ETV Afaan Oromoo

@etvafaanoromoo


Odeeffannoowwan biyya keessaafi alaa Televizhinii Itoophiyaa irraa Afaan Oromootiin.

ETV Afaan Oromoo

16 Aug, 14:18


Ijoolleen keenya Game Telegram biyya keessaa dhufe kanaan akka taphattanii gahee keessan argattan affeeramtaniittu:

https://t.me/yenecoin_bot/yenecoin

ETV Afaan Oromoo

24 Feb, 04:46


Guumii Balal Marsaa 36ffaan mata duree “Injifannoo Adwaa seenessa Waloof” jedhuun Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taa'ame
**

Guumii Balal Marsaa 36ffaan mata duree “Injifannoo Adwaa seenessa Waloof” jedhuun Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taa'ameera.


Gumii kanarratti haasaa baniinsaa kan taasisan hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Hayiluu Addunyaa, Itiyoophiyaan wareegama qaalii abboonni keenya kaffalaniin birmadummaan ishee eegamee as geesse jedhan.

Hogganaan Waajjira Pirezidaantii Oromiyaa Dr. Abdulaaziiz Daawud, Adwaan bakka seena qabeessa ummattoonni biyyattii garaa garummaa qaban cinaatti dhiisanii birmadummaa biyya isaaniif aarsaa itti kaffalaniidha jedhan.

MirkanaaTaaddasaatu gabaase

ETV Afaan Oromoo

26 Jan, 13:47


Fiigicha guddaa boru giddu gala Ikoo Turizimii haroo wanciitti gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu biiroon dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa beeksise.

Fiigicha Km 10 Haroo wanciitti gaggeeffamu kanarratti dhiiraa fi dubaraaan Atileetonni 300 ol kan hirmaatan tahuu himaniiru.

kana malees kutaaleen hawaasaa hedduun kan hirmaatan tahuu hogganaan biiroo dargaggoo fi ispoortii oromiyaa Maatiyaas sabbooqaa himaniiru.

fiigicha kanarratti daa'imman 300 tahan km tokkoon kan hirmaatan tahuus dubbataniiru.

Fiigichi kun haroo wancittii gaggeeffamuun isaa iddoo hawata turizimii kana beeksisuu cinaatti, turizimii ispoortiifis ka'umsa kan tahuudha jedhaniiru.

Qaamoleen fiigicha kanarratti akka hirmaatan waamicha dhihaateefis yeroo jedhametti argamuun akka hirmaatanis dhaamaniiru.

Muzayyan Maammaa

ETV Afaan Oromoo

26 Jan, 13:00


Gaazexeessaa Wandimmuu Birhaanuu Du'aan Addunyaa Kanarraa Boqote
***

Seenaa jireenyaa  Gaazexeessaa Wandimmuu Birhaanuu Gabbisaa

Gaazexeessaa Wandimmuun, Abbaa isaa Obbo Birhaanuu Gabbisaa fi Haadha isaa Aadde Abbabach Caffoo irraa, Naannoo Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Sayyoo Ganda Alakuu Kusaayeetti Adoolessa 24 bara 1975 dhalate.

Gaazexeessaa Wandimmuu Birhaanuu Gabbisaa, yeroo umuriin isaa barnootaaf gahu,Barnoota sadarkaa 1ffaa Kutaa1 hanga 8 Manneen Barnootaa Alakuu Kusaayee fi Alakuu Dorgomeetti barate. Barnoota isaa sadarkaa 2ffaa Mana Barumsaa sad.2ffaa Qeellamitti baratee, qormaata kutaa 12ffaatiin qabxii gaarii galmeessee,Yuunivarsiitii Haramaayaa seenee gosa barnootaa Jii'oogiraafiitiin digrii jalqabaatiin eebbifame.

https://www.facebook.com/100064698339196/posts/pfbid0fr3ueXBRpwEgour6YCW9umUE1SernGNMJYTbZrqLQFEs8MTL8yQtupzW8Fdc8orl/?app=fbl

ETV Afaan Oromoo

24 Jan, 03:36


Itiyoo Telekoom ji'oota jahan darban keessatti bu'aa birrii biliyoona 11 argate
****

Itiyoo Telekoom ji'oota jahan darban keessatti bu'aa birrii biliyoona 11 argachuu isaa beeksise.

Hojii gaggeessituu olaantuun Itiyoo Telekoom Fireehiwoot Taammiruu, gabaasa raawwii hojii walakkaa waggaa dhaabbatichaa dhiyeessan.

Gabaasa isaanii keessatti bara kanatti galii birrii biliyoona 42.86 kan argate yoo ta’u, kunis karoora kana keessaa dhibbeentaa 98 akka ta’e eeraniiru.

Hoji gaggeessituu olaantuun kun gabaasa isaanii keessatti akka eeranitti dhaabbatichi waggaa kana keessa doolaara miliyoona 84.7 argachuu danda'eera.

Gama gosa tajaajilaatiin lakkoofsi maamiltoota sagalee mobaayilaa miliyoona 71.7, fayyadamtoonni daataa mobaayilaa fi interneetii miliyoona 36.4, biroodbaandii idilee kuma 688.3 fi maamiltoonni bilbila dhaabbataa kuma 834 ta’uuo ibsameera.

Hoji gaggeessituun olaantuun kun dhaabbatichi maamiltoota neetwoorkii mobaayilaa miliyoona 81 to’achuuf dandeettii uumuus eeraniiru.

Heeran Silashii

ETV Afaan Oromoo

24 Jan, 03:34


Taphoota WAANCAA AFRIKAA Chaanaalii Etv Afaan Oromoorratti kallattiin daawwadhaa.

ETV Afaan Oromoo

17 Dec, 04:04


Yaa'iin Waliigalaa Idilee Waggaa 19ffaa  Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Gaggeeffame
**************

Yaa'iin Waliigalaa Idilee Abbootiii Aksiyoonaa Waggaa 19ffaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.

Yaa'ii Idilee 19ffaa kana irratti pirezidaantii Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo  Darribee Asfaaw, Boordii Daayrektaroota baankichaa, Abbootiin Aksiyoonaa fi Abbootiin Gadaa fi Hadholiin Siinqee argamaniiru.

Yaa'icha irratti Wixineewwan Labsii gara garaa dhiyaachuun Irratti mari'atame.

Asaantii Hasan

ETV Afaan Oromoo

17 Dec, 04:03


Hojiin Tajaajila Lammummaa Bonaa Magaalaa Mojootti jalqabe
***
*

Hojiin Tajaajila Lamuummaa Bonaa akka Naannoo  Oromiyaatti Bulchiinsa  Magaalaa Mojootti bakka Hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii   Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sobbooqaa  fi hoggansi Magaalaa Mojoo   argamaniiti hojii kenna tajaajila lamuummaa garaa garaa hojjachuun Eegalameera.

Kenna tajaajila lammummaa bona kanaas  ijaarsa mana  harka qalleeyyii fi kunuunsa Ashaara Magaarisaatiini kan  eegalame.

Kenna tajaajila bonaa kanaan dargaggoonni  miliyoona 4 akka Oromiyaatti hojii kanarratti akka hirmaatan himameera

Saxxoo Tashoomaa