abc News @oduuabc Channel on Telegram

abc News

@oduuabc


Oduu ammee guyyaa guyyaadhaan Hatattamaan argachuudhaaf Chaanaalii abc Hordofaa.

abc News (Amharic)

እንኳን ወደ abc News እናንተ ቴሌግሬሽን እና ኢንተርኔት የምታስተዋውቁ በእንግሊዝኛ እና ካዛንኛ በሚገኝ አፈጡ። abc News እንደሚቀጠለው ሕዝብን በአንድ ተግባር የሚቤዥ ውስጥ ነው። ከባለው አስተያየት እና ከዚህ በፊት አንዲት ቴሌግሬሽን ተያይዞአል። በተጨማሪም ለውስጡ ሲቀርብ፣ abc News የአስተሳሰባቸውን ሕዝቦችን እና እየሱስ ነገራችሁን በአማርኛ ስነስርአት ስላሳይ ያስተምሮአል። abc News ብንስከክስ በአንድ ተግባር ተጥርን።

abc News

13 Jan, 08:52


The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 2 months. If it remains inactive in the next 19 days, that account will self-destruct and this channel may no longer have an owner.

abc News

02 Jan, 23:11


The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 2 months. If it remains inactive in the next 30 days, that account will self-destruct and this channel may no longer have an owner.

abc News

17 Mar, 14:20


Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Tolaa Bariisoo (PhD) sodaa Koroonaavaayirasiirraa kanaan dura kophaatti adda of baasanii turan qorannoo taasifameefiin dhibee kanarraa bilisa ta'uu isaanii beekkameera.

abc News

17 Mar, 13:03


Meeshaaleen koontiroobaandii garaagaraa Birrii miiliyoona 13 ol baasu to’atame.
Meeshaaleen koontiroobaandii garaagaraa Birrii miiliyoona 13 fi kuma dhibba 1 fi kuma 23 fi 449 baasuu fi meeshaaleen gatiin hin baaneef biroon buufataalee sakattootti to’atamuun ibsame.
Meeshaaleen kunneen buufataalee sakattoo Baahiir Daar, Jigjigaa, Matammaa, Kombolchaa, Harar, Awaash, Toogoo Wuchaalee, Maqalee, Afaar aanaa Dulachaa, Gujii Bahaa aanaa Shakkisoo fi kanneen birootti kan to’atamaniiru.

abc News

17 Mar, 08:42


Itoophiyaan manneen barnootaa cufte, namoonni walitti qabamuus dhorkite

abc News

17 Mar, 08:40


Qoricha ittisa vaayrasii koroonaa biifna jechuun yakki saamichaa raawwatamaa jiraachuu irra ga’ameera jedhame.
Qorichi kun kan biiffamu mana jireenyaa namoota vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e qofatti ta’uu hubachuun jiraattoonni of eeggannoo taasisuu akka qaban bulchiinsi magaalichaa hubachiiseera.
Kanaan ala qorichi biiffamu kamuu kan hin jiraanne ta’uu hubachuun yakka sababa kanaan raawwatamu saaxiluuf hawaasni ga’ee isaa ba’uu akka qabu dhaamamuu ragaan waajjira kaantibaa magaalichaarraa argame ni muul’isa.

abc News

17 Mar, 08:38


Hoggantoonni olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhibee Vasyirasii Koronaa ittisuuf maloota ittiin dhibecha ofirraa ittisan keessaa tokko kan ta’e labsii harka dhiqannaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) labse harka dhiqachuun fakkenyummaasaanii agarsiisaa jiru.

abc News

17 Mar, 08:34


Ameerikaan buufata waraanaa Iraaq keessaa qabdu 8 keessaa sadii gadhiisuuf jechuun ishee turtii biyattii keessatti taasistu xiqqeessuu akka maltu akeekeera.

Murtiin kuni yeroo hariiroo biyyattiin mootummaa Iraaq fi Iraan waliin qabdu muddama keessa seenetti dhagahame.

Torban kana keessa sagantaa al - Qaayimitti taasifamutti Ameerikaan nageenya isaanii akka kabachiisan deeggarsa meshaalee waraana humnoota Iraaqitti kennu jedhamee eegama.

abc News

17 Mar, 08:33


Yaaliin talaallii weerara koronaavaayirasii ittisuu yeroo jalqabaaf US keessatti dhala namaa irratti taasifame.

Dhaabbata qorannoo Kaiser Permanente jedhamu Siyaatil, Waashingiteen keessatti argamutti namoonni afur talaallii jalqabaa kana waraannachuu isaanii Ejensiin oduu Asooshiyeetid Pirees gabaaseera.

Talaallichi Covid-19 qaqqabsiisuu hin danda'u garuu koodii qaccee sanyii miidhaa hin qaqqabsiifne kan dhukkuba koronaavaayiras irraa waraabame qaba.

Ogeessonni akka jedhanitti talaalliin kun ykn kanneen biroo qoratamaa jiran hojjechuu isaanii baruudhaaf malee ji'oota baayyee barbaachisa.

Saayintistoonni guutummaa addunyaa irratti qorannoo dhibee kanaa saffisiisaa jiru.

abc News

17 Mar, 08:08


Biyyoonni Afrikaa Hedduun Tatamsa’ina Vaayrasii Koroonaa Ittisuuf Tarkaanfii Fudhachaa Jiru

abc News

17 Mar, 08:07


Magaalaa Finfinneetti mana manarraa deemuun qorichi biiffamu kamuu kana hin jiraanne ta’uu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Mana jireenyaa namoota vaayrasii koroonaan qabamaniirra deemuun ogeeyyiin Inistiityuutii fayyaa hawaasaa qorichi biifaa jiraachuu ibsameera.

Haa ta’uutii qoricha ittisa vaayrasii koroonaa biifna jechuun yakki saamichaa raawwatamaa jiraachuu irra ga’ameera jedhame.

Qorichi kun kan biiffamu mana jireenyaa namoota vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e qofatti ta’uu hubachuun jiraattoonni of eeggannoo taasisuu akka qaban bulchiinsi magaalichaa hubachiiseera.

abc News

17 Mar, 08:06


Hawaasni vaayrasii koroonaa ittisuuf of eeggannaa akka taasisu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa beeksise.
Vaayrasii koroonaa ittisuuf hawaasni biyyattii of eeggannoo akka taasisu yaa’ichi waamicha dhiyeessera.
Abbootiin amantaa yaa’icha keessatti hirmaatan ummanni qulqullina dhuunfaa, naannoo fi maatii akka eeggatu dhaamaniiru.
Qaamoleen hundis vaayrasicha ittisuuf ga’eesaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru.
Abbootiin amantaa Daandii Qilleensa Ityoophiyaatti argamuudhan sochii vaayrasicha ittisuuf hojjetamaa jiru daawwataniiru.

abc News

14 Mar, 11:51


Ergaa ijoo dhibee Koronaa Vaayirasii ⬇️

🛑Dhibeen Koronaa Vaayirasii maali?

Dhibeen Koronaa Vaayirasii dhukkuba daddarbaa ta'ee qaama hargansuu irratti dhukkuba salphaa hanga cimaatti kan dhaqqabsiisuu fi lubbuu illee dabarsuu kan danda'u dha.

🛑 Mallattoon dhibee kanaa maali?

Mallattoon dhibee Koronaa ho'ina qaamaa olaanaa, qufaasisuu, haxxiffachiisuu, ukkaamsuu fi yoo namarra ture immoo mallattoo michii sombaa kan agarsiisuu fi dhumarratti kalee hojiin ala taasisuun du'aaf kan saaxiluu dha.

🛑 Dhibeen kun akkamiin daddarba?

Dhibeen kun hafuuraan ykn qilleensaan nama dhibee kanaan qabame irraa gara nama fayyaatti haxxiffannaa fi qufaa'udhan kan daddarbuu fi osoo of-eeggannoo hin taasisin nama kanaan qabameef kunuunsa gochuufii ykn waltuttuqii taasisuudha.

🛑 Dhibee COVID-19 ittisuu fi to'achuuf hawaasarraa maaltu eegama?

Namoota waliin wal tuttuquu akkasumas harka walii kennuu dhiisuu, yeroo yeroon harka keenya saamunaa fi bishaaniin sirritti dhiqachuu, ijaa fi afaan harkaan tuttuquu dhiisuu, yeroo haxxifatan yookan qufa'an afaanii fi funyaan sooftii / irree harka keenyaan haguuguu dha.

📞 Odeeffannoo dabalataaf toora bilbila bilisaa 8335, yookaan lakkoofsa bilbila idilee 0118276796 bilbiluun argachuu dandeessu.

abc News

13 Mar, 16:37


Vaayrasii koronaa akkamiin ofirraa ittisuu dandeenyaa?

Harka keenya saamunaa fi bishaan qulqulluun dhiqachuu.
Harka hin dhiqamiiniin ija keenya, afaan keenyaa fi funyaan keenya tuttuqquu dhiisuu.
Nama dhukkuba kanaan qabametti baay’ee siquu dhiisuu.
Yoo dhukkubsanne, yoo qufaanu yoo argame haguuggii afaanii godhachuu, yoo sun dhabame ammoo afaan keenyaa fi funyaan keenya huccuudhan haguugnee qufa’uu.

abc News

07 Mar, 15:22


Koronaavaayiraasii: Xaaliyaanitti lakkoofsi namoota du'anii 200tti dhiyaate

https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51780701

abc News

07 Mar, 10:09


Awwaannisni Arsii fi Baalee keessa bashannanaa jiraachuu odeeffannoon nu gaheera. Yeroo ammaaa kana Hawaasa naannoo sanaa irraa akka dhageenyetti Qaamni ittisa gochaa jiru tokkos hin jiru jedhameera.

abc News

06 Mar, 14:44


Vaayrasiin Kooroonaa [COVID-19] Biyyoota Afriikaa keessatti,

- Algeria 17
- Senegal 4
- Egypt 3
- Morocco 2
- Nigeria 1
- Tunisia 1
- South Africa 1
- Cameroon 1

Kabajamtoota Hordoftoota keenya, Addunyaa Guutuu irraa hanga yeroo ammaatti namootni 100,000 ol Vaayrasii Kooroonaatiin kan qabaman yoo ta'u, Namoonni Yaarasii kanaan du'an 3,408 gahanii jiru.