来自 Oromia Development Association ODA (@odawmo) 的最新 Telegram 贴文

Oromia Development Association ODA Telegram 帖子

Oromia Development Association ODA
ODA/WMO
8,551 订阅者
6,359 张照片
38 个视频
最后更新于 10.03.2025 22:10

相似频道

Oromia Times
16,385 订阅者
MEDIA HAQAA UNIVERSITY
13,856 订阅者
Ummatii Production
3,331 订阅者

Oromia Development Association ODA 在 Telegram 上分享的最新内容

Oromia Development Association ODA

21 Feb, 13:41

964

Beeksisa Gita Hojii Banaa!
(WMO-Gurraandhala 14/2017)
Waldaan Misooma Oromiyaa gita hojii banaa armaan gadii irratti dorgomsiisee qacaruu barbaada. Kanaafuu, ogeeyyiin ulaagaalee beeksifni kuni gaafatu guuttan dorgomuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna.
Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

04 Feb, 13:21

2,969

ODA- Agriculture Livelihood Conservation project Model Nursery site and dry season vegetable and fruit production current status.
Oromia Development Association ODA

01 Feb, 16:36

2,991

Waldaan Misooma Oromiyaa workishooppii gamaggama piroojektii 'ODA-FUTURE' waggaa 1ffaafi karoora waggaa 2ffaa gaggeesse.
(WMO-Fulbaana 24/2017)

Waldaan Misooma Oromiyaa workishooppii gamaggama raawwii hojii waggaa 1ffaafi karoora waggaa 2ffaa piroojektii 'ODA-Future' bakka I/G Eegumsa Fayyaa godinaalee,  bulchiisa  godinaa, bulchitootni Aanaafi gandaa,  I/G Fayyaa Aanaa, Gurmaa'iinsaa fi Barnoota, daariktaroonni B/Fayyaa fi manneen barnootaa argamanitti gaggeeffame. Waltajjii kanarratti daarikteerri olaanaan WMO obbo Dajanee Itichaa haasaa baninsaa taasisuun, barbaachisummaafi kallattii workishooppichaa ibsaniiru. Piroojektiin kun godina I/A/Boor fi Buunnoo Bedelleetti fayyaa walhormaata dargaggootaafi haadholii akkasumas diinagdee dubartootaa cimsuu irratti kan hojjetudha. Bu'uuruma kanaan hojii gama dhiyeessa meeshaalee yaalaa, karoora maatii, hubannoo cimsuufi humna raawwachiisummaa ogeeyyii irratti WMO'n hojjetameen uwwisni karoora maatii %15 ol guddisuun danda'ameera.
Waltajjii kanarratti raawwiin hojii bara darbee manajera piroojektii Galaanee Balaayiifi karoorri bara bara kanaa manajera sagantaa fayyaa obbo Birquu Dammaqaatiin dhiyaachuun marii bal'aan taasifamuun waltajjichi goolabameera.

Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

01 Feb, 13:44

1,842

Amajjii 24/2017
Daarikteerri olaanaan Waldaa Misooma Oromiyaa obbo Dajanee Itichaafi miseensonni manajimentii WMO magaalaa Jimmaatti argamuun haaromsa gamoo Jimmaa daawwachuun, ogeeyyii haaromsa gamoo hojjechaa jiran jajjabeessaniiru.

Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

27 Jan, 09:13

1,230

Amajjii 19/05/2017
Waldaan Misooma Oromiyaa Dhaabbilee idil Adunyaa UNICEF-KFW wajjiin gamtoomuun Godina Boranaa Aanaa Dirreefi Dubluqi keessatti hojii Barnootaafi Kunuunsa Daa'immanii irratti hojjachaa jira.
Sagantaa kanaanis Aanaalee caqasaman keessatti maatiif kunuunsitoota daa’immaniif deeggarsa re’oota 400 taasisee jira.
Daa’imman sababa hoongeetiin rakkoo adda addaatiif saaxilaman dandamachiisuuf re’oota dhaltuu 400 bituun maatii fi kunuunsitoota daa’immanii 200 ta’aniif gumaachee jira. Deeggarsi kun fedhii hawaasa naannichaa kan ta’ee fi daa’imman sababa harka qalleeyyummaatiin mana barumsaa hingalin, kan umrii isaanii malee loon namoota biro tiksanii fi rakkoo adda addaatiif saaxilamoo ta’an gara mana barumsaatti akka deebi’an kan gargaaruu fi itti fufiinsaan barnoota isaanii milkeessuuf kan oolu ta’uu isaa hawaasni naannichaa fi fayyadamtoonni dubbatani jiru.
Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

27 Jan, 07:56

1,223

Beeksisa Gita Hojii Banaa!
(WMO-Amajjii 19/2017)
Waldaan Misooma Oromiyaa gita hojii banaa armaan gadii irratti dorgomsiisee qacaruu barbaada. Kanaafuu, ogeeyyiin ulaagaalee beeksifni kuni gaafatu guuttan dorgomuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna.
Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

15 Jan, 15:39

3,186

Baga gammaddan! Baga gammanne 🎉

Manni barumsa bultii Addaa Waldaa Misoomiya Oromiyaa barattoota hunda gara yuniivarsititti waan dabarseef Dhaabbata ‘Ethiopian Students National Award’ irraa beekkamtii waan argatee jira. Uummanni Oromoofi deeggartoonni WMO bu'aan kun akka argamuuf yeroo hunda hojii eebbifamaa kana utubdan hundi baga gammaddan baga gammanne. Manni barumsaa keenya bara kanas akkuma baroota darbanii qabxii olaanaa galmeessinee uummata keenya boonsuuf halkanii guyyaa hojjechuun seenaa haaraa galmeessuf qophii cimaa gochaa jirra.
Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

10 Jan, 13:14

3,823

Barattoonni mana barumsa Bultii Addaa WMO duraanii yeroo jalqabaaf ogummaa Hakiimaan (Medical Doctor) tiin yuunivarsiitii Hawwaasaa irraa eebbifaman walitti qabaa boordii WMO kab. obbo Abbaaduulaa Gammadaa waliin mari'atan.
Marii kana irrattis Obbo Abba Duulaa Gammadaa “Ifajjii fi turtii yeroo dheeraa booda beekumsa fi ogummaa argataniin tajaajilu akka qabaniif beekumsa fi hubannoo gahaadhaan yeroo fudhachuun waan baratani irraatti yaadanii ogummaa isaanii kana 'specialize' gochuun ogumma isaani gabbisanii hawaasa isaani tajaajilu akka qaban dhaamaniruuf.

Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

08 Jan, 19:13

2,547

Beeksisa Gita Hojii Banaa!
(WMO-Muddee 30/2017)

Waldaan Misooma Oromiyaa gita hojii banaa armaan gadii irratti dorgomsiisee qacaruu barbaada. Kanaafuu, ogeeyyiin ulaagaalee beeksifni kuni gaafatu guuttan dorgomuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna.

Tokkummaan Misoomaaf!
Oromia Development Association ODA

01 Jan, 11:11

4,633

ODUU GADDAA
Barataa mana barumsa Bultii Addaa WMO kan ture ogeessi fayyaa Geetahuun Tashoomee balaa tasaan boqochuu isaatti gadda guddaatu nutti dhaga'ame.
Waaqayyo lubbuusaa haa boqochiisu, Maatiifi hiriyoota isaa hundaaf jajjabina hawwina.