⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️
#Hiikamsa
Efe 5:18-20
¹⁸ Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa! ¹⁹ Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis wal harkaa fuudhaa! Garaa keessan keessatti faarfachaa galata gooftaa dhageessisaa! ²⁰ Yeroo hundumaa waan hundumaafuu maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo abbaadhaaf galata galchaa!
↪️Namoonni baayyeen waldaa kiristiyaanaatti deddeebi'u malee jireenyi fooniifi hafuura isaanii hidhamaadha. Maaliif akka hiikamuu dadhabanis hin beekan. Waaqayyo garuu har'a sagantaa kanaan namoota baayyee hiikuu barbaada.
Hiikamuudhaaf maal gochuu qabna?
↪️Hafuura qulqulluudhaan Cuuphamuu.
↪️Hafuura qulqulluudhaan guutamuu.
↪️Humna nuuf kenname beekuu. Humni nuuf kenname kunis humna mootummaa waaqayyooti.
“Mootummaan Waaqayyoo mootummaa humni Waaqayyoo itti hojjetu malee, mootummaa dubbii waa'ee hin baafne itti dubbatan miti.” 1Qor 4:20
↪️Weedduu hafuuraa waaqayyoof dhiyeessuu.
↪️Komii namootarraa qabnu dhiisuu.
Tv Ifa fayyinaa jireenya ifaatiif