Kiyyaa Media @kiyyamediaofficial Channel on Telegram

Kiyyaa Media

@kiyyamediaofficial


Kiyyaa Media (English)

Kiyyaa Media is a dynamic and engaging Telegram channel that focuses on providing the latest news and updates on the entertainment industry. With a team of passionate and knowledgeable individuals, Kiyyaa Media offers a diverse range of content, including exclusive interviews, behind-the-scenes footage, and reviews of the latest movies, TV shows, and music. Whether you're a pop culture enthusiast or simply looking for some entertainment news, Kiyyaa Media has got you covered

Who is Kiyyaa Media? Kiyyaa Media is a one-stop destination for all things entertainment. From breaking news to exclusive interviews with your favorite celebrities, Kiyyaa Media is dedicated to keeping you informed and entertained. With a strong focus on quality content and engaging storytelling, Kiyyaa Media stands out as a reliable source of entertainment news

What is Kiyyaa Media? Kiyyaa Media is a Telegram channel that provides real-time updates on the entertainment industry. Whether you're interested in the latest box office numbers, celebrity gossip, or upcoming movie releases, Kiyyaa Media has it all. With a team of experienced journalists and entertainment experts, Kiyyaa Media delivers accurate and up-to-date information that you can trust

Join @kiyyamediaofficial today to stay up-to-date on all things entertainment and take your love for pop culture to the next level!

Kiyyaa Media

07 Sep, 06:08


#MoE

Bu'aan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Wiixata ni ifooma.

Bu’aan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Wiixata Qaam'ee 4 bara 2016 akka ifoomu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Qormaanni biyyoolessaa bara kanaa walmakaan waraqaa fi toora interneetii irratti kennamuu isaa ni yaadatama.

Kiyyaa Media

16 Jul, 06:06


🚨 4-3-3 Pay dorgommii marsaa 2ffaa jalqabeeraa

Warra 1ffaa hanga 5ffaatti ba'aniif - Birrii 2,000
Warra 6ffaa hanga 10ffaatiif - Birrii 1500
Warra 11ffaa hanga 20ffaa bahaniif - Birrii 1,000
Warra 21 hanga 40tti ba'aniif - Birrii 750
40ffaa hanga 50ffaatti - Birrii 500

Dorgommiin kun yeroo amma eegale kamisa galgala sa'aatii 12:00 irratti xumurama!!

Hundi keessaniif caarraa gaarii 🙌

Jalqabuuf 👇👇

https://t.me/Habesha_433_cashbot?start=r0504139666

Kiyyaa Media

14 Jul, 03:41


𝗗oonaa𝗹𝗱 𝗧𝗶𝗿𝗮𝗮𝗺𝗽𝗶 irratti y𝗮𝗮𝗹𝗶𝗶𝗻 a𝗷𝗷𝗲𝗲𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝗮𝗺e

Pireezidaantiin duraanii Doonaald Tiraampi duula na filadhaa kutaa Peenisilveeniyaa , Kaawuntii  Baatileer keessaatti waltajjiirraa haasaa osoo gaggeessaa jiranu itti dhukaafameetu jedhama.

Sadaasa keessa Paartii Rippabilikaan bakka bu’uun pirezidaantummaaf kan dorgoman Donaald Tiraamp madaa’anii gara hospitaalaatti geeffamuu isaa gabaafameera.

Gareen duula filannoo gama isaatin, Tiraamp miidhaan salphaan irra gahuu fi amma nagaa ta'uu beeksiseera.

Pirezidaanti Joo Baayiden yaalii ajjeechaa pirezdaantii duraanii Doonaald Tiraamp irratti raawwatame jedhamee shakkame ''namni hundi balaaleffachuu qaba'' jechuun, morkataa isaanii bara 2024 kana dubbisuuf akka karoorfatan ibsan.

Kiyyaa Media

10 Jul, 07:09


#Qormaata_Biyyoolessaa

Qormaanni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa har'a kennamu eegaleera.

Qormaanni kun Adoolessa 3-11/2016tti marsaa lamaan akka kennamu ni beekama.

Qormaanni marsaa jalqabaa barattoota saayinsii hawaasaaf Adoolessa 3-5/2016 ni kennama. Qormaanni Afaan Ingiliffaa fi Herregaa sagantaa qormaata guyyaa har'aatiin ni kennama.

Bara kana barattoonni 700,000 qormaata kutaa 12ffaa toora interneetii fi waraqaa irratti ni fudhatu jedhamee eegama.

Kiyyaa Media

27 Jun, 18:44


WON TON Jedhama.

Namoota muraasa Invite Gochuun Dollara 8 yookin Tooni 1 argachuu ni dandeettu.

Liinkii kanaan jalqabu ni dandeettu👇
https://t.me/wontonairdrop_bot?start=5968668378

Kiyyaa Media

11 May, 16:44


#KUTAA_12FFAA

Sagantaa guyyaa
qormaata kutaa 12ffaa Kan bara 2016 fudhatan:-

➭ Qoramtoonni saayinsii hawaasaa

Roobii (03/11/2016)
      Ganama :- Afaan Ingiliffaa
      Guyyaa  :- Herregaa

Kamisa:- (04/11/2016)
      Ganama :- Aptituudii
      Guyyaa  :- Ji'oograafii

Jimaata:- (05/11/2016)
      Ganama :- History
      Guyyaa  :- Economics 

➭ Qoramtoonni saayinsii uumamaa Adoolessa 9-11/2016 fudhatu.

Kibxata:- (09/11/2016)
      Ganama :- Afaan Ingiliffaa
      Guyyaa  :- Maths

Roobii (10/11/2016)
      Ganama :- Aptituudii

      Guyyaa  :- Physics

Kamisa:- (11/11/2016)
      Ganama :- Chemistry
      Guyyaa  :- Biology

➭Qoramaanni Bara 2016 magaalota filatamoo ta'an keessatti barattoonni filataman toora interneetii kan fudhatan yoo ta'u, barattoonni kan hafan Yunivarsitiiwwan keessatti waraqaan ni fudhatu jedhameera.

➭ Magaalota filatamoo 25 qormaanni kutaa 12ffaa toora interneetiin itti kennamu fuulduratti ifa ni ta'a.

  Share Gochuu Hin Dagatinaa!!
 

Kiyyaa Media

04 May, 07:29


#DV2025

Injifattoonni Viizaa Diversity 2025 har'a ni ifooma.

Iyyattoonni iyyata DV (Diversity Visa) 2025 bu’aa isaanii ykn mo’achuu fi dhiisuu isaanii lakkoofsa mirkaneessaa isaanii dvprogram.state.gov/ESC/ qofa irratti galchuun ilaaluu ni danda’u.

NB. Lakkoofsi mirkaneessaa yeroo iyyanni guutamu kan kennameedha. Lakkoofsi kun kan jala bade Forgot Confirmation number jechuun odeeffannoo barbaachisu guutuun lakkoofsa Mirkaneessaa haaraa karaa email argachuu ni danda'a.

Bu'aan Dv galgala sa'aatii 1:00tti kan ifoomu ta'a.

Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets "Lottery DV injifatteetta, Imbaasii Ameerikaa irraan bilbilaa jira / Imeelii kana / barreeffama kana kan ergaa jirru" jechuun qaamotni #sobaa waan jiraniif iyyattoonni of eeggannoo akka godhan dhaamaniiru.

Hubadhaa, iyyataan tokko DV 2025 argachuu fi dhiisuu isaa karaa marsariitii armaan olitti ibsame qofaan beekuu danda’a.

Waggaa waggaan Ameerikaan Afrikaa irraa (Itoophiyaa dabalatee), Eeshiyaa, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa, Ameerikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa irraa namoota kuma 55 karaa lootarii DV gara biyya isheetti fiddi.

Kiyyaa Media

29 Apr, 13:19


Guyyaan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa ifoomeera.

Guyyaan qormaata kutaa 12ffaa bara barnootaa 2016 barattoota saayinsii Hawaasaaf Adoolessa 3 hanga Adoolessa 5tti, barattoota saayinsii uumamaaf Adoolessa 9 hanga Adoolessa 11/2016 yoo ta'u, qormaatichi toora interneetii fi waraqaan yuunivarsitiiwwan keessatti ni kennama.

Qorattoonni saayinsii hawaasummaa waraqaan fudhatan Waxabajjii 30 hanga Adoolessa 01, 2016tti, saayinsii uumamaa ammoo Adoolessa 6 Adoolessa 7, 2016tti gara yuniversitii ni seenu jedhameera.

Kiyyaa Media

27 Apr, 18:06


"Qormaanni biyyooleessaa kutaa 12ffaa magaalota filataman keessatti toora interneetidhaan ni kennama" - Prof. Birhaanu Nagga

Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 magaalota filatamoo keessatti toora interneetii irratti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa, "Qormaanni kun guutummaan guutuutti toora interneetii irratti kennamuu kan hin dandeenye ta'us magaalota naannolee filataman keessatti akka kennamuuf hojjetamaa jira" jedhan.

Barattoonni naannolee hunda keessatti filataman qormaata isaanii toora interneetii irratti akka fudhatan beeksifameera.

Kanneen hafan qormaata isaanii haala idileetiin akka Fudhatan ibsaniiru.

Daarektarri Madaallii Barnootaa fi Qormaata Doktar Ishetuu Kabbadaa akka jedhanitti; Qormaata kana toora interneetii irratti gaggeessuuf hojiin qophaa'inaa hojjetamaa aka jirus himaniiru.

Barattoonni qormaata yaaliitiin akka shaakalan ni taasifamuu jedhaniiru.


#MoE

Kiyyaa Media

23 Apr, 11:40


Qormaanni barattoota sagantaa sirreeffamaa bara 2016 jalqaba ji'a Waxabajjii keessa kennama. - Ministeera Barnootaa

Qormaanni barattoota sirreeffamaa jalqaba ji'a Waxabajjii keessa guyyoota 15f Yuunivarsiitii mootummaa qofa keessatti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Rakkoo bara darbe mudate irra aanuuf qormaanni sirreeffamaa yunivarsiitiiwwan mootummaa qofa keessatti kennamuuf akka jiru himameera.

Akkasumas qormaata kana keessaatti dhibbeentaan 70 jalqaba baatii Waxabajjii keessa guyyoota 15 f karaa toora interneetii fi waraqaatiin  too'annaa cimaa waliin akka qophaa’u ibsameera.

Bara kana barattoonni kuma 78 ol ta'an yuunivarsiitii mootummaa keessatti barnoota sirreeffamaa fudhachaa akka jiran ibsameera.

Barumsi sirreeffamaa Muddee irraa eegalee hanga dhuma baatii Waxabajjii 2016tti kennamaa kan jiru yoo ta’u, bu’aan isaanii %30 adeemsa barnoota yunivarsiitiiwwanii irratti hundaa’ee fi %70 ammoo qormaata giddugalichi qopheesse irratti hundaa’uun akka ta’e ibsaniiru.

Kiyyaa Media

21 Apr, 10:54


#ExitExam

Qormaanni ba’umsaa yoom kennama?

Xalayaa Ministeerri Barnootaa dhaabbilee barnoota olaanoof Ebla 9/2016 barreesseen, Qormaanni ba’uumsaa waxabajjii 14 hanga 21/2016tti akka kennamu ibsameera.

Kiyyaa Media

12 Apr, 08:49


Baga gammaddan!

Yuunivarsiitii Jimmaa

Yuunivarsiitiin Jimmaa sagantaa barnoota garagaraatin leenjisaa kan ture barattoota 778 guyyaa boruu Eebla 5/2016 giddugala Siivikii Haacaaluu Hundeessaatti ni eebbisiisa.

Kanneen keessaa 26 diigrii sadaffaa,350 diigrii lammaffaa fi 402 leenjitoota diigrii jalqabaa guyyichatti ni eebbisiisa.

Eebbifamtoota keessaa qormaata xumuraa biyyaalessaa fudhatanii qabxii olaanaa kan fidan Yuunivarsiitichatti barattootni Inistitiyuutii fayyaa 379 keessatti argamu.

Kiyyaa Media

04 Apr, 12:56


Lammiileen Itoophiyaa seeraan alaa daddabarfaman #Malaawiitti doolaara 1000n ‘gurguramu’

Lammiileen Itoophiyaa karaa Maalaawii qaxxamuranii gara Afrikaa Kibbaatti godaanan Maalaawii keessatti tokkoon tokkoon isaanii dolaara 1000n gurguramaa jiraachuu aanga’oonni Maalaawii saaxilan.

Ministeerri Nageenya Biyya Keessaa Maalaawii Kaampii Godaantota ‘Dzaleka’ jedhamu keessa bakka godaantota seeraan alaa Itoophiyaarraa dhufan itti ugguraman argachuu beeksiseera.

Godaantoonni kunneen hanga firoottan isaanii Itoophiyaa irraa qarshii gaafatame kaffalaniitti mana kana keessa ugguramanii taa’u.

Ministirri Nageenya Biyya Keessaa Maalaawii Ken Zikhaalee Ngomaa ibsa laataniin, lammiileen Itoophiyaa lama, Ahmad Muhaammad Kondoo fi haadha warraa isaa Damoraah jedhamtu, haala ulfaataa ta’een godaantota Itoophiyaa 31 kutaa tokko keessa ugguranii kaa’an to’annoo jala ooluu ibsaniiru.

Akka ministeerichi ibsetti, godaantonni Itoophiyaa seeraan ala daddabarfaman kunneen jalqaba Maalaawii seenuuf doolaara 200 akka kaffalan dirqisiifamu. Erga Maalaawii seenan booda ammoo kutaa itti ugguraman keessaa bahuuf dolaara 1000 akka kaffalan dirqamaa jiraachuu ibsameera. #AS