OCC Onkoloolessa 30, 2017 – Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Hooggantoota Waajjira Ol'aanaa, Dameewwaniifi Pirojektootaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa (OCC) waliin taasifamaa Jira.
Hojii Raawwachiisaa Ol'aanaan Korporeeshinichaa Injinar Ashannaaffii Dhaabaa haasa baninsaa taasisuun kaallaatti gamaaggamni itti deemsifamuu qabu kaa'aniiru. Gabaasni raawwii hojii bara 2017 Daayirektoreetii Karooraan erga dhiyaateen booda, marii tuuta tuutaan dhimmoota gadifageenyaan ilaalamuu qaban ibsanii jiru.
galmoota OCCfi galmoota kurmaana 1ffaa haalaan madaaluu,
hojii keenya ariitii, baayyinaa, qulqullinaafi kalaqaan madaaluu,
bu'aa qabesssummaa keenya ilaaluu,
hojiirra oolmaa rifoormiiwwanii xiinxaluu
Hojii hunda KPI maddaluu,
pirojektoota aariitiin xumuruuf
karoorfannee jirru irratti gadi fageenyaan marii'achuun murteessaa ta'uufi
Hojii hunda KPIn maddaluu, karoora xiiqii xiiqqeffanne hojjechaa akka jirru ilaaluun kallattii marii ta'uu kaa'aniiru.
Odeeffannoo dabalataaf:
Marsariitiin keenya.
http://www.occ-oro.com
Yuutuubii. https://www.youtube.com/@oromiaconstructioncorporat642
Feesbuukii
https://www.facebook.com/profile.php?id=100071754925837&mibextid=ZbWKwL
Teelegraam Chaneelii
https://t.me/Oromiaconstructioncorporation
Tiwiiterii
https://twitter.com/OromiaConstruc1?t=VC77xm_ShvZCr3VzjBiWGQ&s=35
Waan nu hordoftaniif dursinee isin galateeffanna.
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook