Kabaja ayyaana turizimii adunyaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti yeroo 20ffaaf godina Arsii magaalaa Dheeraatti daaw'annaaa paarkii gaara Dilfaqar,nyaatni aadaa Oromoo Arsii akaakuu garagaraafi sirboota aadaatiin kabajameera.
Kantiibaan Magaalaa Guddattuu Dheeraa Obbo Nuuraa Huseen iddo magaalichi iddoowwan hawwata turizimii jahaa qabdu keessa tokko paarkii gaara Dilfaqar hawwata turistootaa ta'uu ibsan.
Paarkiin gaara Dilfaqar mukkeen,biqiltoota qorannoof olaan,bineensotaafi simbirroota gosa garagaraa heddu kan of keessa qabu ta'uus ibsan.
Ittigaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee godina Arsii Obbo Darajjee Abarraa turizimiin iddoo hawwattumaa qofa osoo hin taane madda galii diinagdee biyyaa guddisuun imala badhaadhinaa milkeessuu danda'uudha jedhan.
Hoggantuun Biiroo Aadaafi TurizimiiOromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu turizimiin guddina diinagdee,hawaasummaafi siyaasaa ta'uu bira dabree nageenya biyyaa mirkaneessuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhan.
Godinni Arsiis iddoowwan hawwata turizimii heddu kan qabduufi turistoota biyya alaafi keessaa keessummeessaa jiraachuus himan.
Odeeffannoo waktaawaa argachuuf
Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391