Oromia Prosperity Party /OPP/ 💡

@oromiaprosperityparty_opp


This Channel is an official telegram channel of Oromia Prosperity Party.

Oromia Prosperity Party /OPP/ 💡

22 Oct, 11:29


Daawwannaa Hojiilee Misoomaa, Godina I/A Booritti.
********
Jilli pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu hojiilee misoomaa garaa garaa Godina Iluu Abbaa Boor daawwachaa jira.
Jilli kunis Aanaa Haluu Ganda Abbiyyuu Kidaanamiretitti hojilee kilaastara Inisheetiivii Misooma Baala Shayee Yaatuufi gurmaa'insa caasaa haaraa Gandaa daawwachaa jira.

Oromia Prosperity Party /OPP/ 💡

22 Oct, 07:06


Badhaadhina Itoophiyaa kan mirkaneessinu gargaarsa biyya alaatiin osoo hin taane, hojii waloo fi dandeettii Itoophiyaanotaa qofaani.
Ministira Muummee Abiy Ahmad (Dr.)

Oromia Prosperity Party /OPP/ 💡

21 Oct, 18:33


Magaalaa Walisootti Milkaa'ina Innisheetiivii Misooma Dammaa

Carraawwan misoomaa jiran hundatti gargaaramuun karoora xiiqii qabame milkeessuf qonnaan bulttoonni naannoo Oromiyaa baadiyyaafi magaalota naannichaa kaka'umsa ol'aanadhaan hojjachuurratti atgamu.

Naannichatti Innisheetiiviwwan misoomaa hojiirra oolchaa jiran sadarkaa maatitti wabii nyaataa mirkaneessurra darbuun imala Badhaadhinaa milkeessuu keessatti gumaacha ol'aanaa qabaachun hubatameera.

Oromia Prosperity Party /OPP/ 💡

21 Oct, 18:32


Innisheetivii Qonna Magaalaa Wabii Nyaataaf

Godina Boorana Magaalaa Yaaballootti, oomishaa fi oomishtummaa qonna Magaalaa guddisuun, wabii nyaataa mirkaneessuf xiyyeeffannaa ol'aanadhaan hojjatamaa jira.

Jiraattonni Magaalichaa Innisheetiviwwan bocamanii gadi bu'an hojiirra oolchudhaan akka madda galii dabalattaatis gargaaramaa jiru.

Oromia Prosperity Party /OPP/ 💡

21 Oct, 12:36


Hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti!
*******
Oomisha gosa adda addaa baay’inaa fi qulqullinaan misoomsuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun birmadummaa guutuu goonfachuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira.
Godina Buunnoo Beddelleetti Oomishni Aatoo Bonsituu lafa heektaara 60.5 irratti misoomaa jiru sadarkaa abdachiisaa irratti argama.