آخرین پست‌های Arsi Communication Office (@arsicommunication) در تلگرام

پست‌های تلگرام Arsi Communication Office

Arsi Communication Office
3,192 مشترک
5,770 عکس
56 ویدیو
آخرین به‌روزرسانی 01.03.2025 08:52

کانال‌های مشابه

Elias Kasa Legal Service.
14,517 مشترک
Oromia Industrial Parks
2,977 مشترک

آخرین محتوای به اشتراک گذاشته شده توسط Arsi Communication Office در تلگرام


Dubartootni hojiilee misoomaa, hawaasummaafi siyaasaa keessatti hirmaannaa cimaa taasisuun imala badhaadhinaa dhugoomsuuf gahee isaanii bahachaa jiru.

Godina Arsiitti leenjiin dandeettii raawwachiisummaafi gahuumsa dubartoota cimsuurratti xiyyeeffate kenname.

Leenjichi qindeessummaa Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii godina Arsiifi Bulchiinsa magaalaa Asallaatiin kan qophaa'e yommuu ta'u dubartoota adda duroota aanaalee,sekteraaleefi magaalaa Asallaa hirmaachiseef kennameera.

Leenjichi mata duree "Kalaqaafi Gaggeessummaa jedhurratti Barsiisota Yuunivarsiitii Arsiitiin kennameera.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Dargaggootni humna jijjiiramaa imala guddina biyyaa saffisiisudha.

Godina Arsiitti leenjiin dandeettii raawwachiisummaa dargaggootaa cimsuurratti xiyyeeffate gaggeeffamuu eegale.

Qindeessummaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii godina Arsiitiin leenjiin dandeeettii raawwachiisummaa dargaggootaa cimsuurratti xiyyeeffate hoggansa jaarmiyaalee dargaggootaafi dargaggoota adda dureetiif kennamuu eegaleera.

Ittigaafatamaan Waajjira Dargaggoofi Ispoortii godina Arsii Obbo Kamaal Huseen leenjichi dandeettii raawwachiisummaa dargaggootaa cimsuun qabsoo imala guddina biyyaa gaggeeffamu keessatti hirmaannaa gita hin qabne akka taasisan gochuudha jedhan.

Injifannoo gama siyaasaatiin argame gama diinagdeetiin akka dabalamu gochuuf dargaggootni gahee isaaniirraa eegamu bahachuu akka qaban himan.

Nageenyi ittifufiinsa qabu akka jiraatu gochuun jijjiiramaa aarsaa isaatiin argate tumsuun imala badhaadhinaa eegalame milkeessuuf hojjachuu akka qabanis himaniiru.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa godina Arsiitti Ittigaafatamaan Siyaasaa Obbo Jamaal Gannaalee leenjiichi humna,dandeettiifi gahuumsi dargaggootaa akka dabalu gochuun karoora Arsii galaana hoggansa badhaadhinaa taasisuuf gaggeeffamu dhugoomsudhaa jedhan.

Dargaggootni leenjicha kennamu xiyyeeffannoon hordofuun hubannoo gahaa argachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Odeeffannoo Ispoortii!

Shaampiyoonaan Guutuu Aanaalee Godina Arsii 28ffaan Aanaa Heexosaa Magaalaa Itayyaatti gaggeeffamaa Jiruun dorgommiiwwan garagaraa xumura argatan.

Bu'uruma kanaan dorgommiiwwan ispoortii gosoota garagaraa xumura argataniin

#Atileetiksii Ida'ama Dhiiraan

Aaanaa Xiyoo Qabxii 154 ...................1ffaa
Aanaa Muunessaa Qabxii 60................2ffaa
Aanaa Leemmuufi Bilbiloo Qabxii 46......3ffaa

#Atileetiksii Ida'ama Dubaraan

Aanaa Xiyoo Qabxii 162...............1ffaa
Aanaa Muunessaa Qabxii 63........2ffaa
Magaalaa Boqqojjii Qabxii 52 .......3ffaa

#Atileetiksii Ida'ama Dhi +Dubaraan

Aanaa Xiyoo Qabxii 316..............1ffaa
Aanaa Muunessaa Qabxii 123 ....2ffaa
Magaalaa Boqqojjii Qabxii 81 .....3ffaa

#Teenisa Minjaalaa Dhiiraan

Aanaa Z/Dugdaa ....1ffaa
Aanaa Diksiis ...........2ffaa
Aanaa D/Xiijoo..... 3ffaa

#Paaraaolompiki

Fiigicha Gaggabaaboon

Aanaa Heexosaa ..1ffaa
Aanaa Gunaa .........2ffaa
Aanaa Sirkaa ..........3ffaa

Miidhama Miilaa CA

Aanaa Xiyoo........ 1ffaa
Aanaa L/Bilbiloo..2ffaa
Aanaa Roobee .....3ffaa

Miidhama Miilaa CB Dhiiraa

Aanaa Xiyoo ............1ffaa
Aanaa Gunaa ...........2ffaa
Aanaa M/Hurutaa....3ffaa

Miidhama Miilaa CB Dubaraa

Magaalaa Hurutaa .......1ffaa
Aanaa L/Bilbiloo ...........2ffaa
Aanaa Heexosaa............3ffaa

Miidhama Harkaa CG

Aanaa Suudee....1ffaa
Aanaa Gunaa......2ffaa
Aanaa Sirkaa .....3ffaa

Miidhama Harkaa C/Olii

Aanaa Martii........1ffaa
Aanaa Asakoo......2ffaa
Aanaa Sirkaa........3ffaa

#Ispoortii Kaaraatee

Dhiiraan

Aanaa Siree ...........1ffaa
Aanaa Martii...........2ffaa
Aanaa Doddotaa......3ffaa

Dubaraan

Aanaa Siree ................1ffaa
Magaalaa Dheeraa.......2ffaa
Aanaa Martii ...............3ffaa

#Ispoortii Warld Tikuwaandoo

Dhiiraan

Aanaa/L/Heexosaa ..........1ffaa
Aanaa Heexosaa ...............2ffaa
Magaalaa Boqqojjii.......... ..3ffaa

Dubaraan

Aanaa /L/Heexosaa.............1ffaa
Magaalaa Boqqojjii ...............2ffaa
Aanaa Roobee ..............3ffaa

Ida'ama Dhiiraafi Dubaraan

Aanaa L/Heexosaa ..............1ffaa
Aanaa Heexosaa....................2ffaa
Magaalaa Boqqojjii ................3ffaa

Dorgommichi gosoota Ispoortii birootiin itti fufee gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Ittigaafatamaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii godinichaa Obbo Kamaal Huseen irraa arganne ni mul'isa.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Bu'uralee misoomaa hawaasni gaafatuuf furmaata waaraa kennuun ittiquufinsa dabaluun cinaatti badhaadhinaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Bu'uralee misoomaa hawaasni gaafatuuf furmaata waaraa kennuun ittiquufinsa dabaluun cinaatti badhaadhinaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Godina Arsiitti gamaaggamni raawwii hojii pirojektoota buleeyyiifi haaraa gaggeeffame.

Gamaaggamni raawwii hojii pirojektota buleeyyiifi haaraa hoggantoota,ogeeyyiifi koree pirojektii sekteraalee godinichaa hirmaachise gaggeeffame.

Gabaasni raawwii hojii pirojektota hanga ammaa qooda fudhattoota wal tajjichaaf dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffame.

Pirojektiiwwan buleeyyiifi haaraa karoorfaman yeroon qulqullinaafi saffisaan raawwachuun tajaajilaa hawaasaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira.

Ittigaafatamaan Waajjira Maallaqaa godina Arsii Obbo Gishaa Kabbadaa baajatni pirojektotaaf qabame akka hin qisaasamneef hordoffiifi too'annaa ittifufiinsa qabuu taasisuun hojjatamaa jiraachuu himan.

Bulchaa Ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa godinichatti fayyadamummaa hawaasaa gama hundaan milkeessuuf gaafiiwwan misoomaa hundeerraa hiikuuf kutannoon hojjatamaa jira jedhan.

Bu'uruma kanaan bara baajatichaatti pirojektiiwwan buuleeyyiifi haaraa karoorfaman eegalamuun hojjatamaa jiraachuus himan.

Pirojektotni buuleyyiin sababa baajataafi turan muraasni xumuramuun tajaajilaaf kan qophaa'an yommuu ta'uu,kanneen hafaniifi haaraa eegalaman saffisaafi qulqullinaan hojjatamuun tajaajilaaf akka oolaniif hoggansiifi ogeeyyiin qindoominaan hojjachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=1000663

Tajaajila qulqulllinaa,qaqqabamaafi saffisa ta'e kennuun hawaasa fayya qabeessa horachuun galma badhaadhinaa dhugoomsuudha.

Hospitaala Boqojjiitti Xaannachi kiiloo giraama 11.2 tajaajila baqaqsanii yaaluutiin baafame.

Godina Arsii Hospitaala Boqojjiitti haadha umriin isaanii 45 ta'an ganna 5 oliif ulfaatina dabalataa hin barbaachifne baatanii waliin rakkachaa turan keessaa Xannachi kiiloo giraama 11.2 ulfaatu tajaajila baqaqsanii yaaluutiin baasuun danda'ameera.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=1000663

Godina Arsii Aanaa Digaluufi Xiijootti pirojektootni garagaraa 30 ol fayyadamummaa hawaasaa milkeessuu danda'an xiyyeeffannoon hojjatamaa jiru.

Bulchaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Lafaa Obbo Amiin Kamaal aanichatti bara kana Pirojektootni akaakuu garagaraa 30 baajaata mootummaa, hirmaannaa hawaasaafi bulchiinsa magaalotaatiin hojjatamaa jiraachuu himan.

Pirojektiiwwan bara baajatichaatti karoorfaman qulqullinaafi ariitiidhaan hojjatamaa kan jiran yommuu ta'u,pirojektotni buleeyyii sababa baajataatiif bulan xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'uus himan.

Pirojektiiwwan jalqabaman yeroofi qulqullinaan hojjatamuun tajaajilaa hawaasaaf akka olaaniif hordoffii cimaa taasisaa jiraachuus himan.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=1000663

Pirojektoota yeroo karoorfame keessatti qulqullinaafi ariitiin hojjachuun tajaajilaaf qaqqabsiisuun cinaatti ittiquufiinsa maamilaa dabaluun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjatamaa jira.

Godina Arsiitti bara kana pirojektoota buleeyyiifi haaraa 1054 ol hojjachuun tajaajilaaf banaa gochuuf hojjatamaa jira.

Bu'uruma kanaan Gorsaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Obbo Xilahuun Wadaraa,bulchaa ittaanaa godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa dabalatee hoggantootniifi koreen pirojektii aanaalee Leemmuufi Bilbiloo,bulchiinsa Magaalaa Boqojjiifi Digaluufi Xiijootti argamuun sosochii hojii pirojektootaafi ijaarsa waajjiraalee caasaa gandootaa daaw'ataniiru.,

Bulchaa Ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa godinichatti barana Pirojektotni 1054 ol baajata idilee,hirmaannaa hawaasaafi deeggarsa dhaabbilee garagaraatiin hojjatamaa jiraachuu himan.

Pirojektootni karoorfaman miiraa xiiqii,qulqullinaafi ariitii qabuun raawwatamuun tajaajilaaf akka qaqqabaniif sirni deeggarsaafi hordoffii ittifufiinsa qabu taasifamaa jiraachuus himan.

Kenni tajaajila gurmaa'iinsa caasaa haaraas karaa,qulqullinaafi haqaqabeessaa ta'e akka lafa qabatuuf ijaarsa waajjiraalee gandaa hirmaannaa hawaasaatiin ijaaraamaa jiruus sadarkaa abdachiisarratti kan argamu ta'uu himan.

Gorsaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Obbo Xilahuun Wadaraa gurmaa'iinsi haaraan rakkoo kenna tajaajilaa hambisuun ittiquufiinsa maamilaa dabaluu danda'uu ibsan.

Pirojektiiwwaan idileefi waajjiraalee sadarkaa gandoota aanaaleetti hojjatamaa jiran kenna tajaajila dabaluurra dabree rakkoo hawaasa diinagdee hawaasaa hiikuuf gahee olaaaa qabaachuus himan.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=1000663

Waldaan Misooma Oromiyaa Damee Arsii gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa caasaa sadarkaa aanaaleefi magaalotaa hirmaachise wajjiin gaggeesse.

Gamaaggamichaan gabaasa raawwii hojii baatiiwwan jahan dabranii hirmaattotaaf dhiyaate bu'ura gochuun hanqinootaafi ciminoota turan addaan baasuun ciminootni turan caalmaan akka ittifufaniifi hanqinootarratti xiyyeeffannoon akka hojjatamu kallattiin kaa'ameera.

Ittigaafatamaan Waldaa Misooma Oromiyaa damee godina Arsii Obbo Mulaatuu Jootee godinichatti baatiiwwan jahan dabranitti karoora qabame milkeessuuf caasaa sadarkaan jiru wajjiin qindoomina cimaa uumuun hojiin bu'aqabeesaa ta'e hojjatameera jedhan

Waldaan misooma Oromiyaa damee Arsiis dhaloota biyya boru hogganuu danda'u horachuu bira dabree hojiilee hawaas diinagdee garagaraarrattis hirmaachuun hojjachaa jiraachuu himan.

Waajjira Paartii Badhaadhina godina Arsiitti Ittigaafatamaan Siyaasaa Obbo Jamaal Gannaalee tarsiimoofi galma waldaa misooma Oromiyaa dhugoomsuun fayyadamummaa hawaasaa milkeessuuf hojiin hojjatamaa jiru jajjabeessaa ta'uu himan.

Horannaa miseensaa,wal tajjii idileetiin raawwii hojii qorachuu,muuxannoo hojii wal jijjiiruun imala waldichaa dachaan dabaluuf hojjatamuu akka qabu himan.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Gamtaan gurmaa'anii hojjachuun hiyyummaa seenaa gochuu bira dabree imala badhaadhinaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Yuuniyeeniin Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Gaalamaa yaa'ii Idilee 25ffaa bakka miseensotniifi hoggantootni sadarkaa gargaraa argamanitti gaggeesseera.

Bu'uruma kanaan yuuniyeenichi pirojektoota garagaraa qarshii miliyeena 138 oliin hojjachiise eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasiseera.

Kaappitaalli Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Gaalamaa yeroo ammaatti qarshii miliyeena 200 fi miliyeena 71 ol kan qabaachuun ibsame.

Ittigaafatamaan Ejensii Babal'ina Waldaa Hojii Gamtaa godina Arsii Aadam Sa'id godinichatti diinagdee yuuniyeenotaa dachaan akka dabaluu gochuun imala badhaadhinaa milkeessuuf hojjatamaa jiraachuu himan.

Mashinarootni galteewwan qonnaafi konkolaattota tajaajiloota adda addaafi oluu qabeenya yuuniyeenotaatiin bitaman tajaajila kennaa jiraachuufi mankuusaan xaa'oo kuntaala kuma 80 qabachuu danda'u ijaaramuun qisaasama maallaqaa mudachaa ture hambisuu danda'uus ibsaniiru.

Bulchaa ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa godinichatti saamichaafi qisaasamni qabeenyaa yuuniyeenota keessatti akka hin mudanneef sirna deeggarsaafi hordoffii qulqullina qabu taasisuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa daraan dabaluurratti xiyyeeffatamee hojjatamuu akka qabu himan.

Hogganaa Ittaanaan Ejensii Babal'ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Abarraa Abboosee naannichatti waldaalee bu'uraa kuma 20 ol hundaa'uun gamtaan gurmaa'anii hojjachaa jiraachuu himan.

Yuuniyeenotni diinagdeedhaan of danda'anii rakkoo furuu bira dabruun giddugalaa warshaalee ta'aa jiraachuus himan.

Yuuniyeenotni liqiiwwan waldaalee bu'uraafi namoota dhuunfaa biratti argaman deebisiisuun,qabeenya horachuun,diinagdee keessatti hirmaannaa hoo'aa taasisuun imala guddina biyyaa dhugoomsuuf caalmaan hojjatamuu akka qabus dhaaman.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=1000663

Waliin gahiinsa bishaanii babal'isuun tajaajila qulqullina qabu hawaasa biraan gahuuf hojjaamaa jira.

Waajjirri Bishaaniifi Inarjii godina Arsii gamaaggama raawwii hojii ji'oottan jahan dabranii caasaa aanaalee wajjiin gaggeessaa jira.

Gamaggama raawwii gaggeeffamaa jirurratti caasaan waajjira bishaanii,Albuudaafi Inarjii aanaaleefi Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala'aa magaalootaa hirmaataniiru.

Gagamaaggamichaan hanqinootaafi ciminoota raawwii hojii baatiiwwan jahan dabran keessatti raawwataman qorachuun kallattiin hojii ittaanuu kan kennamu ta'uun ibsame.

Bu'uruma kanaan gabaasni raawwii hojii aaneeleefi godinaa ji'oottan jahan dabraan hirmaattota wal tajjichaatiif dhiyaachuu irratti mari'atamaa jira.

Ittigaafatamaan Waajjira Bishaaniifi Inarjii godina Arsii godina Arsii Obbo Asnaaqaa Tasfaayee godinichatti waliigahiinsa bishanii dhugaatii babal'isuun tajaajila qulqullina qabu kennuun ittiquufiinsa maamilaa dabaluun fayyadamummaa hawaasaa milkeessuuf hojjatamaa jiraa jedhan.

Galiin albuudarraa galuu qisaasama malee karaa guutuu ta'een sassaabamuu akka qabus himaniiru.

Badhaadhina qabeenya uumamaa jiru maddoota galiitti jijjiiruun diinagdee biyyaas caalmaan akka dabaluu gochuuf hojjatamaa jiras jedhan.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391