Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

@ethiopianpressagency_afaanoromoo


Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

22 Oct, 13:06


#Ministirri_Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)fi Giiftiduree Zinnaash Taayyaachoo garee jilaa ministirootaa wajjin yaa'ii Biriiksirratti hirmaachuuf Kaazaan, Raashiyaa galan.
WMM

Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

22 Oct, 13:05


“Gaaffii Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheessite haala sirna adeemsa hojii CAF'n ilaalama”
-Pirezdaantii CAF Paatiris Mootiseeppee
*****************
Gaazexaa Bariisaa
Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheessite haala sirna adeemsa hojii CAF'n ni ilaalama jedhan Pirezdaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Paatirisi Mootiseeppee.
Yaa'iin Waliigalaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa 46ffaa Itoophiyaan keessummeessite xumurameera.
Pirezdaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Paatiriis Mootiseeppeefi hoggantoonni ‘CAF’ biroon waliin ta'uun Yaa’ii Waliigalaa kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Itoophiyaan seenaa kubbaa miilaa Afrikaa keessatti gahee olaanaa akka qabduufi miseensota hundeesitoota ‘CAF’ keessaas tokko akka taate pirezdaantichi ibsaniiru.
Itoophiyaan biyya bilisummaa Afrikaa keessattillee shoora olaanaa taphatte ta'uu eeraniiru.
Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf gaaffiin dhiheessite yeroo isaa kan eeggate akka ta'ees ibsaniiru.
Itoophiyaanonni kubbaa miilaatiif fedhiifi hidhannii isaan qaban guddaa ta'uu kan hubatan ta'uu eeranii, ispoortiin humna guddaa tokkummaa ummata cimsudha jedhaniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Istaadiyeemiifi bu’uuraalee misoomaa ispoortii Itoophiyaatti hojjetamaa jiran isaan daawwachiisuusaaniifi waan arganittis gammaduu ibsaniiru.
Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheesitee haala sirna adeemsa hojii CAF'n kan ilaalamu ta'uu himaniiru.
Itoophiyaan Yaa’ii Waliigalaa ‘CAF’ milkaa’inaan keessummeessuu himanii, haala Itoophiyaanoonni itti keessuummaa simatan dinqisiifachuu TOItu gabaase.
Onkoloolessa 12 bara 2017

Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

22 Oct, 07:51


#ABBAA_SA'AA
Hojiilee guguddoo omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf bara omishaa 2016/17 Oromiyaatti raawwataman
****
Gaazexaa Bariisaa
Biiroon Qonna Oromiyaa bara 2016 damee qonnaatiin hojiilee guguddoo dinagdee naannichaas ta’e biyyattii olkaasuu danda’an hedduu raawwateera.

Bara omishaa 2016/17 gargaaramummaarraa gara omishuutti kallattii jedhu qabachuun dameelee qonnaa hunda keessatti hojiileen omishaafi omishtummaa qonna guddisan hedduun karaa walfakkaataa ta’een raawwatamaniiru.

Hoggantoonni qonnaa, ogeessonni qonnaafi qonnaan bultoonni karoora xiiqii milkeessuurratti bal’inaan akka hirmaatan taasisuun qindoominniifi waldhageettiin sadarkaa hundatti akka uumamu taasisuudhaan hojiin qonnaa dameelee hundaan akka milkaa’u ta’eera.

Akka waliigalaatti barri omishaa 2016/17 baroota darbanirra bara omishni fooyya’aan itti eegamu ta’uu himu Hogganaan...
👇
https://press.et/oromifa/2024/10/19/hojiilee-guguddoo-omishaafi-omishtummaa-qonnaa-guddisuuf-bara-omishaa-2016-17-oromiyaatti-raawwataman/

Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

22 Oct, 04:18


#QARREEFI_QEERROO
Dargaggoonni waa’ee nageenya waaressuurratti maal jedhu?
***
Gaazexaa Bariisaa
Dargaggummaan umrii murteessaa ofiifis ta’e biyya ofiif waardiyyaa dhaabachuun wabii itti ta’an yoo ta’u, keessumaa gaafa xiiqii ga’umsaan diina dura dhaabatee walabummaa biyyaa kabajuufi kabachiisuun dhaloota utubaa biyyaa ta’edha jechuun ni danda’ama.

Kanamalees wayita sirnoonniifi ayyaanonni gara garaa gaggeeffaman walleen, aartiin, uffataan miidhagsuun aadaan osoo hinfaalamiin duudhaasaa eeggatee dhaloota dhufutti akka darbuuf imaanaan dargaggoota harka jiru tokko lama miti.

Oromoon guyyaa jijjiiramaa har’a keessa jiru kana ijasaatiin arguuf wareegama qaalii humnaa olii kaffaleera, lubbuu qaalii itti wareegeera, qaamasaa itti dhabeera, dhiigasaa dhangalaaseera.
👇
https://press.et/oromifa/2024/10/19/dargaggoonni-waaee-nageenya-waaressuurratti-maal-jedhu/

Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

21 Oct, 18:39


#Helekoptara_fayyadamuuf yaalaa jirra
(Ergaa Aadde Adaanach Abeebee)
**
Gaazexaa Bariisa
Balaa abiddaa Markaatoo, naannawa Shaamaa Taraatti uumameen miidhaa qaqqabeef baay'ee gaddineerra!

Balaa abiddaa uumamee too'achuuf, Ittisa abiddaafi sodaa balaa akkasumas hawaasa naannichaa waliin ta'uun tattaaffiin godhamaa kan jiru yennaa ta'u balicha saffisaan too'achuuf tattaaffii taasifamaa jiru ulfaataa kan taasise daandiin naannichaa makiinota balaa abiddaa haala guutuu ta'een fayyadamuuf rakkisaa sababa ta'eef helekoptaraa ayyadamuuf yaalaa jirra.

Balaa kana hir'isuuf qaamoleen deeggarsa taasisaa jirtan hundi yaalii keessan cimsitanii akka ittifuftan isin yaadachiisa.

Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

21 Oct, 15:39


#Leemman: Qabeenya uumamaa naannawa keenyaa faayidaalee adda addaatiif oolu
**
Gaazexaa Bariissa
Leemman hojiilee misooma kooriidarii hojjetamaa jiru milkeessuuf shoora olaanaa qaba.

Leemman qabeenya uumamaa naannawa keenyatti argamu ta'ee bareedina manaafi naannawaa dabaluu bira darbee hawwata turistii guddaa ta'uun tajaajiluuf oola.

Leemman muka uumamaa naannawa haalli qilleensaasaa baddaa ta'etti kan biqiluudha. Leemman waqtii badheessaa yoo roobni roobe ooyyaa biqilchuudhaan walhora. Leemman qal'aa dheeraa kan ta'eefi baalli isaa qaqal'oo gaggabaabduudha.

Leemman faayidaalee gara garaa qaba. Faayidaasaa keessaa madaala uumamaa eeguudhaan qilleensi akka hinjijjiiramne dhoorga. Baasiifi dhamaatii malee naannawa qe'ee ofiitii murachuun ijaarsa manaatiif, dallaaf akkasumas gootaraa yookiin gaagura, keesheefi kkf ittiindhayuuf gargaaramu. Baallisaa okaa horiitiif ni oola.

Leemman madda galii ta'uun tajaajila olaanaas nikenna. Tajaajila qoraaniifis ni oola.

Leemman haala salphaan yeroo gabaabduu keessatti qabatee kan nama fayyadu waan ta'eef haaraa dhaabneefi kunuunsinee miidhagina qe'eefi naannawa keenyaaf haa fayyadamnu.

Girboo Saaddootiin (Waajjiraa Kominikeeshinii Arsii Lixaarraa)