ABDII SABAA

@abdii_sabaa1


ABDII SABAA

02 Sep, 16:24


Dooktar Abiy Ahimad Biilgeets waliin kilaastara qamadii fi horsiisa lukkuu daawwatan

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Sooressa Addunyaa Biilgeetis waliin kilaastara misooma qamadii fi horsiisa lukkuu daawwataniiru.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin Biil Geet bara 2010 booda yeroo 2ffaaf gara Itiyoophiyaatti baga nagaan dhuftan jechuun simataniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA1 📡

ABDII SABAA

28 Aug, 10:55


Si’a sadii ol nama murteen du’aa itti murteeffamee ture, Daawit Dirribaa.

Eeliyaas Dirribaa Badhaaneen kana dura yakka cimaan himatamee murtoon adabbiin du’aa yeroo 3 irratti darbee kan ture ta’uu ibsame

Namoota qajeelfamaa fi hojmaata Siiviil Ayiveeshinii camsuun to’annoon jala oolaan keessa Eeliyaas Dirribaa Badhaaneen kana dura maqaa Daawwit Dirribaa Badhaanee jedhuun yakka cimaan himatamee murtoon adabbii du’aa si’a 3 irratti kan darbe ta’uu Poolisiin Federaalaa beeksiise.

Yakkamaan kun bara 1989 hanga 1999tti maqaa Daawwiit Dirribaa Badhaanee jedhuun yakkoota adda addaan himatamuun manni murtii yeroo 3 adabbii du’aa irratti murteessee turuu Poolisiin Federaalaa ibseera.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha yakkaa 2ffaa Mudde 25, 1999 ooleen yakka saamichaa, hannaa, reebichaa, ajjeechaa fi seera camsuun himata irratti dhiyaateen adabbii cimaa umrii guutuu irratti murteessee turuu qorannoon poolisiin mirkaneesseera.

Shakkamaan kun maqaa Eeliyaas Dirribaa Badhaanee, Jamaal Nuuruu fi Daawwit Dirribaa Badhaanee jedhu fayyadamuun meeshaalee waraanaa 11 saamuu, hanna garaagaraa, nama 3 ajjeesuu dabalatee yakkoot adda addaa hedduun himatamuun murtoon adabbii cimaa umrii guutuu itti murtaa’ee turuu eereera.

Akkasumas Shakkamaan kun saamicha meeshaa waraanaan deeggarame raawwachuu, yakka mana hidhaa miliquu fi yakka hannaa garaagaraa raawwachuu himatamuun Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha yakkaa 2ffaa Ebla 30, 2000 ooleen irra deebiin adabbii cimaa umrii guutuun adabuu himeera.

Shakkamaan kun murtoo du’aa irratti darbe ol iyyannoon gara umrii guutuutti akka jijjiiramuuf taasiisus, irra deebiin iyyannoo dhiyeeffachuun gara adabbii waggaa 25tti jijjiiramuun waggaa 17 mana amala sirreessaa erga turee booda dhiifamaan gadi lakkifamuu Poolisiin qorannoo taasiiseen mirkaneessuu ibseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

27 Aug, 17:06


Manni Murtii Shakkamtoota Ja’an Irratti Guyyoota Qorannoo 14 Eeyyame

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddachi Beellama Yeroo, shakkamtoota ja’an nageenya daandii qilleensaa balaarraa buusuuf socho’aniiru jedhamuun shakkamuun yakka shorokeessummaan himatamanirratti guyyoota qorannoo 14 eeyyeme.

Manni murtichaa kaleessa Yaada Qorannoo Poolisii Federaalaa fi qabxii falmii Abukaatoonni shakkamtootaa kaasanirraatti yaada murtoo kennuuf har’atti beellamuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan dhaddacha har’aan Galmee himataa Yohaannis Daani’eel Barihee (Joon Daani’eel) jalatti kan hammataman ja’arratti Poolisii qorataaf yeroo qorannoo dabalataa eyyamuun amansiisaa ta’uurraan Manni Murtichaa guyyoota qoranoo 14 eeyyameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA1 📡

ABDII SABAA

26 Aug, 15:43


#update

Shakkamtoonni 6 haala hojimaata aviyeeshinii cabsuun jeequmsaa fi doorsisa uumaniiru jedhaman, har'a mana murtiitti dhiyaataniiru.

Dhaddachi Mana Murtii Olaanaa Federaalaa falmii bitaa fi mirgaa ergaa dhaggeefatee booda qorannaaf guyyoota 14 Poolisiin Federaalaa gaafateef guyyaa boruu Hagayya 21, 2016 murtii kennuuf beellamee jira.

Shakkamtoonni kunneen karaa abukaatoo isaaniitiin mirga wabii gaafataniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA1 📡

ABDII SABAA

25 Aug, 13:24


#Ethiopia

Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa suuraa eenyummaa namoota dhuunfaa 6 kan Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaatti seeraa fi hojimaata siiviil aviyeeshinii cabsuudhaan to'annoo jala oolaniifi fi qorannoon shororkeessummaa irratti baname agarsiisu gadhiisee jira.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA1 📡

ABDII SABAA

21 Aug, 06:26


Amma Seenuun yaalaa Nama 1 yoo Affeertan Qarshii 5 isiniif kaffala.
Qarshii 20 irraa kaasee baafachuu Dandeessu
👇👇

https://t.me/BirrReferBot?start=r0158985235

ABDII SABAA

20 Aug, 20:25


Wanti kun 💯% dhugaadha Ammumarraa kaasaa eegalaa

ABDII SABAA

20 Aug, 12:30


Amma Seenuun yaalaa Nama 1 yoo Affeertan Qarshii 5 isiniif kaffala.
Qarshii 20 irraa kaasee baafachuu Dandeessu
👇👇

https://t.me/BirrReferBot?start=r0158985235

ABDII SABAA

19 Aug, 19:03


#OduuAmmee

Korri TPLF hoggansa paartichaa filate; Geetaachoo Raddaan aangorraa kaafaman

Guyyoota torban darbaniif kora 14ffaa isaa gaggeessaa kan ture Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon G/mikaa’eliin irra deebiin dura taa’aa gochuun filachuu beeksise.

Kana malees, Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo #Tigraay fi Dura Taa’aa Itti Aanaa TPLF kan ta’an Geetaachoo Raddaa itti gaafatamummaa paartii irraa kaasuun bakka isaanii Amaanu'eel Asaffaa dura taa’aa itti aanaa gochuun filateera.

Paartichi kora guyyoota torbaaf gaggeesseen miseensota koree giddugaleessaa 45, akkasumas koree hoji raawwachiiftuu 9 filateera.

Dura taa'aa fi itti aanaa isaanii dabalataan Fatilawarq G/Egzaabiheer, Liyaa Kaasaa, Taklaay Gabramadiin, Fissahaa Haaftatsiyoon, Abrahaam Takaste, Radaa'i Barha, fi Solomoon Kidaana miseensota koree hoji raawwachiiftuu ta'uun filataman.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA1 📡

ABDII SABAA

19 Aug, 17:50


🧶Chaanaalota   Akkamii  barbaadduu
Chaaneloota afaan oromoo chaanaalii filatamoo ta'an kaneen armaan gadiitti dabalamaa

🧶ምን አይነት ቻናል ይፈልጋሉ
ከታች የተመረጡትን ቻናሎች ይቀላቀሉ

       𝐓𝐡𝐢𝐬 𝐈𝐬 𝐇𝐨𝐩𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐢𝐨𝐧
         𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦
          𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬//𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩𝐬
       ---------------

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬//𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩𝐬 10𝐊+
𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐖𝐚𝐯𝐞𝐫 @seyfal_islam

ABDII SABAA

12 Aug, 11:49


Gareen Idil Addunyaa Tajaajila Yaala Bilisaa Kennu Marsaan Jalqabaa Itiyoophiyaa Seene

Gareen Idil Addunyaa Waqtii Gannaa tajaajila yaala fayyaa bilisaa kennu marsaan jalqabaa Itiyoophiyaa seeneera.

Jilichi waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahu Hoggantoota olaanoo Ministeera Fayyaan simatameera.

Gareen kun ogeeyyii yaala fayyaa 26 kan of keessatti hammate ta’uu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Ogeeyyiin kunneen Hospitaale Qulqulluu Phaawuloositti Koollejjii Meedikaalaa Barkumee, Hospitaala Alaartii fi Xiqur Anbassaatti lammiilee kuma 1 fi 500 oliif tajaajila yaala baqaqsanii yaaluu bilisaan kan kennu ta’uu eerameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA1 📡

ABDII SABAA

07 Aug, 11:46


Yaa ahbaab!
Obboleessi keessan Imran Tahir YouTube haaraa viidiyoowwan gaggabaaboo turan babal’inaan akkasumas sagantaa miidhagaa eegalee banee jira!

Link armaan gadiitiin seenuun subscribe gochuun maatii ta’aan waamicha obbolummaati!

https://youtube.com/@imrantahir1?si=x2TXxJ-IeWJwnWDE