Jimmaa,Guraandhala 25/2017(WKMJ)
Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti waltajjiin marii hubannoo uumuu haaromsa Aadaa Oromoo irratti hojjettoota Mootummaa waliin gageeffamaa jira.
Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa obbo Waasee Girmaa haasawaa taasisaniin barbaachisummaan haaromsa aadaa yemmuu ka'u bakka itti namni kamiyyuu ilaalchaafi fedhii dhuunfaas ta'ee garee qabu qabatee tokkummaan dhaabbachuu itti danda'u, duudhaa fi safuu Oromoo ganamaa bakkatti deebisuuf waliin dhaabbannu akka ta'e hubatamuu akka qabu ibsaniiru. Hojjettoonni mootummaa ammoo dhimma kana bu'uurarraa jijjiiruun galma barbaadame milkeessuuf qaama isa murteessaa waan taa'aniif dhimma haaromsa aadaa irratti hubannoo qabaachuun murteessaa ta'uu eeraniiru. Galma ga'iinsa isaafis tumsuu akka qaban kaasaniiru.
Ittigaafatamaan Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa magaalichaa obbo Tiijjaanii Mohammad barreeffama ka'umsa mariif qophaa'e dhiheessaniin, aadaan ibsituu eenyummaa saba tokkoo ta'uu isaatiin wal qabatee duudhaa, safuu, diinagdee, siyaasaafi falaasama jiruuf jireenya sabichaa ta'ee kan itti fufu waan ta'eef barsiifata badaa fi boodatti hafoo ta'an maqsinee aadaa tarkaanfataa gabbifachuun qabeenya dilbii hawaasichaa sirnaan fayyadamuun gara diinagdeetti jijjiiruuf of qopheessuu qabna jedhaniiru.
Kominikeeshinii Magaalaa Jimmaa