Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ (@golasooratajireenyaa) Kanalının Son Gönderileri

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ Telegram Gönderileri

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ
👉Kun Chaanaalii barumsi afuurawaa Ortodoksaawaan irratti darbudha! Waaqayyoo tajaajilicha haa bal'isu🤲

Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(BTH)

ይህ ቻናል ኦርቶዶክሳዊ መንፈሳዊ ትምህርት የሚተላለፍበት ነው። እግዚአብሔር አገልግሎቱን ያስፋ🤲

መ/ር ዲ/ን ባጫ ነጋሳ (BTH)
3,214 Abone
244 Fotoğraf
7 Video
Son Güncelleme 06.03.2025 11:08

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ tarafından Telegram'da paylaşılan en son içerikler

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

20 Feb, 13:06

697

Nama Eeboon inaaffaa waraane!

Labsiiwwanii fi qajeelfamoota "nama saaxile ni badhaafna" jedhan ni dhageenya. Namoonni nama saaxilan hundi nageenya biyyaaf kan yaadan ta'uu dhabuu malu. Geggeessitootni addunyaa kanaa immoo gochichuma irratti xiyyeeffachuu malee laphee gochichi ittiin hojjetame baruu hin barbaadan. Namni eeboon inaaffaa isa waraane qajeelfama malee, labsii malee, osooma badhaasa hin argatiiniyyuu kufaatiin nama kan biraa isa gammachiisa. Inaaffichi guddachaa yemmuu dhufus sadarkaa gara-jabummaa "walumaan haa rakkannu, hundumtuu haa dhukkubsatu" jedhurra ga'a. Hundi wal-faana rakkannaan kan kennu hin jiru, hundi wal-faana dhukkubsannaan kan yaalsisutu dhiba. Hawwii fi kadhannaan keenyayyuu "hundi wal-faana hin rakkatiin" kan jedhu ta'uu qaba. "Daldaltuun inaaftuun saamamuu ishee osoo hin taane, saamicha jalaa hafuu hiriyaa isheetti aarti" jedhama. Manneen hidhaa hin mul'anne, kiyyoowwan dhokatoo ta'an keessaa tokko inaaffaadha. Inaaffaan bittaan isaa bal'aadha. Bittaa isaa keessattis aduun hi dhiitu. Inaaffaan biyya hunda jira. Inaafni amala namoomaati. Miqqanyummaan garuu, qabeenya dhuunfaa keenyaati.

Inaaffaan kan inni nama qabu nam hin beeknetti miti. Inaaffaan; namni beekan yeroo guddatu, yeroo jireenyi isaa jijjiiramu,yeroo wanti gaariin isaaf ta'u, yeroo inni waan hojjetetti milkaa'u,....... mufachuu fi gadduu, namichas jibbanii duula jibbinsaas isa irratti banuu dha. Innaaffaan yeroo namni inni biyya fagoo guddatu "dhama'eetiidha haa ta'uufi" jedha, yeroo ollaan ofii ykn hiriyaan ofii guddatu immoo "hateeti malee eessaa fidee?" jedha. Nama isa biyya alaa isa hin beeknee fi bifaanillee isa wal hin fakkaanneen yeroo inni qullaa deemu "waanuma hundatu irraa bareedaam" jechaa; namni ofii yeroo uffatummoo weequu fi ceepha'uun inaaffaa dha. Inaaffaan gaaffii mirgaa isa "maallaqa koo na jalaa fudhatee naaf haa deebisu" jedhan miti, "wanti gaariin anaaf malee kan biraadhaaf hin ta'iin" jedhanii murtii dabaa muruudha malee. Inaaffaan addunyaan kun mana waliinii ta'uushee dagata. "Wanti hundumti anaaf haa ta'u" jedhee goolaba. Inaaffaan ijoota abiddaawoo, arraboota hiddoo, harkoota barbadeessoo qaba. Namoonni eeboo inaaffaatiin waraanaman qabeenyii fi beekamtiin, ulfinnii fi kabajni nama itti inaafan sanaa kan isaanii ta'uu akka hin dandeenye yoo beekanillee, nama sana yoo hin kuffisne boqonnaa hin qaban. Inaaftuun garuu ittuu nama guddifti malee nama hin kuffiftu. Namni inaaffaan keessa isaa seene guyyaa boqonnaa, halkanis sillimii hin qabu. Joorees hin dadhabu. Yeroo maqaa nama balleessuus gitatti osoo hin taane garaa guutuudhaani. Inaaftuun hojii hamaa isa hawaasni jibbu, isa namni hundi ciiga'u qoratteetu, nama jibbitutti maqaa sana kenniti. Lammiin hin baranne "Hoooooooo" jedhi yoo jedhaniin "Hooooooooo" jedha malee, "maaliifii?" jedhee qulqulleeffachuu hin yaadu. Deeggartootni inaaftotaa namoota hin barannee fi namoota waa hin hubanne qofadha. Inaaffaan gara-jabeessa ta'uu isaarraan kan ka'e ajjeeseellee dheebuu kan hin baane dha. Umuriin akka nu barsiisetti, yeroo baay'ee namni ceepha'amee fi gatame nama garii dha. Nama sana itti dhiyaatanii haasofsiisuu fi gadi jedhanii miirasaa dhaggeeffachuun ykn hubachuun barbaachisaa dha. Inaaftuun samiiyyuu Sillaaseedhaaf kan dhiifte ni tolte!

Dhukkubni guddaan inaaftotaa kolfaa fi gammachuu namaati. Deebii kadhannaa namichaa mancaasuuf ka'u. Sababa kanaanis namicha isa fudhatu waliin osoo hin taane Waaqa isa kennu waliin walitti bu'u. Inaaftotni "nan dhabe" kan jedhan miti, innoo oduu dha. Inaaftotni "akkamitti naaf hin kennamnee?" kan jedhan miti, "abaluun akkamitti argataa?" kan jedhanidha malee. Osoo lallabaa hin ta'iin lallabaa qeequ, akka inni bakkasaa gadhiisu dhiibbaa godhu. Garuu isa bakka bu'anii lallabuummoo hin danda'an. Kennaan Waaqayyoo kan ofiin fudhatan miti. Qabeenya namaa saamanii ittiin badhaadhomuun ni danda'ama. Isa kana hattootnii fi warri gubboo nyaatan gochaa jiru. Kennaa Waaqayyorraa namaaf kenname fudhatanii abbaa qabeenyaa ta'uun garuu hin danda'amu. Kennaan Waaqayyoo carraadhaan malee qabsoodhaan kan argamu miti.
Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

20 Feb, 13:06

745

Inaaffaan amala badaa ijoollummaatti nama keessatti bocamu dha. Manuma keessatti obboleessaa fi obboleettiitti inaafuudhaan "anaaf haa ta'u malee" jechuurraa miira eegalu dha. Amalli kun ganamumaan yoo hin kolaafamne umurii guutuu waraansa namatti ta'a. Meeshaan guddaan inaaftotaa immoo arrabsoo dha. Arrabsoon waan namni qabuu fi hin qabneen nama xiqqeessanii of guddisuuf qabsoo godhamudha. Ulfinni ulfinumaan malee nama salphisuudhaan hin argamu. Inaaftotni ofumaa dadhabu. Waaqayyos nama isaan jibban sana ija isaanii duratti ol ol qabuudhaan, mataa isaas dibata muudamaa dibuudhaan, sadarkaa isaas ol butuudhaan isaaniin immoo inaaffaadhumaan akka gubatan godha. Inaaftotni hin du'an, du'a jiraatu malee.  Keessi isaanii danfa. Addunyaa kana irratti abidduma mataa isaaniitiin kan gubatan inaaftotadha.
Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

18 Feb, 11:53

740

Mana keenya keessatti, innumti faarfattootni keenya tokko tokko yeroo waltajjiitti ba'an osooma faarfannaa hin eegaliin "Ilillee, cibcebaa....." jedhanii fi lallabdoonni tokko tokko lallaba walakkaatti ililchiisan nama jibbisiisa😣. Isumaayyuummoo osooma ililchamaa jiruu, osooma namootni harka rukutaniitiim kan isaan akkas jedhan🤔. Maalumaaf bartee iddoo biraa tokko tokkoo fidanii akka dhufan naaf hin galu. Bakki itti ililchamuu qabuu fi bakki itti harki rukutamuu qabu amantootuma jalaayyuu hin dhokatu.

Amma ammammaa faarfattootni hedduun faashinii haaraa tokko fidanii faarfannaa  gidduutti "Chab, chab,....." yeroo isaan jedhan, iddoon taa'uu ka'ee kaballaa gurra isaaniitti Chab osoon godhee natti tola!

Gidiraama mataa keenyaayyuu hedduu qabnaatii, gidiraa kan biraa nutti dabaluuf hin wixxifatiinaa! Yeroo tajaajiltan Hoyi hoyi fi bulluquu/ho'uu waltajjichaa osoo hin taane Waaqayyoon yaadaa tajaajilaa. Inni kun hundumaaf bu'aa dha!
Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

17 Feb, 16:00

709

https://telegra.ph/Deebii-Gaaffii-marsaa-13ffaa-16ffaa-02-17
Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

16 Feb, 16:22

789

Gaaffii kan hojjete nama sadii qofa!

Kanaaf deebiin walii galaa har'a hin dhoobamu, hanga boriitti ni eegna, warri yaaluu barbaaddan yaalaa!🙏
Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

15 Feb, 15:38

843

https://telegra.ph/Bariisisi%E1%8A%A0%E1%8A%95%E1%8C%8B%E1%8B%8D-02-15
Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

14 Feb, 16:00

830

https://telegra.ph/Gaaffii-marsaa-13ffaa-16ffaa-02-14
Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

13 Feb, 05:31

1,032

Qormaanni guyyaa borii:-
Kitaaba Izraa
Kitaaba Nahimiyaa
Kitaaba Asteer fi
Kitaaba Iyyoob keessaa ba'a!

Gaaffii marsaa 13ffaa, 14ffaa, 15ffaa fi 16ffaa bakka tokkotti 100% keessaa qabama!

Gaaffii sasalphaatu ba'a xiyyeeffannoodhaan hojjedhaa!🙏
Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

12 Feb, 14:49

1,525

Nagaan isiniif haa ta'u! Yoh. 20:19

Obboloota koo afuuraa kan taatan maatiin Chaanaalii kanaa, hundi keessan bakka jirtanitti nagaan Kiristoos isiniif haa ta'u! Akkam jirtu? Ani yaada keessan irraan kan hafe jireenyaa kootiin nagaa kooti. Nagaan ana bira jiru isin bira akka jirus abdiin qaba.

Inni nagaa na taasise “Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!” Film. 1:3

Obboloota nana! Garaan keenya wal bira yoo jiraate iyyuu, yeroodhaaf fuula fuulaan wal arguu(tajaajilaa isiniif kennuu) dhabnee erga gargar baafamnee, ani fuula keessan arguudhaaf hawwa guddaadhaan hedduun dhama'e. Kanaaf dhufee isin ilaaluuf deddeebi'ee yaaleera, Seexanni garuu na turse.1Tas. 2:17-18

Hedduun keessan, chaanaalii irrattis, karaa keessaa dhuunfaadhaanis na iyyaafachaa turtaniittu, guddaa galatoomaa!

“Ani isinii fi warra fuula koo hin argin hundumaaf attam guddisee akkan dhama'aa ture akka beektan nan barbaada.” Qol. 2:1

“Fooniin yoon isin bira jiraachuudhaabaadhe iyyuu(tajaajila yoon isiniif kennuu dadhabeyyuu) afuuraan(yaadaan) garuu isin biran jira; toora gaarii isin qabdanii fi Kiristos Iyyasuusitti amanuutti jabaachuu keessan arguutti nan gammada.” Qol. 2:5

Amma eyyema Sillaaseetiin deebi'eera! Haalan keessa ture isiniif ibsuutti yeroo hin fixu. Kallattumaan tajaajila keenya haala duraatiin itti fufna!

Dubbisa kitaaba qulqulluu boru bakka dhaabbannerraa egalla!

Nagaa naaf ta'aa!
Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

02 Feb, 08:25

977

Guyyaa guyyaan gaaffilee afuuraa kan Mana Kiristiyaanaa keenya Ortodoksii Tewaahidoo argachuu yoo barbaaddan kottaa Channel “Gaaffiidhaan baradhaa!” jedhu kana Join taasifadhaa!