JIREENYA KAAYYOON @jirenyaa Channel on Telegram

JIREENYA KAAYYOON

@jirenyaa


Jireenya ofi akkataa kaayyoo ofitti gaggefachuuf kan nama barsiisudha!

JIREENYA KAAYYOON (Amharic)

ጂሬንያ እናቆርቅ: በቀን ውስጥ ከሚቀነጥቡ የቴሌግራም አመቻችን ታሪኩን እና ተዋናይተነሽን መልክትና ሕንጻዊ ቅሬታዎች መጥተናል፡፡ ጂሬንያ እናቆርቅ በአንድ በትክክለኛ በሚገለጹ ጊዜ፣ ከእኔና ከሌሎች ቴሌግራም ቅሬታዎች ጋር ሁሉንም የቴሌግራም አዝን ከማያውቁ ሁሉ እንዳስቡ፣ ከሌሎች እንኳን እንመለከት የአማርኛ እና ብሄራዊ ቋንቋዎች እንጠራ፡፡

JIREENYA KAAYYOON

27 Nov, 10:53


Channel photo updated

JIREENYA KAAYYOON

13 Nov, 09:30


Dogs warri isin jala darbee kanus akka isin jala hin darbineef ammuma eegala

JIREENYA KAAYYOON

13 Nov, 09:29


https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=lCxS8l6d
LFG!
PAWS is the new top dog! 🐾

JIREENYA KAAYYOON

12 Sep, 18:40


#Mee kitaaba As a Man Thinketh Jedhu kan James Alleniin Barraa'ee keessa wantoota murteessoo ta'an isinii qooda na caqasaa!
"Qabiyyee kitaaba kana  inni guddaan Waa'ee Humna Yaadaati! yaadni dhiibba Gita hin qabne jireenya keenya keessatti Akka qabu addeessaa James Allen! cuunfaa kitaabicha kunooti itti dhiyaadha!

1.Ati waanuma yaadedha!
"jireenyikee har'aa waan kaleessa ati yaaddedha,jireenyikee borii waan ati har'aa yaada jirtudha jechuudgaan eegala!jireenyakee ijjiiruu yoo barbaadde,yaadakee jijjiiruurra jalqabuu qabda.hojii nama kamuu firee yaada isaa keessa jirurraa eegala! Yaada gaariniif qajeelaan bu'aa gadhee akkuma nuuf hin kennine, yaadni gadheenis bu'aa gaarii nuun hin kennu dhaaama kitaabichi!

2.Sammuukee akka Oyiruuti!
Sammuu keenya ooyiruu ykn lafa qonnaa wajjin Akka walfakkaatu dubbata barreessaan kun! filannoo keenya sammuu keenya misoomsine itti fayyadamuu ykn doomsinee itti miidhamuudha!yoo sanyii miidhagaadhaafi gaarii ta'e ooyiruu keenya keessa hin facaasnu ta'e ooyiruu keenya ofiimasa waan faayidaa hin qabnee( useless) ta'an Akka oomishuu hima! ooyiruun sanyii gaariif hin taanee mandheef giddugala aramaaf shofotaa ta'a!

3.Ati Haalotaan hin daangefamtu!
"haalota alakeenyaatin hin hoogganamuuraa, kanaa mannaa yaada keessa keenyaatiin Akka hoogganamnu dhaamaa!naannoo keenya maaliyyuu yoo ta'ee deebii sirrii deebifnu qabaachuutu nurra jiraata!deebiin gaariin immoo wantoota murteessoo ta'anirratti Akka xiyyeeffanuuf karaa nuu saaqaa, gaafa wantoota murteesso ta'anirratti xiyyeeffannuu jireenya keessatti mo'ataa taana jedha barreessichi!

4.Walsimiinsa yaada fi Tarkaanfii
"Yaadni qofti ga'aa Akka hin taaneefi tarkaanfii hojiitiin masakamuu qabaa addeessa james Alleen! yaadni tuqaa jalqabbiiti jedha barreessichi.yaada keenya tarkaanfii hojii sirriidhaan hin dabaalluu taanaan,milkii wajjin Akka karaaf gabaa wal Jala darbu akka ta'e dubbata! akkuma Alleen jedhu yaadnu tarkaanfii hojiitiin hin masakamnee hojii miidhagina waraqaa( paper tiger) isa ta'ee hafa! yaadakee tarkaanfiidhaan hojiitiin masakii milkoominni sitti dhiyyaata!
@Abu

JIREENYA KAAYYOON

12 Sep, 18:40


Bilisummaa Sammuu!

GORSA QAJEELTOO MILKAA'INA JIREENYAA:
1. Eessaan dhufe, Eessattin deema,
Maaliifin uumamee bari.
2. Seera uumaa (natural law) kabaji.
3. Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, haqaan hojjedhu.
4. Amala gaarii, namooma, amanamummaa, naamusa kkf qabaadhu.
5. Jibba dhala namaa kamuu ofirraa balleessi.
6. Nama miidhuu irraa fagaadhu
7. Karaa qaxxaamuraa fi daba cubbuu irraa fagaadhu.
8. Amantii qabaadhu, Rabbi kadhachaa sodaadhu
9. Haadhaa fi abbaa, maatii keetiif tola oolii gammachiisi.
10. Hiriyaa gaarii filadhu
11. Mul'ata qabaadhu
12. Baradhu, barreessi, dubbisi, beekkumsa horadhu.
13. Hanga duututti barataa ta'i.
14. Dubbachuu fi hojjechuu dura hubachuu bari.
15. Jaarsolii fi Manguddoo irraa beekkumsa argadhu.
16. Du'a akka hin oolle yaadadhu.
17. Taa'uu hin baay'isin sochoo'i, deemii dalagi.
18. Nama qormaata irra furmaata; Boo'icha irra moo'icha irratti xiyyeeffadhu.
19. Waan dabre yaadachaa hin oolinii dhiisi fuuldura ilaali.
20. Keessummaa ykn nama hayyuu waliin haasa'i irraa baradhu
21. Seenaa namoota gaggaarii fi milkaa'anii dabranii dubbisi.
22. Gufuu si mudatu osoo hin dhiphatin akka carratti fayyadami; kufaatiif harka hin kennin obsi.
23. Oduu dhaggeeffachuu fi Miidiyaa hawaasummaa online baay'isin.
24. Namoota si caalan irraa baradhu malee itti hin hinaafin.
25. Namoota gowwaa, hamaa, jibbaa, hinaafaa, haasida, fakkeessaa, sobaa, abdi kutataa kkf irraa fagaadhu.
26. Hedduu dubbachuu hin baay'isin
27. Waan namni akka siif tahu feetu dursii namaaf tahi.
28. Qorichoota si macheessan dhaabi
29. Halkan yeroon (sa'aa 3 - 4) hirriiba rafi
30. Ganamaan dammaqi
31. Ispoortii hojjedhu
32. Nyaata gosaa (kudraa fi mudraa baay'isi; cooma, soogiddaafi sukkara hir'isi) fi hamma isaa hanga danda’ame madaalii nyaadhu.
33. Namootaaf dhiifama gochuu aadeffadhu, araaramaa fi waliigalaa ta'i.
34. Miira dorgommii fi naman caalaa ofirraa balleessi.
35. Fedhii, hawwii fi miira kee daangeffadhu.
36. Fudhataa osoo hin taane kennataa ta'uun beekkami. Nama rakkataa gargaarii arjaa ta'i.
37. Waan fedhii itti hin qabne hin hojjetin
38. Waan dhala namaa fayyaduu fi yoomuu itti yaadatamtu dalagi.
39. Yoomuu hin boonin, of hin tuulin, fiinxaalessa hin ta'in dhala namaaf jiddugaleessa ta'i.
40. Ofii gaarii ta'ii "Cubbuu fi Irbuu" irraa fagaadhu.

Horaa bulaa deebanaa
Baŕreessaa: Anwar Ahmed
Via Shamil N Mohammed

erga koo

Bilisummaa sammuu keetii; Dabarsitee namaaf hin kenniin.Gaafa bilisummaa sammuu keetii dabarsitee namaaf kennite, Ati nama osoo hin taane,meeshaadha! Qaama biraatiin to'atamta!

Addunyaan kun ilma namaatiif qixa kennamte.Qixaan itti gargaarami.Gatiin kee siin haa madaalamu.Bara jireenyaa kee burjaajiin hin dabarsiin.Of ta'ii jiraadhu.Ati nama guutuu taatee dhalannaan; nama guutuu ta'ii jiraadhu.
Yoo jaallattan #Share #like #Comment

JIREENYA KAAYYOON

29 Jul, 09:35


Channel created