittaa isaanii gadi aanaa ta’e keessatti ramadamuu isaanii gabaasni Baankii Addunyaa beeksise.

Gabaasichi, "Hagayya 2024 irraa eegalee maallaqa biyyoota sahaaraan gadi argaman keessaa Birriin Itoophiyaa, Naayiraa Naayijeeriyaa fi Paawundii Sudaan Kibbaa humna bittaa gadi aanaa agarsiisaniiru," jedhe.

Faallaa kanaatiin maallaqni shilingii #Keeniyaa fooyya’insa dhibbeentaa 21 agarsiisu isaa kan ibsame yoo ta’u, biyyoonni Afrikaa hedduun garuu rakkoo sharafa alaa isaan mudachaa jiru itti fufuun diinagdee isaanirratti dhiibbaa geessise baankichi ibseera.

Naayijeeriyaa fi biyyoonni naannichaa biroo hanqinni sharafa alaa olaanaa fi dhiibbaa sharafa alaa isaan mudachaa jiraachuu gabaasni baankii addunyaa kun akeekeera.


@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

12 Oct, 12:15


Naannoo #Amaaraatti hidhattoonni baankii cabsuun birrii miiliyoona 67 ol saaman

Waldhabdee humnoota mootummaa fi hidhattoota #Faannoo gidduu gaggeeffamaa jiruun raafamaa kan jiru naannoo Amaaraatti, dhuma torban darbe hidhattoonni baankii lama cabsanii birrii miiliyoona 67 ol saamuun ibsame.

Taateen kun kan raawwatame Fulbaana 25, 2017 ALI dameelee baankiiwwan #Abisiiniyaa fi #Tsaday jedhaman irratti ta’uu hoji gaggeessitoota baankiiwwan kanneen wabeeffachuun Korporeeshinii Miidiyaa Amaaraa gabaaseera.

Hoji gaggeessaan baankii Abisiiniyaa damee Gishan Dabra Karbee kan ta’an Obbo Zawuduu Qannaa, hidhattoonni eenyummaan isaanii hin ibsamne waaree booda naannoo sa’aatii 11:30 baankicha cabsanii seenuun hojjettoota ugguruu himan.

"Hidhattoonni doorsisuu fi reebicha raawwachuun erga kaaznaa bansiisanii booda birrii miiliyoona 63 ol saamanii deeman" jedhan.

@Olmaaguyyaa ... Join gochuu hin dagatinaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

06 Oct, 10:14


📸 Irreechi #Hora_Harsadii nagaan xumurame

Ayyaanni Irreechaa Hora Harsadii magaalaa #Bishooftuutti haala miidhagaa ta'een kabajamee xumurame.

Abbootiin #Gadaa fi Haadholiin #Siinqee uummata hedduu dursuun bariidhaan malkaatti irreeffataniiru.

Irreeffattoonni miiliyoonaan lakkaawwamanis uffata aadaatiin faayamanii bariidhaan gara malkaa yaa'uun irreeffatan.

Warreen irreeffatanii deebi'anis sirba fi shubbisa aadaa taphachaa agarsiisa hawwataa uumaniiru.

Suuraa: EBC

@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

03 Oct, 10:07


👉Maarree Stari namni hanga amma hin dalagne booda itti hin gabinaa. Guyyaa muraasa hafe dafaa seenaa Coin furadhaa

Sochiin Business telegaram yeroon booda star socho'a. Yeroon sana osoo hojjadhee jettanii gaabuu irra ammuma hojjadhaa.

Namnoon hanga amma hin eegalle yoo jiraattan link asii kanaan seenaa

https://t.me/major/start?startapp=399162343

Oolmaa Guyyaa ⌛️

02 Oct, 09:07


#Iraan haleellaan #Israa'el irratti bante yeroof xumuramuu ibsite

Iraan haleellaan misaa'elii inni guddaan Iraan dachee Israa'el keessatti raawwatte muddama dabalataa guddaa uumee wayita jirutti haleellichi yeroodhaaf xumuramuu Roobii ganama beeksifte.

Haleellaa kana booda Istraa'elii fi #Ameerikaan Tehraaniin haaloo bahuuf yoo dhaadatan, Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii (#UN) fi Gamtaan Awurooppaa (#EU) ammoo dhukaasni akka dhaabatu waamicha gochaa jiru.

Iraan Israa'el irratti haleellaan bante balaarraa of qolachuurratti kan xiyyeeffate akka ta'e himuun, xiyyeeffanoon haleellaa ishee buufataalee waraanaa Israa'el sadii akka ta'an ejensiin oduu Iraan gabaase.

Haleellaa kanaaf sababa kan ta'e hooggantoota hidhattoota Iraan deeggartu irratti ajjeechaa raawwate, weerara #Libaanos irratti godhamuu fi dhibdee #Gaazaa ta'uus Iraan ibiste.

@Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

01 Oct, 20:51


Oduu: Baankiin Daldala #Itoophiyaa tajaajila kennu irratti taaksii dabalataa hojiirra oolchuu ibse

Maamiltoota miiliyoonaan lakkaawwaman kan qabu Baankiin Daldalaa Itoophiyaa har'a Onkoloolessa 01, 2024 irraa eegalee tajaajila baankichaaf kaffaltii raawwachiisu irratti taaksii dabalata qabeenyaa hojiirra oolchuu beeksise.

Baankichi taaksii dabalataa kaffalchiisu kan eegale akkaataa seera taaksii dabalata qabeenyaa dhiheenya kana mootummaan baaseen ta’uu ibseera.

Baankonni tajaajila kennan irratti taaksii dabalata qabeenyaa akka kaffalchiisan mootummaan ji’oota muraasa dura labsii baasuu kan yaadachiise baankichi, dirqama kana bahachuuf har’aa eegalee kaffaltii tajaajila irratti taaksii dabalata qabeenyaa hojiirra oolchuu ibse.

Dabalataaf: 👉 @Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

30 Sep, 16:36


Oduu: #WBO'n qoqqoodinsa keessoo jiraachuu haale; 'Sanyii Nagaasaan ji'oota dura ari'ameera' jedhe

Ajajni Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugaleessaa Sanyii Nagaasaan durfamu jaarmiyaa hidhattootaa Jaal Marroo ykn Kumsaa Dirribaan hogganamu irraa adda bahuu hordofee qoqqoodinsa keessoo akka jiru gabaasaalee bahaa jiran dhugaa akka hin taane garichi ibse.

Torban darbe Sanyiin “WBO Ajaja Olaanaa ABO-WBO jedhamee erga ijaaramee seerrii fi heerri, qajeeltoon ijaarame nama tokko irratti kan hundaa’e ture” jechuun qaama kana irraa adda bahuuf murteessuu ibsanii turan.

Waajjirri Sab-qunnamtii WBO gama isaatiin deebii Addis Standard'tti laateen, Sanyii Nagaasaan ji’oota dura “sababa gocha gantummaatiin” garee kana keessaa ari’amuu isaanii himeera.

Dabalataaf: @Olmaaguyyaa

Oolmaa Guyyaa ⌛️

29 Sep, 15:51


Miseensi hoggansa olaanaa #WBO Sanyii Nagaasaa dhaabicha irraa adda bahuu ibsan

Waraana Bilisummaa Oromoo keessatti miseensa koree hoji raawwachiiftuu fi ajajaan WBO Zoonii Giddugalaa duraanii Sanyii Nagaasaa ''ABO-WBO dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabne'' jechuun jaarmiyaa Jaal Marroo ykn Kumsaa Dirribaan durfamu irraa adda bahuu beeksisan.

Sanyii Nagaasaan turtii BBC waliin taasisaniin, "WBO Ajaja Olaanaa ABO-WBO jedhamee erga ijaaramee seerriifi heerri, qajeeltoon ijaarame nama tokko irratti kan hundaa'e ture" jechuun qaama kana irraa adda bahuuf murteessuu ibsan.

Itti dabaluun, "dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabnedha. ABO-WBO waliin akkaataa kanaatiin socho'uus hin dandeenyu badii inni dalagus isa faana raawwachuu hin dandeenyu. Boru itti gaafatamni seeraas, gaafatamni seenaas hin jira," jedhan.

Mootummaa waliin hariiroo uummachaa jiraachuu walqabatee gaaffii dhiyaateef ''ammatti hariiroon uumame hin jiru'' jechuun deebii kennan.

@Olmaaguyyaa ... join gochuu hin dagatinaa🙏

Oolmaa Guyyaa ⌛️

28 Sep, 13:56


💪Yeroon itti na dhaqabaa jettaan amma kaa Warri dogs jala darbe hundumtti keessaan Cats guyyaa muraasa booda list akka ta'u ibsanii jiru namni hin jalqabne ammuma dhaqabadhaa.

Namni hin eegallee amuma eegala

http://t.me/catsgang_bot/join?startapp=1R6r6kqTP3HljZiYp72tE

Oolmaa Guyyaa ⌛️

27 Sep, 16:40


Airdrop Guddaafii Amanamaa #Seed

Airdrop Kun November keessa dhumuuf deema!!

Namooti hin jalqabnee jirtuu taanan Amma dafaa jalqabaa maalif yoo jettanis ...

Coin isaa tokko Argachuun baayyee value guddaa qaba

Airdrop kana irraa yoo xiqqaatee dollar 100$ ol hojjechuu dandeessuu

Kanaaf Hamma jalqabuun Task isaa hunda xumuraa!!

Kana malees daqiiqaa 30 itti deebihuun claim godhadhaa!!


Jalqabuuf Liinkii gadii kana bani! 👇👇👇

👉 t.me/seed_coin_bot/app?startapp=399162343