Labsiiwwanii fi qajeelfamoota "nama saaxile ni badhaafna" jedhan ni dhageenya. Namoonni nama saaxilan hundi nageenya biyyaaf kan yaadan ta'uu dhabuu malu. Geggeessitootni addunyaa kanaa immoo gochichuma irratti xiyyeeffachuu malee laphee gochichi ittiin hojjetame baruu hin barbaadan. Namni eeboon inaaffaa isa waraane qajeelfama malee, labsii malee, osooma badhaasa hin argatiiniyyuu kufaatiin nama kan biraa isa gammachiisa. Inaaffichi guddachaa yemmuu dhufus sadarkaa gara-jabummaa "walumaan haa rakkannu, hundumtuu haa dhukkubsatu" jedhurra ga'a. Hundi wal-faana rakkannaan kan kennu hin jiru, hundi wal-faana dhukkubsannaan kan yaalsisutu dhiba. Hawwii fi kadhannaan keenyayyuu "hundi wal-faana hin rakkatiin" kan jedhu ta'uu qaba. "Daldaltuun inaaftuun saamamuu ishee osoo hin taane, saamicha jalaa hafuu hiriyaa isheetti aarti" jedhama. Manneen hidhaa hin mul'anne, kiyyoowwan dhokatoo ta'an keessaa tokko inaaffaadha. Inaaffaan bittaan isaa bal'aadha. Bittaa isaa keessattis aduun hi dhiitu. Inaaffaan biyya hunda jira. Inaafni amala namoomaati. Miqqanyummaan garuu, qabeenya dhuunfaa keenyaati.
Inaaffaan kan inni nama qabu nam hin beeknetti miti. Inaaffaan; namni beekan yeroo guddatu, yeroo jireenyi isaa jijjiiramu,yeroo wanti gaariin isaaf ta'u, yeroo inni waan hojjetetti milkaa'u,....... mufachuu fi gadduu, namichas jibbanii duula jibbinsaas isa irratti banuu dha. Innaaffaan yeroo namni inni biyya fagoo guddatu "dhama'eetiidha haa ta'uufi" jedha, yeroo ollaan ofii ykn hiriyaan ofii guddatu immoo "hateeti malee eessaa fidee?" jedha. Nama isa biyya alaa isa hin beeknee fi bifaanillee isa wal hin fakkaanneen yeroo inni qullaa deemu "waanuma hundatu irraa bareedaam" jechaa; namni ofii yeroo uffatummoo weequu fi ceepha'uun inaaffaa dha. Inaaffaan gaaffii mirgaa isa "maallaqa koo na jalaa fudhatee naaf haa deebisu" jedhan miti, "wanti gaariin anaaf malee kan biraadhaaf hin ta'iin" jedhanii murtii dabaa muruudha malee. Inaaffaan addunyaan kun mana waliinii ta'uushee dagata. "Wanti hundumti anaaf haa ta'u" jedhee goolaba. Inaaffaan ijoota abiddaawoo, arraboota hiddoo, harkoota barbadeessoo qaba. Namoonni eeboo inaaffaatiin waraanaman qabeenyii fi beekamtiin, ulfinnii fi kabajni nama itti inaafan sanaa kan isaanii ta'uu akka hin dandeenye yoo beekanillee, nama sana yoo hin kuffisne boqonnaa hin qaban. Inaaftuun garuu ittuu nama guddifti malee nama hin kuffiftu. Namni inaaffaan keessa isaa seene guyyaa boqonnaa, halkanis sillimii hin qabu. Joorees hin dadhabu. Yeroo maqaa nama balleessuus gitatti osoo hin taane garaa guutuudhaani. Inaaftuun hojii hamaa isa hawaasni jibbu, isa namni hundi ciiga'u qoratteetu, nama jibbitutti maqaa sana kenniti. Lammiin hin baranne "Hoooooooo" jedhi yoo jedhaniin "Hooooooooo" jedha malee, "maaliifii?" jedhee qulqulleeffachuu hin yaadu. Deeggartootni inaaftotaa namoota hin barannee fi namoota waa hin hubanne qofadha. Inaaffaan gara-jabeessa ta'uu isaarraan kan ka'e ajjeeseellee dheebuu kan hin baane dha. Umuriin akka nu barsiisetti, yeroo baay'ee namni ceepha'amee fi gatame nama garii dha. Nama sana itti dhiyaatanii haasofsiisuu fi gadi jedhanii miirasaa dhaggeeffachuun ykn hubachuun barbaachisaa dha. Inaaftuun samiiyyuu Sillaaseedhaaf kan dhiifte ni tolte!
Dhukkubni guddaan inaaftotaa kolfaa fi gammachuu namaati. Deebii kadhannaa namichaa mancaasuuf ka'u. Sababa kanaanis namicha isa fudhatu waliin osoo hin taane Waaqa isa kennu waliin walitti bu'u. Inaaftotni "nan dhabe" kan jedhan miti, innoo oduu dha. Inaaftotni "akkamitti naaf hin kennamnee?" kan jedhan miti, "abaluun akkamitti argataa?" kan jedhanidha malee. Osoo lallabaa hin ta'iin lallabaa qeequ, akka inni bakkasaa gadhiisu dhiibbaa godhu. Garuu isa bakka bu'anii lallabuummoo hin danda'an. Kennaan Waaqayyoo kan ofiin fudhatan miti. Qabeenya namaa saamanii ittiin badhaadhomuun ni danda'ama. Isa kana hattootnii fi warri gubboo nyaatan gochaa jiru. Kennaa Waaqayyorraa namaaf kenname fudhatanii abbaa qabeenyaa ta'uun garuu hin danda'amu. Kennaan Waaqayyoo carraadhaan malee qabsoodhaan kan argamu miti.