Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ @golasooratajireenyaa Channel on Telegram

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

@golasooratajireenyaa


👉Kun Chaanaalii barumsi afuurawaa Ortodoksaawaan irratti darbudha! Waaqayyoo tajaajilicha haa bal'isu🤲

Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(BTH)

ይህ ቻናል ኦርቶዶክሳዊ መንፈሳዊ ትምህርት የሚተላለፍበት ነው። እግዚአብሔር አገልግሎቱን ያስፋ🤲

መ/ር ዲ/ን ባጫ ነጋሳ (BTH)

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ (Amharic)

ማንኛውም ኦክስን ጨዋታዊ ሰምቃል ወዘተር መረጃን በተጠቃሚ አስቀምጥን! 'አማንገትኛኖትህን እወቅ' አዲስ ቻናሎችን በማንኛውም አቋም ስለመምረጥ ከእንግዳ ጋር በማስተካከል ሚገኘት እንደሚሰራችሁ ያስችላል። ይህ ባጫ ኦርቶዶክሳዊ መንፈሳዊ ትምህርት ነው እና አልበምምምም አልበም! በአጭር ችግር ለሆኑን ባርበሬን ድረስ የተነሳቀችው እርሷን ማስነን እና ማስተማር ያለ ስለሆነ የመፍትሕ ኦርቶዶክሳዊ ሰሞኑን ቻንሲም እንስታ! ከመጻፍ ይህ ቻናል እንዴት እንዳላቸውን ለይተዋችሁ። በእንግሊዝኛ ለሚገኘው ቻናሎችን እና መንፈሳዊ ምርቃችን ለማግኘት በማወቅ እርሷን ይጫኑ። ለማቀበል ያልተለያዩ ጊዜ፡ 👉 golasooratajireenyaa

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

25 Jan, 07:45


Maatii Waaqayyoo! Dhiifama guddaa isin gaafachaa gaaffii torbanii baasuuf xiqqoo waan nutti hin tolleef hafe, yoo eyyema Sillaasee ta'e torbee ni baafna nuuf obsaa maaloo😥🥰

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

19 Jan, 16:13


Kan baranaa nagaan xumurreerra!

Galanni Sillaaseef haa ta'u🙏

Kan bara dhufuutiinis nagaan ittiin nu haa ga'u! Ameen!!!🙏

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

18 Jan, 17:25


Kataraa!

Baga jala bultii yaadannoo ayyaana ifa cuuphaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin ga'e🙏

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

15 Jan, 08:40


Haareffamee xumuramee, eebbifamee guyyaa har'aa saanduqni kakuu Waaqayyoo bakka isaatti deebi'eera!

Mana Kiristiyaanaa qulqulleettii Sillaasee 4kilo(Daalattii)

Sillaaseen inni gamoo Sanaa'or diige, gamoo isa kansaa immoo haala miidhagaan akka xumuramu eyyemeera. Galanni isaaf haa ta'u!

Gamoo Sanaa'or kan diige Sillaaseen gamoo jibbaa, gamoo sanyummaa nu gidduudhaa diigee, gamoo jaalalaa, gamoo tokkummaa nu gidduutti haa ijaaru🙏

Baga geessan!

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

29 Dec, 17:01


Deebii gaaffii marsaa 11ffaa


https://telegra.ph/Deebii-gaaffii-marsaa-11ffaa-12-29

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

29 Dec, 13:01


https://vm.tiktok.com/ZMkBVNA22/

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

28 Dec, 04:14


“Gabri'eel inni nama fakkaatee ani duraan mul'atatti arge, yeroo aarsaa galgalaatti dadhabee utuun jiruu balali'ee na bira ga'e.” Dan. 9:21

Baga geessan!

Eegumsi isaa nu waliin haa ta'u🙏

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

27 Dec, 16:01


Gaaffii Marsaa 11ffaa



https://telegra.ph/Gaaffii-Marsaa-11ffaa-12-27

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

26 Dec, 10:09


"Aduu barbaacha"


"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun dubbisaa👇👇👇

https://telegra.ph/Aduu-barbaacha-12-26

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

25 Dec, 17:43


Yaa hadha ifaa; akkuma ija obboleessa keenya kanaa ibsite ija laphee keenyaa isa cubbuudhaan jaame kadhannaa keetiin nuuf ibsi🤲🤲🤲🤲😥😥😥😥

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

25 Dec, 11:21


Yoo yaaltaniif seensa ykn agarsiiftuu akka isiniif ta'uuf,

Ilaalcha ykn jechama "Tamboon caatiin, bunni, geeshoon abaaramaadha, yeroo Gooftaan fannifame lalisani......." jedhu of keessaa baasaatii yaala. Kun ilaalcha dogoggoraa waan ta'eef.

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

25 Dec, 10:46


Akkam jirtuu barsiisaa keenya nageenyi waaqayyoo bakka jirtanitti isiniif yaa ta'u, ani nagaa koodha galata waaqayyoo
Gaaffiin qabaa mee naaf deebisaa
1 Biqiltoota kanneen akka tamboo Jimaa nyaachuun waaqayyoo ganuudha jedhama sababa yeroo gooftaan fannifame biqiltoonni goganii isaan immoo waan lalisanii
Sagalee kan kutaa kitaaba qulqulluu eessaa arganna?
2 Buna irratti immoo deebii laman argadhu innis rakkoo qabaa fi hin qabuu, waa'een bunaa hoo manni amantaa keenya akkamitti ilaalti?
3 Geeshoo immoo dhiifama kadhateetti yoo dhugne rakkoo hin qabuu nan jedhan kun hoo akkami ?
Mee naaf deebisaa Galatoomaa bs

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

25 Dec, 10:46


Mee maal jettu?👇👇👇👇

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

24 Dec, 11:58


"Walakkaa guyyaa"

"INSTANT VIEW" kan jettu tuqaa dubbisaa👇👇👇



https://telegra.ph/Walakkaa-guyyaa-12-24

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

23 Dec, 15:48


Deebii walii galaa kan marsaa 10ffaa🙏


https://telegra.ph/Qubee-deebii-sirrii-qabate-filadhu-12-23

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

22 Dec, 16:59


Deebiin walii galaa har'a hin maxxanfamu!

Namni haalli hin mijanneef kan "boritti nuuf bulchi" jedhan waan jiraniif bulcheera!

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

21 Dec, 10:16


"Dhabanii argachuu"

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun dubbisaa👇👇👇

https://telegra.ph/Dhabanii-argachuu-12-21

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

20 Dec, 16:56


Bakki deebii itti deebiftan inni gaaffii wajjin maxxanfame yoo isiniif banuu dide kunoo asirratti deebisaa👇

@httpsGolaSoorataJireenyaa

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

20 Dec, 16:07


Gaaffii Marsaa 10ffaa


https://telegra.ph/Gaaffii-Marsaa-10ffaa-12-20

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

20 Dec, 15:17


Comment ajaa'ibaa!

Dhimma marsaa badhaasaa ilaalchisee comment karaa keessaa naaf kenname.

Commentichi👇

"Badhaasni osoo marsaa shan shaniin ta'uu baatee gaariidha, yoo xiqqaate marsaa kudhan kudhaniin haa ta'u, danda'amnaan immoo sanaa oliin osoo ta'eeyyuu gaarii dha" kan jedhu dha.

Comment bareedaadha. Anis fudhadheera! Haaluma kanaan gaaffiin har'aa kan badhaasaaf geesisu miti jechuudha. Ta'us garuu isin xiyyeeffannoodhaan hojjechuu hin dhiisiinaa. Sababiin isaa, badhaasaafis kanuma marsaa hundaatu walitti ida'ama waan ta'eef.

Badhaasni keenya ammaa marsaa 15ffaa irratti ta'eera jechuu dha! Gara fuulduraatti immoo ilaallee fooyyessaa deemna.

Galatoomaa!

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

20 Dec, 14:34


Gaaffiin sa'aatii 1:00tti ni maxxanfama!

Qophii tasisaa jechuufi.

Gaaffiin har'aa gaaffii badhaasisaa ykn kan marsaa badhaasaati waan ta'eef, xiyyeeffannoodhaan hojjedhaa!

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

07 Dec, 15:04


Chaayinaatti Sirni galatoo jalqabamuufi🙏

Eebbifamoo Abbaa keenya Abbaa Yaa'iqobiin guyyaa borii jechuunis sadaasa 29/2017 mana kadhannaa isa biyya Chaayinaa magaalaa Tiyaanjiinitti argamutti sirni galatoo akka raawwatuu fi eebba akka kennan dubbatame.

Itiyoophiyaanonni Ortodoksii waloomaa biyya Chaayinaatti argamtan baga gammaddan🙏

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

06 Dec, 16:11


Gaaffii marsaa 8ffaa!


https://telegra.ph/Gaaffii-sagantaa-dubbisa-kitaaba-qulqulluu-Marsaa-8ffaa-12-06

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

06 Dec, 12:28


Har'i guyyaa gaaffiiti mitiiree?

Yeroo darbe dhimma deebii gaaffichaa ilaalchisee yaadni, "deebiin karaa keessaa haa ergamu" jedhu dhiyaatee ture. Haa ta'u malee karaa keesaa deebii nama hamma kanaa simachuuf message waan natti baay'atuuf fala tokko dhiyeessuu yaaleera.

Akkas goona👇

Deebiin isaa guyyaa wal fakkaataa fi sa'aatii wal fakkataatti haa deebi'u. Kunis walirraa korrojuun akka hin jiraanneefi. Bu'uuruma kanaan, gaaffiin jimaata galgala sa'aatii 1:00 akka Itiyoophiyaatti kan maxxanfamu yoo ta'u; isin immoo deebii keessan sanbata galgala sa'aatii 1:30 akka Itiyoophiyaatti si'a tokkicha wal faana maxxansitu. Deebiin walii galaa immoo sa'aatii 2:30 irratti maxxanfama. Guyyaa fi sa'aatii jedhame kana dursitanii yoo xumurtanillee hanga sanatti of bira tursuu qabdu. Guyyaa fi Sa'aatii jedhame dursees ta'e irra darbee ergamnaan garuu fudhatama hin qabu.🙏

Seerrii kun dhaabbataadhaan itti haa fufu. Yoo fooyya'insi barbaachisu jiraate waliin marii'annee fooyyeessina.

Galatoomaa!

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

04 Dec, 11:36


​​Amma yeroo itti yaada waliif qoodnu dha.

Sagantaa dubbisa kitaaba qulqulluu ilaalchisee yaada yoo qabaattan, "kun osoo akkas ta'ee gaarii dha" kan jettan yoo jiraate natti himaa, waan sirrachuu qabu nan sirreessa. Yeroon qabutti waanan gochuu qabu nan godha. Arjummaa Waaqayyootiin guyyaa guyyaatti boqonnaa shan shan dubbisaa, waan nuuf hin galles wal gaggaafachaa as geenyeerra. Adeemsa kanaan amma kitaaba Saamu'eel isa lammaffaa eegalleerra. Yoo Sillaaseen nu gargaare haaluma kanaan hanga Mul'ata Yohaannisittis ittuma fufna.

Gaaffii isin na gaafattaniif hanga danda'ame deebii kennaan jira jedheen yaada. Wantan isin kadhadhu yoo jiraate adaraa keessan gaaffii gaafadhaa. Wanta isiniif hin galle yoo ta'es, amantaa kan biraa irraa waan isiniif dhiyaate yoo ta'es siqiqii tokko malee gaafadhaa. Garuu, yemmuu gaafattan boqonnaama guyyicha akka dubbifnuuf nuuf maxxanfame keessaa gaafattu malee darbitanii gaafachuun ykn kutaa kitaaba qulqulluu kan biraa gaafachuun hin danda'amu. Fknf har'a kitaaba Saamu'eel isa lammaffaa Boqonnaa 1-5 gidduu kan jiru keessaa qofa gaafattu jechuu dha. Yeroo kan biraas haaluma kanaan sagantaa hotdoftanii gaafachuu qabdu malee fuulduraa hin gaafatiinaa. Hundumaayyuu bakkuma bakka isaatti waan barannuuf yerooma bira geenyu gaafattu. Na gaafattanii kanan isiniif hin deebisiin hafe yoo jiraate, karaa keessaa na gaafadhaa. Qofaattin isiniif deebisa. Sagantaa dubbisa guyyaatiin alatti yoo gaafattan garuu osooman arguun akka waan hin argineetti  bira darba. Kunis yeroo qusachuuf, yeroo bira geenyu ni baranna waan ta'eefi.

Haamilee waliif ta'aa! Akka booda hin deebine ykn akka adda hin kunne wal tumsaa! Kan adda kunne yoo jiraannellee bakkuma jirruu kaanee itti haa fufnu. Isa nu darbe yeroo biraa bakka buufna. Taati'aawummaadhaaf bakka hin kenniinaa. Kitaabni qulqulluun jireenya haaraa, addunyaa haaraa, qajeelcha haaraa, kan nu agarsiisu karaa qulqullootaatiin Waaqayyo biraa kan nuuf kenname kennaa qaalii dha.

Yaada ijoo:-

. Adeemsa keenya haga ammaa irratti yaada yoo qabaattan nuuf qoodaa

. Gaaffii sirriitti gaafadhaa

. Gaaffii yemmuu gaafattan dubbisa guyyichaa keessaa qofa ta'uu qaba.(Kan dubbisaan alaa yoo ta'e karaa keessaa na gafaachuu dandeessu)

. Haamilee waliif ta'aatii dubbisa kitaaba qulqulluutti wal kakaasaa.

Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(B.Th)

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

04 Dec, 10:45


Akkam jirtu?nagaa keessan?
Mat 23:9 nama Akka abbaatti hinwaammatinaa.jedha.

Abbootan luboota,monoksoota,phaphasootan maaliif abbaa Jenna?

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

04 Dec, 10:45


Akkas jechuun isaa

1. Abbummaan Waaqayyoo abbummaa isa kaan irra akka caalu hubachiisuuf, abbaa isa biyya lafaarraa abbaa isa samii Waaqayyoon addatti kabajuu akka qabnu nu hubachiisuuf.

2. Monoksees haa ta'u, lubas haa ta'u, Phaaphaasiis haa ta'u..... afuuraan abbaa keessan yoo ta'eyyuu hojii afuuraa ykn hojii isa samiitiif isin hin qajeelchu taanaan, hojii biyya lafaa akka hojjettan, waaqa tolfamaa akka waaqeffattan isin gorsa taanaan, xonqolaa/falfala isin barsiisa taanaan, waan Waaqayyo hin jaallanne hojjeta taanaan, walumaa galatti faallaa hojii afuuraa, faallaa amantii jiraata taanaan isa akkasiitiin abbaa hin jedhiinaa jechuu isaati malee, abbaa hin qabaatiinaa jechuu miti.

Abbaa fi haadha kee kabaji kan jedhes isuma waan ta'eef.

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

02 Dec, 10:09


Yaada Namaa



https://telegra.ph/Yaada-namaa-12-02

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

02 Dec, 07:29


Manni kiristiyaanaa Ortodoksii Waloomaa dhuguma Kiristoosiin hin lallabduu?🤔

Galgalatti nu eegaa🙏🥰

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

02 Dec, 07:29


#Dhimbiibbaa
#Kiristoos_Hin_Beektu

Kiristoos Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo qofatti karaa sirrii fi dhugaatin lallabama. Haa ta'u malee shakkitootni baay'ee mana kiristaanaa kanaan Kiristoos hin beektu jedhu. Dhugaan jiru garuu akkami?

Qophii Barsiisaa Baacaa Nagaasaa (Dn) waliin qopheessine kutaa 1ffaa isaa har'a galgala (23/03/2017) sa'aatii 2:00tti nu eegaa

Tajaajila Miidiyichaa jajjabeessuuf #Subscribe, #Share , #Like fi #Comment akka gootan maqaa Waaqayyootin isin gaafanna

https://youtube.com/@Soteriamedia21
https://youtube.com/@Soteriamedia21
https://youtube.com/@Soteriamedia21

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

01 Dec, 18:09


Sorry😢

Gaaffii 12ffaa irratti dogoggorri uumameera waan ta'eef bonus godhadhaa!

Gaaffin isaa "Waa'ee Soomsoon ilaalchisee kan sirrii ta'e kami?" kan jedhu yoo ta'u, deebiin isaa garuu hunda ta'a!

Bakki bishaan burqe sun bakka mangaagaa harreetti moggaafame waan ta'eef

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

01 Dec, 16:14


Deebii gaaffii marsaa 7ffaa

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa ilaalladhaa🙏👇


https://telegra.ph/Deebii-gaaffii-Marsaa-7ffaa-12-01

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

30 Nov, 09:46


Tsiyon sadaasaa🥰
Adaadii Maariyaam🥰

Eebbi mootittii Adaadii isinirra haa bulu!🙏🥰

ህዳር ፅዮን🥰
አዳዲ ማርያም🥰

የአዳዲዋ ንግስት በረከት ይደርባችሁ🥰🙏

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

29 Nov, 16:03


Gaaffii sagantaa dubbisa kitaaba qulqulluu marsaa 7ffaa!

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa hojjedhaa🙏


https://telegra.ph/Gaaffii-marsaa-7ffaa-11-29

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

29 Nov, 12:41


"Garbichi kee ni dhaggeeffataati dubbadhu!" 1Sam. 3:10

Baga jala bultii Maariyaamii sadaasaa geessan!

Lallaba jireenyaati!

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun dubbisaa itti fayyaa🙏

– Telegraph
https://telegra.ph/Garbichi-kee-ni-dhaggeeffataati-dubbadhu-1Sam-310-11-30-2

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

28 Nov, 12:53


Tasgabbaa'aa!
ተረጋጉ!

Hoolaan inni badee ture yemmuu argamu ykn yemmuu deebi'ee galu gammaduun gaarii dha.
Hoolaan inni du'ee ture yemmuu deebi'ee jiraatu ililchuunis bareedaa dha.

Akka hoolaa isa mana tureetti inaafanii gaddanii alatti gadi ba'anii taa'uu gaarii miti.

Garuu, wanti hundi sabriidhaan haa ta'uutii tasgabbaa'aa!

Bara kana oduun "Ni deeme, ni dhufe; deebi'eemmoo deeme, deebi'eemmoo dhufe..." jedhu gurra nu duuchaa jiraatii tasgabbaa'aa!


Manni kiristiyaanaa yoomiyyuu sirrii dha!

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

27 Nov, 05:08


Marsaa 7ffaa
Kutaa 5ffaa

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

26 Nov, 10:29


"Waaqayyo gaarii dha!"

"INSTANT VIEW" kan jettu tuqaa seenaa dubbisaa👇👇👇

https://telegra.ph/Waaqayyo-gaarii-dha-11-26

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

25 Nov, 18:32


Deebii sagantaa gaaffii dubbisa Kitaaba Qulqulluu marsaa 6ffaa

@GolaSoorataJireenyaa

https://telegra.ph/Deebii-sagantaa-gaaffii-Kitaaba-Qulqulluu-marsaa-6ffaa-11-25-2

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

23 Nov, 19:29


“Karri/balballi sun garuu hamma galgalaatti hin cufamiin!” His. 46:2

“በሩ ግን እስከ ማታ ድረስ አይዘጋ።”
ሕዝ. 46፥2

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

11 Nov, 11:09


Isinis irraa baradhaa👇👇👇

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

11 Nov, 11:09


Akkam jirtu barsiisaa keenya gaafiidha mee naaf deebisaa
1) Yoh 6:56 Foon koo kan nyaate, dhiiga koo kan dhuge jireenya bara baraa qaba. Du'aa nan kaasa jedha. Fooni fi dhiiga isaa immoo kan nuuf kenne kakuu har'a guyyaa kamisatti, warri isa dura osoo foonii fi dhiiga gooftaa hin argattin du'an akkam ta'u?
2) Guyyaa du'aa ka'umsaa dhiirri ga'eessa waggaa 30, dubarri immoo ga'eettii waggaa 15 ta'anii ka'u jedhamaa namni umurii kan hin guuttin du'e kan waggaa meeqattin ka'aa?
3) Daa'imni takka osoo hin cuuphamin yoo duute jireenya gannataa fi bara baraa argachuu ni dandeessii

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

11 Nov, 11:09


Galata Sillaasee nagaa!

1. Caqasni kun warroota erga kakuun haaraan hundeeffamee ykn kanneen du'aa ka'umsa Kiristoosiin asitti fooniin lafarra jiraniif kan dubbatamedha malee kanneen sana dura du'animmaa Kiristoos guyyaa jimaataa sana isaan fayyisee gara jannataatti isaan deebiseera. Cubbuun isaanii inni durii isaanirraa haqameera, amma immoo jannata keessa waan jiraniif cubbuu hojjetan waan hin qabneef isaan hin barbaachisu. Isaan yeroo sana du'a isaatiin qulqullaa'anii fayyan, nutimmoo har'a foonii fi dhiiga isaa fudhannee fayyina!

2. Kun, uumama Addaamii fi Hewaaniin kan wal qabatudha malee, dhiironni waggaa soddoma guutanii waan du'aniif ga'eessa waggaa soddomaa ta'anii ka'u jechuu miti; dubartootnis waggaa kudha shanitti waan du'aniif ga'eessa waggaa kudha shanii ta'anii ka'u miti. Namuu umurii kamittiiyyuu yoo du'e guyyaa du'aa ka'umsaa dhiirri umurii Addaam ittiin uumameen dargaggeessa/ga'eessa waggaa soddomaa ta'ee ka'a; dubartiinis umurii Hewaan ittiin uumamteen dargageettii/ga'eettii waggaa kudha shanii taatee kaati jechuudha.

3. Eeyyee! Daa'imni cubbuurraa bilisa waan taateef.

Gooftaanis yeroo biyya lafaa irra turetti akkas jedhe;

"Ani dhuguman isinitti hima, deebitanii akka mucoolii/daa'immanii yoo ta'uu dhaabaattan, mootummaa Waaqayyootti matumaa hin galtan.” Mat. 18:3

Caqasa kanarraa kan hubannu daa'imman qulqulluu ta'uu isaaniiti.

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

11 Nov, 10:11


Deebii gaaffii marsaa 4ffaa


"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaatii hamma argattan ilaalladhaa🙏😂


https://telegra.ph/Deebii-gaaffii-marsaa-4ffaa-11-11

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

10 Nov, 14:38


Deebiin walii galaa har'a haa maxxanfamuu moo kan ganaa yaaltan jirtu?

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

08 Nov, 16:00


Gaaffii Marsaa 4ffaa

"INSTANT VIEW" kan jettu tuqaatii seenaa hojjedhaa🙏

Carraa gaarii!

https://telegra.ph/Gaaffii-marsaa-4ffaa-sagantaa-dubbisa-kitaaba-qulqulluu-11-08

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

08 Nov, 12:27


Akka sagantaa keenya dubbisa kitaaba qulqulluuttii har’a sangantaa gaaffiidha. Kanaafuu, Sa’aatii 1:00 irratti nu eegaa! Hagasitti bakka isin hafe irra deddeebi’aa ilaalaa!

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

06 Nov, 16:01


https://telegra.ph/Deebii-Sagantaa-Dubbisa-Kitaaba-Qulqulluu-Marsaa-3ffaa-11-06

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

06 Nov, 05:33


Yaa Fayyisaa Addunyaa; akkaataan lakkaawwii yeroo kootii sirrii mitiiti, akkaataa lakkaawwii yeroo kee na barsiisi🤲

Baga geessan!
Fayyisaan Addunyaa bakkaa fi haala keessa jirtan hundatti isin haa gargaaru🙏

Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(B.Th)

"Amantaa kee bari"👇

https://t.me/GolaSoorataJireenyaa

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

05 Nov, 10:01


Onkoloolessa 27 yaadannoo fannifamuu Waaqa keenyaati.

Instant View” kan jettu tuquun seenaa dubbisaa!

Channel Telegram: @abdiimaariyaamiifinjira

Group Telegram: @DeebiiGaaffiiShakkitootaa

Yaada fi gaaffiidhaaf: @YaadgaaffiiBot

https://telegra.ph/-11-07-788

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

03 Nov, 11:04


Gaaffii kana yaalaa hin jirtan!

Deebiin walii galaa har'a galgala haa maxxanfamu moo ni yaaltu? Hanga yoomiitti isiniif haa turu?

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

01 Nov, 18:19


I. Himaa sirrii ta’e “Dhugaa” hima dogoggora ta’emmoo “Soba” jechuun deebisi!

1. Kennaan midhaanii namni waaqayyoof dhiyeessuu yemmuu ibiddaan gubamee irraa hafutti hafteen Aaroonii fi Ijoollee isaaf ta’a!

2. Kennaa midhaanii tolfamee aarsaadhaaf dhiyaatutti raacitii fi dammi naqamuu hin qabaatu.

3. Bulchaan tokko yoo cubbuu  hojjete kan inni aarsaadhaaf dhiyeeffatu korbeessa Re’eettidha.

4. Uummata keessaa namni tokko yoo cubbuu hojjete reʼee dhaltuu hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu jedhameera.

5. Mucaan dhiiraa dhalatee guyyaa saddeettaffaatti dhagna haa qabatu jedhamee ajajameera.

II. Deebii filannoo sirrii qabu filadhu!

6. Akka seera ooriitiitti namni hoolaa tokko hatee gurgurate ykn qalate, bakka hoolaa tokkoo maal adabama ture?

A. Hoolaa afur gatii baasa
B. Ni hidhama
C. Rukutamee du'a
D. Qotiyyoo shan gatii baasa
E. Hoolaa lama gatii baasa.
F. Qarshii hoolaa tokko bitutu itti murama.

7. Akka seera ooriitiitti namni abbaa fi haadha isaa arrabse maal adabama?

A. Ni hidhama
B. Ni reebama
C. Ni ajjeefama
D. Ni fannifama
E. Ni garafamaa
F. Dhagaadhaan rukutama

8. Museen Taabota kakuu Waaqayyo biraa fiduuf si'a lama yemmuu deeme walumaa galattu guyyaa meeqaa fi halkan meeqa achi ture?

A. Guyyaa saddeettamaa fi halkan saddeettama
B. Guyyaa jaatama fi halkan jaatama
C. Guyyaa torbaatamaa fi halkan torbaatama
D. Guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama.

9. Akka seera ooriitiitti iddoo aarsaa irratti guyyaa guyyaatti xobbaallaa meqatu dhiyaata ture?

A. Lama
B. Afur
C. Tokko
D. Sadii
E. Aarsaan bara sanaa waggaatti malee guyyaatti hin dhiyaatu.

10. Iddoo aarsaa isa ooriitii sana irratti ibsaan yeroo akkamii akka ifu ajejame?

A. Yeroo hunda
B. Ganamaa jalqabee hanga galgalaatti
C. Galgalaa jalqabee hanga ganamaatti
D. Galgalaa jalqabee hanga halkan walakkaatti

11. Iddoo aarsaa isa bara ooriitii ilaalchisee kamtu dhugaadha?

A. Dheerinni isaa dhumdhuma shani
B. Bal'inni isaa dhumdhuma shani
C. Ol ka'insi isaa dhumdhuma sadii
D. Muka laaftoo irraa ijaarame
E. Hunda

12. Dunkaanaa ooriitii akka hojjetuuf ogummaan kan kennameef eenyufi?

A. Baasili'eel/Baazaali'eel
B. Eeliyaab/Aholiiyab
C. Aaron
D. Musee
E. A fi B
F. C fi D

13. Cubbuu akka guutummaa waldaatti hojjetamuuf qalmii aarsaadhaaf dhiyeeffamu, dhiiga tuntunoo sanaa lubni yeroo meeqaaf golgaa duubatti fuula waaqayyoo duratti facaasa?

A. Yeroo 3
B. Yeroo 7
C. Yeroo 12
D. Yeroo 24

14. Ijoolleen Aaroon keessaa inni dhiigaa fi moora horii qalma araaraaf aarsaa godhee dhiyeessu horii sanarraa ga’ee ykn qooda maalii fudhata?

A. Many’eewwan
B. Luka bitaa
C. Andaraafa
D. Luka mirgaa
E. Aarsaa kanarraa waan fudhatu hin qabu.

15. Museen akka waaqayyo isa ajajetti Aaroonii fi Ijoollee isaa lubummaadhaaf yeroi muudetti, isaa hamma guyyaa meeqaatti dunkaana sana dura turan?

A. Guyyaa 40
B. Guyyaa 30
C. Guyyaa 7
D. Guyyaa 3

16. Ijoolleen Aaroon, sababa ibidda isa waaqayyo hin eeyyamnetti ixaana naqanii aarsaa dhiyeessaniif du’an eenyuu dha?

A. Afniinii fi Feeniihaas
B. Naadaabii fi Abiyuud
C. Misaa’elii fi Elphaafaanin
D. Al’aazaarii fi Itaamaariin

17. Gaaffii 13 irratti hundaa’uun Ijoollee warra iddoo qulqulla’aa sana duratti du’a akka kaasaniif Museen kan isaan waame eenyuufaadha?

A. Aaroonii fi Eelii
B. Naadaabii fi Abiyuud
C. Misaa’elii fi Elphaafaanin
D. Al’aazaarii fi Itaamaariin

18. Dunkaana ykn godoo Musee fi uumatni Israa’el hojjetan keessaa mi’i gogaadhaan hojjetame gogaa maalii irraati?

A. Gogaa Hoolaa
B. Gogaa Sangaa
C. Gogaa Re’ee
D. Gogaa Roobii

III. Ibsa gabaabaa kenni!

19. Akkaataa museen lubummaadhaaf Aarooniin dibe qabxiilee jiran gabaabsii barreessi!

20. Caqasa seera Leewotaa 12:2-4 akkasuma 12:5 irraa maal hubatte? Ammatti guyyaan sun maalif nu gargaara?

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

01 Nov, 15:55


Akka sagantaa keenya dubbisa kitaaba qulqulluuttii har’a sangantaa gaaffiidha. Kanaafuu, Sa’aatii 2:30-3:00 gidduutti nu eegaa! Hammasitti bakka hafeera irra deddeebi’aa ilaalaa!

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

31 Oct, 22:04


https://vm.tiktok.com/ZMhQs3Kxd/

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

31 Oct, 22:04


Dhaggeeffadhaa👍

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

29 Oct, 07:58


"....Kana booda Taabota hin barbaaddani"(???)

Maaloo "INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa dubbisaa👇👇



https://telegra.ph/Kan-booda-Taabota-hin-barbaaddani-10-29

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

28 Oct, 15:13


Sirna jireenyaa(35)

"INSTANT VIEW" jettu tuquun seenaa dubbisaa👇👇


https://telegra.ph/Sirna-jireenyaa35-10-28

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

27 Oct, 16:03


a maxinoo guyyaa meeqaaf akka kabajan ajejamani?

A. Guyyaa shantamaaf
B. Guyyaa torbaaf
C. Guyyaa kudha afuriif
D. Guyyaa kudha tokkoof
E. Guyyaa digdamii tokkoof

👉 Ba'u. 13 dubbisaa.

16. Waaqayyo Israa'elootaaf ji'a jalqaba waggaa akka isaaniif ta'uuf ji'a isa kam itti hime.

A. Fulbaana
B. Mudde
C. Amajji
D. Eebla

👉 Akka hiika kitaaba qulqulluutti Ba'u 12:2 irratti kan caqasame ji'a Eeblaati. Israa'elootaaf jiinii jalqabaa Eebla jechuu dha. Akkuma kan keenya Fulbaana ta'u jechuudha. Kunis kan ta'eef Israa'eloonni Gibtsii kan isaan ba'an Eebla gaafa 14 galgala waan ta'eef ji'a sana akka kabajan ajejaman.

17. "Maasaah" jechuun maal jechuu dha?

A. Oyruu
B. Lafa qonnaa
C. Qormaata/qoruu
D. Falmuu
E. Morkachuu
F. Xiiqii qabachuu

👉 Ba'u. 17:7, Kes. 6:16, 9:22, 33:8 dubbisaa.

18. "Mariibaa" jechuun maal jechuu dha?

A. Walii galuu
C. Fudhachuu
D. Falmii
E. Morkii
F. Diddaa
G. D fi E

👉 Ba'u. 17:7, Lakk. 20:13, 20:24, 27:14, Kes. 32:51, 33:8 dubbisaa.

19. Guyyaan Isiraa'eloonni nyaata guyyaa lamaa akka funaannataniif ajejaman yoomi?

A. Wiixata
B. Roobii
C. Jimaata
D. Dilbataa
E. Sanbata duraa
F. D fi E

👉 Ba'u. 16:23-31 dubbisaa.

20. Arjummaa Waaqayyo abboota isaaniitiif godhe dhaloonni akka ittiin yaadatuuf jedhee Museen nyaata hammamii leemmaatii warqiittii naqee kaa'ee?

A. Gomoor/Omeer tokko
B. Kiiloo sadii fi walakkaa
C. Gomoor/Omeer sadii
D. A fi B
E. Hunda

👉 Ba'u. 16:35-36 dubbisaa

21. Yeroo Israa'eloonni Amaaleqota wajjin wal lolan, Israa'eloonni akka injifataniif/mo'ataniif harka Musee bitaa fi mirgaan ol kan qaban eenyuu fi eenyu?

A. Iyyaasuu fi Aaron
B. Aaron fi Hoor
C. Hoor fi Iyyaasuu
D. Yootoor fi Iyyaasuu
E. Iyyaares fi Iyyaanbares

👉 Ba'u. 17:12 dubbisaa.

22. Yeroo Waaqayyo biyya Gibtsiitti cabbii buusetti gosoota midhaanii keessaa kan osoo cabbiidhaan hin rukutamiin hafe kami?

A. Misira
B. Qamadii
C. Honborii/Aajjaa
D. Talbaa
E. Garbuu
F. B fi C
G. A fi D

👉 Ba'u. 9:32

23. Waaqayyo yeroo Musee gara Gibtsiitti ergetti maaliif karaa irratti isa ajjeesuuf ka'e?

A. Waan Museen ajejamee deemuu dideef
B. Waan Museen duraan namicha Gibtsii sana ajjeeseef
C. Waan Museen mucaa isaa dhaqna qabuu dhiiseef
D. Waan Museen haadha manaa isaa fi ijoollee isaa fudhee gara Gibtsii deemeef
E. A fi B
F. C fi D

👉 Ba'u 4:24 irratti akka caqasametti, Waaqayyo(ergamaan Waaqayyoo) osoo Museen gara Gibtsiitti deemaa jiruu daandii irratti isa ajjeesuuf ka'e.

Akka hiika kitaaba qulqulluutti sababiin Waaqayyo(ergamaan Waaqayyoo) Musee ajjeesuuf tureef sababa lamaafidha.

*. Sababii Museen mucaa isaa dhaqna hin qabneef. Musee Mucaa isaa isa tokko "inni kun qooda/hiree/ga'ee kooti" jedheetu dhaqna qabee; mucaa isa tokko immoo "qooda/hiree/ga'ee isheeti" jedheetu dhiisee ture. Sababa kanaanis Museen seera lama diige. Isaanis:- Seera dhaqna qabaa isa Abrihaamiif kennamee fi seera abbaan manaa fi haati manaa tokko ta'uu isaanii labsu diigeef ijoollee waan qoqqoodeef Waaqayyo isa ajjeesuuf ture. Mucichas haati manaa yerosuma dhaqna qabde.

*. Sababni inni lammaffaan immoo Museen haadha manaa isaa, ijoolleesaanii isaa fi harroota isaa fuudhee gara Gibtsii deemuuf ka'uun isaa Waaqayyoon mufachiise. Kunis Museen kan inni gara Gibtsii ergameef saboota gabrummaa jala jiran bilisa baasuufidha. Inni garuu, warra bilisa jiran(maatii isaa fi horii isaa) fuudhee gara biyya gabrummaatti deemsa/imala eegale. Yeroo kana Waaqayyo(ergamaan Waaqayyoo) isa ajjeesuuf ka'e. Museenis "maalin balleessee?" jedhee yoo gaafatu; Waaqayyos(ergamaan Waaqayyoos) "Ani warra garbummaa jala jiran dhaqii baasi siin jennaan atimmoo warra as jiran fuutee deemtaa?" jedheen. Museenis, "Anoo, ani deemnaan eenyutu isaan sooraa? jedheen of duukaa fuudhee deemaa jiraam" jedhe. Waaqayyos(ergamaan Waaqayyoos) yemmu " galaanni isaan bira waan tureef "mee harka kee galaana kana keessa kaa'i" jedheen; Museenis harka isaa galaanicha keessa yemmuu ka'u dhagaa/cirracha fuudhee ba'e. Waaqayyos(ergamaan Waaqayyoos) "mee cabsi" jedheen; yeroo inni cabsus dhagicha keessa raammoo jaamaan tokkoof mukti baala lakkuu qabu biqileefii, hamma isheen isa tokko ny

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

27 Oct, 16:03


aattutti inni tokko osoo guddatuufi arge. Waaqayyos(ergamaan Waaqayyoos) "Kana eenyutu sooraa?" jedhee Musee gaafate; Museenis "Waaqayyodha" jedhe. Waaqayyo(ergaan Waaqayyoo) yemmus Museedhaan, "Maarree Waaqayyo inni raammottii kana soore, maatii kees ni sooraatii dhiisii deemi" jedheen. Museenis dhiisee deeme.

24. Israa'eloonni akka Gibtsii ba'aniin yeroo jalqabaatiif bakki isaan buufatan maal jedhama?

A. Suukoot
B. Raamsee
C. Eetaam
D. Siinaa
E. Kooreeb

👉 Ba'u. 12:37, 13:20, Lakk. 33:5-6

25. Abboommiiwwan kurnan keessaa Seera Ba'uu irratti kan hin caqasamne kami?

A. "Ana malee Waaqa kan biraa hin waaqessiin" kan jedhu
B. "Hiriyaa kee akka mataa keetti jaalladhu" kan jedhu
C. "Guyyaa sanbataa qulqulleessi" kan jedhu
D. "Qabeenya hiriyaa keetii hin hawwiin" kan jedhu
E. Abboommiin Seera Ba'uu irratti hin caqasamneyyuu hin jiru ykn abboommiin kurnanuu seera Ba'uu irratti caqasameera.

👉 Abboommiiwwan kurnan keessaa 9 Ba'u. 20:3-17 irratti kan caqasaman yoo ta'u, tokko garuu, Lew. 19:18 irratti caqasameera. Haaluma wal fakkaatuun bara kakuu haaraattis "Keeyyata eebbifamtootaa kurnan(አሥሩ አንቀጸ ብፁዓን)" kan jennu keessaas 9 Mat. 5:1-11 irratti kan caqasaman yoo ta'u; inni tokkoo immoo Yoh. 13:17 irratti caqasame.

Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(B.Th)

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

27 Oct, 16:03


1. Mucaan Yaa'iqob inni dhumaa eenyu?

A. Yihuudaa
B. Biiniyaam
C. Yooseef
D. Roobeel
E. Aaser
F. Zaabiloon

👉 Uuma. 42 fi 43 dubbisaa.

2. Obboloonni Yooseef, Yooseefiin qarshii meeqaan gurguran?

A. 20
B. 30
C. 10
D. 40

👉 Uuma. 37:28 dubbisaa. Akka hiikni kitaaba qulqulluu nuuf ibsutti immoo Yooseef yeroo lama gurgurame. Jalqaba obboloonni isaa qarshii digdamaan daldaltoota Miidiyaam kan ta'an Ismaa'elootatti gurguran. Daldaltootni kunniin immoo gara Gibtsiitti gadi buusanii qondaalaa biyya Gibtsii ykn ajejjuu eegdotaa kan ta'e Phixfaaraa kan jedhamutti qarshii soddomaan gurgurani. Qarshii kudhan irraa buufachuu isaaniiti😂.

3. Yooseefiin obboloota isaarraa kan bite eenyu?
A. Fariisota
B. Ismaa'eloota
C. Giriikota
D. Yihuudota
E. Saduuqota.

👉 Kanas Uuma. 37:28 irraa argattu.

4. Obboloota Yooseef keessaa, Yooseef akka hin duune, akka gurguramu kan yaada dhiyeesse eenyu?
A. Biiniyaam
B. Yihuudaa
C. Roobel
D. Efreem
E. Minaasee

👉 Uum. 37:26 dubbisaa

5. Qondaalli biyya Gibtsii inni Yooseefiin bite eenyu?
A. Phixfaaraa
B. Fari'on
C. Awunaan
D. Eer
E. Maanuhee

👉 Uum. 37:36 dubbisaa

6. Yeroo ijoolleen Yaa'iqob midhaan barbaacha Misiritti gad bu'an kan isaan wajjin hin deemne ykn kan manatti hafe eenyu?

A. Gaad
B. Yisaakoor
C. Biiniyaam
D. Niftaalem

👉 Uuma. 42 dubbisaa

7. "Yeroo Waaqayyo isin daawwatu/yaadatutti, lafee koo as keessaa fuudhaa ba'aa" jedhee Isiraa'eloota waadaa kan galche eenyu?

A. Yaa'iqob
B. Musee
C. Yooseef
D. Lewii
E. Niftaalem

👉 “Yoseef ammas ilmaan Israa'eliin, "Waaqayyo yommuu isin yaadatu, lafee koo asii fuutanii akka ol baatan anaaf kakadhaa!" jedhe.”Uuma. 50:25

8.______________________Error

9. Ajeja Fari'on fudhachuu diduu isaaniitiin, Waaqayyo waan gaarii kan isaaniif godhe eenyuu fi eenyu?

A. Musee fi Aaron
B. Siippaaraa/Siifraa fi Fohaa/Phuwaa
C. Raahelii fi Yoostiinaa
D. Yoostiinaa fi Soloomee
E. Raahelii fi Maariyaam

👉 Ba'u. 1:15-22 dubbisaa

10. Maqaan haadha manaa Musee eenyu?

A. Yookabid
B. Yoostiinaa
C. Siippaaraa/Siiforaa
D. Fohaa
E. Diibooraa

👉 Ba'u. 2:21 dubbisaa.

11. Waaqayyo yeroo Museedhaaf eenyummaa isaa ibse eenyudha ofiin jedhe?

A. Waaqa Abrihaam
B. Waaqa Yiisihaaq
C. Waaqa abboota keessanii
D. Waaqa Yaa'iqob
E. Kan turee fi kan jiru
F. C fi E
G. Hunda

👉 Ba'u. 3:13-16 dubbisaa.

12. Falfaltuuwwan/xonqoltootni Fari'on xonqola isaaniitiin maal hojjechuu dadhabani?

A. Ulee isaanii bofa taasisuu
B. Bishaan dhiigatti jijjiiruu
C. Injiraan yaasuu/baasuu
D. Hundayyuu hin dandeenye

👉 Ba'u. 8:16-19

13. Waaqayyo laphee Fari'oniin jabeesse jechuun maal jechuudha?

A. Fari'oniin hamaa taasise jechuudha
B. Fari'oniin gara jabeessa taasise jechuudha
C. Gargaarsa isaa isarraa fageesse jechuu dha.
D. A fi B

👉 "Waaqayyos laphee Fari'oniin ni jabeesse" Ba'u. 9:12

Namoonni tokko tokko luqqisa kana fudhatanii "Fari'on balleessaa maalii qabaree kan laphee isaa jabeessewoo Waaqayyodhaatii?!" jedhanii Fari'oniif ol iyyata fudhachuu barbaadu😂.

Akka Manni kiristiyaanaa keenya barsiiftuttu, akka hiika kitaaba qulqulluutti garuu "Waaqayyos laphee Fari'oniin ni jabeesse" jechuun "Ayyaana isaa isarraa fuudhee, arjummaa isaa isarraa kaasee, gargaarsa isaa isarraa fageessee,......" jechuudha malee, Waaqayyotu akka inni garaa jabaatu taasise jechuu miti. Kunis, Fari'on diddaa isaatti waan cimeef, waan Waaqayyo ykn namoonni Waaqayyoo(Musee fi Aaron) isatti dubbatan dhaga'uu waan dideef, Waaqayyos arjummaa isaa, gargaarsa isaa, ayyaana isaa isarraa mulqe. Yeroo darbe gaaffii kana ibsameera!🙏

Asirraa kan nuti barannus, yoo nuti diddaa keenyatti cimne, ajeja Waaqayyoo raawwachuu yoo dhiifne, akka yaada mataa keenyaatti yoo deddeebine,...Waaqayyo ayyaana isaa nurraa mulqa, gargaarsa isaa/arjummaa isaa nurraa fageessa jechuu dha.

14. Israa'eloonni hoolaa Faasikaa qalanii, dhiiga isaa michichila balbalaa fi buusaa manaatti dibuudhaan kan isaan jalaa miliqan dha'icha isa kami?

A. Dha'icha hawaannisa
B. Dha'icha cabbii
C. Dha'icha qarxaasaa
D. Dha'icha du'a ilma hangafaa
E. Dha'icha dukkanaa

👉 Ba'u. Boq. 11 fi 12 dubbisaa.

15. Israa'eloonni Faasikaa booda ayyaan

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

27 Oct, 16:02


Deebii keessan ilaalladhaa👇👇👇🙏🙏🙏

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

27 Oct, 07:40


Sirna jireenyaa(34)

"INSTANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa dubbisaa👇👇


https://telegra.ph/Sirna-jireenyaa34-10-27

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

26 Oct, 17:29


Baay'ee namatti toltu, Waaqayyo isin haa eebbisu🙏

Yeroo akkasitti hirmaattan, aarsaa kamuu kaffallee osoo isin tajaajillee nu hin gaabbisiisu🙏

Warri haftanis hanga bor galgalaatti yaalaa!🙏

Deebiin walii galaa bor galgala sa'aatii 1:00 tti dhoobama🙏

Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ

25 Oct, 16:15


A. Suukoot
B. Raamsee
C. Eetaam
D. Siinaa
E. Kooreeb

25. Abboommiiwwan kurnan keessaa Seera Ba'uu irratti kan hin caqasamne isa kami?

A. "Ana malee Waaqa kan biraa hin Waaqessiin" kan jedhu
B. "Hiriyaa kee akka mataa keetti jaalladhu" kan jedhu
C. "Guyyaa sanbataa qulqulleessi" kan jedhu
D. "Qabeenya hiriyaa keetii hin hawwiin" kan jedhu
E. Abboommiin Seera Ba'uu irratti hin caqasamneyyuu hin jiru ykn abboommiin kurnanuu seera Ba'uu irratti caqasameera.


Br/saa Dn Baacaa Nagaaasaa(B.Th)