Neueste Beiträge von MOHAMMED SHEYBANI (@mhadisrasolelahsaw) auf Telegram

MOHAMMED SHEYBANI Telegram-Beiträge

MOHAMMED SHEYBANI
Join: https://t.me/mhadisrasolelahsaw
1,662 Abonnenten
632 Fotos
85 Videos
Zuletzt aktualisiert 06.03.2025 10:09

Der neueste Inhalt, der von MOHAMMED SHEYBANI auf Telegram geteilt wurde.

MOHAMMED SHEYBANI

06 Mar, 01:22

60

Namni Guyyaa odoo soomaan jiru dagatee nyaate soomni isaa jalaa hin Badu:-

Rasuulli Rabbii ﷺ akkana jedhan:"Namni odoo soomaan jiru dagatee nyaate sooma isaa haa guuttatuu, kan isa nyaachiseee obaase Allaah qofa malee waan biraatii miti".

Bukhaaritu gabaase: 6669
MOHAMMED SHEYBANI

05 Mar, 21:40

85

Yeroo Ramadaanaa hedduu qaaliidha, Dalagaan isa keessa dalagaan Namaaf dachaa ta'a, Kanaafuu; haa saamannuu !
MOHAMMED SHEYBANI

05 Mar, 08:58

133

Ulaagaalee ibaadaa Lamaan !

Ramadaana irraa fayyadamuudhaaf Qabxii lama irratti xiyyeeffatuun akkaan barbaachisaadha, isaanis :-

1ffaa/ Iklaasa: Waan hojjannu hunda keessatti Rabbiif qulqulleessinee Hojjachuu, Dalagaan kamuu yoo rabbiif jecha hin dalagamin miidhaa malee faayidaa hin qabu .

Kanaan walqabatee bakka gahan hundatti akkasumas ibaadaa dalagnu hunda keessatti suuraa of kaasaa maxxansuun ulaagaa kana irratti hedduu dhiibbaa qaba, keessattuu deeggarsa Rakkataaf godhan kessatti wanti kun hedduu baay'ata, dalagaan gaariin kan dhoksanii dalagan, toltuu dalagan mul'isuuf sardamuun bareedaa miti, waan kana itti yaaduun gaariidha.

2ffaa/ Ergamaa Rabbii ﷺ hordofuu:- dalagaa kamuu akka nabiyyiin ﷺ dalaganitti dalaguu barbaachisa, kun lamaan ulaagaa Ibaadaa hundaati, dalagaan namaa gaarii ta'uuf waan kana lamaan guuttachuu qaba, yookiin dalagichi Ifaajee malee bu'aan irraa argamu hin jiru, Kanaafuu; xiyyeeffannaa itti kennaa !!!
MOHAMMED SHEYBANI

05 Mar, 02:02

158

Ramadaana keessa Qur’aana qara'uun hedduu jaalatamaadha.

Ramadaanni ji'a qur'aanaati, isa keessa buufame, isa keessa Qur’aana heddumminaan qara'uun hedduu barbaachisaadha, yeroo baay'ee buusanii irra deebi'uun gaariidha .

Garuu dafanii buusuuf jedhanii akka hin taanetti qara'uun hin barbaachisu, xiinxallutu barbaachisaadha, sanaaf garuu hiikkaa isaa beekuun murteessaadha.

Namni qur'aana hiikkaa isaa osoo hin beekne dubbisu mi'aa isaa hedduu hin argu, Namni Qur’aana hiikkaa beekee dubbiseefi kuun wal-qixa irraa hin fayyadamu .

Hiikkaa isaa barachuun yeroo ammaa kana hedduu laafaadha. Afaanota garagaraatiin hiikamee waan jiruuf, Sagaleedhaanis akkasuma jira, barachuu dhabuun xiyyeeffannaa qur'aana rabbiitii kennuu dhabuu irraayi malee barachuu dadhabuu miti .

sahaabaan Rasuulaa ﷺ keeyyattoota kudhan yoo baratan hanga hiikkaa isaa baratanii itti dalaganitti gulantaa itti aanutti hin dabran ture, kanaaf xiyyeeffannaa itti kenninee haa barannu, yeroo keenya Qur’aana barachuuf haa oolchinu, yoo sana Rabbiin biratti milkooyna.

itti dhiyaadhaa !!!

https://t.me/mhadisrasolelahsaw
MOHAMMED SHEYBANI

04 Mar, 16:20

160

Sadarkaa Salaata Taraawiihaa Imaama wajjiin salaatanii xumuruun qabu :-

Rasuulli ﷺ akkana jedhan:"Namni imaama wajjiin salaata Taraawiihaa xumuree salaate, akka waan halkan guutuu salaataa buleetti isaaf galmaaya".

Hadiisicha Tirmizitu gabaase:806
MOHAMMED SHEYBANI

04 Mar, 01:18

207

Bu'aawwan suhuuraa:-

Suhuura (obboroo) nyaachuun bu'aa hedduu qaba, isaanis:-

1- Suhuura nyaachuun barakaadha .

2- Sunnaa Nabiyyii ﷺ Hordofuudh .

3- Ibaadaa irratti ciminaafi si'aa'ina argatan .

4- salaata subhii yeroon salaatuu irratti nama gargaara .

5- Rabbiin warra suhuura nyaatan ni faarsa, malaa'ikaanis du'aa'ii godhaniif .

6- yeroon sun yeroo kadhannaan Rabbii akkaan namaaf awwaatamtu .

7- Beelaafi dheebuu nama irratti laaffisa .

Walumaa galatti suhuurri bu'aa danuu qaba, nama jala dabruu hin qabu .

https://t.me/mhadisrasolelahsaw
MOHAMMED SHEYBANI

03 Mar, 16:43

219

Du'aa'ii Ramadaana keessaa :-


Ramadaanni du'aa'iif carraa gaariidha, isa keessatti muslimoonni kadhannaa baay'isu, Du'aa'iin bu'aawwan gurguddoo qabdi, isaan keessaa:-

1- Akaakuu ibaadaati .

2- Boona Rabbiin kadhachuu dhabuu irraa Nama baraarti .

3- Rabbiin biratti kabaja guddaa qabdi.

4- Dallansuu Rabbii nama irraa deebisti .

5- Gadda nama irraa kaasti .

6- Gammachuu qalbii namaaf fiddi .

7- waan jabaate namaaf laaffisti .

8- Du'aa'iin qarummaa qabatuudha .

9- Dadhabinna Namni Rabbiin hin kadhanne irraa nama baraarti .

10- Namni dhugaan Rabbiin kadhate waan kadhate hunda ni argata, battalumatti ta'uu ykn fulduratti ta'uu danda'a .

Ulaagaafi Naamusa Du'aa'ii :-


Kadhannaan ulaagaalee hedduu qaba: akka armaan gadiitti dhiyaata:-

1- Namni Rabbiin kadhatu akka isa malee Abbaan biraa dhimma isaa fixuu hin dandeenye dhugoomsuu qaba .

2- Ariifachuu dhabuu .

3- Keeyrii qofa kadhachuu .

4- Yaqiina qabaachuu .

5- Niyyaa guutuun kadhachuu .

6- Jireenya isaa keessatti haraama nyaachuu, dhuguufi uffachuu irraa fagaatuu .

Walumaa galatti Namni Rabbiin kadhate hin dhabu, keessattuu Ramadaana keessatti, Jabeessaa Rabbiin kadhaa ofiifis obboleeyyan keessaniifis .

Rabbii waa hunda caala nutti dhiyaatu qabna, hunda caala kan Rahamata nuuf godhu, isa qabaataa waan dhabne takkas hin qabnu .

Rabbiin keenya tola isaatiin milkaa'ina adunyaafi aakiraa keessatti nuuf haa kennu !

Join channel: https://t.me/mhadisrasolelahsaw
MOHAMMED SHEYBANI

02 Mar, 01:30

302

Wantoota sooma balleessan:-

1. Nyaachuu: Afaaniin nyaachuu qofaa miti, qoricha bakka nyaataa bu'u fayyadamuunis Soomana cabsa.

2. Dhuguu: Bishaan dhuguu qofaa miti, Tamboo xuuxuunis Sooma cabsa. Tamboon fayyaa teenya waan miituuf yeroo birootis fayyadamuun dhoorkaadha.

3. Guyyaa Jaartitti ida'amuu: Halkan malee guyyaa Jaartitti ida’amuun Sooma cabsa. Dhungachuun humaa hin qabdu, garuu wantoota wal-qunnamtiitti nu onnachiisan irraa yoo fagaanne gaariidha. Warra guyyaa Ramadaanaatiin walitti ida’ameef ammoo adaba jabaatu jira. Sunis Ramadaana booda ji'a 2 walitti dhaabanii Soomuudha.

4. Bishaan hormaataa fedhiin baasuu: Bishaan hormaataa fedhii teenyaan maletti manaamaan(abjuun) yoo bahe Soomni hin cabu. Ammoo tuxxuynee beekaa ofirraa dhangalaafnaan Soomni ni caba. Bishaan hormaataa qofa, bishaan biroo kan namarraa bahu Sooma hin cabsu.

5. If-haqqisiisuu: Beekaa if-haqqisuusuun Sooma cabsa. Fedhii teenyaan maletti garaarraa yoo waa ol dhufan ammoo deebifnee hin liqimsinu.

6. Dhiiga Heydii(marsaa laguu) fi dhiiga yeroo dahan namarraa bahu : Shamarran sadarkaa tanarra jiran Ramadaana furanii Qadaa yeroo biraa kafaluu qaban.

- Ramadaana keessa namni imala bahe Sooma furuu dandaha. Gaafa imalarraa deebi'e ammoo Sooma itti fufa. Yaa Rabbi Soomaafi Salaata, Sadaqaa fi kadhaa teenyaas nuuf Qeebali !


Share:-
https://t.me/mhadisrasolelahsaw
MOHAMMED SHEYBANI

01 Mar, 16:13

295

Faayidaawwan soomaa:-

Soomni bu'aa hedduu qaba, isaanis:-

1- wontee namaaf ta'ee ibidda irraa nama tiksa .

2- Nama soomuuf gammachuu lamatu jira, isaanis:-
- yeroo sooma lulluuqatu hin gammada, sababa Rabbiin waan guyyaa guutuu Nyaataafi dhugaatii fa'a, dhoorgaa irratti godhe isaaf eeyyameef .

- yeroo Rabbii isaatiin wolgayee guyyaa qiyaamaa galata sooma isaa argates ni gammada .

3- Balbala jannataa maqaan isii Rayyaan jedhamtu seena .

4- soomni yakka dalaguu irraa nama tiksa .

5- guyyaa qiyaamaa jaarsummaa namaaf dhaabata .

6- Nama ramadaana dhugaan soome badii isaa tan tarte Rabbiin isaaf dhiisa .
MOHAMMED SHEYBANI

01 Mar, 02:30

323

Sadarkaa Baatii Ramadaanaa soomuun qabu :-

Rasuulli Rabbii ﷺ akkana jedhan:"Namni Ramadaana soome iimaanaafi Rabbiin irra herragatuudhaan Yakki isaa kan dabre isaaf dhiifama".

Bukhaariifi muslimitu gabaase .

https://t.me/mhadisrasolelahsaw