Oromia Development Association ODA (@odawmo) Kanalının Son Gönderileri

Oromia Development Association ODA Telegram Gönderileri

Oromia Development Association ODA
ODA/WMO
8,551 Abone
6,359 Fotoğraf
38 Video
Son Güncelleme 10.03.2025 22:10

Oromia Development Association ODA tarafından Telegram'da paylaşılan en son içerikler

Oromia Development Association ODA

23 Dec, 12:35

5,871

Beeksisa Gita Hojii Banaa!
(WMO-Muddee 14/2017)

Waldaan Misooma Oromiyaa gita hojii banaa armaan gadii irratti ogeeyyii dorgomsiisee qacaruu barbaada. Kanaafuu, ogeeyyiin ulaagaalee beeksifni kuni gaafatu guuttan dorgomuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna.

Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

23 Dec, 12:33

3,846

Beeksisa Gita Hojii Banaa!
(WMO-Muddee 14/2017)

Waldaan Misooma Oromiyaa gita hojii banaa armaan gadii irratti ogeeyyii dorgomsiisee qacaruu barbaada. Kanaafuu, ogeeyyiin ulaagaalee beeksifni kuni gaafatu guuttan dorgomuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna.

Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

11 Dec, 14:19

3,501

Leenjiin leenjistootaa piroojektii ODA-ADEY kennamaa jira.
(WMO-Muddee 2/2017)

Projektiin ODA-ADEY leenjii leenjistootaa mata duree funca sona qonnaa (kan kuduraalee, horsiisaa fi furdisa bushaa’ee, misooma dammaa, fi daldala oomisha qonnaa) irratti qindeessitoota pirojektii Aanaalee, Ogeessota Waajjiraalee qonnaa fi Carraa Hojii Uumuu Aanalee irraa dhufaniif magaalaa Adaamaatti kennamaa jira. Xumura leenjii kanaa boodas leenjiin kun kallattiin gadi bu’ee sadarkaa Aanaatti fayyadamtoota dargaggootaa gurma’anii hojii eegalanii jiran 8,445’f kan kennamu ta’a.

Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

08 Dec, 16:30

732

Daawwannaa ijaarsa manneen barnootaa.
(WMO-Sadaasa 29/2017)

Miseensoonni managimentii Waldaa Misooma Oromiyaa godina Boorana bahaa aanaa Libanitti argamuun ijaarsa manneen barnootaa dhaabbata ijaarsa waldaatiin ijaaramanii xummuraman daawwatan.
Manneen barnootaa kun yeroo qabameef keessatti saffisaafi qulqullinaan ijaaramanii kan xummuraman yoo ta'an, waldaan hojii gama ijaarsaatiin hojjechaa jiru irratti gahumsaafi dandeettii olaanaan hojjechaa kan jiru ta'uu hojiin kun agarsiistuu guddaadha.

Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

06 Dec, 17:21

623

Leenjiin Waldaan Misooma Oromiyaa Barsiisota manneen barnootaa bultii Addaaf kennaa ture xumurame.(WMO _Sadaasa 27/2017)

Leenjiin hubannoo uumuu sadaasa 26_27/2017tti guyyoottan lamaaf waldaan Misooma Oromiyaa manneen barnootaa bultii addaa WMO damee Adaamaafi Bishooftuuf mata duree Gaggeessummaafi Waliin hojjechuu jedhu irratti kennaa ture har'a goolabame.Dabalataanis miseensa boordii WMOfi Pirezidaantii Yunivarsiitii Metropolitaan Kotabee kan ta'an Dr.Birhaanemasqal Xannaa mata (The principal factors affecting students' academic performance) jedhu irratti leenjii kennuun beekumsa tarsiimowwan garaa garaa qabxiin barattootaa itti fooya'uu danda'u Barsiisota hidhachiisaniiru.
Xumura irratti Walitti qabaa boordii WMOfi abbaan mul'ataa mana barumsaa bultii addaa kabajamoo obbo Abbaa Duulaa Gammadaa bakka leenjiitti argamuun haasaa cufiinsaa taasisaniin qabxii barattoota hanga ammaatti galmaa'ef beekamtii kennuun,Mul'ata gama barnootaan ka'ame bira gahuuf hojiin baay'een akka dhimmamtoota barnootaa eeggatu akeekaniiru.

Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

05 Dec, 13:30

1,012

Leenjiin hojjettoota fi qooda fudhattoota pirojeektii ODA-IOD aanaa Ambootiif kennamu eegalame.
(WMO-Sadaasa 26/2017)

Leenjiin mata duree "Child Protection and Case Management based on national CP case management framework, alternative care & MHPSS" irratti qindeessitoota Pirojeektii sadarkaa aanaa fi godinaa, hojjettoota hawaasaafi qooda fudhattoota waajjira barnootaa, Fayyaa fi gurmaa'insa/WDuDa aanaa Amboo tiif guyyoota sadiif kennamu guyyaa har'aa eegalameera.
Leenjii kana irratti akkaataa daa'imman baraaramtoota itti gargaaruu dànda'an, case management service akkasumas eegumsa daa'immaniif bàrbaachisan, currisa daa'immanii adda baafachuuf dandamachiisuuf maloota gargaaran irratti hubannoo gahaan kan kennamudha.

Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

30 Nov, 18:44

575

“Dhaloota boru biyya dhaalu barumsa idileen maddiitti naamusaafi Jaalala biyyaa akka goonfatuuf hojiin hojjetamu daran cimuu qaba.” Kabajamoo obbo Abbaaduulaa Gammadaa
(WMO-Sadaasa 21/2017)

Barattoonni mana barumsa Bultii Addaa WMO leenjii jabeenya qaamaa, naamusaafi jaalala biyyaa mooraa humna qilleensa Itoophiyaatti fudhachaa turan sirna ho'aan eebbifamaniiru.
Sagantaa kana irratti keessummaa kabajaa ta'uun kan argaman walitti qabaan boordii WMO kab. obbo Abbaaduulaa Gammadaa, Dhaloota boru biyya dhaalu barumsa idileen maddiitti naamusaafi Jaalala biyyaa akka goonfatuuf hojiin hojjetamu daran cimuu qaba.”jechuun ergaa dabarsaniiru.
Daarikteerri olaanaan WMO obbo Dajanee Itichaa gama isaaniin barattoonni WMO addunyaa irratti dorgomoo ta'aa jiraachuu yaadachiisuun, leenjiin kun egeree barattoota keenyaaf rakkoolee isaan muudatan furuuf gahee guddaa akka qabu eeruun eebbifamtootaan baga gammaddan jedhaniiru.
Dhumarrattis milkaa'ina sagantaa kanaaf qaamolee gumaacha taasisan Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humna Qilleensaa Itoophiyaatiif akkasumas qooda fudhattoota maraaf galata galchaniiru.

Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

16 Nov, 10:55

426

ODA SCI CDA ECDEiE project Model classroom East Bale Ginnir, Arda Tare!
Oromia Development Association ODA

16 Nov, 04:31

702

Gamaggamni raawwii hojii piroojektii ALC gaggeeffame.
(WMO-Sadaasa 7/2017)

Gamaaggamni raawwii hojii piroojektii ALC bakka manaajarri piroojektichaa, hooggansi aanaafi qooda fudhattoonni garagaraa argamanitti gaggeeffame.
Waltajjii kana irratti gabaasni hojii piroojektii hanga ammaatti hojjetame qindeessitoota piroojektichaatiin erga dhiyaatee booda hirmaattota waliin mariin bal'aa kan taasifame yoo ta'u, hirmaattonnis, ''Fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf qooda fudhattoonni hundi waliin hojjechuu qabna,'' jechuun yaada kennaniiru.
Xumura irrattis hojiiwwan akka muuxannootti babal'achuu qaban adda baasuu, qindeessuu fi babal’isuun caalmaatti hawaasichi akka fayyadamuuf hojjechuun murteessaa akka ta'es irratti waliif galuun waltajjichi xumurameera.

Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

12 Nov, 12:25

1,968

Beeksisa Gita Hojii Banaa!
(WMO-Sadaasa 3/2017)

Waldaan Misooma Oromiyaa gita hojii banaa manneen barnoota Bultii Addaa WMO damee Adaamaafi Bishooftuu irratti barsiisota dorgomsiisee qacaruu barbaada. Kanaafuu, barsiisonni ulaagaalee beeksifni kuni gaafatu guuttan dorgomuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna.

Tokkummaan Misoomaaf!