--------------------------
โ๐๐๐๐๐ ๐โ๐๐๐๐๐ก๐.
[ kiristoos dhalchuu isaa ibsa lama jira ]
Inni Duraa kiristoos abbaa isaa irra dhalachu ibsa. jalqaba sagalee ture.
๐ท๐โ๐๐๐๐๐ก๐ ๐ก๐๐๐๐๐๐๐๐
โ] Qolosaayis 1:15
Kristos, bifa Waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul'atuu dha; uumama hundumaa #duras #dhalate*.
โ].Ibroota 1:5
Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, โAti Ilma koo ti;
ani harสผa si #dhalcheeraโ
Yookaan isa kamiin,
โAni isaaf #Abbaa nan taสผa;
innis #Ilma naa taสผaโ
jedhee beeka?
โ].Yohannis 1:1
Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture*.
โ].Yohannis 18:37
Phiilaaxoosis, โYoos ati mootii dha kaa!โ jedheen. Iyyaasuus immoo, โAkka ani mootii taสผe atuu jette. Dhugumaan wanni ani #dhaladhee gara addunyaa dhufeefis dhugaadhaaf dhugaa baสผuuf. Namni dhugaaf dhaabatu hundinuu sagalee koo dhagaสผaโ jedhee deebise.
โฅDhaloota lammaffaa.
โต}.Ibroota 7:14
Gooftaan keenya akka #sanyii #Yihuudaa irraa #dhalate beekamaadhaatii; Museenis gosa sana ilaalchisee waaสผee lubummaa homaa hin dubbanne.
โถ}.Yohannis 7:42
#Kitaabonni Qulqulluun Kiristoos #sanyii Daawit keessaa, akkasumas #Beetaliheem ganda Daawitii akka dhufu dubbatu mitii?โ
โท}.Mikiyaas 5:2
โGaruu yaa Beetlihem Efraataa,
ati yoo balbala Yihuudaa keessaa xinnoo taate iyyuu,
kan bulchaa Israaสผel taสผu,
kan jiraachuun isaa durumaa,
kan bara duriitii jalqabee ture tokko
si keessaa baสผee naaf dhufa.โ
โธ}.Luqaas 2:11
#Harสผa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif #dhalateera; innis Kiristoos Goofticha.
โฌโฌโฌโฌโฌโฌโฌโฌ
๐๐๐๐๐ข๐ข ๐๐ข๐ก๐ ๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐ฆ๐ฆ๐๐๐๐ ๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐ข .
๐พ Akka nuti guyyaa kana Gammachuu arganuuf waaqaลทoo ergama isaa erge 'gammachuu himmee kanaafi.
๐Luqaasi 2:9-10
Ergamaan Gooftaa isaanitti mulสผate; ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti ibse; isaanis akka malee sodaatan. Ergamaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; โHin sodaatinaa. Kunoo, ani misiraachoo
gaarii baayสผee nama #gammachiisu kan saba hundumaaf taสผu isinii fideeraatii.โ
Luqaasi 2:14
โSamii gubbaatti ulfinni Waaqaaf, lafa irrattis #nagaan namoota inni itti #gammaduuf haa taสผu.โ
โฉAyyaanna gaarii isinif.
โฌโฌโฌโฌโฌโฌโฌ
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
โฌโฌโฌโฌโฌโฌโฌ