MEDIA HAQAA

@mediahaqaa


BAGA NAGAAN GARA CHANNEL @mediahaqaa NAGAAN DHUFTAN CHANNEL KUN ODEEFFANNOO WAYITAAWWAA KAN ISIN BIRAAN GAHUDHA

💬NU QUNNAMUUF💬
@MediaHaqaaDm

📚Odeeffannoo Barnootaaf📚
@MEDIA_HAQAA

💬BAKKA MARIIF💬
@BAKKA_MARII_MEDIA_HAQAA

MEDIA HAQAA

22 Oct, 10:26


Suuraa: Balaa ibiddaa 'Markaato Shamma Taraa' halkan edaa mudateen booda guyyaa har'a suuraa armaan olii irratti kan argitan kana fakkaata.

Balaan ibiddaa kun manneen qorqorroo fi konteenaroota irraa eegaluun, gara gamoo giddugalaa gabaa duraanii jedhutti kan ceehe yoo ta'u, kutaa gamoo gara tokko guutumatti miidhee jira

Hanga ammaatti miidhaan nama irra gahe hin jiru.

Balaa ibiddaa galgala edaa mudate hamaa ta'us, hammi miidhaa gahee hin ibsamne.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

22 Oct, 09:13


#BRICS+

Yaa’iin BRICS 16ffaan har’a Raashiyaatti eegala.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimad (Dr.) Yaa'ii kanarratti hirmaachuuf Kaazaan galaniiru.

Hogganaa Itoophiyaa dabalataatti:
- Pireezidaantii Yunaayitid Arab Emireets Sheek Mohaammad bin Zaayid Al Nahyaan,
- Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii,
- Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Raashiyaa magaalaa Kaazaan galaniiru.

Pireezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinping, akkasumas Pireezdaantiin Masrii Abdul Fattaah Al-Siisii, hoggantoonni biroo fi bakka bu’oonni biyyootaa gara Raashiyaa imalaa jiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

21 Oct, 17:43


"Ibiddi cimaadha; ammallee hin dhaamne; namoonni qabeenya isaanii guurataa jiru" - namoota bakka sanatti argaman irraa

Finfinnee naanno Markaatto "Shaama taraa" jedhamuun beekkamutti balaan ibiddaa mudateera.

Ibiddi kun daqiiqaa hedduu turus, to'achuun akka hin danda'amne miseensonni maatii keenya bakka balaan kun itti dhaqqabe jira himaniiru.

"Ibiddichi cimaadha. Bakka sanatti balaa ibiddaa to'achuuf tattaaffiin taasifamaa jiraatus, dhaamuu hin dandeenye. Hojjettoota balaa tasaa iddoo sana jiraniif gargaarsi barbaachisaadha, bishaan qofaan kan dhaamuu miti," jechuun himaniiru.

Itti dabaluunis, "Namoonni naannoo sana jiran ibiddi kun waan dhaama hin jirreef qabeenya isaanii achii fageessaa jiru," jedhaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

21 Oct, 07:25


Booranatti dubartiin haadha ijoollee sadii taate mukatti hidhamtee bakka ummanni dhaabbatee ilaalutti abbaa warraatiin reebamuun miidhaa cimaan irra gaheera.

Godina Boorana Bahaa aanaa Waacileetti dubartiin haadha ijoollee sadii lafa gabaatti mukatti hidhamtee abbaa warraasheetiin reebamtee midhaan cimaan irraa gahuun hospitaala seente jirti.

Irra caalaatti haleellaa kana sukaneessaa kan taasise ammoo murtiin kun jaarsoliidhaan ajajamee lafa gabaa bakka namni hedduun dhaabbatee ilaalutti reebichi hamaan yoo irratti raawwatamu viidiyoon miidiyaa hawaasa irratti mul’achuusaati.

Ulfaatinna jireenyaa irraa kan ka'e, abbaan manaa ishee horii dhabanii jennaan ijoollee isaa fi haadha warraasaa dhiisee raayyaa ittisa biyyaa seene. Naannoo waggaa afurii olii akka tures himu.

Erga achii deebi'ee boodas si’a hedduu waldhabbiin baayyatee jalaa baatee yeroo hedduu akka deebite maatiin miidhamtu kanaa himeera.

Boodarra rakkoon isaanii fooyya’iinsa dhabee jennaan jalaa baatee warra gosa abbaasheetti baqatte. Jaarrooleen Boorana wal dubbisanii dubbiikee manuma keetti siiqorra gali jedhaniin. Isheen ammoo na ajjeesa dubbii tana sirritti naaf ilaaltan malee hin galu jettee didde,” jedhu maatiin warra miidhamtu.

Jaarroliin dubbii kana ilaalan intalti dubbii jaarsaa fudhachuu waan diddeef mukatti hidhamtee akka reebamtu murteessan jedhameera.

Haati ijoollee kun garmalee miidhamuun mana yaala galuu dandeesse jirti.

Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa gocha gara jabinna irratti raawwatamee hadheeffatee balaalleeffate jira.

Qaamolee miidhaa suukkaneessaa kanarratti hirmaatan hunda irratti tarkaanfiin barsiisaan akka fudhatamuuf hojjatamaa jiraachus ibsameera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

19 Oct, 19:32


🙏Komii Dargaagootaa Salaalee Aanaa Warra jaarsoo.

Salaale Shawaa kaabaa Aanaa Warra jaarsooti Saamichii fi Hannii Daraan hammaatee jiraa Jedhu Jiraattonni

Muudama  Haaraa Aanaa Warra jaarsooti Taasifameen Hojjattoonni Qacaraman kun Samichaa fi Hanna daangaa hin qabnee Kan safuu fi dhageettii gurra namaatti hin tollee  ifaan ifaattii hojjachaa jiraachuu Jirattoonni Heeran.

Namoota Yakka Hannaa fi Samichaa irratii Boba'anii jiraan kana Seeraan Tarkaanfiin irratii fudhataamuu qabaas Jechuun Himan.

Kanaafuu Media Haqaa Gocha Badaa akka kanaa Balaaleffachaa Qamni Dhimmi ilaallatu Furmaata waaraa Akka kennu jenna.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

17 Oct, 13:29


Yakka seeraan alaan namoota deddeebisuun kanneen balleessaan hidhaa cimaa waggaa 25 gahuun adabaman

Kanneen yakka seeraan ala namoota deddeebisuun balleessaadha jedhamanii galmee 13'n himataman hidhaa cimaa waggaa tokkoo amma waggaa 25tti adabamaniiru.

Galmee himataa 13'n himatamanii murteen kan irratti kenname:-

- Takkaa W/Maariyam hidhaa cimaan waggaa 25 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 28, galmee himataa kan biraatiin ammoo hidhaa cimaa waggaa 16 fi baatii 6 ,

- Lammaa Tamaaroo hidhaa cimaa waggaa 10,

- Mallasee Kaahsaay hidhaa cimaa waggaa 11 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 76,

- Dammaqech Maagujii hidhaa waggaa 15 fi  adabbii maallaqaa birrii kuma 30,

- Simi’oon Tawaldee hidhaa waggaa 3 fi baatii 7 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 4 fi 500,

- Yohaannis Fissihaayyee hidhaa waggaa 5 fi baatii 7 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 7 fi 500,

- Haannaa Diinoo hidhaa waggaa 3 fi baatii 3 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 2 fi 500,

- Gargaaraa Saajin Mahaammad Ahimad hidhaa waggaa 6 fi adabbii maallaqaa birrii kuma8,

- G/Tinsaa’ee Hagos hidhaa cimaa waggaa 16 fi baatii 6 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 80,

- Abdul Shikur Yimaam hidhaa waggaa 10 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 11,

- Muhiddiin Amaan Mahaammad hidhaa waggaa 10 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 11,

- Abdulaziiz Raahimatoo Daanteeboo hidhaa waggaa 5 fi adabbii maallaqaa birrii kuma6,

- Zalaalam Birhaanuu hidhaa waggaa 5 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 3,

- Naardoos Haabtee Dabalee hidhaa waggaa 4 fi baatii 5 fi adabbii maallaqaaa birrii kuma 3 fi 500,

- Fireehiywoot Balaay Girmaa hidhaa waggaa 6 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 110, adabamanii jiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

16 Oct, 21:03


Kirkirri Lafaa finfinnee fi Naannawaa Ishiitti Muudate Rectal Iskeelii 4.6 Ta'uu Imame

@mediahaqaa