Etv Afaan Oromoo

@etvafaanoromoo1


Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:25


https://youtu.be/5djUckUhq3Q?feature=shared>

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:23


https://youtu.be/m-8nahdHVSg?feature=shared

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:23


https://youtu.be/uosfBHcV7Vk?feature=shared

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:22


Chaanaaliin ETV Afaan Oromoo eebbifame
********************
Tamsaasa yaalii adeemsisaa kan ture Caanaaliin ETV Afaan Oromoo hara’a eebbifame.

Chaanaalicha kan eebbisan Hogganaa Olaanaa EBC Obbe Geetinnat Taaddasaa, Waajjira Muummee Minisiraattii Qinedeessaa sirna dimookiraasii Doktar Biqilaa Hurrisaa, Hogganaa Olaanaa Aabbaa Taayitaa Biroodkaastii Itiyoophiyaa Obbo Mahaammad Idirisi fi keessummoota kabajaa birooti.

Chaanaaliich sochiiwwn aadaa, diinagdee, hawaasumma, siyaasa naannoo Oromiyaa keessa jiran kan daawwattoota biraan gahuudha.

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:22


Sirni Eebba Chaanaalii Etv Afaan Oromoo gaggeeffamaa jira
***

Sirni Eebba Chaanaalii Etv Afaan Oromoo sirnoota gara garaatiin gaggeeffamaa jira.

Koorporeeshiniin Biroodkaastiingii Itiyoophiyaa mata duree "EBC Gara Qabiyyeetti" jedhuun hojiilee rifoormii gara garaa hojjataa jiru keessa hojiin rifoormii Chaanaalii Afaan Oromoo isa tokkoodha.

Chaanaaliin ETV Afaan Oromoo banamuun isaa guddina miidiyaa Oromootiif gumaacha guddaa qabaachuu bira darbee, sochiiwwan aadaa, dinagdee, hawaasummaa fi siyaasa naannichaa, akkasumas qabeenya naannoon Oromiyaa gama turiizimii fi dameewwan birootiin qabdu addunyaa biraan gahuuf gumaacha olaana qaba.

Sirnicha irratti Pirezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa fi Walitti qabaa Gumii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, akkasumas Wajjira Ministira Muummeetti Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Biqilaa Hurrisaa (PhD), akkasumas gaazexessitoonni, Artistoonnii fi Keessummoonni biroo argamaniiru.

Heeraan Silashiitu gabaase

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:21


Eebbi ETV Afaan Oromoo daqiiqawwan ፡ muraasa ፡ booda ni jaqaba. Keessummoonni seenaa jiru.

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:21


EEBBAA CHAANAALII ETV AFAAN OROMOO

Koorpooreeshiniin Biroodkastiingii Itoophiyaa Riifoormii dhaabbataa gaggeessaa jiruun jijjiirama qabiyyee fi dhiyeessaa bal'aa taasisaa jira. Hojiilee riifoormii kanneen keessaa Fulbaana 1 bara 2017 irraa eegalee Fiilmii "FIQIR ISKEMEQAABIR" kennaadhaan dhiyeessee jira. 'EBC gara Qabiyyeetti' ejjennoo jedhuun jijjiiramni qabiyyeerratti eegales cimee itti fufuun torbanoota muraasa darban keessatti qophiilee "YEZAAREEYITUU ITOOPHIYAA," "NAGEEN ZAAREE" fi "HA SOOSTAA" mat-duree jedhamaniin dhiyaatan seenessa biyyaalessaa ijaaruu irratti kan xiyyeeffatan daaw'attootaan ga'uu eegalee jira.

Koorpooreeshinichi riifoormii qabiyyee cimsee itti fufuun Chaanaalii Afaanotaa irratti sa'aatii tamsaasaa wal-hanqate qorannoon adda baasuun Afaanota caalaatti dhaqqabummaa  ummataa nuu mirkaneessan sadarkaa Chaanaaliitti guddisuuf hojii bal'aa hojjetaa tureera.

Koorpooreeshinii Biroodkastiingii Itoophiyaa

https://web.facebook.com/share/p/15KCsBmrba/

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:21


የኢቲቪ አፋን ኦሮሞ ቻናል ምረቃ

የኢትዮጵያ ብሮድካስቲንግ ኮርፖሬሽን በያዘው ተቋማዊ ሪፎርም ሰፋፊ የይዘት እና የአቀራረብ ማሻሻያ ስራዎች በማከናወን ላይ ይገኛል። ከእነዚህ የሪፎርም ስራዎች መካከል ከመስከረም 1 ቀን 2017 ዓ.ም ጀምሮ የ''ፍቅር እስከ መቃብር'' ፊልምን ለኢትዮጵያ ህዝብ በስጦታነት አበርክቷል፡፡

ኢቢሲ ወደ ይዘት በሚል መርህ የጀመረው የይዘት ለውጥ ተጠናክሮ ቀጥሎም ባለፉት ጥቂት ሳምንታት ''የዛሬይቱ ኢትዮጵያ - ነገን ዛሬ'' እና ‘’ሀ ሶስታ’’ በሚል ርዕስ የተዘጋጁ በሀገራዊ ትርክት ግንባታ ላይ ትኩረት ያደረጉ ፕሮግራሞችን ለተመልካቹ ማድረስ ጀምሯል፡፡

ኮርፖሬሽኑ የይዘት ሪፎርሙን አጠናክሮ በመቀጠል በኢቲቪ ቋንቋዎች ቻናል ያለውን የተጣበበ የስርጭት ሰዓት በጥናት በመለየት ወደ ሕብረተሰቡ በስፋት ተደራሽ የሚያደርጉትን ቋንቋዎች ወደ ቻናል ለማሳደግ ሰፊ ሥራ ሲሰራ ቆይቷል፡፡ በዚህም ኮርፖሬሽኑ የኢቲቪ አፋን ኦሮሞ ቻናልን ቅድሚያ ሰጥቶ ስርጭት እንዲጀምር በማድረግ በሙከራ ስርጭት ላይ ቆይቷል፡፡

የኢቲቪ አፋን ኦሮሞ ቻናል ለቋንቋው ተናጋሪ ህዝብ ስለኢትዮጵያ የሚናገር ብዝሃነትን ያከበረች፣ ጠንካራ እና አንድነቷ የተጠበቀች ኢትዮጵያ እንድትገነባ የሚሰራ ቻናል ነው። ከዚህ በተጨማሪም በኦሮሚያ ክልል ያሉትን ባህላዊ፣ ኢኮኖሚያዊ፣ ማህበራዊ እና ፖለቲካዊ እንቅስቃሴዎች እንዲሁም የክልሉን እምቅ አቅም እና የቱሪስት መስህቦች ለኢትዮጵያውያን ብሎም ለዓለም ለማድረስ የሚሰራ ህዝብ የሚናገርበት ቻናል ይሆናል፡፡
https://web.facebook.com/EBCzena/posts/pfbid0pffMg2SBmWBPaXiHw3EVc2kxRWugesxL5YpeZuW6u6mQFvxjk2Tun3vrUbZ7f1Rtl

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:21


https://youtu.be/8lX9O1LeQNc?feature=shared

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:20


Muummeen Ministiraa Abiyyi Ahimad guyyaa har’aa ministirootaf muudama kennan. Haaluma kanaan:-
1. Geediyoon Timootiwoos (PhD) – Ministira Haajaa Alaa
2. Aadde Salaamawit Kaasaa – Ministira Turiizimii
3. Aadde Haanna Ara’ayaasillaasee – Ministira Haqaa
ta’anii muudamuu isaanii odeeffannoon waajjira Muummee Ministiraa irraa argame ni agarsiisa.

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:19


https://youtu.be/RlKpwBSm3nE?feature=shared

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:19


“Nageenyaa bakkee guddaa kenninee nagaa buusne”- Abbaa Gadaa Yaa’a Hawwaxxuu Adii Jaldeessaa
*******

Gadaan Nageenya. Nageenyi bakka hin jirretti bahanii galuun, hormaataa fi bultumaanis jeequmsa keessa seenama. Kanaaf bara Gadooma keenyaatti nageenyaaf bakka guddaa kenninee Boorana nagoomsinee jedhu Abbaan Gadaa Yaa’a Hawwaxxuu Adii Jaldeessaa.

Jilli Aadaa Odaa Buluu Ayyaana digdamii torban Gadaa Booranaa Godina Boorana Bahaa Aanaa Areerootti raawwatamaa jira.

Jila kana keessatti dhiironni dongoraa muruu, quncee quncisuu fi dongoruun yoo hirmaatan, dubartootni dagalee, buuyyoo fi ijaarsa galmaa irraati qooda fudhatu.

Sirni Odaa Buluu milkii Oromootiif waaqa kadhachuu waan ta’eef irraa hin hafamu kan jedhan Abbaa Gadaa Yaa’a Koonnituu Boruu Diimaati.

Jilti odaa buluu obbaatii Gadoomaa irratti kan geggeeffaamu ta’ee, barri Gadaa itti aanu kan milkii, Hormaataa fi bultuma dansaa akka ta’u waaqa kadhachuudha.
namni tokko dhalatee gulantaalee sirna gadaa keessa hulluuqee Gadooma. Obsa, ulfinaa fi hariiroo namaa fi waaqa gidduu jiru sirna kana keessatti barachaa guddata. Jireenya keessatti wal dhabdeen uumamuu mala, cubbuu dalaguunis ni jiraata. Haaloo garaatti qabatanii waaqa hin kadhatan. Araara waaqaa kadhachuuf dogongora jireenya keessatti dalagan dhiifama gaafachuun aadaadha. Kanaaf waggaa saddeeti keessatti yeroo tokko odaa bulan jedhu Jaarsi Kosii Godaanaa Ukkaa, Qaalluun Gardeejaa Dooyyoo Diidoo fi Hayyuun Gardeejaa Maxxaarrii Jaatanii Galgaloo.

Odaa buluun duratti Ardaa lafa dhahaa bulanii bacbacii qalan. Jila odaatti Galmoota lamatu ijaarama. Galma Abbaa Gadaa fi Galma Jaarsa kosiiti. Galmi jaarsa kosii guyyaa tokkotti ijaaramee xumurama, kan Abbaa Gadaa guyyaa 27f ijaarama.

Tasfaayee Addamaatu gabaase

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:19


Xaa’oo uumamaa kompoostii idilee meetir kiyuubii miliyoona 250 fi kompoostii raammoo kuntaala miliyoona Afurii ol qopheessuuf karoorfamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise
********

Sosochiin duula qophii xaa'oo uumamaa Onkoloolessa 7 hanga Sadasa 30 turu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada'aatti Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuutiinn jalqabsiifame.

Naannoo Oromiyaatti xaa’oo uumamaa kompostii meetir kiyuubii miliyoona 250 akkasumas kompoostii idilee kuntaala miliyoona 4 ol qopheessuuf karoorfamuu Biiroon Qonna naannichaa beeksiseera.

Xaa’oon uumamaa fayyummaa biyyee eeguu bira darbee asiidummaas kan hir'isu, akkasumas oomisha fi oomishtummaa baasii xiqqaan kan dabalu ta'uudha kan himame.

Qonnaan bultoonnis gama isaaniin, xaa’oo uumamaa fayyadamuu erga jalqabanii as, lafti qonnaa isaanii kan gabbate ta'u himuun oomishni argatanis gammachiisaa ta'uu himaniiru.

Heeraan Silashiitu gabaase

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:18


Konfransiin Waggaa Waldaa Abbootii Seeraa Paan Afrikaa 14 ffaan Finfinnee Gamtaa Afrikaatti Taa'ame
***

Waldaan Abbootii seeraa Paan Afrikaa olaantummaa seeraa fi fayyadamummaa dinagdee lammiilee Afrikaa mirkaneessuuf hojjataa jiraachuu waldichi beeksiseera.

Pirezidaantiin Waldaa Abbootii seeraa paan Afrikaa Kaarii Abduul, waldichi bulchiinsi gaariin biyyoota Afrikaa keessa akka jiraatuuf ni hojjata jedhan.

Ardittiin dhiibbaa gama dinagdee fi siyaasaan jiru akka dandamattuuf kan hojjatu ta'uus himaniiru.

Pirezidaantii Itti Aanaan Waldaa abbootii seeraa Afrikaa bahaa Teediroos Getaachoo
Itiyoophiyaan dhalachuu gamtaa Afrikaaf bu'ura ta'uu himaniiru.

Ministirri Haqaa Geediyoon Ximootiwoos, waldaa abbootii seeraa itiyoophiyaatti hundaa'ee teessoo dhaabbii akka taasifachuu qabu hubachiisanii mootummaan Itiyoophiyaa gama maraan akka waldicha deeggaru himaniiru.

Saxxoo Tashoomaatu gabaase

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:17


https://youtu.be/D3qHDJRrXqg?feature=shared

Etv Afaan Oromoo

21 Jan, 00:17


Siimpooziyeemiin duula imaammata nagaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaarratti xiyyeeffate eegalame
****

Siimpooziyeemicha irratti bakka buutonni dhaabbilee siivilii fi qorattoonni damichaa gara garaarraa argamuun irratti hirmaatan.

Waltajjichaan utubaaleen imaammata nagaa fi tasgabbii gaanfa Afrikaa adda bahuun irratti kan mari'atamu ta'a.

Dhaabbata 'American Friends'tti qindessaa sagantaa imaammataa kan ta'an Yihun Birihanamasqal kaayyoon sagantichaa rakkoolee Afrikaa gama maraan mul'atan furuun ardii hundaaf mijattu taasisuuf kan kaayyeffatedha jedhan.

Simpooziyeemichi utubaalee imaammata nagaa fi tasgabbii kanneen ta'an hammattummaa fi hojiilee ragaarratti hundaa'anirratti xiyyeeffachuun haqa waaraa fiduurratti hojjachuuf kan gargaarudha jedhameera.

Muktaar Abdallaatu gabaase