Últimas Postagens de Qubee TV (@qubeetv) no Telegram

Postagens do Canal Qubee TV

Qubee TV
Qubee TV is an entertainment, Educational and news media established with a great vision to be the best television in our country
19,126 Inscritos
6,140 Fotos
23 Vídeos
Última Atualização 05.03.2025 21:48

Canais Semelhantes

MUL'ATA SABAA
9,866 Inscritos
Desalegn B.
6,167 Inscritos
Itichaa Lammii Burqaa
1,684 Inscritos

O conteúdo mais recente compartilhado por Qubee TV no Telegram

Qubee TV

01 Mar, 19:19

937

Dhabbileen garaagaraa jila Baallii Gadaa Booranaa 72ssoof gumaata qarshii miliyoona tokkoofi kuma 400 olii gumaache.

Qubee TV (Bitooteessa 1, 2025) Finfinnee!
Dhabbileen gargaarsaa garaagaraa jila Baallii Gadaa Booranaa 72ssoof gumaata qarshii miliyoona tokkoofi kuma 400 olii gumaache.

Dhabbileen Hawaasa Siiviilii 'VSF Suisse, HEKS, HELVETAS, WHH'fi SCOre' jila Baallii Gadaa Booranaa 72ssoo sababeeffachuun Yaa'a Gadaa Sadeeniifi Doorii gumaata qarshii miliyoona tokkoofi kuma 400 ol gumaachan waajjirri Kominikeeshinii Godina Booranaa karaa miidiyaa hawwaasummaa isaan ibse.
Qubee TV

01 Mar, 17:03

1,008

Har’as akkuma kaleessaa aggaammii keessaa fi alaa kamiyyuu qolachuu dandeenya. Keessumattuu, qormaanni keenya hamaan finxaalessummaafi hiyyummaa ta’us, kanneen lamaan isaaniiyyuu injifannee akka darbinu shakkii hin qabu. Meeshaa waraanaatiin qofa osoo hin taane duudhaa mariifi ejjennoo cimaa hojii misoomaa irratti jalqabne cimsineefi humna sabdaneessummaa ijaaraa jirrus fayyadamnee injifachuu akka dandeenyus ni beekna.

Hiyyummaa burkuteessuu, finxakeessummaa balleessuuf ammoo qoodni uummata keenyaa guddaadha, garaa garummaa Keenya waliif kabajaa dhibdee mara maree biyyaalessaan furaa caalamatti biyya keenyatti kabaja horuuf kutannoon hojjenna.

Oromiyaa ni ijaarra
Itoophiyaa ni utubna
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyos nugargaara

Shimallis Abdiisaa
Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Guraandhala /2017
Finfinnee
Qubee TV

01 Mar, 17:03

823

Obbo Shimallis “Injifannoon Adwaa Faajjii gurraachotaa walqixxummaa namoomaa dhugoomsedha” jedhan.

Qubee TV (Bitooteessa 1, 2025) Finfinnee!
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaa ilaalchisuun ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin “Injifannoon Adwaa Faajjii gurraachotaa walqixxummaa namoomaa dhugoomsedha” jedhan.

Guutuun ergaa Pireezidaant Shimallis kan armaan gadiiti.

Dhalli namaa birmadummaa guutuu gonfachuuf wareegama kaffala; Kan walqixxummaatti hin amanne ammoo kan biraa garboomsuuf yaaluu seenaan darbe ni mul’isa. Taateen waltajjii marii konfiraansii Baarlin Afrikaanota qircachuuf taa’ame madaala namoomaa kan diige garaa garummaa ilma namaa jidduutti kan bu’uureesse ture. Birmaduufi Garba akkasumas warra boodatti hafoo fi qarooman jechuun ilmaan namaa gargar qoode. Guraachota Afriikaa bifa qofaa xiqqeessuun qabeenya uumaan gonfachiise harkaa saammachuuf warra miira olaantummaan tuulametu walgurmeesse.

Murteen warra Adii marii yaadaan tumsamee karaa nagaan Afriikaanota qoodachuuf waliigalamee ture gocha qabatamaatti wayiita hiikamu akka yaadameen faallaa isaan muudate. Gootonni ilmaan sabootaa Itoophiyaanonni akkuma Kanniisa Gaagura keessa diinatti jigeetti itti timmisuun wareegama qaalii kaffalameen ajandaa Baarliin fuggisoo garagalchee humna warra Adii waraanee qaanii itti uwwisee injifannoo Adwaa galmeessuun walqixxummaa ilma namaa mirkaneesse.

Faashistoonni meeshaa waraanaa jabanaa hidhatanis onneefi gootummaa Itoophiyaanotaa injifachuu hin dandeenye. Dawoo cimaa ijaarratee baandaawwan bu’aa dhuunfaan biyya jijjiiran qindeessus tooftaa qondaaltota waraanaa keenya jalaa miliquufi duula sabdaneessaa damdamachuu dadhabuun burkuteeffame.

Injifannoon Adwaan eenyummaa dhugaa Itoophiyaa ashaaraa gootummaa xiinsammuu keenya keessatti caafame, dhaqna keenya irratti qalama dhiiga abboota keenyaafi qubeessaa caba lafee gootota keenyaatiin kan bocame eenyummaa waloo dulloomuu hin dandeenye faajjii dhalootaa dhalootatti ce’ee jiraatudha. Eenyummaan dhiigaafi lafeen ijaarame, birmadummaan gootummaan tikfame sun akka salphaatti kan galmaa’e miti. Qormaatota rog-daneessa keessaafi alaa akka abiddaa saafaa boba’u kan dhaamse, injifannoo guddicha madaala garaa garummaa gurraachaafi adii jijjiire kan nu dhaalchise, humna sabdaneessummaa obbolummaa irratti ijaarame bu’uura seenessa waloo keenya har’aati.

Kabajamaa uummata Oromoofi lammiileen Itoophiyaa biyya keessaaf biyya alaa jiraattan hundi baga guyyaa seena qabeessa Injifannoo Adwaa waggaa 129ffaa nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun barbaada.

Injifannoon Adwaa Seenaa waloo qabeenya dhaabbataa dhaallee dhaalchifnu bu’uura amansiisaa irratti kan nuuf ijaare, hariiroo obbolummaa keenyaa kan cimseefi tokkummaa biyyaalessummaa keenyatti ulfina kan horedha. Adwaan garaa garummaarra tokkummaa, jibbarra jaalala, diigamuurra ijaaramuu, qeenxummaarra walooma kan nu barsiise qaama injifannoo yeroo hunda leellifnuufi kabajnudha. Kana malees, Adwaan birmadummaa Afriikaa kan ariifachiise faajjii olaanaa galmee Addunyaarratti walqixxummaafi madaala namooma dhiigaaf lafeen caafedha.

Duula sabdaneessummaa kanarratti Oromoon goototaafi fardeen isaa kumaatamaan hirmaachisuun lolee lolchiise mallattoon birmadummaa Afriikaanotaa akka galmaa’e taasise. Haata’u malee, seenaan isaa hatameefi dabsamee bareeffamaa ture. Qabsoo taasifamaa dhufeen sun hundi seenaa ta’eera. Qabsoon Oromoofi wareegamni ijaarsa biyyaaf kaffalame ifa ta’aa dhufeera. Ammas barreessitootniifi qorattoonni seenaafi seenessa dabaa qorachuun qajeelchuu akkasumas seenessa waloo dhugaa hundaa ijaaruuf hojjechuutu nurraa eegama. Dhugaa qajeelchinee daba sireessinee dhaloota dhaalchisuuf hunduu tumsuu qaba. Adwaan kan hunda keenyaa ta’uu bira darbee mallattoo injifannoo guraachota hundaati.
Qubee TV

01 Mar, 15:42

958

Shaampiyoonaan Ispoortii aanaalee godina Arsii guyyoota 15'f gaggeeffamaa ture xumurame.

Qubee TV (Bitooteessa 1, 2025) Finfinnee!
Shaampiyoonaan Ispoortii aanaalee godina Arsii qopheessummaa Aanaan Heexosaan guyyoota 15'f gaggeeffamaa ture guyyaa kaleessaa olaantummaa Aanaa Xiyootiin xumurame.

Tapha Xumuraa kubbaa miilaa Diviziyoonii 1ffaan Aanaan Leemmuufi Bilbiloo, Aanaa Jajuu injifachuun shaamiyoonaa ta'e.

Taphaa Kubbaa Miilaa Diviziyoonii 2ffaan immoo Aanaa Zuwaay Dugdaa Aanaa Xiichoo injifachuun shaampiyoonaa ta'e.

Kubbaa Saaphanaa Diviziyoona 1ffaa Dhiiraan Bulchiinsi Magaalaa Boqojjii shampiyoonaaa, Diviziyoona 2ffaan Aanaan Collee shaampiyoonaa ta'uun Waancaa argatan.

Kubbaa Saaphanaa Dubaraatiin Aanaan Golochaa Shaampiyoonaa ta'uun Waancaa badhaafame.

Taphaa guutuu ispoortii aanaalee godina Arsii gaggeeffamaa tureen Aanaan Xiichoo naamusaafi tasgabbii fakkeenyummaa qabu agarsiisuun Amala gaariin badhaafamaa Waancaa yommuu ta'u, Aanaan Heexosaa qopheessummaa gaariin badhaafamaa waancaa ta'eera.
Qubee TV

16 Feb, 05:32

191

Atileet Dirribee Waltajjiin fiigicha mana keessaa meetira kuma 3 Liyoonitti dorgomame injifatte

Qubee TV (Gurraandhala 16, 2025) Finfinnee!
Atileet Dirribee Waltajjiin fiigicha mana keessaa meetira kuma 3 halkan edaa Faransaay Liyoonitti dorgomame injifatte.

Atileet Dirribeen fageenyicha daqiiqaa 8:39.49 xumuruun sa'aatii saffisaa bakkichaa galmeessuun injifatte.

Atileet Yeneewaa Nibrat ammoo daqiiqaa 8:48.39 xumuruun sadarkaa 2ffaa baate.

Atileet Dirribee torbeedhuma kana keessa dorgommii fiigicha mana keessaa meetira kuma 1fi 500 Faransaay Liiviitti dorgomame injifachuu kan yaadatamuudha.
Qubee TV

16 Feb, 05:24

195

https://youtu.be/zt7NCfcdQ4s?si=l6RTqTu83bprL2Wp
Qubee TV

15 Feb, 19:20

770

Ministirri Dhimma Alaa Jibuutii Mohaammud Yusuuf Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa ta’uun filataman.

Qubee TV (Gurraandhala 15, 2025) Finfinnee!
Ministirri Dhimma Alaa Jibuutii Mohaammad Yusuuf Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa ta’uun yaa'ii 38ffaa hoggantoota Gamtaa Afrikaa irratti filaman.

Duraa Ta’a Komishnii Gamtaa Afrikaa ta’uuf Raayilaa Odiingaa (Keeniya), Riichaardi Raandiriyaamandiraat (Madagaaskaar) irraafi Mohaammud Yuusuuf (Jibuutii) irraa kaadhimamuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa kan turan Muusaa Faakii Mahaammat bakka bu’uuf Ministiri Dhimma Alaa Jibuutii Mohaammud Yuusuuf filannoo gaggeeffame injifatan.
Qubee TV

15 Feb, 04:39

1,331

Yaa'iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaan har'aafi Boru ni gaggeeffama.

Qubee TV (Gurraandhala 15, 2025) Finfinnee!
Yaa'iin 38ffaa Hoggantoota Gamtaa Afrikaa har'aafi Boru Magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama.

Yaa'icharratti hirmaachuuf Dureewwan biyyoota Afrikaa garaagaraa, Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutarez dabalatee Hoggantoonni Olaanoo Dhaabbilee Idil Addunyaa garaagaraa Magaalaa Finfinnee galaniiru.

Yaa'ichaan Ajandaalee Ardichaa garaagaraa irratti mari'achuun murtoowwan ni darbuu jedhame eegama.
Qubee TV

14 Feb, 11:41

1,674

Dr. Abiyyi Akka biyya ollaafi Obboleeyyaniitti Itoophiyaan wayita qormaataa kana Ummata Sudaan cinaa ni dhaabbatti jedhan.

Qubee TV (Gurraandhala 14, 2025) Finfinnee!
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad Akka biyya ollaafi Obboleeyyaniitti Itiyoophiyaan wayita qormaataa kana Ummata Sudaan cinaa ni dhaabbatti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Itti dabaluunis uummata Sudaan walwaraansa waggaa tokko oliif gaggeeffamaa jiruun miidhameef deeggarsa namoomaa Doolaara miiliyoona 15 tumsa taasisuu himan.

Itoophiyaan, Emireetoota Araba Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaafi Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa waliin ta'uun Konfiraansii Olaanaa deeggarsa namoomaa qopheessuu isheef gammachuutu natti dhagahama jedhan Dooktar Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti.

Biyyoonni lamaan hidhata gadifagoo kan qaban, qabsoo dhalootaa waloofi hawwii waloo akkasumas hidhata aadaatiin kan walitti hidhamanidhas jedhan.
Qubee TV

14 Feb, 07:51

1,501

https://youtu.be/k-WPlKo_BiI?si=NfKYkiS4Neu8k7iv