#Ministeera Barnootaa
Ministeerri Barnootaa barattoota yunivarsiitiif safartuu nyaata guyyaa guyyaa fooyya’e waliin walsimuun menu nyaataa sadarkaa isaa eeggate qopheesse jedha.
Muddee 1/2017 irraa eegalee baasii nyaataa guyyaa guyyaan barattoota yunivarsiitii Birrii 100.00 (Birrii dhibba tokko) akka ta’u murtaa’uun isaa ni beekama. Ministeerri Barnootaa menu nyaataa barattoota yunivarsiitii dhaabbilee hunda keessatti walsimaa taasifamaa akka jiru ibsuu isaa dagatamuu hin qabu jedhu.
Ministeerichi safartuu nyaataa guyyaa guyyaa fooyya’ee barattoota yunivarsiitiif qophaa’e qopheessee yunivarsiitiiwwan mootummaa hundaaf ergeera jedha.
Menuun nyaataa akkaataa ulaagaa xiqqaa ta’een kan qophaa’u yoo ta’u; Ministeerichi haala dhaabbileen keessa jiran tilmaama keessa galchuun barattuu tokkoof baasii torbanitti Birrii 700.00 (Birrii Dhibba Torba) caalu akka hin qabne ibseera.
Gatiin guyyaa Birrii 100.00 (Dhibba Tokko) yoo ta'u, menu ciree, laaqanaa fi irbaata dhaabbilee hunda bal'inaan ibsameera.