Dr Gurmeessaa @drgurmeessaa Channel on Telegram

Dr Gurmeessaa

@drgurmeessaa


To give self-help advices and self awerness
To give timely news and updates for people
To deliver health tip in Afan Oromo for audience.

Dr Gurmeessaa (English)

Are you looking for self-help advice, self-awareness tips, timely news updates, and health tips in Afan Oromo? Look no further than the Dr Gurmeessaa Telegram channel! Dr Gurmeessaa provides valuable insights and information to help you improve your well-being and stay informed about current events. Whether you're seeking guidance on personal growth or want to stay up-to-date on the latest news, Dr Gurmeessaa has you covered. Join the community today to receive valuable content that will empower and educate you. Stay connected with Dr Gurmeessaa for a healthier and more informed life!

Dr Gurmeessaa

12 Jun, 05:24


Ganama Ciree Nyaatanii Ba'uun.....

1. Dandeettii waa yaadachuu (memory) keenya sirriitti dabala. Kunimmoo dirree hunda irratti nu barbaachisa.

2. Halkan gaafa rafnee ganama hirribaa kaanu, haga ganamatti sukkaarri qaama keenya keessaa hir'atee waan buluuf, sukkaaraa dhiiga Keenya keessaa olkaasuun fayyummaa deebisa.

3. Ulfaatinni qaamaa garmalee akka dabalee dhukkuboota gargaraaf nu hin saaxille illee ni gargaara.

4. Lafa jiruutti ykn lafa hojiitti, barumsatti akkasumas hojii bobbaanu hundumaa irratti si'a'inaan akka hojjennu nu taasisa!

**
Fayyaan Faaya!

@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

04 Apr, 12:58


TAMIIRII (DATES)
******
1. Tamiiriin madda annisaa sirrii dha. Tamiiriin giddu galeessaa takkichi anniisaa haga kilookaalorii 20 (20 kcal) of keessaa qaba. Anniisaan kilookalaorii digdamni, anniisaa namni tokko deemsa daqiiqaa shanii yokaan ammoo fiigicha daqiiqaa 2f fayyadamutti madaalama.

2. Annisaan tamiirii keessatti kuufamee jiru, akka annisaa maddeen biroo osoo hin taane, anniisaa ariitiidhaan altakkaatti (instantly) qaamni keenya fayyadamuu danda’uudha. Kun ammoo yoo hatattamaan annisaa argachuun barbaachisutti nyaata filatamaa isa taasisaa.

3. Qabiyyee nyaata faayiberii (fibers) jedhamu kan gogiinsa garaa (constipation) ittisuu fi bullaa’insa soorataafis hedduu gargaaruu baay’inaan of keessaa qaba.

4. Elementii ayirenii (iron) kan qaama keenyaaf hedduu barbaachisu (keessumaa seelii dhiigaa diimaa hojjachuuf) hedduu of keessatti qabata.

5. Pootaasiyeemii qaamni keenya hedduu barbaadu, sooratoota biroo hedduu caalaa kan qabudha.

6. Elementoota fi vaayitaaminoota biroo akka: Kaalsiyeemii, maangaaniis, koopperii fi vaayitamin B6 of keessaa qaba.

7. Keemikaalota qaama namaaf hedduu fayyadan polyphenols jedhaman kan akka qaamni keenya hin kulkulle (inflammation) ittisu hedduu of keessaa qaba.

Walumaa galatti, tamiiriin hangi isaa giddu galeessa ta'e tokkichi, kanneen armaangadii kana of keessaa qaba:
■ Anniisaa: 20 (kcal)
■ Cooma walii galaa: 0.03 grams
■ Karboohaayidiretii: 5.33 g
■ Faayiberii: 0.6 g
■ Pirootina: 0.17 g
■ Vaayitaamin B6: 0.012 mg
■ Ayireenii: 0.07 mg
■ Maagniisiyeemii: 3 mg
■ Pootaasiyeemii: 47 mg

Tamiiriin qabiyyee sukkaaraa hedduu of keessaa kan qabuudha. Kun ammoo namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban yoo baay’isanii nyaatan sukkaaraa qaama isaanii keessaa to’annaa alatti olkaasuu waan danda’uuf, tamiirii yoo kan nyaatan ta’e xiqqeessanii nyaachuun diraqama.

Fayyaan Faaya

@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

23 Mar, 00:38


♡ Nyaata cooma hedduu ofkeessaa qaban sooraachuu irraa of qusachuu ykn hedduu xiqqeessuu qabna.
♡ Nyaata ashaboo hedduu of keessaa qabu soorachuu irraa ofqusachuu akkasumas ammoo nyaata yoo hojjannu ashaboo hedduu itti dabaluu dhiisuu qabna.
♡ Nyaanni yoo garmalee guddisanii nyaatanii fi daddafanii nyaatan laphee gubaa fi miira namatti hin tolle hedduu waan namatti dhageessisuuf, suuta jennee haga nu ga’u qofa nyaachuudha.
♡ Haga danda’ame bakka tokko taa’aa yeroo dheeraa turuu irraa ofqusachuu fi waan akka deemsaa (walk) yeroo yerootti baay’isuun fayyaaf ni gorfama.

5. HAALOTA ADDAA
5.1 Dhukkuba Sukkuuraa
♡ Namoonni dhukkuba sukkaaraa keessumaa ammoo dhukkuba sukkaaraa isa gosa 1ffaa (kan yeroo baa’yee ijoollee fi dargaggoo hubu ykn type 1 Diabetes Mellitus jedhamu) qaban akka soomuu hin filanne gorfama.
♡ Namoonni dhukkuba sukkaaraa isa gosa lammaffaa (kan yeroo hedduu namoota ga’eessota waggaa 30 olii hubu ykn type 2 Diabetes Mellitus jedhamu) qaban ammoo yoo kan dhukkubni isaanii sirriitti to’atamee jiru ta’e soomuu ni danda’u.
5.2 Dhiibbaa Dhiigaa
Namoonni dhukkuba dhiibbaa dhiigaa qabanis yoo kan dhukkubni isaanii sirriitti to’atamee jiru ta’e soomuu ni danda’u.
5.3 Haadholii ulfaa fi harma hoosisan
♡ Karaa amantii soomaaf kaadhimamoo akka hin taane akkuma jirutti ta'ee, yoo tarii akka tasaa soomuuf murteessan, dirqama hakiima isaan yaalu waliin dursanii mari'achuu qabu.

6. FAKKEENYA (EXAMPLE) NYAATAA IFTAR fi SUHUUR
6.1 Fakkeenya (examples) nyaata iftariif qophaa’uu:
♡ Shoorbaa kuduraalee kan manaatti hojjatame (kan daakuu suuqii irraa bitamuun hojjatamu osoo hin taane jechuudha).
♡ Salaaxaa magariisa.
♡ Fuduraalee walitti makaman (squash/eggplant/grape leaves).
♡ Foon lukkuu
♡ Bishaan hedduu kanneen waliin dhuguu (loomii muranii itti dabaluun akka dhamdhamni bishaanichaa hedduu dhuguuf nama kakaasu taasisuun ni danda’ama.
6.2 Fakkeenya (examples) nyaata suhuuriif qophaa’uu:
♡ Daabboo muraa lama.
♡ Hanqaaquu sirriittii bilchaate (bilchaate).
♡ Sliced vegetables from two vegetables.
♡ Chiisii (bu’aa loonii).
♡ Gosoota shayii addaa addaa kan kaafeenii ofkeessaa hin qabne.
♡ Bishaan hedduu kanneen waliin dhuguu (loomii muranii itti dabaluun akka dhamdhamni isaa hedduu dhuguuf nama kakaasu taasisuun ni danda’ama.
**
Ra
madaan Mubaarak,

©Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa
March 22, 2024 G.C
Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)

@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

23 Mar, 00:32


Haala nyaataa yeroo sooma ramadaanaa gama fayyaatiin.
******
Baatii ramadaanaa kana keessa namoonni fayyaa ta’anii fi umuriin isaanii ga’e akka sooman beekamaadha. Yeroo hedduu nyaatni guyyaatti al lama qofa, yeroo iftar (galgala) fi suhoor (yoo bari’uu jedhu kan) nyaatama. Jireenyi hawaasaa ammoo kan duraanii calaatti si’awaa fi mi'aawaa, kan namoonni hedduun walgaafatan, maatii firoottan waldubbisan walargan, namoota harka qalleeyyii fi haalli hawaasdinagdee kan biroo itti wal gaafataniidha. Namoonni tokko tokko ammoo guyyaa guyyaa waan rafaniif, sochiin waan hir’isuudhaan kan duraanii irra furdachuu malu. Mee gama fayyaatiin haalli nyaata keenyaa yeroo ramadaanaa walumaa galatti maal fakkaachuu qaba kan jedhu irratti dhaabbanni fayyaa addunyaa fi dhaabbattoonni fayyaa kan biroo, ogeessota fayyaas dabalatee maaltu gorfama kan jedhu haa ilaallau.

1. BISHAAN (WATER)
♡ Walumaa galatti yeroo ramaadaanaa kana bishaan ga’aa sirriitti dhuguu fi soorata bishaan hedduu of keessaa qaban soorachuun dirqama dha. Bishaan yoo xiqqaate haga fuullee (burcuqqoo kan jedhan san) kudhan dhuguun/argachuun dirqamadha.
♡ Nyaata akka watermelon ykn hab hab jedhamu kan bishaan hedduu of keessaa qabu soorachuun qabiyyee bishaanii ga’aa guyyaa guyyaatti argachuuf hedduu gargaara. Timaatimnii fi salaaxaan illee akkasuma bishaan hedduu waan of keessaa qabaniif hedduu gargaaru.
♡ Dhugaatii kaafeenii of keessaa qaban akka bunaa, shayii fi kokaakollaa irraa of qusachuun gaariidha. Kunis yeroo tokko tokko dhugaatiiwwan kun karaa fincaanii bishaan hedduu nama keessaa yaasuun hir’ina bishaan qaama keessaa (dehydration) dhaaf nama saaxilu waan ta'eefidha.
♡ Ramaadanni biyyootaa fi baroota addaa addaatti haala qilleensaa fi dheerina guyyaaf halkaniin gargarii waan qabaatuuf, yeroo tokko tokko guyyaan halkanirra dheeratee sa’aa 15 haga 16 soomuun dirqama ta’uu mala. Yeroon ramadaanaa kun amma biyya keenya keessatti haala qilleensaa ho’aa keessa oola, dheerinni guyyaas halkan irra xiqqoo haa taatu malee ni caalaa. Kanaaf akka bishaan karaa dafqaa fi kan biroo qaama keenya keessaa hin dhumne, bakka gaaddisa bareedaa qabu keessa turuu fi aduutti ba’uu dhiisuun hedduu nu gargaara.

2. IFTAR
♡ Iftar irratti nyaata annisaa gaarii qabuu fi fayya qabeessa ta’e soorachuu qabna.
♡ Yeroo hedduu tamiirii (dates) ija sadii nyaachuun, akka fayyaattis hedduu gaarii kan ta’ee fi iftar irrattis kan sooratamuudha. Tamiiriin nyaata rafeejii (fibre) hedduu barbaachisu of keessaa qabudhas.
♡ Kuduraalee fi muduraalee ga’aa nyaata keenyatti dabalachuun viitaaminootaa fi neutrientota addaa addaa argachuuf hedduu nu gargaara.
♡ Nyaata midhaanii (whole grain) akka qamadii, garbuu, ruuzii, boqolloo, xaafii fi kkf irraa hojjataman kan anniisaa guddaa fi faayiberii gaarii qaban iftar irratti soorachuun filatamaadha.
♡ Foon (coomaa hin qabne), lukkuu (gogaa ishee irraa hambisuun) fi qurxummii yoo argaman soorachuun qaamni keenya pirootina ga’aa akka argatu gargaara.
♡ Nyaanni waarshaa keessatti oomishamanii golgamanii suuqota addaa addaa irraa gurguraman fi sooratni sukkaara hedduu of keessaa qaban hin gorfaman.
♡ Soorata yoo soorannu akka humnaa ol nutti hin taanetti, daddafnee nyaannee of rakkisuu irra, suuta jennee yeroo dheeraa nyaachuutu filatama.

3. SUHUUR
♡ Nyaata salphaa ittiin sooma eegallu nyaachuun hedduu gorfama, keessumaa namoota umuriin hedduu raagan, ijoollee soomuu filatan, dubartoota harma hoosisanii kan soomuu filatanii fi kkf niif hedduu barbaachisaadha.
♡ Nyaati suhuuriif nyaatamu kana keessatti, kuduraalee fi muduraalee, nyaata kaarboohydratii qaban akka daabboo fi nyaata pirootina of keessaa qaban akka bu’aalee loonii, hanqaaquu fi avokaadoo dabaluun ni gorfama.

4. HAALA NYAATA WALII GALAA IRRATTI
♡ Nyaata sukkaara hedduu of keessaa qaban erga iftar nyaannee booda nyaachuun hin gorfamu.

Dr Gurmeessaa

17 Mar, 14:14


Akkaataan nuti ilkaan itti rigannu, irgi ilkaanii keenya akka hin hubamneef akkasumas, qulqullina ilkaan keenyaa sirriitti akka eegamuuf kan nu gargaaru ta'uu qaba.
Guyyaa tokko keessattis si’a lama (2) ilkaan keenya qulqulleessuun barbaachisaadha. Kanaaf, ilkaan keenya gaafa rigannu kan armaan gadii kana hordofuun faayidaa ni qabaata.

1. Nyaata nyaannee erga xumurree booda, ilkaan gidduutti wantoota hafan ilkaan gidduudhaa baasuu (fkn Haanxaa qulqullina qabu fayyadamuun).

2. Rigaa ilkaanii kan mukarraa qophaa’us ta’e kan ammayyaa ‘brush’ fayyadamuun ilkaan keenya rigachuu. Gaafa rigannus, ilkaan gara olii jiran irra keessaa gara gadiitti akkasumas kan gara gadii jiranis jalaa gara oliitti rigachuu qabna. Kunis qulqullina ilkaanii irratti dabalataan irgi ilkaanii keenya akka hin miidhamneef fayyada.

3. Rigaa ilkaanii ammayyaa ji’a sadi sadiin jijjiiruu qabna.

4. Ilkaan keenya yeroo rigannus, yoo xiqqaate daqiiqaa lamaaf (2) rigachuu qabna.

5. Ilkaan hundumaa, keessumaa lafa irgi ilkaanii fi ilkaanni keenya itti wal argu sirriitti rigachuu qabna.

6. Rigaa ilkaanii kan qulqulleessituu arrabaa qaban fayyadamuun arraba keenya qulqulleessuu.

7. Yeroo kuduraalee asiidummaa of keessaa qaban kan akka Burtukaanaa fi Loomii nyaannee xumurru ilkaan keenya daqiiqaa dheeraadhaaf (fkn daqiiqaa 30) rigachuun nurra HIN jiraatu, Kunis ilkaan asidiin sanaan dadhabe, dabalataan yoo rigamu miidhamuu waan maluufidha.

-------------
Fayyaan Faaya


@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

01 Mar, 14:18


Ganama Ciree Nyaatanii Ba'uun.....

1. Dandeettii waa yaadachuu (memory) keenya sirriitti dabala. Kunimmoo dirree hunda irratti nu barbaachisa.

2. Halkan gaafa rafnee ganama hirribaa kaanu, haga ganamatti sukkaarri qaama keenya keessaa hir'atee waan buluuf, sukkaaraa dhiiga Keenya keessaa olkaasuun fayyummaa deebisa.

3. Ulfaatinni qaamaa garmalee akka dabalee dhukkuboota gargaraaf nu hin saaxille illee ni gargaara.

4. Lafa jiruutti ykn lafa hojiitti, barumsatti akkasumas hojii bobbaanu hundumaa irratti si'a'inaan akka hojjennu nu taasisa!


@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

22 Feb, 19:28


Teetanasii
Dhukkubni Tiitanasii kan baakteriyaa clostridium tetani jedhamuun kan dhufu yoo tahu baakteeriyaan kun dandeettii waggoota dheeraaf awwaara fi waantoota akka sibiila dandaa'e waliin turuu qaba. Erga karaa madaa adda addaa qaama keenya seenee booda sirna narvii keenyaa huba. Kunis summii hamaa qaama garmalee miidhu tetanospasmin jedhamu qaama keessati gadhi dhiisuun maashaaleen qaama keenyaa hundi akka kottoonfatan taasisuudhaan nama goggogsa. Haaluma kanaan maashaalee hargansuu kottoonfachiisee akka hin diriirre taadisuun qilleensa dhowwee du'aaf nama saaxila. Dhukuba hamaa kanaakkamiin ofirraa ittisuu dandeenyaa?
Dhukkubni Teetanasii eega nama qabatee gara dhukkubaatti jijjiiramee booda qoricha fayyisu yokaan dudduuba deebisu hin jiru.
Osoo nu hin qabiin garuu akkuma qaamni keenya madaa'een madaa osoo hin tuffatiin buufata fayyaa yokaan hospitaalas tahe kilinika dhuunfaa deemnee qoricha TAT yoo fudhannee rakkoo hamaa kana jalaa of baasuu dandeenya.

@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

13 Feb, 06:09


Ispoortiin fayyaa dha!
****
Ispoortiin:
1. Ulfaatina qaamaa hir'isa.
2. Dhukkuboota onnee hedduu ittisa.
3. Hirriba ga'aa aka rafnu taasisa.
4. Sammuun dhiphachuu hir'isa.
5. Dandeettii waa yaadachuu dabala.
6. Araada adda addaa irraa fayyuuf gargaara.
7. Ofitti amanamummaa keenya dabala.
8. Caccabuu lafee (osteoporosis) irraa nu eega.
***
Fayyaan faaya


@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

06 Feb, 17:06


IJAARSA QAAMAA, karaa fayya qabeessa ta'een CIMSUUF/DABALUUF waan barbaachisan sadeen (3):
*****
1. HAALA NYAATA
■ Gosoota soorataa pirootinaan badhaadhoo ta'an qaama namaa furdisan yokaan dabalan; Ocholoonii, Dinnicha, Avokaadoo, Itittuu, Ruuzii, Foon diiminaa, fkf. nyaachuu qabna.
■ Daakuu (powder) pirootina ol'aanaa of keessaa qaban dhimmuma kanaaf qophaa'an gabaa irratti argaman bitanii fayyadamuun ni danda'ama; Kanneen akka "protein shake" jechuudha.
■ Nyaata yoo xiqqaate guyyaatti alsadii fi isaa ol nyaachuu qabna.
■ Yoo nyaata addaa addaa kan argannu ta'e jalqaba irratti nyaata prootina ga'aa of keessaa qabu nyaannee dhuma irratti kuduraaf muduraa nyaanna.
■ Yeroo rafuuf jedhan nyaatanii rafuun illee ulfaatina dabaluuf ni gargaara.

2. DHANGALA'AA
■ Bishaan osoo nyaata hin nyaatiin dursanii dhuguu irraa of eeguu qabna.

3. ISPOORTII
Nyaatni nuti nyaannu akka callisee bifa coomaan kuufamee dhibee fayyaaf nu hin saaxillee fi gara maashaa keenyaa (muscle) akka jijjiiramu sochii qaamaa gosa adda addaa kan akka ulfaatina kaasuu hojjachuun dirqama. Kunis ulfaatina xiqqaa irraa eegallee haga isaa dabalaa deemuudha. Torbanitti si'a lamaa haga afurii deemnee ulfaatina kana kaasuu qabna.
******

Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa

Dr Gurmeessaa

05 Feb, 15:29


FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU
****
Buna dhuguun biyya keenya keessatti dhugaatii isaa irra darbee faayidaalee hawaasummaa hedduuf akka oolu beekamaa dha. Qorannoo baayyeen biyyoota guddataniin as ba’aa ture yeroo baayyeef miidhaa isaa irratti kan xiyyeeffate ture. Yeroo ammaa kana faayidaalee bunni fayyaa namaatiif keessattuu fayyaa sammuutiif godhu qorannoo hedduun as ba’aa jiru. Mee isaan keessaa muraasa haa ilaallu:
****
FAAYIDAA
1. Dammaqina (alertness) namaaf kennuu isaatiin kan beekamu bunni barattootaa fi namoota hojii halkanii hojjetaniin baayyinaan dhugama. Kanas kan godhu bunni kemikaala Sammuu keessatti argamu adinoosaayinii (adenosine) jedhamu kan nama dadhabsiisuu fi hirriba namatti fidu hir’isuuniidha. Bunni gaafa dhugamu qofa utuu hin ta’in foolii isaatiin illee faayidaa dammaqina namaa kennuu akka qabu himamaa. Kanaaf natti fakkaata namootni tokko tokko gaaf bunni akaawamuu aara isaa fuunfatan kaan immoo borsaa ykn kisii isaaniitti baatanii deemaniif.
2. Kuusaa yaadannoo gaarii akka qabaatan nama godha.Bunni kemikaala assetaayilkooliin (acetylecholin) jedhamu akka baayyinaan burqu gochuu danda’a. keemikaalli kun faayidaa baayyee inni qabu keessa tokko Sammuu keessa yaadannoo (memory) kuusuu dha. Kanaaf yeroo dheeraaf namootni buna dhugan dandeettii yaadachuu isaanii cimsuu irra darbee dullumaan walqbatee dhibee dagachuu (alzhemer) irraa akka ittifaman gochuu akka danda’u bu’aan qorannoo ni agarsiisa .
3. Dhibee mukuu (depression) ittisuu. Namootni yeroo hunda buna dhugan carraan dhibee mukuutiin qabamuu isaanii kanneen hin dhugne iraa dhibbeentaa 15(15%) ni hir’ata.
4. Carraa of ajjeesuu (suicide) hir’isuu. Namootni of ajjeesan baayyeen isaanii sababa dhibee mukuutiin (depression) akka ta’e ni beekama. Egaa dhibee mukuu hir’suun carraa of ajjeesuu namaas 50% ni hir’isa.
5. Lafa hojiitti milkaa’ina akka qabaatan nama godha. Qorannoo haaraan akka agarsiisutti namootni buna dhugan carraan guddina argachuu isaanii ni dabala. Kun kan ta’u bunni dammaqina waan isaanii kennuuf hojii isaaniitti dammaqoo ta’u,darbees carraa namoota baayyee wajjin walii galuu waan argataniif . Kun immoo dhiphuu fi yaaddoo diinagdee hir’isuun fayyaa Sammuu isaanii eega.
6. Harkisa jaalalaa dabaluu. Namootni gaafa buna dhugaa taphatan dammaqinni isaanii fi simboon isaanii waan dabaluuf harkisi jaalalaa isaan gidduu jiraatu ni dabala.
7.Cooma garaa (borcii) irraa hir’isuun ilaalchi namootni ofiif qaban akka dabalu ni taasisa.
****
MIIDHAA
Bunni yoo garmalee dhugame miidhaalee Sammuu/qor-qalbii armaan gadii fiduu danda’a
1. Garmalee nama dammaqsuun (hyperactive) xiyyeeffannoo nama dhorka. Kun immoo hojii harka ofii irraa sirriitti raawwachuu nama dadhabsiisuu danda’a. Miira nama sossodaachisuu waan namatti fiduuf qormaata(exam) irratti nama miidhuu danda’a.
2. Gara galgalaa yoo dhugame,nama rafuu barbaadu hirriba dhorkuun,qulqullina hirriba namaa jeequu danda’a.
3. Namni dhibee yaaddoo (anxiety) qabu yoo buna garmalee dhuge dhibee kana itti hammeessuu danda’a.
4. Nama dhibee miira gar-lamee (bipolar disorder) qabu akka sadarkaan maaniyaa (mania) isaa itti ka’u gochuun miidhaa biraaf illee saaxiluu danda’a.
****
Miidhaaleen kun namoota guyyaatti buna minjaala/
siinii 4 ol dhuganitti akka baayyatu hima qorannoon dhiyeenya biyyaa Ingiliziitii ba’e. Ta’us waanti hubatmuu qabu carraan nama mudachuu miidhaalee armaan olii namaa namatti gara gara. kanaaf qaama ofii dhaggeeffachuun madaala ofii argachuun haala fayyaa qabeessa ta’een buna dhuguun firii isaa irraa baayyee,miidhaa isaa irraa xiqqoo makaruu dandeessu.
****
Dr. Daawwit (Ispeeshaalistii dhibee sammuu)
****
Fayyaan Faaya

@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

05 Feb, 14:06


DHEERINA NAMAA!
****
● Hojjaan dheerachuu keessatti ariifannaan guddina lafee yookiin kan dheerina lafee baay'ee murteessaadha.
● Kunis lafeen keenya gara lamaaniin yookiin karaa olii fi gadiitiin kan guddinni isaanii irratti murtaa’u “growth plate’ kan jedhaman kan qaban yoggaa ta’u, akkuma umuriin ol dabalaa adeemeen guddinni lafee yookiin dheerinni hojjaa namaas murtaa’aa dhufa.
● Kunis yeroo umuriin gara waggaa 16-21 (giddu galeessatti dhiiraaf waggaa 18-19 gidduutti) dhiyaachaa dhufu, ‘growth plate’ kan jedhamu kun walitti dhufuun guddinni yookiin dheerinni hojjaa akka dhaabachaa adeemu taasisa.
● Kanaaf umurii dhala namaa keessatti waggoottan digdamman keessa hojjaan dheerinni nii dhaabbata jechuudha.
● Kunis kan inni irratti hundaa’u ‘gene’ kan jedhaman kan maatii ofii irraa dhaalan irratti yeroo ta’u, haalli jireenyaa fi bakki jireenyaas dheerina hojjaa irratti ga’ee mataa isaatii nii qabaata.
Kunis yeroo baay’ee namoonni lafa gammoojjii keessa (lafa qilleensa hoo’aa) jiraatan hojjaan nii dheeratu. Kunis hoo’a jiru sana dandamachuuf gogaan qaama keenyaa ‘surface area’ (bal’ina gogaa) dabalachuun, ho’a sana qaamni keenya akka dandamatu taasisa; (baay’inaan dafqi qaama keenya kessaa ba’u akka ho’a qaama keenyaa sana qabbaneessu taasisa).
**
Fayyaan Faaya!

@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

04 Feb, 14:39


"Firiikoot" jedhamti, daa'ima waggaaf ji'a shanii ti. Kan dhalattes, haga ammaa kan jirtus Hospitaala Rifaraalaa Yuunivarsiitii Wallaggaati.

Ogeessonni fayyaa hospitaala kanaa daa'ima kanaaf ogeessa fayyaa qofa osoo hin taane maatii ta'anii guddisanii asiin ga'aniiru!
Harmeen ishee dhukkuba onnee dhukkubsatti, jiraachuuf dirqama oksiijiinii barbaaddi. Abbaan mucaa gatee deemeera. Kanaaf waggaa tokkoof walakkaa mucaa ishii qabattee hospitaala keessa jirti.

Harmeen kun mucaa ishii fudhattee hospitaala irraa ba'uuf waan lama barbaaddi:
1. Waan ittiin "oxygen concentrator" bitattee ittiin fayyadamaa dhala ishee kanaaf lubbuun jiraattu.
2. Waan ittiin yeroof of gargaartee ittiin daa'ima ishii kana illee guddisuu itti fuftu.

Haga dandeessan gargaaraa!
Namoota biroo gargaaruu danda'aaniifis share godhaa biraan nuuf ga'aa!
Ulfaadhaa! Nagaa hin dhabiinaa!

Name: Hawi Kejela Deresa
CBE: 1000598384871
COOP: 1021800162204
Awash: 013281272580900
****

@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

04 Feb, 10:56


DUBARTOOTAAF
*****
Walqunnaamtii Saalaatti Gammaduu Dadhabuu Dubartootaa (jechuun warra gaa'ela qabaniif)

Dubartiin tokko rakkoo armaan olii kana qabdi jechuudhaaf:
Walqunnaamtii saalaa abbaa manaa ishee waliin raawwattutti gammachuu kan hin qabnee fi fedhii saala abbaa manaa ishee guutuuf qofa kan raawwattu yoo ta'edha.

Rakkoowwan kana kan fidan keessaa muraasni:
1. Rakkoo xiin-sammuu (psychiatric or psycosocial) dudartiin sun qabdu kan akka raakkoo muuddama (stress) humnaa'olii yeroo hedduu itti mullatu, ofitti amanamummaa dhabuu fi kkf kan yaala addaa barbaadu.

2. Rakkoo waliin haasaa ykn walii galtee dhabuu abbaa manaa fi haadha manaa waliinii (Heeruma fedhii malee, fi kkf)
3. Dhiibbaa ykn rakkoo walqunnaamtii saalaan walqabatee yeroo ijoollummaa irratti raawwatame, kan akka dirqisiisanii gudeeduu fi kkf.

4. Dhukkuboota adda addaa kan waan kana fiduu danda'an qabaachuu fakkeenyaaf dhukkuba sukkaaraa....

5. Yaalii garagaraa kan baqaqsanii yaaluu kan dhukkuba biraaf godhame kan akka gadameessa muranii baasuu (hysterectomy).

6. Kan rakkoo biraa tokko hin qabne garuu rakkoo walqunnaamtii saalaatti gammaduu dadhabuu qofa qaban.

FURMAATA
R
akkoon kun qorannoon biyya USA keessatti hojjetame tokko akka jedhutti dubartoota 21% kan hubu yoo ta'u rakkoo salphaa osoo hin taane kan yaala barbaadudha. Kanneen armaa gadii akka furmaataatti kan taa'anidha.

1. Waldhabiinsa, miidhama duraanii, muddama jireenyaa fi kkf namootni waan kana furuudhaaf leenji'an (psychotherapist) waan jiraniif deemanii yaala ga'aa argachuu.

2. Mana yaalaa deemanii dhukkuboota rakkoo kana fidan irraa yaalamuu.

3. Yeroo walqunnaamtii saalaa raawwatan guutummaa guutuutti yaada ofii walqunnaamtii saalaa irra gochuu fi sosochii garaa garaa gochuu.

4. Kana hundaan illee yoo furmaanni jiraachuu baate qorichoota anti depressant jedhaman ogeessa fayyaa sammuu (Psychiatrist) irraa ajajchiifachuun illee ni dandaa'ama.

*Fayyaan Faaya*
Horaa bulaa deebanaa

@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

29 Jan, 17:58


Namoota DHUKKUBA MADAA'UU GAARAACHAA qabdaniif:
****
NB: Dhukkuba madaa'uu garaachaa fiduudhaan ga'ee ol aanaa kan qaban wantoota lama (2)
1. QORICHOOTA DHUKKUBBII ITTISUUF GARGAARAN (Ibuprofen, diclofenac, endomethacin fi qorichoota gosaan NSAID jalatti ramadaman kan biroo)
2. BAAKTEERIYAA GARAACHAA H.PYLORI jedhamu dha.

Walumaa galatti namoonni dhibee madaa'uu garaachaa kana qabdan fayyummaa gaaracha Keessaniif:

1. Waantoota dhukkuba garaachaa fidan akka: alkoolii baay’isuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja ogeessa fayyaa malee kennaman (keessumaa kan dhukkubbii hir'isuuf oolan akka ibuprofen fi kkf) fayyadamuu fi of dhiphisuu irraa fagaachuu.

2. Nyaata dhukkuba garaachaa nutti cimsan irraa fagaachuu: nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan nyaatnaan nutti cimsu beekne nyaata sanarra fagaachuu qabna. Walumaa galatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna, nyaatotaaf dhugaatii erga hojjetamanii turanii afaaniitti hadhaa’an (fkn farsoo ba’ee ture) namatti kaachisu.

3. Nyaata dhukkuba garaachaa irraa fayyuuf nu gargaaran nyaachuu: isaan keessa dammi isa hangafa fi fayyuu garaacha madaa’eef kan gargaarudha. Qullubbiin adiin (garlic) baakteriyaa H. pylori jedhamu sanaaf akka haalli hin mijanne taasisa, kuduraa fi muduraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne
garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa.

4. Gara mana yaalaa deemuun yoo baakteriyaan H. pylori jiraate qoricha isaa fudhachuu qabna.

***
Fayyaan faaya

@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

24 Jan, 17:09


Waantoota Qunca'uu Gogaa Harkaa Fiduu Malan:

1. Harka yeroo garmalee ammaa amma deddeebinee saaamunaadhaan dhiqannu, harka keenya irraa dibata uumamaa inni qabu gogsuudhaan akka gogaan kun caccabuuf qunca'u taasisa.

2. Haala qilleensaa baay'ee ho'aa (gubaa) ta'e keessas yoo jiraannu haaluma armaan olitti ibsameen gogaa keenyaa gogsee quncisuu mala.

3. Guba aduu (Sunburn) - kunis yoo xiyyi ifa aduu ultraviolet gigaa keenyaa miidhu yoo ta'u yeroo hedduu gogaan keenya qunca'uun dura diimatee, kulkulee, dhukkubuu mala.

4. Quba hodhuu (Funger suckling) keessumaa kun daa'imman irratti kan mul'atu yoo ta'u, darbee darbee namoota gurguddaa irratti illee ni mul'ata

5. Keemikaalota qaama (gogaa) keenya miidhan kan akka saamunaa, keemikaalota qonnaaf oolan, warshaalee gargara keessatti argamanii fi kkf sababa hojiin deddeebi'anii yoo gogaa keenyatti bu'an illee gogaan harka keenyaa qunca'uu mala.

6. Dhukkuboota gogaa garagaraa akka: Hand eczema, psoriasis, allergic contacts dermatitis fi kanneen biroo...

Dr Gurmeessaa

24 Jan, 08:43


BISHAAN fi FAYYAA
******
● Bishaan nama tokkoof guyyaatti barbaachisu haga kana jechuun rakkisaadha. Sababni isaas, haala qilleensaa (ho'aa fi qorraa), haala hojii (hojii cimaa nama dafqisiisu fi hojii salphaa) fi kkf irratti hundaa'ee wal caala waan ta'eef. Haa ta'u malee namni ga'eessi tokko guyyaatti bishaan litira 2 haga 3 akka dhugu ni gorfama.
● Bishaan kan dhuguu qabnu osoo qaamni keenya "dheebodhe" jedhee nutti hin himiin ta'u qaba. Kana gochuun ammoo faayidaalee armaan gadii kana qaba!
*****
1. Goguu mar’umaanii (constipation) ittisuu keessatti gahee qaba.
2. Dhukkuba kalee kan kidney stone jedhamu kan waanti akka cirrachaa kalee keessatti walitti kuufamuun hedduu nama dhukkubsitu dandeettii akka hin uumamneef gargaaruu qaba. Kana malees kaleen hojii xuraawaa qaama baasuu akka sirriitti hojjatu taasisa.
3. Hojii keenya guyyaa guyyaa keessumattuu warren hojii humnaa hojjatan hojii isaanii irratti akka hin dadhabne gargaara.
4. Mataa dhukkubbii ykn mataa bowwuu dandeettii nurraa ittisuu qaba.
5. Dandeettii waa yaadachuu fi yaaduu irratti sammuun keenya bishaan sirriitti argachuun baayyee barbaachisaadha.
6. Ulfaatina qaamaa humnaa ol ta’e hir’isuu irratti ni gargaara.
7. Namoota alkoolii dhuganiif miira nama jibbisiisu kan erga alkoolii dhuganii booda namatti dhufu (hangover) ni ittisa.
***
Fayyaan faaya

@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

21 Jan, 19:41


FAYYAA SOMBA KEESSANIIF:
**
1.
Sochii qaamaa hargansuu sombaa sirritti hojjachiisan akka: daddafanii deemuu (brisk walking), baayisaayikilii (bicycle) oofuu fi baay’ee daddaffii (hariitiidhaan) mana qulqulleessuu illee dabalatee taasisuu. Sochiiwwan kana guyyaatti daqiiqaa 30 gochuu qabna.

2. Waantoota qilleensa naannoo keenyaa faalan, kanneen to'achuu dandeenyu akka aara mana keessaa kan cilee irraa maddu, of irraa fageessuu.

3. Diina sombaa isa hangafa kan ta'e, tamboo aarsuu fi naannoo namoota tamboo aarsanii jiraachuu irraa of qusachuu!!!

4. Dhugaatii alkoolii garmalee baay’isanii dhuguu irraa of qusachuu.
***
Fayyaan Faaya

@drgurmeessaa
@drgurmeessaa

Dr Gurmeessaa

18 Jan, 19:44


Maangoo fi Fayyaa

Maangoon addatti faayidaa maal dhala namaaf kennuu danda'a?

1. Madda gaarii vaayitaamin "A", Vaayitaamin "C", fooleetii, elemntii potaasiyemii fi magniiziyeemii ti.

2. Madda anniisaa gaariidha (maangoon giddu galeessi tokko kaalorii 200 kennuu danda'a).

3. Gogiinsa garaa ni fooyyeessa (compound amylase fi fiber ol'aanaa waan ofkeessaa qabuuf).

4. Keemikaalota antioxidant jedhaman qaama keenyaaf barbaachisan (kulkula qaamaa fi dhukkuboota tokko tokko ittisan) of keessaa qaba.

Fayyaan Faaya

@drgurmeessaa
@drgurmeessaa