Waraana Bilisummaa Oromoo @jaalmaroo1 Channel on Telegram

Waraana Bilisummaa Oromoo

@jaalmaroo1


Oromiyaa Bilisoomte Dhiigaan Ni Ijaarra !!

Waraana Bilisummaa Oromoo (Oromo)

Waraana Bilisummaa Oromoo is a Telegram channel dedicated to promoting the freedom and rights of the Oromo people. With the username @jaalmaroo1, this channel serves as a platform for sharing information, news, and discussions related to the Oromo community. The title, 'Oromiyaa Bilisoomte Dhiigaan Ni Ijaarra!!', translates to 'Oromia will be free by any means necessary!!' in English, highlighting the channel's focus on advocating for the liberation and empowerment of the Oromo people. The channel aims to raise awareness about the social, political, and cultural issues affecting the Oromo community, as well as to provide a space for Oromo individuals to connect, share their experiences, and support one another. With a growing number of followers, Waraana Bilisummaa Oromoo is becoming a vital source of information and solidarity for Oromo people around the world. Whether you are looking to stay informed about the latest developments in Oromia, engage in meaningful discussions with like-minded individuals, or simply show your support for the Oromo cause, Waraana Bilisummaa Oromoo is the place for you. Join us today and be a part of the movement towards freedom and justice for the Oromo people!

Waraana Bilisummaa Oromoo

04 Jan, 18:20


Humna furgiggifamaa
Jaal Gadaan Oogganamu

Waraana Bilisummaa Oromoo

01 Jan, 19:49


Hayyee akkam jirtu, nagaa keessanii, nagaan keessan akka marga lagarraatti haa lalisu hordooftoota WBO Baga bara haaraa 2022 isin gahe.

Waraana Bilisummaa Oromoo

27 Dec, 16:12


Warshaa simmintoo

Waraana Bilisummaa Oromoo

22 Dec, 19:19


Akkam jirtu nagaa keessanii?
Nagaan WBO bakka jirtan maratti isin haadhaqqabu
Haalota hojii tokko tokkoof toora interneetaarraa fagaadheen ture ammaan tana walitti deebinee jirra.
Humnoonni koloneeffattoota Abiyi Ahimed
Naannoowwaan arjoo to'achuu isaniif namoota heedduu quqquuqee jira.
Kun kan ta'uu danda'e
1, Hawwaasni Arjoo keessa jiraatu 75% kan ta'an waraana Mangistuuti. Kuna jechuun baayyinaan uummata kibbaatti caalu. Qeerroon achi keessatti argamu yoo WBO tti karaa agarsiisuu fedhe, ykn Haadhasaa ykn ammoo Abbaasaa sodaata. Kana jechuun ykn Oromoo miti ykn Saba biraa miti.
Kanaaf ammas naannoon sun Naqa tokkoof itti deebinee waraana achi keessa jirus ta'e Uummatasaas hin qulqulleessina.
Kanaafimmoo shakkii hin qabaatinaa.

Inni kan biroon G/W/L ona qashimaandoo jedhamtutti humni garboomfataan qarshiidhan uummata naannoo BG fi Namoota muraasa naannoo sanaa bituun bakka WBO itti boqotu iddoowwan tokko tokko eeruu lachuun namoonni shan (5) wareegamaniiru.
Boodarra humni FURGIGGIFAMAA kan Jaal Gadaan Ajejamu Bakka sana atattamaan qaqqabuun, Namoota 12 harka kennisiisun kaan ajjeesuun kaan ammoo madoon adabee jira.
Olmaan torbee darbee kana fakkaata
Yoo waaqjedhe sambata kan torban kanaa asuman nan gabaasa. Galatooma ulfaadhaa
INJIFANNOON KAN UUMMATA OROMOOTI

Waraana Bilisummaa Oromoo

03 Dec, 18:16


Gumaan Boo'aan Miti Lolaan Baatii!!

Waraana Bilisummaa Oromoo

03 Dec, 17:54


Akkam jirtu nagaa keessanii? Oromiyaa keessa teessanii ykn biyyoota ormaa teessanii kan nu hordoftan, Nagaan WBO Bakka jirtanitti isin haa dhaqqabun jedha.
Baaýyee akkan isin jaalladhuu isiniyyuu beektu.
Torbee keessaa yoon yeroo argadhe
Gabaasas ta'u haala yeroo irratti waanta dubbatamuun irra jiruufi waantoota barbaachisoo torbanitti yeroo lama isiniif nan barreessa.
Qurxummii Galaana Gadi Fagoo Keessa Taphatu Rasaasi Hin xuquu!!
Jedhan mitiiree,
Nus galaana gadi fagoo keessa jirra
Harki waaqaa nu golbooba kanaaf nus waantaanu.
Namni dhugaa barbaadu gatii kaffalu malee hin argatu. Gatii kaffalu keessatti ammoo Baayyee Obsa isa gaafata.Nuti WBOnid kan nuti bosona keessa haga ammaa beela obsaa, dheebuu obsaa, rakkina obsaa, aduu obsaa, roobaa cabbii obsaa, hirriba obsaa, deemsa obsaa, dhukkuba lafaa nama hin kaafne baannee aduu keessa roobaa keessa diina jiilchuuf kaannu, Dhugaa bade barbaachaafi.
Oromiyaa diinni elmatu Oromiyaaf ijoolleeseef oolchuuf, kanaaf itti du'aa jirra, itti cabaa jirra itti dhiigaa jirras.
Gatii dadhabbii keenyaa ammoo, Bara kana ijasaa hin nyaanna. Kana kan gochuu dan deenyu ammoo, Dandeettii keenyaan miti Humna keenyaanis miti isa humna qabu Rabbitti hirkanneeti. Innimmoo nu gargaara.
Kanaaf yeroon ammaakun yeroo isa dhumaa Oromoon itti dammaquu of beekuu haala ammaa kana hubachuu qabuudha.
Oromoon kan gochuu qabu, Waan of harkaa qabu kana kunuunfachuu, akka ijasaatti eeguu akkasumas eeggachuu qaba.
BARANA INUMA IRRA AANNA.
GADAAN GADAA BILISUMMAA
INJIFANNOO UUMMATA
OROMOOF.

Waraana Bilisummaa Oromoo

01 Dec, 13:12


Yooyya yooyyaa Akkam jirtu nagaa keessani
Nagaan keessan habadhaadhu jechaa
Waantoota irra geenyee jirru ykn injifannoowwan arganne Aanalee harka keessa galfanne isiniif himuun fedha.
G/Q/W Aanaa Gidaamii
G/W/L Aanaa Begii
G/W/L Aanaa Qondaalaa
Guyyoota muraasa keessatti To'annoo keenya jala oolchineerra
Lola kana 3n irratti Qabsa'aan Haqaa WBO kan wareegame Nama 4 yoo ta'u
Kan madaa'e nama 9
Akkasuma injifannoo gama namoota booji'amee yoo ilaallu
Irratti dhoka'ee kan booji'aman lola 3n irratti 83
Kan fedhaan harka kennatan 112
Walumaa galatt namoota 195 yoota'an kan du'aniif madoon heedduudha
Lolli darbe kana yoo fakkaatu
Lolli yeroo dhihootti eegamu kan Waraanni Bilisummaa Oromoo
Xiyyeeffannoon haal duree mijeeffatee lolatti seenuuf jedhu kan jalqabaa,
Magaalaa Naqamtee, Dambi Doolloo, Gimbii, Shaambuu, Amboo.
Kunniin humna jabaataa waan gaafatuuf Oromiyaa Bilisoomsuuf Magaalota shanan kana irraa yeroon yoo waraana pp buqqifne yeroo jedhameen dafnee bakka barbaadame geenya.
Kanaaftu magaaloto kana shanan irratti xiyyeeffannoo goone.
Lola kana milkeessuuf ammoo haaldureen xumuramee,
Waraannii lola kanaaf barbaachisu meeshaa lolicha waliin wal gitu waliin hunduu qopheeffanee jirra. WBO Oromiyaa Walaboomsuuf bara kana keessa sirnaan lolatti duulaa jira.
Waantoonni WBO uummata Isaaa irraa barbaadu yoo jiraate,
WBO
1,karaa itti agarsiisuu, qajeelchuu.
2, Eeruu ittiin gahuu.
3, Beluu Basuu, Dheebuu baasuu.
4, Gargaarsa madoo fi
5, Gorsa Uummatasaa qofa.
Kanaaf kallattii maraan Biyya keessaas Biyya alaas kan jirtan waanta barbaachisuun waraana keessan kana utubadhaa, jabeeffadhaan isiniin jedha.

Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof.

Waraana Bilisummaa Oromoo

28 Nov, 09:20


Channel photo updated

Waraana Bilisummaa Oromoo

27 Nov, 16:51


Horaa Bulaa Deebanaa Eebba Hirmaadhaa
Gadaan Gadaa Bilisummaa
Injifannoo Uummata Oromoof!

Waraana Bilisummaa Oromoo

27 Nov, 16:48


Hayye Hayye akkam jirtu Oromoo martinuu. Biyya keessaafi Biyya Alaa teessanii kan Yaadaan hojiin gorsaan kallattii maraan kan nu faana jirtan martuu,
Alaa manni, sa'aa Namni, Nagumaa
Nagaan kiyya bakka marattuu Isin haadhaqqabu jechaa
Ammallee karaa keessaa yaadota garaa garaa kan naaf dhiyeesitan guddaa galatoomaan isiniin jechuu barbaada akkasumas kan nu jajjabeessitan maraan hedduu galatoomaan isiniin jedha 🙏🙏🙏🙏

Waraana Bilisummaa Oromoo

26 Nov, 11:12


Chanali kana
Akka inni jiru Namoota mara bira
Akka naa dhaqqabu
Taasisuun gahee Oromummaati.
Galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa Deebanaa!!

Waraana Bilisummaa Oromoo

26 Nov, 11:10


Kaayyoon keenya inni guddaan
Kan nuyi itti dhiigaa jirru
Kan nuyi itti cabaa jirru
Oromiyaa Bilisoomte Arguu
Qofaadha!

Waraana Bilisummaa Oromoo

26 Nov, 11:04


Channel created