Hambisaa@Aroo @hamboofaroon1 Channel on Telegram

Hambisaa@Aroo

@hamboofaroon1


Karaa sarara channel kanaa:
*Jechoota gorsaaf oolan,
*Barreeffamoota bashannansiisoo,
*Jechoota onnachiisoo fi afoola.

Hambisaa@Aroo (Afan Oromo)

Hambisaa@Aroo kan maqaa tokkollee hunda mootummaa fi baay’ee siyaasaa Oromoo irratti akka argatu kan jedhu kanneen tokko. Akka gorsaafi, barreeffamaa fi jechoota onnachisuun beekama. Karaa sarara channel kanatti kan gorsaaf oolan, barreeffamoota bashannansiisoo kan itti fufu, jechoota onnachiisoo fi afoola irratti argame. Hambisaa@Aroo channel ykn sabboontoota meeqa kanneen akka jedhaman wan taati kan jedhu yoo ta’u, danda’ameerra. Kanaaf, gorsaafi fi barreeffamaa kan tajaajiluullee fi qabatee wal-gurgurataa, jechoota onnachiisoo kan jedhamee fi of hundaa’e kennuuf kan olitti fufu jedhe. Dargaggoota kun tajaajiluullee fi hojii qixxeessuu fi cimaa akka jedhamuuf jira kanneen fudhatee yoo ibin qajaayuun amanuuf kan laalaman.

Hambisaa@Aroo

27 Jan, 23:18


🔵 Garaan isaanii qulqulluu fi hammeenya waan hin beekneef dafanii mufatu,...👉 Itti fufaa dubbisaa!

          👇👇👇
   👉 See More  👈
   👉 See More  👈
           👆👆👆

❤️ Amaloota Shamarran Ogeettii,...➡️ See More 💬

Hambisaa@Aroo

27 Jan, 23:16


🔔 Channelee Barnootaa Gurguddoo gadi tuquudhaan join taasisaa! 💖
Click to join


👇👇👇
           ⇣
╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~

💓 Best channel collection
Click to join


    👇👇👇
            ⇣
▣ Click to join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣

💓 Wave 01 collection channels
Click to join


   👇👇👇
             ⇣
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█

✍️ Contact: @Getu_Abera

Hambisaa@Aroo

12 Jan, 15:51


👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 56ffaa👇👇👇

👉 Sammuun yaada gaarii hinburqisiisne abbicha galaafata. Waan yaadaniif, wanta dubbatan sirriitti ilaallachuun gaariidha.
* Kaayyoo manaa baateefi deemsa jalqabde dhiistee waan biraan gowwomfamtee karaa biraatti hingoriin.

👉 Waan sammuun kee yaadu uumaa kee biratti gaariifi qajeelaa, namoota duratti jaallatamaa ykn madaalawaafi siifimmoo karaa milkaa'inaafi guddinatti si geessu ta'uu irra deddeebi'ii mirkaneeffadhu.

👉Waan argiteefi dhageesse duukaa wacaa hinooliin. Waan si ilaallatuufi si fayyadu qofa irratti xiyyeeffadhuu hojjedhu.

👉Amala sinsinniifi gaggaragalaa hinqabaatiin. Ni tuffatamta.  Kanaaf, amala dhaabbataa ittiin beekamtu qabaadhu.

Dubbiin kun nama waa barsiisu qaba. Kanaaf, waliif qoodaa. Galatoomaa. 🙏🙏❤️
👉@HamboofAroon1

❤️Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati

Hambisaa@Aroo

07 Jan, 17:31


Hordoftoonni amantii kiristaanaa hunduu baga ayyaana yaadannoo dhalachuu Yesuus Kiristoosiin isin gahe. Ayaana Gaarii Isiniif Haa Ta'u.

Hambisaa@Aroo

02 Jan, 08:41


Channel photo updated

Hambisaa@Aroo

02 Jan, 01:15


D 400_300 gidduutti bu'ureffame. Waan baayyee nama raaju, Yuunivarsitii Harvard dabalatee, Dhaabbileen barnoota Addunyaa argannoo kana mirkaneessanii, raggaasisaniiru.
Namni keenya garuu isa warri adiin oftuulummaadhaaf;
'Gurraachi Addunyaa kanarratti homaa hin kalaqne. Bishaaniin harka dhiqatanii nyaachuullee dabalatee, waan kamuu nurraa qara'e' jettu faana dha'ee qillisiisee, morma dhiiteffatee 'Kalaandarii hin qabnu' jedhee morma.

Egaa Ayyaanota bara haaraa hangana yoo ilaalle; Lakkoofsi bara haaraa Oromoo kan nuun, 6419 jennu kun maalirra madde jennee yoo gaafanne deebiinsaa Hayyoota Argaa dhageettii bira jira.

Fknf Barreessaan Barruu 'Daaniyaa' bara 2006 Hayyoota dubbisee akka barreessetti, Gadaan Melbaa qofti marsaa 80 f Baallii fudhateera jedhama. Kana jechuun 80×8=640 ta'a. Gogeessonni hundumtuu, marsaa 80 Baallii erga fudhatanii, Gadaa Abbaa 5 fi Gadaa Ilmaa 5 walitti idaanee 10 yeroo ta'u, 10×640= 6400 ture jechuudha. Salphumatti Bara 2006 Dhahaan Oromoo 6400 ture,  har'a 2025 ammoo Dhahaan Oromoo 6419 ta'a jechuudha.
Asirratti wanti hubatamuu qabu; akka dhahaa Oromootti guyyaan waggaan haaraan jijjiiramu, kan faranjootaa bu'uureffata osoo hin taane, dursuus boodatti hafus mala. Tun Ayyaantoota qaroo, warra sirnicha keessa jiran, warra cagginoo edatanii,laguus lagatanii,Ayyaana edatanii faana ji'aafi urjiilee abuuraniin beekama. Isaantu murteessas.

Xumurarratti Dhimmi Dhahaa Oromoo kun waan qajeellootti qoratamuu qabu ta'us, Hayyoonni maaliif akka usan  mooji.
Keessattuu qorattoonni gurguddoon nuun qabnu osoo Ayyaantota faana dha'anii, burjaajjii gamanaan mul'atu jalaa dhaloota baraaranii dansa jechaa, namoota lakkoofsichi baayyee baayyate jedhanii ogguu ololaniif garuu dhaamsan qaba.
Lakkoofsichi hin baayyanne. Isintu Bara lakkoofsaa isa kan ormaa, isa xiqqaa sana lakkooftanii waan bartaniif, inni kun ijatti isin baayyate.

Inquxaaxashi fi 'Gregorean' ceera ormi nutti fe'e madaqnee, Birboo fi Conii tuffannee waan  ormeessineef malee, lakkoofsichi hin baayyannen jedha😎

"Gowwaan warra itti bade, warra se'a!" Kan jedhee mammaakemmoo Oromticha mitiiree?

"Abaarsi guddaan waan beettu wallaaliidha!" Jedhan mitiiree Dr Gammachuu Magarsaa?
Waaqni waan beeknu nu hin wallaalchisin jedheen, eebbaan barruukoo goolaba.

Baga Birboon baane!

Kitaabilee Wabii
1. Daaniyaa
2. Gadaa: Three Approaches to Study Of African Society : Asmaroom Laggasaa
3. Barroo Amantii Waaqeffannaa(Hundasaa Waaqwayyaa, Amaaree Baqqalaa, Dirribii Damusee Bokkuu)
4. Gada Melba: Baaroo Biyyansaa akka hiiketti
5. The Borana Calender and how it works : Think Africa
6. The Borana Calendar some Observation: C Ruggles 1987 Journal for History of Astronomy

Wabii Kabbadaa Barkeessaa
Birboo 6419
Adoola,Gujii,Oromiyaa

Hambisaa@Aroo

02 Jan, 01:15


Kabbee Fiqaaduu:
BIRBOO 6419

Tibba kana namoonni danuun dhimma Birboo, jijjiirraa waggaa haaraa Oromoorratti gaaffii kaasaa jiru. Dhimmichi, dhimma dhaloonni beekuu qabudha jedhee waanan yaadeef;
Hanguman hubadhe, waan xiqqoo tokko isiniif qoodeeraa, itti dhihaadhaa!

Akkuma beekamu Addunyaa kanarraa saboonni Dhahaa mataasaanii tolfatanii itti dhimma bahaa jiran, saboota afur hin caalan. Isaanis:-
1. Oromoo(Dhahaa)
2. Maayaa(tzolkin)
3. Hindii (Panchanga)fi
4. Chaayinoota(Yin:Pinyin gongli)
Addunyaan biraan, kanuma warra kanaa wal keessa laaqxee itti dhimma ba'aa asiin baate.

Egaa Dhahaan Oromoo, Biiftuu, Ji'aafi Urjiilee  irratti hundaa'uudhaan, Ayyaantuuwwaniin akka dhahamu, Asmaroom Laggasaa Kitaabasaa 'Gadaa: Three Approach to study African society'  jedhu keessatti qajeellootti ibseera.

Waan heedduu nama raaju, dhahaan Oromoon waggoota kuma heedduu duraa eegalee itti dhimma bahaa ture kun, qorannoo Astiroonoomii Ammayyaa, kan meeshaalee tekinooloojiitiin dabaalame waliin wal fakkaata. Urjiilee kanneen maqaa Oromoon ittiin waamuufi, maqaa qorattoonni Astiroonoomii ittiin waaman akkasitti tarraa'u.

1. Lamii...Triangulam
2. Busan...Pleiades
3. Bakkalcha...Aldebran
4. Algajima...Bellatrix
5. Arba Gadduu...Central Orion
6. Urjii Wallaa....Saiph
7. Bassa....Sirius

Egaa! Oromoon dhahaa kana beekumsa
Ayyaantuudhaan durfamee, itti dhimma ba'aa ture. Ayyaantonni Dhahaa kana beekan, Dhaha dhooftuu ogguu jedhaman, Urjiilee kanniin ilaaluudhaaf wantoota lagataniifii, Ayyaanota hedatan danuu qabu.

Dhahaan Oromoo kun Ayyaanota 28(ogguu tokko tokko 29-31 ta'a), fi Baatiiwwan 12 qaba. Maqaan Ayyaanotaafi Baatiiwwanii bakkaa bakkatti garaagarummaa xiqqoo qabaatus, jalqabbiin bara haaraa garuu baayyee wal fakkaataadha.
Gara dhimma keenya ijootti yoo dhufnu; tibbi kun Faranjoota biratti jijjiirraa bara haaraa waan ta'eef, dhimmi jijjiirraa bara haaraa Oromoos, dhimma ijoo namoota danuutti gaaffii ta'udha. Sababnisaas gaaffiin 'Ayyaanni Waggaa Haaraa Oromoo yoomi?' jedhu irra deddeebi'ee waan ka'uufi.
Mee #Birboo fi #Conii akka fakkeenyaatti fudhannee haa ilaallu.

1. Birboo

Ofii Birboon maali? Maaliif kabajama?

Jechi Birboo jedhu, Maqaa muka Birbirsaarraa akka dhufe qorattoonni seenaa ragaa ba'u. Ayyaanni kun Birbirsatti kan fakkeeffameef mukni kun jabaa ta'uusaarraati.
Guyyaa ayyaana Birboo barii barraaqaa osoo daaraa hin baafatin Birbirsa yookaan Ejersa kutanii bakka utubaa dhibaayyuutti hirkisan. Akkasumallee qarmammeetti irratti suuqan.

Birbirsi yookan Ejersi muranii bakka dhibaayyutti hirkisan kuni Birbirsa kormoomsaa jedhama.

Innis kan agarsiisu mallattoo jabinaa, nageenyaafi boruu egereen golee Walaabuu(Universe)utubaalewwaniin kaawomfamuudha.

Gaafa ayyaana kanaa qe'een ofii, dallaan looniifi galmoonni wiirtuu amantii hunduu Birbirsaan jifaaramu. Akkasiin miidhaganii bara haaratti  ce'an.

"Waaqaan jabaa taanee
Hamaa jalaa baanee
Gaariifi haaraa taanee
Baga Birboon baane" kan jedhamus kanumaaf natti fakkaata.
Egaa Birboo kana Oromoon, seensa ji'a Amajjiirra, erga midhaansaa guutuu alaa galfatee, korma qalee bilatee, dhibaafatee, manaafi galmasaa Birbirsaan jifaaratee Ayyaaneffata.
Birboon kun dur Oromoota Maccaa fi Tuulama biratti dhimma itti ba'amaa ture.

2. Jila Conii(Abraasa)
Jilli Conii kun Oromoo Booranaa biratti jila guddaadha. Yeroonsaas ji'uma Amajjii keessa yoo ta'u, yeroo kana wanti adda godhu; bona keessa biqiltuun tokko biqiluusheeti. Biqiltuun kun Abraasa jedhamti.
Akkuma biqiltuun kun mul'atteen jilli godhamee, manni haaraan ijaaramee, moonaan loonii jijjiiramee, inni qabu Korma qalee, inni hin qabnemmoo buna qalatee;
"Abraasi baatee
Baatu nu hin dhabin!" Jedhanii wal eebbisanii kabajatu. Jilli kun akka seensa waggaa haaraatti beekamas.

Qorattoonni akka Dr L.H Robins fi B.M Lynch bara 1977 Utubaalee dhagaa kan dhahaa danuudhaaf angafu,  'Namuratunga' arganii ajab jedhan. Bakki argama dhagaa dhahaa 'Namuratunga' jedhamu kanaa, quubsuma Oromoo Booranaa, toora Haroo Turkaanaadha. Umuriin utubaalee dhagaa dhahaa (pillars) kanneenii waggoota 2400 tti dhihaata. Dh. K.

Hambisaa@Aroo

01 Jan, 15:11


👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 55ffaa 👇👇👇

👉Jireenya keessatti wantoota sadi adda baastee beekuufi isa si fayyaduuf dadhabuun barbaachisaadha. Wantonni sadan kunis, waan gochuu jaallattu, waan gochaa jirtuufi waan keessi kee gochuu barbaadudha.

1. Waan gochuu jaallattu jechuun, utuu keessi kee hinbarbaadiin garuu yoo hojjetteefi gochoota raawwatte gammachuu wayii siif kennu, yeroos itti dabarsitu jechuudha. Gochaa kana keessaa bu'aan ati argattu waan xiqqoofi itti fufiinsa hinqabnedha. Fknf, namootaa wajjin yeroo dheeraa teessee haasa'uu, taphoota garaagaraa taphachuufi daawwachuu, rafiitii hedduummeessuu, hojiima tokko qofa kan bu'aa irraa hinarganne irradeddeebiin hojjechuufi kan birooti. Isaan akkasii adda baafattee irraa of jijjiiruun barbaachisaadha. Sababnisaa, yeroofi humna kee fixu malee jireenya kee hinjijjiirani waan ta'eef.

2. Waan gochaa jirtu jechuun immoo amma waan ati dalagaa jirtu dirqamteemoo, barbaaddeetimoo, ittiin jiraachuufimoo, mul'ata keeti laata? Waan ati gochaa jirtu mul'ata keeti taanaan jabaattee itti fufuudha. Kanaa achi garuu, dirqamteefi kan biroof hojjechaa jirta taanaan ofii keefis, lafa keessaa hojjettuufi bu'aa hinqabu. Kanaaf, hatattamaan jijjiiruu si barbaachisa. Kana gochuufis murteefi kutannoo qabaachuu si gaafata. Waan nama dhibummoo ni dandeessa. Akka dandeessu garuu beekuufi amanuu qabda.

3. Waan keessi kee gochuu barbaadu. Waan keessi kee gochuu barbaaduufi yaadu kaayyoofi mul'ata dhalatteef ta'uu danda'a.  Mul'annifi kaayyoon dhalatteef yeroo hedduu keessa kee deddeebi'ee akka ati hojjechuu qabdu sitti dubbata. Yoo jabaattee hojjetteef akka guddattu si amansiisa. Mul'ataafi kaayyoo kee qofa waan ta'eef isa keessi kee sitti dubbatu naannoo keerraafi namoota biroorra hindhageessu. Yoo itti himtee mariisistes deggarsaafi yaada jajjabinaa hinargattu. Akkasumas, danqaalee haalota dhuunfaa keefi kan biroo garaagaraan marfamoodha. Kanaaf, jabina, tattaaffiifi yaalii mataa keetii qofaan mul'anni keessa kee deddeebi'u bahee milkaa'uu danda'a. Gochaan akkasii kun jalqabatti aarsaa si kaffalchiisuu danda'a. Cimtee yoo fiixaan baafte garuu deebisee dachaa guddaan si kiisa. Tarree namoota milkaa'aniis si kaa'a.
Kanaaf, ati namni hasbarruu kana dubbisaa jirtu qabxiilee gochaa sadan kana keessaa isa kam irra jirta? Isa kamtummoo fuulduree jireenya keef murteessaadha? Akkasumas, jireenya qannoofi qananii, kan milkaa'inaa si jiraachisuu danda'a? Irra deddeebitee itti yaaduu si barbaachisa. Guddachuun keefi milkaa'uun kee si dabalatee namoota baay'eefi biyyaaf bu'aadha. Ta'uu baannaan garuu ofiifis, namoota baay'eefi biyyaafis ba'aadha. Kanaafuu, guddachuu qabda.

Waan dubbistaniif galatoomaa.  Yoo irraa barattan hiriyyoota keessaniif qoodaa. Fuulbarruu kana hordofuu(follow) hindagatiinaa.
Sarara telegram channel koo asii gadiinis seenaatii na hordofaa.👇
👉@HamboofAroon1

Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati.

Hambisaa@Aroo

27 Dec, 08:26


👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 54ffaa 👇👇👇

👉 Milkaa'uuf cimanii hojjechuun birqaba miti dirqama malee.

👉Isa ta'uuf dhalatte ta'uu yoo baatte nama biroo taatee darbuuf dirqamta. Ofii kee dhiistee nama biroo taatee darbuun immoo siifis, Waaqa si uumeefis kisaaraadha. Inumaa, of taatee isa dhalatteef jiraachuu yoo baatte nama biraas ta'uu hindandeessu. Akkeessuufi fakkeessuu malee. Kanaaf, giddu gidduutti hafta. (Eebbisaa Baayisaa, 2023)

👉Of ta'uu moo of dhabuu filatta? Yoo of taate kaayyoo keef jiraatta. Addunyaa kana irra hamma jiraattutti of ta'uu caalaa wanti baay'ee nama barbaachisu hinjiru. Yemmus maallaqa, hiriyaa dhabuu dandeessa. Sun garuu humaa miti. Wantoota hunda sirreeffattee, hojjettee argachuu dandeessa. Of hintaatu taanaan garuu, of dhabde. Of dhabuun immoo kaayyoo dhalatteef gattee kaayyoo biraaf jiraattee darbuudha. Kana gootee maallaqas, hiriyaas yoo argatte bu'aa miti kisaaraadha malee. (Eebbisaa Baayisaa, 2023)

👉Gatiin kee akkuma ati gootedha. Yoo of rakasiisifte abbuma barbaadetu akka barbaadeefi bakka barbaadetti si argata jechuudha. Wanti rakkasimmoo ulfinaafi kabaja hinqabu. Yoo gatii kee mi'eessite garuu, bakka barbaadamteefi ofii keetii itti amante qofatti argamta. Argamuun kees dhimma guddaa hojjeta. Yemmus argamuufi dhabamuu kee gidduu garaagarummaan ni mul'ata. Bakka argamtutti jijjiiramaafi bu'aa buusuutu jira. Bakka ati hinjirretti daddaaqamuu, garadhabuufi kisaaruutu mul'ata jechuudha. Yemmus gatiin kee baay'ee mi'aafi nama barbaadamu taata jechuudha. Kanaaf, ati maaliree? Ofuma gaafadhu, ofiif deebisi.

Dubbiin kun dubbistee yoo si fayyade yaada kee naaf barreessi, hiriyyoota keefis qoodi. Waan dubbistaniif galatoomaa. 🙏🙏🙏

Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati!

Hambisaa@Aroo

14 Dec, 18:57


👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 53ffaa👇👇👇🙏

👉Baakkuufi waakkuun yoomuu horii hintaaatu. Kanaaf, jirèenya siif kennameef hinwaakkatiin, warraaqii hojjèdhu màlee.

👉Guyyaà hunda ùtuu jireenyi tola si xallisuu, muka mixiitti si hiitee si rèebaa oòltuu atimmoo tola oduu funaantee ĝabaasaa hinooliin. Utuu Gaazexeessitoonnì ogummaàsaa qabàniifi ĥojii ìsaaniin gabaàsaa oolaa jiranii, ķan callisee oduu gabaasaa oolutu baay'ate miilana. Atì qaalii gatiin kee ĥintilmaamamne waan taateef waan rakasatti yeroo keè gubdee òf ĥinràkasiisiin.

👉Utuu hanga ofiikeetii geessu hinbeekiin hanga namni biraa gahu tilmaamuufi madaaluuf hinariifàtiin. Namni biraa akka isa baasutti jiraachaa jira waan ta'eef sì hinilaallatu. Waa'ee nama biraa dhiisii ofii keerratti xiyyeeffadhu.

👉 Utuu nàma biraa hinkabàjiin, kàbamuu ĥineeĝgatiin. Waanuma ati ñamàaf gootetu siifis godhama waan ta'eef.

👉Jireenya gaariifi mijataa jìraachuu barbaaddu, ofiikeetii itti dadhabdee cabsitee itti  baata malee, kan dhufeè manàa si waamee cabsee itti si galchu hin jiru. Kanaaf, jireenya gaariifi mijataa bor jiraachuu barbaadduùf har'a dadhabii hojjedhu. Jireenya keessatti kan siif màlùufi si baasu simalee namni siif beekuufi sii filu hinjiru.

Yoo isinitti toleefi irraa barattan yaada naaf barreessaa. Hiriyyoota keessaniifis qoodaa. Galatoomaa.

@HamboofAroon1

💪❤️Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati.

Hambisaa@Aroo

11 Dec, 04:41


👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 52ffaa 👇👇👇

👉Sammuu ofiin hogganamanii hojjechuufi namaan hogganamanii hojjechuun bu'aa argamu irratti garaagarummaa guddaa qaba. Gammachuun isaas gargari. Kanaaf, sammuu keetti fayyadamii hojjedhu.

👉Nama mul'ata taatee fagoo gahuu yoo barbaadde namoota mul'ata hinqabne naannoo kee guutanii jiran irraa adda bahi. Yoo akkas goote yeroo keetti fayyadamtee mul'ata keef jiraatta.

👉 Jireenya namootaa keessa akka argite hinseeniin. Jireenya kee keessas nama hingalchiin. Fuulleffannaan kee waca naannoo kee osoo hintaane  hojii kee qofarratti ta'uu qaba.

Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati.

Hambisaa@Aroo

07 Dec, 17:07


Waa'ee Afoolaa baradhaa.

Hambisaa@Aroo

03 Dec, 16:23


Invite your friends to join your Pulse group, 150 $PULSE earning for each of registered user and up to 15000 $PULSE rewards per day!!
https://pulse.social/pulse/invite-friends-invitation-code/?referralCode=I4VN48

Hambisaa@Aroo

14 Nov, 22:22


👉💜 Jaalalli dhoksaan Shamarran irraa calaqqisuu danda'u karaalee shanan (5)..➡️ See More

💎 See More
See More

👆👇💘

❤️ Jaalalli dhoksaa fiixan ba'uunsa parsantii,..➡️ See More

Hambisaa@Aroo

14 Nov, 22:20


🚁1. Click here to join - Motivational channels and educational channels
👇
🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩
🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩
🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩

🚁 2. 𝗖𝗹𝗶𝗰𝗸 𝗵𝗲𝗿𝗲 Also reading materials and pychologicals channels👇

    🟣 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗨𝘀 👁
    🟣 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗨𝘀 🟣
    🟣 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗨𝘀 🟣

Free Promotion: @Getu_Abera

Hambisaa@Aroo

12 Nov, 19:56


Jaalallee yookiin haadha manaa baay'ee jaallattu waliin umurii dheeraa turuu yoo barbaadde wantoota 5n kana gochuu hin dagatin,... See More

🎺 See More
See More

💘Maaliif barbaachise,... Itti fufuun dubbisi!

Hambisaa@Aroo

12 Nov, 19:52


🚁1. Click here to join - Motivational channels and educational channels
👇
🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩
🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩
🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩

🚁 2. 𝗖𝗹𝗶𝗰𝗸 𝗵𝗲𝗿𝗲 Also reading materials and pychologicals channels👇

    🟣 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗨𝘀 👁
    🟣 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗨𝘀 🟣
    🟣 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗨𝘀 🟣

Free Promotion: @Getu_Abera

Hambisaa@Aroo

12 Nov, 11:41


🌸 Sababiilee hin yaadamne gurguddoo 5 kan shamarran dhoksaatti dhiirotarraa eegan... ↪️ See More

             👇👇👇
         banaa
         . banaa
               👆👆👆👆

🤦‍♀️ Maaliif??,... See More
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯

Hambisaa@Aroo

12 Nov, 11:36


🚁1. Click here to join
👇
🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩
🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩
🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩

🚁 2. 𝗖𝗹𝗶𝗰𝗸 𝗵𝗲𝗿𝗲 Also 👇

    🟣 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗨𝘀 👁
    🟣 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗨𝘀 🟣
    🟣 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗨𝘀 🟣

Free Promotion: @Getu_Abera

Hambisaa@Aroo

10 Nov, 20:48


🌸 Sababiilee hin yaadamne gurguddoo 5 kan shamarran dhoksaatti dhiirotarraa eegan... ↪️ See More

             👇👇👇
         banaa
         . banaa
               👆👆👆👆

🤦‍♀️ Maaliif??,... See More
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯

Hambisaa@Aroo

10 Nov, 20:46


🚁1. Click here to join
👇
🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩
🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩
🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩🟩

🚁 2. 𝗖𝗹𝗶𝗰𝗸 𝗵𝗲𝗿𝗲 Also 👇

    🟣 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗨𝘀 👁
    🟣 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗨𝘀 🟣
    🟣 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗨𝘀 🟣

Free Promotion: @Getu_Abera

Hambisaa@Aroo

07 Nov, 17:36


https://www.binance.info/activity/referral-entry/CPA/together-v4?hl=en&ref=CPA_005L11BL0L

Hambisaa@Aroo

05 Nov, 03:30


❤️ "Yeroo tokko tokko jalqaba gammachuu keetii ADDA baafachuu dhiisuun si miidha. Hiika jireenyaaf kennitu Kan murteessu wantoota 10 dubbisi!... See More

👆👇👇👌💘

 👉 See More
   See More

📌 "Hiriyaa gaarii qabaachuun wanta qarshiin bituu hin dandeenyedha."... See More

Hambisaa@Aroo

05 Nov, 03:06


🥰

➡️ Channel jaalatamoo ergaalee ajaaibsiisoo fi barsiisoo ta'an qabu kana irratti gadi tuquudhaan JOIN taasisaa! ➡️ JOIN 📌

1️⃣ 💡💡💡💡💡💡💡

     🚘 JOIN
    JOIN

2️⃣ 💡💡💡💡💡💡💡

    🚩 MORE JOIN  🚩
   🚩 MORE JOIN 🚩


3️⃣💡💡💡💡💡💡💡
    🍰MORE JOIN  🕯
   🍰 MORE JOIN 🕯


𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
ᥲძძ ᥡ᥆ᥙr ᥴһᥲᥒᥒᥱᥣ

📌 Channel keessan tolaan nu waliin beeksifadhaa

Hambisaa@Aroo

03 Nov, 20:42


😀Yaadota Ciminaa fi haalota gaarii ta'aniin guutamuuf haalduree barbaachisoo kanneen beektuu laata?...➡️ See More

🎲 See More
See More

📢 Yaadota si onnachiisan, yaadota soorata Sammuu keetiif si'aatina kennan,...▶️ See More

Hambisaa@Aroo

03 Nov, 20:20


🥰

➡️ Channel jaalatamoo ergaalee ajaaibsiisoo fi barsiisoo ta'an qabu kana irratti gadi tuquudhaan JOIN taasisaa! ➡️ JOIN 📌

1️⃣ 💡💡💡💡💡💡💡

     🚘 JOIN
    JOIN

2️⃣ 💡💡💡💡💡💡💡

    🚩 MORE JOIN  🚩
   🚩 MORE JOIN 🚩


3️⃣💡💡💡💡💡💡💡
    🍰MORE JOIN  🕯
   🍰 MORE JOIN 🕯


𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
ᥲძძ ᥡ᥆ᥙr ᥴһᥲᥒᥒᥱᥣ

📌 Channel keessan tolaan nu waliin beeksifadhaa

Hambisaa@Aroo

02 Nov, 18:20


👉Gidduutti mammaaksa kanaan baradhaa mee.👇👇👇

👉Bifa Waaqatu namaaf kenna deemsa abbaatu tolfata jedhe jaldeessi.

👉Akka ebeluuttin sirbaan morma nama dabsa jedhama

👉Qaalluun kan ishee hinbeektu kan namaa faraddi

👉Billaachi ofiifuu hinqabdu dhagaatti offisti jedhama .

Hambisaa@Aroo

02 Nov, 17:02


Namoonni hojii gaarii hojjechuu barbaaddan liinkii kanaan galmaa'aan hojjedha.

Hambisaa@Aroo

02 Nov, 17:01


https://e-ett000.com/?a=x&c=57988035

Hambisaa@Aroo

31 Oct, 07:21


👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 51ffaa 👇👇👇

👉Waan hinjaallanneefi sinmadaalle bira dhaabbattee suufaa hinooliin. Waan ati wajjin ooltee bultuufi bira naannoftu immoo si dhaaluun isaa hinoolu. Waan si fayyaduuf garuu iddoo kenniifii wajjin turi. Hangasuma bu'aa argatta.

👉Humni si guddisu fagoodhaa hindhufu. Suma keessa waan jiruuf humnaaf beekumsa qabdu hunda baasii itti fayyadami. Humnaafi beekumsa qabdu utuu itti hinfayyadamiin duutee rirma hinnyaachisiin.

👉Ani yeroo baay'ee namaafan jiraadha, ofiikoof jiraadhee hinbeeku hinjedhiin. Jecha jiraatamuufu miti jedhamuufuu hinmalledha. Sababnisaa, utuu ofiif hinta'iin namaaf ta'uun waan hinfakkaanneefi bu'aa itti fufaa ta'es hinqabnedha.

👉Yeroo hundumaafi bakka hundatti jireenya fakkeessaafi akkeessaa hinjiraatiin. Dhugaa keessa kee jiru jiraadhu. Yoo akkas ta'e, jireenya jiraattuufi waan gootu hundaan ofii kees namas fayyadda. Namoota baay'eefis fakkeenya taata.

Waan Dubbistaniif Galatoomaa. Hiriyyoota keessaniif qoodaa.

👉Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati.
Sarara armaan gadiin na argachuu dandeessu.

@HamboofAroon1
@Hamboon1ffaadha

Hambisaa@Aroo

27 Oct, 10:20


Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 50ffaa

*Seera guutuufi seenaa ta'uuf osoo hintaane waanuma sirraa eegamu hojjedhu, waan sirraa eegamu ati hojjettee darbitutu seenaa ta'a.

*Bu'uurri guddinaa jijjiirama ilaalchaafi aarsaa guddinaaf kaffalamu qabu kaffaluudha. Isaan kanneeniif qophii miti taanaan guddinni hinjiru.

*Deemsa karaa dheeraaf xurree balbalarraa kaaturraa jalqabuun dirqama.

*Kabaji namaa hojiisaati. Waan hinhojjenneen kabaja hineeggatiin. Akkuma hojii keetti kabajamta.

Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati.

Join us
@HamboofAroon1

Hambisaa@Aroo

23 Oct, 22:37


💔⚡️Yeroo kana dhaloota miidhaa kan jiru qofummaadha. Qofummaa kara lamaan hiikuu dandeenya. ➡️See More👆👇👆👆💘🥹🥰

➡️ See More
 .    See More

Hambisaa@Aroo

23 Oct, 22:31


🥰

➡️ Channel jaalatamoo ergaalee ajaaibsiisoo fi barsiisoo ta'an qabu kana irratti gadi tuquudhaan JOIN taasisaa! ➡️ JOIN 📌

1️⃣ 💡💡💡💡💡💡💡

     🚘 JOIN
    JOIN

2️⃣ 💡💡💡💡💡💡💡

    🚩 MORE JOIN  🚩
   🚩 MORE JOIN 🚩


3️⃣💡💡💡💡💡💡💡
    🍰MORE JOIN  🕯
   🍰 MORE JOIN 🕯


𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
ᥲძძ ᥡ᥆ᥙr ᥴһᥲᥒᥒᥱᥣ

📌 Channel keessan tolaan nu waliin beeksifadhaa

Hambisaa@Aroo

21 Oct, 19:43


👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 49ffaa 👇👇👇🙏

👉Namoonni naannoo keetii hundi si wajjin jiraataniif waa'ee kee hinbeekani. Sababa waa'ee kee sirriitti hin beekneef hamma beekaniifi danda'an sitti dubbatu. Ati garuu yeroo kamittiyyuu mul'ata mataa keef waan jiraattuuf kan siin jedhamu dhiisii ofii kee qofarratti xiyyeeffadhuu galma mataa keetti arreedi.

👉Gaaffii gaafatamtu hunda dubbiin deebisuuf hinrakkatiin. Hanguma baay'ee dubbattu dogoggoruu dandeessa, yeroof humna kees fixxa. Kanaa mannaa gochaan agarsiisi.

👉Akka har'a taateefi irra geessee jirtu kanaaf maatii kee dabalatee nama baay'eetu keessaa shoora qaba. Akka gara fuulduraatti taatuufi irra gahuu barbaadduuf garuu, siif Waaqa keetu of harkaa qaba. Waaqa kee abdattee amanattee guddachuuf yoo cimtee hojjetteefi tattaafatte ni guddatta. Bakka yaaddes inuma geessa. Faallaasaa yoo dhiboofteefi hinhojjenne garuu jireenya har'a jiraachaa jirtu irratti waa dabalatta osoo hintaane isheema har'a qabdu kanayyuu dhabdee kan kanaa gadii taata. Achumaan utuu siin darbiin siin darbiti. Sosocho'i! sosocha'aa rirmi hinnyaatu jedhama.

Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati.

@HamboofAroon1

Hambisaa@Aroo

06 Oct, 12:33


👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 48ffaa 👇👇👇

👉Wal'aansoo nama biraa caalaa wal'aansoo keessa keetii moo'achuu irratti xiyyeeffadhu. Guddinniifi milkaa'inni kan dhufu wal'aansoo jireenya dhuunfaa ofii moo'achuu irraa dhufa malee, wal'aansoo ati namootaa wajjin taasiftu irraa miti. Inni inumaa si xiqqeessaa deema malee sin guddisu.

👉Yeroo hundumaa jireenya fayyaalessa, garaa qulqullummaafi jaalala namaaf qabuun guutamii jiraadhu gammachuufi nagaan ati qabdu dabalaa bula. Waan sirraa eegamu kana yoo goote namni biraa akkas ta'us ta'uu baatus sin dhibiin. Waanuma hojjettutu siif deebi'a. Jireenyi immoo kan abbaati.

👉Sammuu qulqulluu Waaqni siif kenne kanaan waan gaarii yaaduufi ittiin hojjechuutti dabarsi malee waan hamaa ittiin yaaduufi hojjechuutiin hinxureessiin. Gaaftokko itti gaafatamta.

👉Jireenya jiraattu keessatti namoonni baay'een si baruutti gammadoo, si arguutti gammadoo, si arguufi si wajjin walarguun sirraa yaada qooddachuuf kan barbaadan ta'i malee, kan namni baay'een irraa baqatan, baruuttii gaddaniifi baruus hinbarbaanne, arguuf barbaaduu caalaa baqachuu filatan hinta'iin. Yoo akkas taate ati bu'aadha malee ba'aa miti.

👉Hamma lafa kanarra jiraattutti cabsuurra fayyisuu, balfuurra jajjabeessuu, hadheessuurra miyeessuu, diiguurra ijaaruu, jibbuurra jaal'achuu, qoqqooduurra tokkummeessuu, qaawwaafi madaa namaa horfitee bal'isuurra dhoksiteefii fayyisuuf dhama'uu, gadi yaaduurra olyaaduu, xiqqoo yaaduurra guddisanii yaaduu, dhiyeessuurra fageessanii ilaaluufi yaaduu, hammeessuurra qabbaneessuu irratti hojjedhu. Yoo akkas taate nama keessaa nama namummaa gaarii qabu kan namaafi Waaqa gammachiisu taata.

Yoo si fayyade malee sin miidhu waan ta'eef dubbisaa, hiriyyoota keessaniifis qoodaa. Galatoomaa. 🙏🙏

Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati.

👉@HamboofAroon1

Hambisaa@Aroo

06 Oct, 10:25


KUTAA 101
✍️✍️✍️✍️✍️🌹🌹🌹🌹🌹✍️✍️✍️✍️✍️
#Bara_gaarii_eegaa_jiraachuu_irra_bara_qabdutti_akka ta'uutti_jiraachuu_filadhu.

✍️Namoonni baayyeen baraa fi yeroo gaarii osoo eeganii har'a isaanii of jalaa balleessanii jiru.
✍️Kennaa guddaa Waaqayyo dhala namaaf kenne immoo kaleessa keenya otoo hin taane har'a keenyadha.
✍️Yeroon ati qabdu qabeenya kee isa guddaadha.
✍️Namoonni baayyee humna qabu, beekumsa qabu, ogummaa qabu, haala mijataa qabu garuu kanuma keessa waas namaaf hin kennan, nama irraas waa hin buufatan.
✍️Umurii keenya qaalii itti waa hojjechuuf nuuf kenname marree irra teenyee,yeroo mijataa eeguun salphina guddaadha.
✍️Bara eegaa jiraachuun umurii dheeraa jiraachuuf nu fayyada malee waa hojjechuuf nun fayyadu.
✍️Maaltu gaariidharee yoo nan jette, waan si harka jiru facaasuu fi yeroo qabdutti fayyadamuutu gaariidha.

✍️Bara gaarii eegna yoo ta'e, barri gaariin bara itti Yesuusiin jireenya keenyatti fudhanneedha, malee barri gaarii kana caalaatti nuuf dhufu hin jiru.
✍️Jireenya yoo ta'e immoo addunyaan guyyaadha gara guyyaatti jijjiiramaa bulti malee salphachaa hin jirtu.
🥰Kanaafuu nuti maal gochuu qabnaree?
Bara gaarii, yeroo gaarii,maallaqa gaarii, beekamtii bareedaa eeguu dhiifnee, wantoota mul'ataa fi abjuu keenya cabsuu barbaadan bira darbinee jireenya hiika qabu jiraachuudhaaf of murteessuu qabna.
✍️“Inni sanyii facaafamuu baatee boo'aa adeemu, bissii isaa baadhatee, sagalee gammachuu dhageessisaa deebi'ee in gala.”

🥰“Namni yeroo hundumaa qilleensa gaarii eeggatu sanyii facaasuu hin danda'u; namni yeroo hundumaa gara duumessaa ilaalus midhaan isaa makarachuu hin danda'u.”
— Lal. 11:4
✍️Dubbiin Waaqayyoo qilleensa gaarii eegaa akka yeroo keenya hin balleessine bareechee nutti hima.

👉“Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beekneef, sanyii midhaanii kee ganamaan facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin! Inni kun yookiis inni sun yookiis immoo lachanuu in tolu ta'a.”
— Lal. 11:6
Bara gaarii eegaa yeroo keenya qabeenya guddaa Waaqayyo nutti kenne balleessinee boru dhalootaaf otoo waa lafa hin keenye akka umurii kee hin balleessineef waadaa ofiif seeni.
✍️Dammaqaa ta'uun furmaata jireenyaati🥰
Obboleessa keessan :Sisay Yadessa 👇
Dubbisuun obboloota keessaniif #share godhaa.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk

Hambisaa@Aroo

02 Oct, 09:21


👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 47ffaa 👇👇👇

👉Waan Hundi sin ilaallatu.
Eeyyeeni waan hundi sin ilaallatu. Siin kan si ilaallatuufi siinis kan milkaa'uu danda'u MUL'ATA kee qofa. Uumama akka taate dagattee akka uumaatti waan hundi na ilaallata, na malee waan ta'u hinjiru hinjedhiin. Waan hundi kan isa ilaallatu Uumaa ykn Waaqayyoon qofadha. Atimmoo namadha. Nama taatee humna namummaa keetii isa daangaa qabuun hanguma waan hunda keessa lixxee bahaa ooltuun humnaafi qabeenya qabdu hunda fixxa. Kanaaf, humnaafi qabeenya kee waanuma si ilaallatu qofarratti baasi. Kana gochuufis, sammuu namaatiin hinyaadiin. Sammuu Waaqni siif kenneen ofta'ii, of danda'ii yaadi. Yeroo oftaatee yaadduufi hojjettu waan ati hojjettu siif salphata. Gammadaas hojjetta.

👉Albuuda guddaafi gati jabeessa of biraa qabdu dhiistee sibiila ligidaa'aa fagoodhaa hinbarbaadiin. Sammuu kee, dandeetiifi kennaa kee, carraafi namoota ciccimoo of biraa qabdu dhiistee kan sin fayyanne fagoodhaa hinbarbaadiin. Waan qabduufi argattetti fayyadamuu bari.

👉Dawaan dhamdhama xiqqoo bareedaa qabu kan daa'imaa qofa. Inniyyuu muraasa. Dawaan ga'eessaaf kennamu dhamdhama hadhaawu qaba. Utuu hadhaa'uu yoo liqimsan malee dhibee ofiittii hinfayyani. Kanaaf, dubbii si ilaallattu utu hadhaa'uu dubbisii ittiin of ilaali. Si gargaara malee sin miidhu.
Waan dubbistaniif galatoomaa.

💪Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati.
@HamboofAroon1

Hambisaa@Aroo

24 Sep, 19:27


Megers Desta

✔️Lecturer
@Dilla University
✔️Business Owner
✔️Breakthrough Trading share Holder

Hambisaa@Aroo

24 Sep, 19:27


Yimegnushal Techale

✔️Trainer and Business owner
✔️9 Years experience in personal development and Networking Industry.

✔️Share Holder in Breakthrough Trading S.C

Hambisaa@Aroo

23 Sep, 05:45


👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 46ffaa 👇👇

👉 Namatti dhiyaattee wajjin jiraattus namoota jireenya kee keessa akka feeteen seenan irraa fagaadhu. Jireenyi kee kanuma keeti waan ta'eef harka abbaa fedhee jireenya kee keessa hingalchiin.

👉Namummaa qabda yoo ta'e icciitii kees kan namaas eegi. Yoo ta’uu baate garuu, waan teessee keesse dhaabbattee fuudhuu dadhabda waan ta'eef.

👉Nama hundumaaf ilaalcha gaarii qabaadhu. Nama milkaa'aa fi jireenya nagaa qabu jiraatta.

👉 Nama seenaasaafi waan keessa darbe dagatu hinta'iin. Borii keefis karooraafi hawwii gaarii qabaadhu. Yos cimtee deemuu dandeessa.

👉Addunyaan keessa jirru kun, nama rakkina uumuufi balaa geessisu hindhabne, nama rakkina furuufi balaa ittisu hongaate.


Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati.👇👇👇
👉@HamboofAroon1

Hambisaa@Aroo

19 Sep, 19:31


Namni jijjiirama barbaaddu qofti dhaggeeffadhuu duubdeebii naaf kenni.

Hambisaa@Aroo

19 Sep, 06:35


Sagantaan sakatta'iinsa fayyaa barattoota Akkaadaamii Michuu har'a ganama haala adda ta'een jalqabee jira. Maatiin sagantaa isaaniitiin fayyaa daa'imman isaanii ilaalchisaa jiru.

Hambisaa@Aroo

17 Sep, 06:41


Turtii Ji'a Muraasaa Booda 👇👇

👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 45ffaa

* Rakkinakee caalaa guddina keetu nama aarsa. Yoo cimaa taate atimmoo ittuu guddachaa deemta. Kanaaf, cimaa namaa ta'i.
*Sammuun bilchina hinqabne namaan taphata. Bilchinni sammuu umriin hindhufu. Irratti hojjetanii malee. Kanaaf, nama sammuun bilchaataa ta'i.
* Ati nama cimaa yoo taate dubbattee of ibsuu osoo hintaane hojiin kee si haa ibsu.
*Yeroo hundumaa dubbii keef gochaa kee walfakkeessi. Yoo walfaallesse salphina waan ta'eef.
*Waan hin dandeenye akka nama danda'uutti, waan hinbeekne akka nama beekuutti yaaduufi dubbachuurra, beekuuf danda'uuf dhama'uu wayya.

Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati.