ABDII SABAA

@abdii_sabaa


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdiisabaa

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

ABDII SABAA (Amharic)

ሰላም እንዴት ነህ? እርስዎ በመተንፈስ ሲሠሩ አብዴትን ታነፋው በማንኛውም ስራ ከእናንተ ጋር ለመጠን ሶስት አመታት ነው. 'ABDII SABAA' በሄድን እና በፊት ፕሮሙን የጠቀሰው ሞባይል ነው. የተቀረበው መረጃ ፋላማው፣ @abdii_sabaa ማግኘት ለማለት የመጀመሪያውን የገንዘብ ፖለቲከተር ከሞባይል ከጋራ የተገኘበትን ትክክለኛ ስነ-ምልት በመጪው ቀላል ማቅረብ እና አዘርጋለሁ. ልናሳሳውን ወይም ልናስው የመፍታትን መረጃ ለመታየት እና በፍጥነት የቀዳም ማግኘት ከሰፋት በፊት ማውረድ ወዳለው በእርሶ ያስተምራል. ወደሃገራችን ደግሞ በ '@AbdiisabaaDm' ላይ ይምረጡና መዝረጥ የሚፈትም ስልጠና እንጠቀማለን. በሁሉም መረጃዎች እና ትክክለኛ ፕሮሙን ከታክሲ አውደም ማመን እንገባለን. በአድራሻችን ለ '@Abdiisabaa' እና '@Garee_Abdii_Sabaa' ላይ ንግግር ያስነሳል።

ABDII SABAA

21 Jan, 00:25


Ramaddiin Yuunivarsitii barattoota qormaata biyyaalessaa darbanii ganama harraa karaa @moestudentbot barattoonni ilaallachaa akka turan odeeffanneerra.

Haa ta’u malee yeroo ammaa kana dalagaa hin jiru.

Ministeerri barnootaa gama isaatiin ramaddiin yeroo dhihootti akka ifoomu beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:25


Gaazexeessaa OBN kan turan Firaa’ol Taaddasaa dhibee tasaan du’aan addunyaa kanarraa boqochuu ibsameera.

Gaazexeessaa Firaa'ol Taaddasaa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullalleetti dhalatee guddate.

Barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa achumatti kan barate yoo ta'u sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Fiichee Sadarkaa 2ffaatti barate.

Yuunivarsiitii Finfinneetti digirii jalqabaan gosa barnoota 'Sociology' barate.

Digirii jalqabaa kan biroo Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinoolojii Adaamaarraa Siivil Injinariingii barateera.

Bara 2000-2002'tti Faanaa Biroodkaastiingi Korporeet keessatti hojii gaazexeessummaan qacaramee hojjetaa ture.

Qophiilee inni hojjetaa ture keessaa qophii Daawwitii, gaaffiifi deebii, fayyaan faayaa, gumaata egereefi kanneen biroo qophiilee jaalatamoo turani.

Bara 2002 FBC gadhiisuun dhaabbata Piroomooshinii Faayaa jedhamu keessa qacaramuun hojjetaa ture.

Sana booda Oromiyaa Biroodkaastiing Neetwoorkitti qacaramuun gita adda addaarra hojjetaa ture.

Gaazexeessaa Firaa'ol Taaddasaa dhibee tasaan addunyaa kanarraa darbeera.

Faanaa Biroodkaastiingi Korporeet maatii, Firoottanii fi hiriyoota isaaf jajjabina hawwa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:25


Qabxiin seensa sagantaa leenjii Teeknikaa fi Ogummaa bara 2017 ifoomeera.

Qabxiin seensaa kun barattoota bara 2016 qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa fudhatanii bara 2017 sagantaa leenjii Teeknikaa fi Ogummaan barachuu barbaadaniif kan tajaajilu yoo ta’u,barattoonni qormaata biyyaaleessaa 12ffaa bara barnootaa 2016 dura fudhatanii bara kana barachuu barbaadaan qabxii seensaa akkaatuma ulaagaa baricha kaa’ameen kan keessummeeffaman ta’uu ibsameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:23


Humni Qilleensaa haleellaa kallattii kamiiyyuu qolachuu danda'u ijaaramuu Ajejaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsan.

Humna balaa kallattii kamiiyyuu qolachuu danda'u ijaaruun danda'amuu eeraniiru.

Hojiileen riifoormii hojjetame bu'aa olaanaa galmeessuu Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.

Ijaarsa humna namaa, hidhannoo fi damee waraanaan bu'aa olaanaan argamuu kaasaniiru.

Humna Qilleensaa biyya madaalu ijaaruuf tattaaffii taasiifamu dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Gootota wareegama lubbuu kaffaluun biyya tursiisaniif kabajni kan malu ta'uu dubbachuu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul'isa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:22


Haroo Caamootti balaan dhidhimuu Bidiruu mudachuu hordofee hojiin lubbuu baraaruu gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Aboloo Arfacoo irraa gara Magaalaa Arbaa Mincitti namoota 16 fi muuzii fe’uun bidiruun imalaa turtee Haroo Caamoorratti balaan dhidhimuu mudachuu Qajeelchi Poolisii Godina Gaamoo beeksiseera.

Oduu kun hanga qindaa’etti namootaa bidiruttiin imalaa turan keessa lamaa lubbuun baraaramuu qajeelchichi FBC’f mirkaneesseera.

Balichi guyyaa kaleessaa naannawaa sa’aatii 10:30tti mudachuu Itti Gaafatamaan Diviizhinii Hariiroo Ummataa fi Ijaarsa Maqaa Gaarii Qajeelchichaa Komaandar Rattaa Takluu ibsaniiru.

Yeroo ammaas hojiin lubbuu baraarsaa gaggeeffamu itti fufuu eeranii, ka’umsi balichaa humnaa ol fe’uun ta’uu mala jedhaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:21


Gocha qaanii tibbana biyya keenya keessatti raawwatame

Dubartii Oromiyaa keessatti mukatti hidhamuun abbaa manaa isheen reebamte.

Viidiyoon kun marsaalee hawaasummaa irratti tamsa’e. Ummatis mormii guddaa dhageessise, gochaa qaanii jechuunis qeeqe.

Gochi Godina Boorana Bahaa Aanaa Waacilee Ganda Qaqallootti Aadde Kushuu Boonayyaa irratti raawwatame gocha qaaniiti.

Aadde Kushuun gaa'ela obbo Geelgelo Waariyoo waliin erga godhatanii waggoota 12 lakkoofsisuun ijoollee sadii qabu.

Abbaan warraa Aadde Kuushuu humna ittisa biyyaatti makamuun waggaa 4f tajaajilaa kan ture yommuu ta’u , waggaa afur kophaa ishee ijoollee sadii guddisaa kan turte

Abbaan warraa ishee waggaa afur booda gara manaatti deebi'a.

Obbo galgaloon wayita manatti deebi’i kana araada garaa garaan qabamuun mana isaa keessatti jeequmsa uumuu eegale. gaa'elli isaanii akka durii nagaa ta'uu akka dadhabe.

Aadde Kushuun gaa'ela ishee akka hin diigne jaarsa tokkoon irra deddeebiin gorfamus abbaan manaa ishee humna ishee ol waan ta'eef gara maatii ishee deemte.

Yeroo kanatti Obbo Galgaloon jaarsolii erguun gara manaatti akka deebitu gaafate, Aadde Kushuun miidhaan koo hin mul'atu jechuun gaaffii jaarsolii kana didde.

Daftee gara manaatti yoo hin deebine si adabna jedhanii maanguddoonni akeekkachiisaa isheetti kennan.

Aadde Kushuun garuu diduu ishee cimsitee itti fufte. Maanguddootaanis murtiin itti murtaa'e.

Murtii Maanguddoonni itti murteessan ijoollee ishee fi ummata fuulduratti abbaan warraa ishee akka funyoodhaan mukatti hidhee reebu ture.

Viidiyoon reebamuu ishees miidiyaa hawaasaa irratti erga bahee booda namoonni aarii isaanii ibsachuu jalqaban.

Jaarsoliin murtee kana dabarsan Jaarsoo Booruu, Galgaloo Jaatanii, Didaa Walee, Diidaa Jaatanii, Aleekaa Jaarsoo, Barchii Iyaa, Dibaa Golichaa yoo ta'an, jaarsoliin kun guyyaa 5f hidhamanii gadhiifaman.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:20


Israa’eel Somaaliilaanditti mooraa waraanaa ijaaruuf fedhii qabaachuu ibsite

Israa’eel Somaaliilaanditti Mooraa Waraanaa ijaaruuf fedhii qabaachuu ibsuu miidiyaaleen garaagaraa gabaasan.

Haleellaa Finciltoonni Hawutii Galaana Diimarratti raawwatanii fi yakkoota naannawichatti raawwataman qolachuuf Israa’eel Mooraa Waraanaa Somaaliilaanditti ijaaruuf fedhii qabaachuu ibsameera.

Kanaafis Israa’eel Somaaliilaandiif beekamtii kennuun hariiroo dippiloomaasii kan uumtu ta’uu ‘Middle East Monitor’ gabaaseera.

Afrikaa Bahaatti Naannawaa tarsiimowaa keessaa tokko kan taate Somaaliilaandi, daddabarsi daldala Galaanaa addunyaa keessaa tokko 3ffaan bakka itti raawwatuudha jedhame.

Nageenya Galaanaa, daddabarsa namootaa seeraan alaa, yakka shororkeessummaa fi kanneen biroo to’achuuf bakka ijoo ta’uu ibsameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:20


Komishiniin Marii Biyyaleessaa naannolee #Amaaraa fi #Tigraay keessatti hojjachuuf rakkachuu ibse

Walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiruufi “haala yeroo” naannoo Tigraay keessa jiru hojiisaa ulfaataa taasisuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ibse.

Dubbi himaan komishinichaa Xibabuu Taaddasaa akka himanitti, walitti bu'iinsi naannoo Amaaraa keessa jiru "hojiilee barbaachisoo" ta'an akka hin hojjatamne danquu ibsaniiru.

Obbo Xibabuun, komishinichi haala nageenyaa naannicha keessa jiruun walqabatee aanaalee garaagaraa keessatti qaamolee tumsaniif leenjii kennuu rakkachuun akka hin danda’amne ibsan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:20


Libaanos Iraan 'dhimmakoo keessa seente' jechuun himatte

Himannaan akkanaa Libaanosii fi Iraan gidduutti waan baratame miti.

Ministirri Muummee Libaanos Najiib Mikaatii haala hin eegamneen Iraan dhimma biyyasaanii keessa seenuu qeeqan.

Kan isaan mufachiise ammoo haasaa Afa-yaa'iin paarlaamaa Iraan waa'ee kibba Libaanos irratti taasise ta'uu ibsan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:20


Namoonni miiliyoona 1.7 busaaf saaxilamuu biirichi ibse.

Baatiiwwna 3’n darban namoonni miiliyoona 1.7 busaaf saaxilamuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa Obbo Darajjee Abdannaa akka ibsanitti ji'oottan sadan darban weerara dhibee busaa ittisuu fi to’achuuf, tarkanfiiwwan hawaasa bu’uureeffatan hedduu fudhatamaniiru.

Tarkaanfiiwwan fudhataman cinaattis qorannoo dhiigaa namoota miiliyoona 3 fi kuma 444 ol gaggeeffamuu himanii, namoota miiliyoona 1 fi kuma 779 ol ta’an dhibee busaaf saaxailamuu himaniiru.

Namoota dhibechaaf saaxilamanis wal’aansaa fayyaa akka argatan taasifamuu dubbataniiru.

Dabalataan biiffaan keemikaalaa farra bookee busaa manneen kuma 501 fi 128 biifamuu saaphanni siree kuma 638 fi 685 rabsamuu dubbachuu ragaan Kominiikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Dhukkuboota weeraraan ka’an ittisuu fi to’achuuf, talaaliin farra kooleeraa namoota kuma 304 fi 730’f kennamuu himaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:20


Dooktar Abiy Muudamoota garaagaraa kennan

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad muudamoota garaagaraa kennaniiru. Haaluma kanaan:- 1.Dooktar Geediyoon Ximootiyoos Ministira Ministeera Dhimma Alaa, 2.Aadde Salamaawiit Kaasaa Ministira Ministeera Tuurizimii, 3.Aadde Haannaa Ar’aasillaasee Ministira Ministeera Haqaa taasiisuun muudaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:20


Komii Barattoota Yunivarsiitii Haramayaa

Yunivarsiitii haramayaattii barattoonni koolleejjii Fayyaatti barachaa jiran komii barsiisota irraa qaban dhiheeffatan.

Barattoonni kunneen akka jedhanitti barsiisonnii keenya sirnaan nu barsiisaa hin jiranii ofuma keenyaaf dubbisuu irraan Kan hafe barnoota gahaa argannee hin beeknu Kan jedhan yoo ta'u Qaama dhimmichi ilaallatuttiis iyyattanii akka turan heeran.

Deebiin isaan argatanis barsiisaa tokkoon akkasitti barsiisi jechuu hin dandeenyu akka jedhaniin himan.
Kanaafuu haalli keenninsa baruuf barsiisuu yunivarsiitichaa keessumayyuu Damee fayyaa irratti miidhaa fidaa akka jiru barattoonni kunneen hima.

Maarree Barattoonni kunneen miidhaa keenninsa baruumsaatiin irra gaha jiru hordofee  furmaata akka barabaadanis dubbatan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:20


Israa’el yahyaa sinwaar ajjeeseera erga jettee boodaa viidiyoo reeffa isaa mullisu armaan olii gadhiiste.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:19


#Xiyyeeffannoo

Wayita hammaa kana Magaalaa Baalee Roobee fi Baalee Gobbaa keessattii yaaddoo hamaan haawaasa muudaachaa akka jiru jiraattonni himan

Dhimmii yaaddeessaan Kunis maatii hedduun ijoollee isaanii dhabaa akka jiranii fi Namoonnii Hanna daa'immanii irratti bobba'anii hojjechaa jiran hedduumaachuun heerameera.

Daa'iimman kunneen wayita isaan mana barnootaa deemaniifi galan akkasumas konkolaataa miilla sadii ykn baajaajii qabatanii Mana barnootaa deemuudhaan maatiin keessan akkan isin galchinuuf nu ergan jedhanii daa'imman hedduu fudhatanii akka badan haawwaasnii fi maatiin himan.

Qaamnii seeraa magaalaa Roobees Maatiin of eeggannoo cimaa akka taasisaniif gorsa kennaa akka jiran heerameera.

Kanaafuu haawwaasnii Ijoollee keessan wayita kana barnootaattii ergitan kophaa akka gadi hin lakkisnee fii of eeggannoo barbaachisu mara akka gootaan jechaa dhaamsa keenya Dabarsuu jaallanna.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:19


Israa'el ajjeechaa hogganaa Hamaas Yaahya Sinwaar qorannoo DNAtiin qorataan jira jette.

Ismaa’el Haniyyeetti aanuun hoogganaa hamaas ta’uun kan muudaman Yahyaa Sinwaar ajjeefamuu odeeffannoowwan bahan walqabachuun Waraanni Israa’el ajjeechaa raawwatame qorachaa akka jirtu beeksiste.

Yahyaa Sinwar erga hogganaa duraanii Ismaa'il Haniyyee Tehraan keessatti ajjeefamaniin booda hogganaa waliigalaa Hamaas ta'uun muudaman. Kanaan dura Gaazaatti hogganaa garee kanaa ta'uun tajaajilaa turnaiirus. Yeroo ammaa kana Sinwaar tarree namoota baay'ee barbaadamuun Israa'el keessaa sadarkaa olaanaa irra jira.

Sinwar bara 1962 kaampii baqattootaa Kaha Yoounis kibba Gaazaa keessatti dhalate. Dhuma bara 1980moota keessa tajaajila nageenyaa Hamaas kan Majdii jedhamuun beekamu hundeesse. Jireenya isaa harka caalus manneen hidhaa Israa'el keessatti dabarse.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:19


Yakka daddabarsa namootaan kanneen himataman hidhaa cimaa fi maallaqaan akka adabaman itti murtaa’e.

Yakka daddabarsa namootaa seeraan alaan kanneen himataman, sadarkaa ulfaatina balleessaa isaaniin hidhaa cimaa hanga waggaa 25 fi maallaqaan akka adabaman itti murtaa’e.

Namoonni galmee himannaa 13’n himataman, himannaan isaanii Dhaddacha Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Ramaddii Lidataan ilaalameera.

Haaluma kanaan namootaa yakkaa daddabarsaa namootaa seeraan alaa raawwataniiru jedhamuun himataan 17 sadarkaa ulfaatina balleessaa isaaniin hidhaa cimaa waggaa 1 hanga 25, akkasumas Birrii kuma 2 hanga kuma 410’n akka adabaman itti murtaa’eera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:19


Magaalichatti yeroo 3ffaaf mallattoon kirkira lafaa dhagahame.

Magaalaa Finfinneetti yeroo 3ffaaf mallattoon kirkira lafaa dhagahamuu ibsame.

Awaash Fanattaaleetti kaleessa galgala yeroo 3ffaaf Kirkirri lafaa mudachuu hordofee magaalaa Finfinneetti mallattoon Kirkira lafaa dhagahamuu Inistiityuutiin Ji'ooloojikaalii Itiyoophiyaa beeksiseera.

Eda halkan sa'aatii 5:11 irratti Awaash Faantaalleetti kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 4.6 galmaa'e mudachuu Inistiityuutichi ibseera.

Kana hordofee Magaalaa Finfinnee iddoolee tokko tokko mallattoon kirkira lafaa dhagahamuu himeera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:19


#Iyyaafannoo

Namni suuraa isaa asirratti argitan kun Maqansaan isaa #Misgaanuu Guutamaa jedhama jirataa G/W/Baha aanaa waayyuu Tuqaa gandaa kichii kan ta'e guyyaa gaafa 7/1/2017 gara aanaa sibuu siree gabaa siree kan jedhamu deemanii hanga har'attii manatti hin deebine. guyyaa gaafa mana bahanii uffaata jalaan diimaa irra keessaan uuffata dalachaa fi kophee adii uffatanii manaa Kan ba'an yoota'u  namni bakka namni kun jiruu argitan ykn dhageessan karaa lakk bil 0945753157 tiin nuu beeksisaa isiniin jennaa.

Gatii dadhabbii keessan Nii kaffallas jedhan maatiin.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:18


Oduu amma jiraattoota irra nu qaqqabeen yeroo sadaffaaf kirkirri lafaa finfinneefi naannawa isheetti mudateera!

Tibba kana kirkira lafaa Awaash Fantaalleetti mudataa jiruun Finfinnee dabalachuun bakkoota garaa garaatti kirkirri kun dhaga’ama jira.

Daqiiqaa muraasa duras Finfinneetti mudachuu kirikiraa jiraattoonni miidiyaa @Abdii_Sabaa tti himaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:18


Naayijeeriyaatti taankariin boba’aa dhowuun balaa ibiddaan lubbuun namoota 94 darbe

Naayijeeriyaatti taankariin boba’aa dhowuun balaa ibidaa uumameen lubbuun namoota 94 darbuun ibsame.

Konkolaataan boba’aa fe’uun imalaa ture tasa dhowuun balaa ibiddaa hordofsiiseen miidhaa olaanaan ga’uun gabaafameera.

Haaluma kanaan lammiilee lubbuun darbanitti dabalataan namoota 50 irraa miidhaan qaqqabuun eerameera.

Baatii Fulbaanaa darbe Naayijeeriyaa Bulchiinsa Niijaritti konkolaataan boba’aa fe’e konkalaataa beeyladoota fe’e waliin walitti bu’uun lubbuun namoota 59 darbuu BBC’n gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:18


Xiyyaarri #Itoophiyaa aarri keessatti mul’ate nagaan qubachuu ibsame

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarri guyyaa har’a Buufata Xiyyaaraa Dirree Dhawaatti qubachuuf osoo jiru aarri keessatti mul’ate nagaan qubachuu beeksise.

Xiyyaarri lakkoofsa balalii ET248 #Finfinnee irraa ka’uun gara #Dirree_Dhawaa balali’aa ture Buufata Xiyyaaraa Dirree Dhawaa qubachuuf qophaa’aa osoo jiru aarri keessatti mul’achuu ibsameera.

Xiyyaarichi buufata xiyyaaraa Dirree Dhawaa nagaan qubachuun imaltootasaa nagaan xiyyaaricha irraa akka buuse daandiin qilleensichaa ibseera.

Kana malees sababa ka’umsa aara kanaa qorachaa jiraachuu ibsuun, taatee muudateef imaltoota dhiifama gaafateera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:17


Dooktar Abiy Komishinarri Komishinii Hojii Gamtaa du'aan boqochuutti gadda itti dhaga'ame ibsan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Komishinarri Komishinii Hojii Gamtaa Itiyoophiyaa Dooktar Geetaachoo Mallas du'aan boqochuutti gadda itti dhaga'ame ibsan.


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Jan, 00:17


Daandiin Qilleensaa Iraan balalii gara Biyyota Awurooppaatti taasisu addaan kute

Daandiin Qilleensaa Iraan balalii gara Biyyoota Awurooppaatti taasisu addaan kutuu beeksise.

Daandichi kana kan murteesse ‘Iran Air’, ‘Saha Airline’ fi Mahan Air jedhaman qoqqobbii Daandi Qilleensaa Iraanirra kaa’uu hordofee ta’uun gabaafameera.

Gamtaan Awurooppaa daandileen qilleensaa sadii Raashiyaaf misaa’elaa fi Dirooniiwwan dhiyeessaa turan jechuun qoqqobbii haaraa kaa’uun ni yaadatama.

Dabalataan gamtichi dhaabbilee Iraanii fi namoota dhuunfaa biroorra qoqqobii kaa’uu Pirees TV’n gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:48


Asbeks fayyadamaa maallaqa hojjedhaa! Asbeks Pirojektii miidiyaa @Abdii_Sabaa jalatti garee Asbeksiin hoogganamu yommuu ta’u yeroo ammaa namoota hedduuf carraa maallaqa ittiin hojjetan mijeessee jira. Chaanala @Abdiisabaa irratti odeeffannoo guutuu waa’e Asbeks ni argattu! asbeks fayyadamuun maallaqa hojjedhaa, jirrenya keessan fooyyessaa.

Odeeffannoo dabalataa argachuu karaa @abdiisabaa nu hordofaa

Asbeks Waliin Fuulduratti😎

https://t.me/Asbeksbot/start

ABDII SABAA

20 Jan, 23:47


Naannoo Oromiyaatti namoota mallattoo dhibee busaa agarsiisanii qorataman keessaa 39% ol dhibichi irratti argamuu ibsame .

Biiroon Fayyaa Oromiyaa sadarkaa naannootti sagantaa sosochii ittisaa fi to'annoo dhibee busaa  wiirtuu #Jimmaa, #Naqamtee fi #Shaashamanneetti  gaggeessuu ibseera.

Sagantaa kana irratti bakka bu'oonni Ministeera Fayyaa, dhiyeessi qorichaa, abbootii Gadaa fi amantaa, hojii gaggeessitoonni hospitaalotaa, ogeessota fayyaa fi dhaabbileen deeggartootaa hirmaataniiiru.

Hogganaa Itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Kabbabaawu wiirtuu Naqamtee argamuun haasawaa taasisaniin, akka naannootti namoonni 5,536,815 mallattoo dhibee busaa agarsiisanii qorataman keessaa namoota 2,181,712 (39.4%) dhibeen busaa irratti kan argame ta'uu dubbatan.

Kanneen dhibichi irratti argame keessaa 2,173,422 yaala argachuun kan fayyan yoo ta'u,  8,290 ammoo yaalarra akka jiran himaniiiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:47


#Ads

Nuti @fayyaa_courses Barnoota Fayyaa Oonlaayin barsiisuu eegaluu keenyatti gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama.

Galmeee eegallee jirra namoota dursanii galmaa’aniif 50% gatii hirrisnee jirra. Carraa kanatti fayyadamaa. Barnoota Fayyaa bifa qulqullina qabuun barsiisota filatamoon afaan keessaniin baradhaa. @fayyaa_courses irratti nu hordofaa!

FAYYAA COURSES

ABDII SABAA

20 Jan, 23:46


Komii barattoota Yunivarsiitii Bulee Horaa.

Yunivarsiitiin bulee horaa waggoottan hedduudhaaf barattootaa hedduu simatee gosa barnoota addaa addaatiin barsiisaa turuun isaa beekkamaadha.

Haa ta'u malee barattoonnii mooraa kanatti baratan komiiwwan qaban tokko tokko heeranii jiru.

Hanqinaa fi komii qaban keessaa muraasni bakka mana nyaataa barattootaattii seerri dhabamuu fi akka feeteedhan hojjetama akka jiru kan heeraan yoo ta'u barattoonni kunneen gama faayinaansiitiinis rakkoon akka jiru heeraniiru.

Kana malees barattoonnii kaffaltii kaffalanii mooraa sanatti baratanis namoota achi keessa hojjetuun walii galuudhaan akkuma barattoota mooraa sanaattii doormii fi nyaataa achi keessaa akka fayyadamanii fi hojjettoonni achi keessaa maal na dhibdeedhaan hojjechaa akka jiran taajjabuu isaanii heeranii jiru.

Qulqullinaan wal qabatees haqinnii guddaan akka jiru himaniiruu.
Kanaafuu qaamni dhimmichi ilaallatu furmaata itti laachuu qaba jechuudhaan komii isaanii dhiheeffatanii jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:46


ABDII SABAA pinned «#MBBA Komii Barattootaa. Barattoonni bara 2016 qormaataa kutaa 8ffaa fudhachuudhaan qabxii dorgomsiisee mana barumsaa bultii addaa isaan seensiisu galmeesisan MBBA oromiyaa komatanii jiru. Akkuma beekkamu MBBA Oromiyaa barattootaa qaxalee bu'aa qormaata…»

ABDII SABAA

20 Jan, 23:46


Sirboota Andu'aalem Gosaa keessaa Jajjaboo fi Makkoo Biliin Jallatamummaa guddaa argatan

Albemni matadureen isaa 'AYYAANTUU' jedhu Artist Andu'aalem Gosaan qophaa’e Eebbifame hawwaasaaf dhiyaateera.

albemni jalqabaa Artist Andu'aalem Gosaa kun sirboota qeenxee 16 ofkeessatti qabata. Sirboota Aadaafi kalaqaa godinaalee Oromiyaa bifa hawwataa ta'een ibsan ta’uu isaatiinis yeroo ammaa jaalala guddaa argataniiru.

Sirboota Andu'aalem keessaa Jajjaboo kan jedhuuf Makkoo Biliin suga kan qabaniif ergaa hawwataa kana dabarsan ta'uu isaaniin jallatamummaa guddaa argataniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:46


#Teelegiraamii

"Dambiin haaraan kun namoota Teelegiraama yakkaaf fayyadaman ni cabsa" - Durov

Telegiraamiin daataa maamiltoota isaa yeroo barbaachisaa ta'etti qaama seera kabachiisuuf ni kenna.

Haala kanaan fayyadamtoonni
lakkoofsa bilbilaa, Teessoo interneetiifi Odeeffannoowwan biroo qaama seeraaf yeroo barbaachisutti kennuu akka danda'an beeksiseera.

Hojii gaggeessaan olaanaa Telegram Pavel Durov kun seera haaraa ta'uu akeekaniiru.

Seerri haaraan kun ''namoota Aappii kana yakkaaf fayyadaman ni cabsa,'' jedhe hoji geggeessaan Teelgiraamaa.

"Fayyadamtoonni Telegiraamii %99.999 yakka waliin wal hin qabatan. Garuu %0.001 yakka dhokataaf itti fayyadamaa jiru, maqaa fi kabaja Telegiraamii miidhaa jiru. Kunis fayyadamtoota keenya kabajamoo gara biliyoonatti dhiyaatan miidhaa jira," jedhan.

Durov ji'a darbe Faransaay Paaris keessatti hidhame akka ture ni yaadatama.

Erga poolisiin qabamaniin booda "Aappichi yakkamtoonni bakka akka fedhan itti ta’anidha" jedhamuun himatamaniiru.

“Seeraan alaa suuraa daa'immanii fi daldaltoota qoricha sammuu namaa hadoochu akka dabarsan jajjabeessuun hojii yakkaaf akka oolu hayyamuu" himata jedhamuun kan himataman Duuroov, qaamolee seera kabachiisan waliin tumsa gochuu dhabuu isaaniitiinis komatamaniiru.

Hojii gaggeessaan olaanaa kun yakka namoota birootiin raawwatameen himatamuun isaa ''ajaa'iba'' jechuun aangawoota Faransaay qeeqaniiru.

Boodarra manni murtichaa Durov mirga wabiitiin bahee dhimma isaa akka hordofu ajaje.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:46


somaaliyaa rakkoo hamaan muudachuu danda'aa jedhame.

Somaaliyaan meeshaalee waraanaa humnoota alaatiin dhiyaatuun harka Shororkeessitootaati kufu maltii jedhan AmbaasaaddarTaayyeen.

Haala nageenya Somaaliyaa tasgabbaa’aa hin taanee keessatti meeshaaleen waraanaa humnoota alaatiin dhiyaatan biyyaatii harka shororkeessitootaati kufisuu malu jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen.

Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Barreessituu Olaantuu Dhimmoota Ijaarsa Nageenyaa fi Siyaasaa Roozmaarii Diikaarloo waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Taayyeen, Ejensiiwwan DhMG jala jiran Itiyoophiyaa waliin hariiroo hojii cimaa uumuun socho’aa jiraachuu dinqisifachuun, fulduraatti marii idilee gaggeessuun kan barbaachiisuu ta’uu kaasaniiru.

Dhimma Sudaan yeroo ammaarratti ibsa kan laatan Ambaasaaddar Taayyeen,biyyaattii keessatti nageenyi waaraa akka jiraatuuf hojii qindoomina qabu hojjechuun barbaachiisaa ta’uu ibsaniiru.

Dhimma Somaaliyaa yeroo ammaa ilaalchisee ibsa kan kennan yoo ta’uu Itiyoophiyaan Shororkeessummaa ittisuuf tattaaffii taasiftu cimsite kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.

Haaluma kanaan Somaaliyaan haala nageenya hin tasgabboofne keessatti meeshaalee waraanaa humnoota alaatiin dhiyaataniin harka shororkessitootaati kufu malti sodaa jedhuu qabaachuu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:45


#Waamicha
#yuunivarsitii_Dabre_Birhaan

Yuunivarsitiin Dabre Birhaan waamicha barattoota Idilee Fulbaana 29fi 30/2017 ta’uu beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:45


#Waamicha
#yuunivarsitii_Odaa_Bultum

Yuunivarsitiin Odaa Bultum waamicha barattoota Idilee Fulbaana 21fi 22/2017 ta’uu beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:45


#Ads

Nuti @fayyaa_courses Barnoota Anatomy eegaluu keenyatti gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama.

Galmeee eegallee jirra namoota dursanii galmaa’aniif 50% gatii hirrisnee jirra. Carraa kanatti fayyadamaa. Barnoota Fayyaa bifa qulqullina qabuun afaan keessaniin baradhaa. @fayyaa_courses irratti nu hordofaa!

FAYYAA COURSES

ABDII SABAA

20 Jan, 23:44


#MBBA

Komii Barattootaa.

Barattoonni bara 2016 qormaataa kutaa 8ffaa fudhachuudhaan qabxii dorgomsiisee mana barumsaa bultii addaa isaan seensiisu galmeesisan MBBA oromiyaa komatanii jiru.

Akkuma beekkamu MBBA Oromiyaa barattootaa qaxalee bu'aa qormaata kutaa 8ffaa ilaaluudhaan dorgomsiisee kan fudhatu yoo ta'u bara kanas barattoota bara 2016 bu'aan qormaata kutaa 8ffaa isaanii bareeda ta'e ulaagaa barbaachisuu dorgomsiisee tureera.

Maarree barttoota Qormaata seensaa mana barumsichaa darban maqaa barattoota 1492 gama miidiya hawwaasaa Telegiramiidhaan maxxansanii kan turanis yoo ta'u guyyoota xiqqoo keessatti ammoo maqaa barattoota muraasaa keessaa hambisuudhaan kan maxxansan ta'uu barattoonni kunnee heeran.

Qabxii seensaa dhiiraaf 73,dubartootaaf 70 jedhamee maxxanfamee kan ture jijjiraamuudhaan dhiirootaaf 78 akkasumas dubartootaaf ammoo 75 taasisuudhaan maqaa barattoota 703 qofa maxxansuu isaanii fi kanneen hafan ammoo MA addaa Naannoo isaanitti argamutti barachuu akka danda'an haala mijeessuu isaa barattonni himaniiru.

Sababa kanaaf xin-sammuun barattootaa kanneenii akka tuqamee fii akka hedduu gaddan akkasumas maatiin illee erga qophii hedduu xumuranii jijjiirraan yaadaa kun jiraachuun barattootaa fi maatii barattoota hedduu akka miidhe dubbataniiru.

''Gochi akka kanaa bareedaa mitii boruufillee wal amantaa keenya hir'isaas''jechuudhaan barattoonnj kunneen komatan.

Kun maaliif akka ta'e ibsa bal'aa biiroo barnootaa oromiyaa fi qaama dhimmichi ilaallaturaa akka nuuf laatamuu barbaanna kan jedhan barattoonni kunneen yaadaa tasgabbii qabuun gara barnoota idilee isaaniittii deebi'uu akka barbaadanis ibsaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:44


Ambaasaaddara Itoophiyaa dabalatee Dippilomaatota 12 irrattii haleellaan Boombii raawwatame.

Paakistaanitti ambaasaaddara Itoophiyaa dabalatee dippilomaatota 12 irratti haleellaan boombii raawwatame.

Paakistaanitti haleellaan boombii konkolaataa jila dippilomaatotaa kan ambaasaaddarri Itoophiyaa Obbo Jamaal Bakar keessa jiran irratti raawwatame lubbuu poolisii dippilomaatota dabaalee deemaa ture tokko galaafate.

Haleellaan kun dippilomaatonni biyyoota adda addaa Paakistaan bakka turizimiin beekamtu Iswaat Vaalii jedhamtu daawwachuuf yeroo jiran Dilbata kaleessaa dhaqqabe.

Jilli dippilomaatota haleellaan kun irratti qiyyeefate amabasadara Itoophiyaa dabalatee, kan Ruwaandaa, Indoonezhiyaa, Raashiyaa, Kazaakistaan fi Zimbaabuwee fi kanneen biroo akka keessatti argaman gabaafameera.

Haleellaa kanaan dippilomaatota kanneen irratti miidhaan dhaqqabe kan hin jirre ta’uus, lubbuu poolisii tokko galaafachuun poolisoota afur biroo madeesseera.

Itoophiyaan karaa Ministeera Dhimma Alaatin haleellaa raawwatame balaaleffachuun maatii miidhamtootaaf, uummata fi mootummaa Paakistaaniif jajjabina hawwiteetti.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:42


#Viidiyoo Mucaa waggaa tokkoofi mucaa ji’a torba gudeeduun erga to’annaa poolisii jala oolee booda ummanni aarii guddaan mana hidhaa cabsuun namicha gudeede kana fuudhanii karaatti baasanii akka viidiyoo kana irratti mullatutti abiddaan gubanii ajjeesan.

Taateen kum Biraazil keessattidha kan raawwate!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:42


Yuunivarsitiilee tokko tokkoofi guyyaa waamichaa

🔵 #yuunivarsitii_Waldiyaa: Galmeen Fulbaana 27 fi 28/2017

🔵 #yuunivarsitii_Wallaggaa: Galmeen Fulbaana 20 fi 21/2017 (Barnoonni Fulbaana 22/2017 eegala)

🔵 #yuunivarsitii_Miizaan_Teeppii: Galmeen Fulbaana 06 fi 07/2017

🔵 #yuunivarsitii_Samaraa: Galmeen Fulbaana 09 fi 10/2017 (Barnoonni Fulbaana 13/2017 eegala)

🔵 #yuunivarsitii_Salaalee: Galmeen Fulbaana 20 - 21/2017

🔵 #ASTU (Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa): Galmeen Fulbaana 21- 22/2017 (Barnoonni Fulbaana 23/2017 eegala, Adabbiin galmaa’uuf Fulbaana 23-24/2017)

🔵 #yuunivarsitii_Qabri_Dahar: Galmeen Fulbaana 20 - 21/2017

🔵 #yuunivarsitii_waachaamoo:
- Digirii jalqabaa: Galmeen Fulbaana 27 fi 28/2017 (Barnoonni Fulbaana 30/2017 eegala)
- Digirii lammaffaa: Galmeen Fulbaana 19 fi 20/2017 (Barnoonni Fulbaana 23/2017 eegala)
- Sirreeffama Bu’aa darbiinsa: Galmeen Onkoloolessa 4 fi 5/2017

🔵 #yuunivarsitii_DirreeDawaa: Galmeen Fulbaana 8 - 10/2017

🔵 #yuunivarsitii_Arbaa_Minci: Galmeen Fulbaana 19/2017

🔵 #yuunivarsitii_Mattuu: Galmeen Fulbaana 20 fi 21/2017

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:41


#IrreechaWalk

Deemsa miillaa irreechaa

#Finfinnee

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:40


#Waamicha
#yuunivarsitii_Addigraat

Fulbaana 25 fi 26/2017

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:40


#Ads

Barattoota barnoota fayyaa gatii madaalawaan oonlaayin viidiyoo qulqullina isaa eeggateen Afaan Oromoon barachuu barbaaddan marti karaa @fayyaa_courses nu hordofaa.

Galmeee eegallee jirra namoota dursanii galmaa’aniif 50% gatii hirrisnee jirra

FAYYAA COURSES

ABDII SABAA

20 Jan, 23:38


Bu'aan barattoota sagantaa sirreeffamaa bara 2016 ifoomeera.

Barattoonni bu'aa isaanii karaa link armaan gadiitiin ilaaluu akka danda'an Ministeerri Barnootaa ibseera

https://result.ethernet.edu.et/ irraa argattu.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:37


#Waamicha
#yuunivarsitii_Arsii

Barattoota idilee akkasumas bara 2017 Barattoonni haaraa Yuunivarsitii Arsiitti ramadamtan guyyaan seensaa fi galmee
Fulbaana 20 fi 21/2017 ta’uu Yuunivarsitichi beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:37


#Waamicha
#yuunivarsitii_Asoosaa

Yuunivarsitiin Asoosaa yeroon galmee barattoota idilee bara barnootaa 2017 Fulbaana 27 fi 28/2017 ta’uu beeksise.

Guyyaan galmee barattoota yeroo boqonnaa Fulbaana 25 fi 26/2017 akka ta’e ibsamee jira.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:37


#Komii_barattootaa.
#Salaalee

Waamicha manneen barnoota olaanoo yeroo hammaa kana taasifamaa jiruun wal qabatee barattoonnii iddoowwaan rakkoo nageenyaa jirutti argaman rakkinaa fi yaaddoo hamaa keessa jiraachuu isaanii himan.

Akkuma beekkamu yunivarsiitiiwwa addaa addaa wayita kana barattootaa waamaa kan jiran yoo ta'u Kanuma ilaalchisuudhaan barattoonni  naannolee rakkoon nageenyaa muudatee jirutti argaman rakkoo networkiitiin rakkachaa akka jiran heeraniiru.

Keessumayyuu barattoonni salaaleetti argaman hedduu rakkachaa akka jiranii fi qaamni  dhimmichi ilaallatu furmaata akka itti laatuuf gaafataniiru.

Haalli nageenyaa jirus yaaddeessa ta'uu heeraan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:37


#iyyaafannoo

Namni asii suuraan mula'attu tun kan maqaan ishee Madaanit Gizaaw Hordofaa jedhamtu Gaafa guyyaa 5/12/2016 sa’a 7:00 irratti Iddoo manaa jireenyaa Magalaa Roobee Ganda Caffee Doonsaattii manaa baatee manatti hin debi'nee, gaafa manaa baatuu surree bifa daalachaa qabuu, kootii gurraachaa fi shurraabii bulee godhattee manaa baate. Kanaafuu namoonni argitan ykn iddoo isheen jirtuu beektan nugargaraa jedhuu maatin ishee.

Gatii dadhabbii keessaniis ni kaffala jedhu maatiin.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:37


#Ads

Barattoota barnoota fayyaa gatii madaalawaan oonlaayin viidiyoo qulqullina isaa eeggateen Afaan Oromoon barachuu barbaaddan marti karaa @fayyaa_courses nu hordofaa.

Galmeee eegallee jirra namoota dursanii galmaa’aniif 50% gatii hirrisnee jirra

FAYYAA COURSES

ABDII SABAA

20 Jan, 23:37


#Waamicha
#yuunivarsitii_Hawaasaa

Yuunivarsitiin Hawaasaa guyyaan waamichaa barattoota idilee maraa Fulbaana 20 - 21/2017 ta’uu beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:36


#Waamicha
#yuunivarsitii_Gaambeellaa

Yuunivarsitiin Gaambeellaa guyyaan waamichaa barattoota idilee maraa Fulbaana 20 - 21/2017 ta’uu beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:35


#Waamicha
#Yuunivarsitii_Amboo

Beeksisa Barattoota Sagantaa Idilee fi Torbanii Yuunivarsitii Amboo Hundaaf

Guyyaan galmee Fulbaana 27-28/2017 A.L.I tti ta'uu beektanii, qaamaan argamuun akka galmooftan isin beeksisna.

Ibsa dabalataa:
- Barattoonni sagantaa fooyya'insa yuunivarsiitii Ambootti hordofaa turtanii fi gabxii darbiinsaa argattan akkasumas barattoonni haaraa bara 2017 ramadamtan, guyyaan itti waamamtan fuulduratti beeksifama.
- Barataan guyyaa eerame dursee ykn dabarsee dhufe, kan hin keessummeessine ta'uu cimsinee isin hubachiisna.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:35


#Oduu_Ammee
#TPLF

Paartiin Bilisummaa Ummata Tigraay garee Dr. Debretsion G/Mikaa'eliin durfamu itti aanaa dura taa'aa dhaabbatichaa Geetachoo Raddaa dabalatee miseensonni koree giddu galeessaa 16 hojiirraa ari'amanii itti gaafatamummaa jaarmiyaa irraa kaafamuu beeksise.

Walgahii Fulbaana 6/2017 gaggeeffame ilaalchisee ibsa fuula sadii qabu dhaabbatichi baase keessatti:- 

1. Obbo Geetaachoo Raddaa 
2. Gorsa Obbo Yene
3. Prof. Kandiyaa G/Hiyoot
4. Dr. Hagos Godiffee
5. Aadde Almaz G/Tsadiq
6. Obbo Redaayi Halefom
7. Aadde Juuliyeet Kahsaayi
8. Obbo Isaayyaas Taaddasaa
9. Obbo Solomon Masho
10. Obbo Shishaayi dagachuu
11. Dr. G/Hiwet G/Her 
12. Obbo Raskuu Alemau
13. Obbo Haftuu Kiroos
14. Obbo Birhaanee G/Yesuus
15. Obbo Rufaa'eel Shifaree 
16. Obbo Negaa Asefaa 

Miseensummaa fi itti gaafatamummaa jaarmiyaa irraa ari’amaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:35


#Waamicha
#Yuunivarsitii_Walqixxee

1. Barattoonni digrii jalqabaa "Natural Science, Social Science and Pre-Engineering" bara 2016 semestera lammaffaa xumuran, guyyaan iyyannoo Fulbaana 19/2017, ramaddiin daree ammoo Fulbaana 20/2017 irraa eegalee ni raawwatama.

2. Barattoonni digirii jalqabaa fi digirii lammaffaa waggaa afraffaafi isaa ol jiran hundi yeroon galmee Fulbaana 27 fi 28/2017 akka ta’ee fi barnoonni Fulbaan 29/2017 eegala.

Barattoonni Rimiidiyaala dabartan barattoota haaraa waliin waamamtu

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

20 Jan, 23:35


#Waamicha
#Yuunivarsitii_Barnootaa_Kotobee

Yuunivarsitiin Barnootaa Kotebee barattoota digirii jalqabaa idilee waggaa 4ffaa fi barattoota guyyaa digirii lammaffaa waggaa 3ffaa fi isaa ol ta’aniif guyyaan seensaa Fulbaana 20/2017 ta’uun ibsameera.

Barattoonni idilee digirii jalqabaa bara 2015 seenanii fi barattoonni digirii lammaffaa guyyaa guyyaan seensaa Fulbaana 21/2017 akka ta’e ibsamee jira.

Barattoota digirii jalqabaa idilee waggaa tokkoffaa bara 2016 f waa’ee filannoo Dippaartimentii Fulbaana 20/2017 akka beeksisan himameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡