BARUMSA SANBATAA SDA @barumsasanbataa Channel on Telegram

BARUMSA SANBATAA SDA

@barumsasanbataa


A/oromoo

BARUMSA SANBATAA SDA (A/oromoo)

BARUMSA SANBATAA SDA kanale hundi akka sana barbaada. Kan biyyaafi cimaamoo dhageeyffate ture. Kan ilmaan Oromoo walitti dhihaateef barreeffamaa, jaalala fi xiqqoo mata duree tokko. Kan keessatti kan tahe Oromiyaafi jireenya Oromoo keessaa argame kanaraaraa barreeffamaa kan ijaarame. Kun kan of irraa argachuu dandeessan ta'uu malee adda addaafi guyyaan keenya. Kan shakkaman kanarraa jiru bara baqatu aduunyaa turre. Dabalata maqaan isaa garuu hanga guyyaa sanbataarratti deebisan jiru. Barumsa sanbataa SDA kanale yoo kanarraa barbaadan ciniinnaa guututti dhiyeessu kan jedhu kunoo hirmaatan. Kan keessaa kanalichi kunoo kuma kana keessatti barreeffamaa manneefa hojii hedduu gaggeeffame. Kan barumsa sanbataa SDA jala bultii kan kanarraa baga gammanne deebisaa fi hojjetaa jira. Barumsa sanbataa SDA seenaa kanarraa hedduu fudhachuuf deebifamaa jiru. Kanaleen Afaan Oromoo keessaa kan barreefftii, gumaa wajjiin qabatee kan of irraa haga ture. Kan dandeessan ta'uu malee adda addaafi guyyaan keenya barumsa sanbataa SDA kanale yoo ciniinnaa guututti dhiyeessutti gadi dhiyeessaafi kanarraa jiru, Barumsa sanbataa SDA kanaleen kunoo qindaa'guyyaa keenyaa addaddaa kan keenyaa akka dhiyeessetti guyyaan keenya. Kan barreefftii jireenyaa jiru kunin irratti waan godhuuf adda addaafi guyyaan maqaa itti fufa. Kan uffata godhan haala duraatti, barumsa sanbataa SDA kanale kun dandeenyaan akka argachuu dandeessan ta'uu malee addaddaa barumsa sanbataa SDA kanaleen itti fufu jira.

BARUMSA SANBATAA SDA

13 Jan, 16:39


" Nuyi illee Waaqayyo gooftaa keenya irratti kaaneerra, oo'ii fi dhiifamuun garuu isa biraa in argama."
Dan 9: 9😊

BARUMSA SANBATAA SDA

13 Jan, 03:46


" Waaqayyo gooftaan kattaa yeroo hundumaa jiraatu waan ta'eef, bara baraan isa amanadhaa!"
Isaa 26: 4😊

BARUMSA SANBATAA SDA

09 Jan, 12:17


BARUMSA SANBATAA Pdf isaa Kan barbaadan kunooti Buufachuun Itti gargaaramaa.

Channel kana Join gochuun hordofaa Gaaffiif yaadaaf tumsaa.

https://t.me/Ifa_Dhugaa7

BARUMSA SANBATAA SDA

03 Jan, 07:53


Mat. 22
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ "Kana booddee mootichi keessummoota isaa ilaaluudhaaf ol galee, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko arge.
¹² Namichaan immoo, 'Namicho! Uffata cidhaa malee attamitti asitti ol lixe?' jedhe'; namichis waan dubbatu dhabe.

°yeroo durii abbaan cidaa, cida yeroo qopheessu uffata cidaas wajjin qopheessu uffatanii ol galu.....
Namni kun garuu uffata cidaa utuu hin uffatin ol gale, maalif? Qarshii hin qabu jechuuf uffati tola kennama! Abbaa cidichaa tuffachuu, kan isaatti boonuu isaas argina....
Uffati sun AYYAANA WAAQAYYOOTI!
AYYAANA waaqayyoo tuffannee TOLA mataa keenyaatti quufuun balaa qaba!
Waaqayyo nu haa gargaaru!

BARUMSA SANBATAA SDA

02 Jan, 09:09


B/sanbataa 1ffaa

BARUMSA SANBATAA SDA

01 Jan, 05:24


Waaqayyo erga ilmaan namoota Eden keessatti cubbutti kufani boodas erga nuti dhuunfaatti cubbuu hojjennee boodas bilisaan namoota jaallachuu itti fufeera....Kufaatii Eden booda Addaamiifi Hewaan itti fufanii jiraachuu fi jaalala Waaqayyoo fudhachuuf mirga hin qaban turan. Garuu Waaqayyo inni '' dubbii humna isaatiin waan hundumaa'' (Ibiroota 1:3) kan deeggeru jaalala guddaa, araaraa fi ayyaanasaa keessatti jireenya isaan jiraachisee dhala namaa jaalalaan ofitti deebisuuf karaa tolche jira. Araarri sun immoo nu dabalata,...😊 💥

BARUMSA SANBATAA SDA

01 Jan, 05:04


Channel photo updated

BARUMSA SANBATAA SDA

27 Dec, 15:32


³ Waaqayyo, "...Garaa haadha keessanii keessatti anatu isin eege, dhalachuu keessanii jalqabees anatu isin baate;
⁴ yommuu isin dulloomtanii harrii baaftanis anumatu isin baata, dur anatu hojjete, anatu baates, ammas anatu baata, anatu fayyisas
.
Isa. 46
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯


Sanbata Gaarii🥰

BARUMSA SANBATAA SDA

25 Dec, 15:55


“Amma Waaqayyo isiniif in lola, isin gabii argadhaa!"
— Bau. 14:14

BARUMSA SANBATAA SDA

24 Dec, 14:46


#Mass_Wedding
እሁድ 13/04/2017 ዓ.ም
በኢትዮ-ባርናባስ ሚኒስትሪ አዘጋጅነት የተደረገው ልዩ የMass-Wedding ስነ-ስርአት ላይ የታደማችሁ ተጋቢዎች እና ቤተሰቦቻቸው በሙሉ እንኳን ደስ አላችሁ። እግዚአብሔር ዘመናችሁን ይባርክ።

       sʜᴀʀᴇ ◈ Join ◈ sʜᴀʀᴇ
    👇JOIN OUR CHANNEL👇
          ▷ @SDAEnglish ◁
            ▷ @SDAsong◁
    ▷ @SDAInstrumentals ◁

       👇JOIN OUR GROUP👇
      ▷  @SDAinstrumental ◁

         👇👇Inbox Chat 👇👇
              ▷  @Simera1  ◁

BARUMSA SANBATAA SDA

23 Dec, 07:42


“Ergichi, "Ani hojii kee beeka; ati humna xinnoo qabda, garuu dubbii koo eegdeetta, maqaa koos hin ganne. Kunoo, ani balbala banamaa fuula kee dura jiru, isa namni tokko illee cufuu hin dandeenye siif kenneera.”
— Mul. 3:8

BARUMSA SANBATAA SDA

19 Dec, 20:04


"Dooniin yeroo qarqara galaanaarra dhaabattu, yaaddoorraa bilisa. Garuu kaayyoon  tolfamuushee  qarqara galaanaarra dhaabachuuf miti" Albert Anastaayiin

Kaayyoon dooniin tolfamtuufii; galaana daaktee, waa hedduu qaxxaamurtee Ardii tokkorraa Ardii biraa quunnamuufi. Imalli galaanarraa kun qormaata baayyee qaba. Qilleensonni sunaamii fi dhahaan galaanarraa qormaatota  jajjaboo akkaan doonii qoran keessaa isaan tokko. Dooniin kana hundumaa dandeessee kaayyoo tolfamteefi galmaan geessi.

Dhalli namaas akkasuma. Kaayyoo fi mul'ata uumameefi qaba. Namni salphaatti milkaa'u hin jiru. Akkuma Dooniin dambalii galaanaan qoramaa imalasaa itti fufu, nama cimaa taatee argamuuf waantoti baayyeen jireenya kee qoruuf si dura dhaabatu. Buubbee fi obombolleettii hedduun sitti ka'ee si kuffisuuf si hurgufuu mala. Yoo jabaattee imala kee itti fufte sababni ati hin injifanneefii hin jiru!
Lafa galmi kee jirutti yaada kee sassaabbadhu. Qormaatota achi si hankaaksuuf si quunnaman ammoo mo'uudhaaf akkuma Dooniitti dambalii qormaatichaarra dambali'ii gara fuula duraatti deemi.
Never Give Up!!!!!

REPHIDIM TUBE
@adventistscript

Join godhaa!!!!

BARUMSA SANBATAA SDA

19 Dec, 03:12


Girmaayee Baayisaa
Faarfannaa isaa hafan argachuuf
Link gadii tuquun you tube channel isaa subscribe gochuun hordofaa

https://youtube.com/@girmayebayisaofficial?si=BlcJXQCZf9tdeYeA

BARUMSA SANBATAA SDA

18 Dec, 16:03


“Akka warra gaddaniitti in ilaalamna, garuu nuyi yeroo hundumaa in gammanna; akka warra deeganiitti in lakkaa'amna, garuu namoota baay'ee in sooromsina; akka warra homaa hin qabneetti in ilaalamna, garuu waan hundumaa qabna.”
— 2Qor. 6:10


“ኀዘንተኞች ስንሆን ዘወትር ደስ ይለናል፤ ድሆች ስንሆን ብዙዎችን ባለ ጠጎች እናደርጋለን፤ አንዳች የሌለን ስንሆን ሁሉ የእኛ ነው።”
— 2ኛ ቆሮ 6፥10

BARUMSA SANBATAA SDA

17 Dec, 18:53


Faar. Girmaayee keessaa kan fuudhame
Dhaggeeffachuuf seensiftuu gadiin seenaa(Faaruucha tuquun)

👉Si malee eenyu jira da'oon namni itti baqachuuf of amansiisu

BARUMSA SANBATAA SDA

17 Dec, 16:50


Billaacha/afaan enliffaatiin Butterflies kan jedhaman yeroo roobni roobu boqoonnaa fudhatu malee hin balali'an sababni isaammoo baalleen/koochoon isaanii yoo hubattanii ykn qabda ilaaltaniittu ta'e gaafa itti buutan akka awwaara irra ka'a. Kanaaf yoo bushanni xuqu irra dhiqama kanaaf miidha waan geggeessisuu danda'uf yeroo roobaa in boqotu malee hin balali'an: atis yeroo jireenya kee keessatti haaloti
ulfatoof si miidhan sitti dhufan Yesuusiin keessatti boqochuun si barbaachisa sababni isaas;
" Inni waan ofii isaatii dhiphatee, qoramee arge keessatti, warra qoramni itti dhufu gargaaruu in danda'a."
Ibr 2: 18
Abdii kee yesuusin godhatte jireenya kee amantiidhan itti fufta yeroos gaanfi kee ol jedha, deebitees balali'uu dandeessa yeroo rooba hamaa bobaa yesuusin jelatti dhi'eessi💥

BARUMSA SANBATAA SDA

19 Nov, 12:50


“Waaqayyo gooftaan keessan lafa onaa keessatti karaa isin irra adeemtanii as dhuftan kana hundumaa irratti akka nama ilma isaa baaututti akka isin baate argitaniittu"...”
— Kes. 1:31

BARUMSA SANBATAA SDA

15 Nov, 10:09


“Uumama sana duwwaatu aada miti; nuyi warri hafuura Waaqayyoo akka qabdiitti arganne iyyuu, ilmummaatti guddifamuu, namummaan keenya inni fooniis furamuu, dhimminee yeroo eeggannutti garaa keenyatti in aadna.”

— Rom. 8:23

BARUMSA SANBATAA SDA

15 Nov, 10:09


Kristoos nu keessa jiraachuun nuyi kristoos keessatti fayyina argachuu keenyaaf ragaadha!

BARUMSA SANBATAA SDA

15 Nov, 08:21


Mat. 22
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ "Kana booddee mootichi keessummoota isaa ilaaluudhaaf ol galee, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko arge.
¹² Namichaan immoo, 'Namicho! Uffata cidhaa malee attamitti asitti ol lixe?' jedhe'; namichis waan dubbatu dhabe.

BARUMSA SANBATAA SDA

09 Nov, 16:07


Kakuu Haaraan ifatti Yesuus Kiristoos karaa Waaqayyo hojii uumamaa (Yohannis 1:3; Efesoon 3:9; Qolosaayiis 1:16; Mul'ata 3:14 ilaali) fi fayyinaa (Yohan. 3:16, 17; Room. 3:24; 1 Qoronx.1:30; Galat. 3:13; Qolos. 1:14; Titoos 2:14; Ibr. 9:12; 1 Pheex. 1:18; Mul'ata 5:9 ilaali) raawwate ta’u isaa mul’isa.
●Akkuma Kiristoos hojii uumuu guyyaa ja’affaa irratti fixee boqote, akkasumas fayyina muka fannoo irratti guyyaa ja’affaatti fixee, guyyaa torbaffaa awwaala keessatti boqote (Yohannis 17:4; 19:30 ilaali).
Hojiin iddootti deebisuu Yesuus inni xumura tajaajila yesuus irratti hubatamu(ilaal. 1Qor. 15:24-26; Ibro. 2:13),,sanbataa wajjin hidhata qaba(Ilaal. Isaiah 66:22, 23). Hojiin iddootti deebisuu isaas kan uumamaafi kan fayyinaa waliin wal fakkaata. Kanaaf sanbatni hiikkaa sadii nuuf qaba—uumama, fayyina, fi iddootti deebisuu!
●Sababnisaa Yesuus Uumaa, Fayyisaa fi Deebisaa keenya waan ta’eef, “Gooftaa sanbataa” (Maar. 2:28; Luqaas 6:5; Mul'ata 1:10 ilaali) jedhamuuf mirga guutuu qaba. Yeroo sabni Yihuudotaa yesuusiin akka Masiihitti hin fudhatinitti, sanbata eeguun isaanii hiikkaa isaa dhabe. Kanaaf Ibrootaan (“Egaa boqonnaan Sanbata Waaqayyoo saba isaatiif amma iyyuu kaa'ameefii jira. — Ibr. 4:9) jedha.
Sanbata eeguun amantii dhugaan hin kakaafamne-isa kristoosiin fannoo'rratti fiixaan ba'en furamuu keenyaaf deebii kennuun hin kakaafamne, fakkeessaa fi amma'llee Fayyina hojiin argachuu yaaduudha!

BARUMSA SANBATAA SDA

09 Nov, 16:07


Sanbata
Sanbatni guyyaa boqonnaa qaamaa fi sammuutiin caalmaa qaba. Inni guyyaa waaqeffannaa keenyaa qofaas miti. Sabbatni hiikkaa fayyinaa ifa ta’e qaba—walitti dhufeenya adda addaa waa’ee wangeela bara baraa waliin qaba.
Macaafa Kakuu Haaraatti jecha boqonnaa jedhu fayyadamuun waa’ee wangeela fayyinaa kan seenaa qulqulluu Yesus Kiristoos keessatti raawwatame ibsa (Mattewos 11:28; Ibraniyos 4:2, 3 ilaali). Kufaatii irraa jalqabee boqonnaan fayyinaa Kiristoos keessatti waadaa galamee, sanbata waliin walqabatee ture. Kanaaf sirnoonni ayyaanota gurguddoon Kakuu Moofaa, guyyoota boqonnaa sanbataa jedhamee moggaafameera- gara Masii'chaa fi hojii fayyinaa Isaa agarsiisanii jiru.
Barbaachisummaa Sabbataa: Waaqayyoof
Jechi sanbata jedhu "boqonnaa" jechuudha, fi wanti jalqabaa hubannu kakuu moofaa keessatti guyyaan sanbataa kan Waaqayyoo ta'uu isaati. Waaqni "guyyaa koo isa qulqulluu " (Isaayaas 58:13) jedhee waama; "sanbata koo" (Baʼuu 31:13) jedha. "Guyyaan torbaffaa sanbata Waaqayyo keetiiti" (Baʼuu 20:10) jedha. Sababni isaa, sanbatni kan Waaqaa akka ta’e ifatti mul’ata waan ta’eef, “sanbata Yihudootaa” jechuun macaafa keessatti sirrii miti. Dhugumaan, sanbatni namaaf uumameera (Maar. 2:27 ilaali), kan namaa—Yihuudaa yookaan Ormaa miti. Inni kan Waaqaa ti.
Gaaffiin ka'uu qabu: Waaqni humna guddaa qabu, kan boqonnaa hin barbaadne, maaliif guyyaa torbaffaa akka guyyaa boqonnaa addaatti addaan baafate? Deebiin Macaafni Qulqulluun gaaffii kanaaf kenne akka armaan gadiitti: Waaqni guyyaa boqonnaa kana, sanbata kana, akka hojiin uumuu Isaa guutuu fi sirrii ta’e agarsiisuuf addaan baasee!(Uumama. 1:31; 2:1-3; Ibr. 4:4 ilaali). Haqi kun barbaachisummaa guddaa qaba, waa’ee wangeelaa kana hubachuuf..
Yeroo hunda yaadachuu qabna, sanbatni kun egaa guyyaa torbaffaa Waaqaa ti, kan keenya miti. Waaqni guyyoota ja’a keessatti wantoota hundaa uume. Ergasii guyyaa torbaffaa sanbata Isaa akka ta’u addaan baafate(in qulqulleesse!) (Baʼuu 20:11 ilaali). Aadam fi Hewwaan dhuma guyyaa ja’affaatti uumaman(Uumama 1:26-31)kanaaf, guyyaan torbaffaan sanbata waaqayyoo guyyaa guutuu(whole day) jalqabaa kan ilmaan namaa ture. Kana hubachuun barbaachisaadha, addumaan ifa fayyina keenya kristoosiin keessaatiin yeroo SANBATA ilaallu.
Waaqayyo guyyaa ja'a keessatti addunyaa kana uume. Yeroo hojii isaa guutuu ta'ee fi xumura argate boqote.(Uum. 2:1-3)
Gama biraatiin, Addaam fi Hewwaan garuu hojiidhaan hin jalqabne; isaan guyyaa guutuu jalqabaa boqonnaa sanbataa Waaqaa irratti dabarsaniiru. boqonnaa Waaqaa keessa “seenuu” booda hojii guyyoottan ja’an itti fufan. Sanyiin namaa jalqaba hojii harka Waaqaa keessaa kennaa tolaa fudhachuudhaan jalqaban. ergasii torban boqonnaa kanatti hojii uumama isaatti gammaduu danda'e.
Akkuma uumamaa, fayyinni kan jalqabu hojii tokko hojjechuun utuu hin taane, hojii yesuus isa jireenyaaf du'a isaatiin guutuu fi fiixaan ba'e, raawwatame sanatti boqochuudhaani!. Akkuma Aadam fi Hewwaan guyyaa jalqabaa boqonnaa sanbataa irratti dabarsan, nutis jalqaba qajeelummaa kristoosiin fiixaan ba'ee nuuf kennametti boqochuun eebba fayyinaatti gammaduu dandeenya!
Karaa kana yeroo ilaallu, SANBATNI bu'uura dhugaa ulfina qabeessa" QAJEELUMMAA AMANTIIN" ta'uusaa hubanna.
Yeroo inni sabbata addaan baafatu, ykn qulqulleessu, Waaqni walitti dhufeenya kakuu bara baraa ilmaan namaa waliin qabaachuu jalqabe—walitti dhufeenya dubartootaa fi dhiironni Isatti irkatanii jiraachuun isaanii barbaachisaa ta'e.
Kanaaf, yeroo Aadam fi Hewwaan cubbuu hojjetan, of-irrummaa qooda waaqatti hirkachuu ofitti hirkachuu filachuun, kakuu Waaqni kenne kana diigan. Bu'aan tokko, isaan boqonnaa dhugaa sanbatni bakka bu'e dhabuu isaanii ture"......dhamaatee dafqitee buddeena in nyaatta" — Uma. 3:19
Garuu Yesus boqonnaa ilmi namaa yeroo kufaatii dhabe deebisuuf gara addunyaa kana dhufe (Mattewos 11:28 ilaali). Kun hojjetamuun, Yesus hiikkaa sanbataa deebise. Wangeela fayyinaa fudhachuuf, gara qajeelfama bu’uuraa boqonnaa sabbataa kan maatii keenya jalqabaaf kennameetti deebi'uu qabna.

BARUMSA SANBATAA SDA

02 Nov, 13:59


... "Warri nuu wajjin jiran, warra isaanii wajjin jiran irra in caalu.."
2Mot. 6:16

BARUMSA SANBATAA SDA

01 Nov, 15:42


“Isa garaan isaa cimsee si amanatu, sababii inni sitti of kennatuuf ati nagaa guutuudhaan in eegda;”
— Isa. 26:3

BARUMSA SANBATAA SDA

01 Nov, 11:40


Bsanbataa 5ffaa dhuga ba'umsa warra samaariyaa! . Heertuu Yaadannoo: “Jarri garuu dubartittiidhaan, “Egaa nuyi si’achi waan ati dubbatteef amanna miti; nuyi ofuma keenyaa dhageenyeerra, inni kun dhuguma fayyisaa biyya lafaa akka ta’es in beekna” jedhan.” (Yoh 4:42).

Qo’annoo Torban Kanaaf Dubbisi: Yoh 4:1–42; Yoh 3:26–30; Er. 2:13; Zak. 14:8; His. 36:25-27.

BARUMSA SANBATAA SDA

25 Oct, 10:21


“... Yohannis utuu Yesus gara isaa dhufuu argee, "Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu.”...jedhe
Yoh. 1:29

BARUMSA SANBATAA SDA

21 Oct, 16:47


'Bsanbataa 4ffaa.doc'

BARUMSA SANBATAA SDA

21 Oct, 16:32


Ittiin eebbifamaa!

Naaf haa eebbifamu abbaa barruun kee
Naaf haa eebbifamu Michuu harki kee
Koochoo kee jalatti nagaa naaf laatta
Xiyya darbatamu jalaa na dhoksita

🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰

BARUMSA SANBATAA SDA

19 Oct, 19:00


የተሰጠን ማስጠንቀቂያ
📃Page 313

📖 Size 168mb

@Barumsasanbataa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇JOIN godhaa👇👇👇👇👇

@loveofagape @loveofagape
@loveofagape @loveofagape
@loveofagape @loveofagape
@loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape @loveofagape

BARUMSA SANBATAA SDA

18 Oct, 17:38


“Ammas Waaqayyo....
"Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafan gaarummaa kootiin ofitti si dhi'eesse;”
— Er. 31:3

BARUMSA SANBATAA SDA

18 Oct, 13:35


Barnoota 3ffaa
**Dugda duuba seenaa: seensa**
Heertuu Yaadannoo : "Sagalichi jalqaba waan hundumaa dure ture; sagalichi waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa waaqayyo ture"
Yohaannis 1:1 .

BARUMSA SANBATAA SDA

15 Oct, 15:48


2. #ABBOOMMII_KAKUU_HAARAA_LAMAAN

Gaaffii yesuus gaafatame keessaa tokko abboommii keessaa inni caalu isa kam akka ta’e ture. Yesuusis gaaffii kanaaf deebii akkas jedhu kenne.
“ Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha. Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a'! Inni lammaffaan immoo 'Nama, akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta'a'! isa jedhuu dha. Abboommiin isaan kana irra caalu kan biraa hin jiru" jedhe.” Mar. 12:29-31

Heertuun kun namoota baay’ee biratti dalga hubatame. Ergaan yesuus bakka kanatti dubbatee fi hubannaan dhaabbata amantii kiristaanaa hedduun gargari. Yesuus abboommii kurnan balleesseetu, abboommii lama bakka isaanii buuse jedhu. Kun dhuguma? Qabatamaatti waan wangeelli jedhu haa ilaallu.

Abboommiin kurnan yeroo kenname gabatee dhagaa lama irratti kenname. Ba’u.31:18 , 32:15,16 ilaaluu dandeessu. Kanumaan wal qabatee abboommiin kurnan bakka lamatti qoodama. Innis abboommii 1ffaa hanga 4ffaa fi abboommii 5ffaa hanga 10ffaa ti. Inni jalqabaa arfan namaa fi waaqayyo gidduutti kan raawwatamu yoo ta’u warri lammaffaa jahaan immo namaa fi nama gidduutti kan raawwatamanii dha. Kanaafuu yesuus barsiisicha seeraa gaaffii isa gaafate sanaaf deebiin inni kennaa jiru abboommiin hunda caalu abboommii kurnan ta’uu isaati.

Barreessitoonni kitaaba kakuu haaraa Kanaan sirriitti waliif galu. Fakkeenyaaf phaawuloos akkana jedha. “Abboommonni, "Hin ejjin, hin ajjeesin, hin hatin, waan namaa hin hawwin" jedhan, warri kaanis hundinuu dubbii tokkicha isa, "Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!" jedhuun in xumuramu. Namni nama erga jaallatee, waan hamaa isa irratti hin hojjetu; kanaafis nama jaallachuun seera raawwachuu dha.” Rom. 13:8,9 . dubbiin kun ifaa dha. Yesuus nama akka mataakeetti jaaladhu yeroo jedhu dhimma abboommii namaa fi nama gidduu jiranii dubbataa jira. Akkasumas “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba'aa ulfaatoo miti.” 1Yoh. 5:3

Yohaannis ergaa isaa keessatti dhimmi nama jaalachuu kun abboommii isuma durii sana ta'uu isaa yeroo ibsu akkana jedhe “Michoota ko! Abboommii moofaa isa durii durii jalqabee isin bira ture malee, amma abboommii haaraa isiniif hin caafu; abboommiin moofaan sun immoo dubbicha isuma isin dhageessanii dha.” 1Yoh. 2:7 as keessatti ifa ta'ee kan jiru abboommiin haaraan isa durii irraa adda ta'e akka hin kennamiini dha. Waanti haaraa taasisu yoo jiraate gaaddidduu inni ture isa dhugaa Kiristoosiin mul'achuu isaati. Heertuun itti aanee jiru dhimma jaalalaati. Kana ammoo yesuusis dubbatee ture. Yoh. 13:34 dubbisi. Abboommiicha waanti haaraa taasisu gaaddidduu duubaan kan mul'ataa ture jaalalli waaqayyoo amma qaamaan mul'achuu isaati.

Kanaafuu Kakuun haaraa abboommi kurnan dhabamsiise otoo hin taane seera hafuuraa isaan taasise. Inumaayyuu yesuus kakuu haaraatti dhimmi cubbuu isa kakuu duraa caalaa gadi fageenya akka qabu ibsee ture. Fakkeenyaaf “Yesus, "'Hin ejjin' jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” Mat.5:27,28. Dubbiin akka isa duraa namni lama yookiin sadii ijaan argee yoo itti raagesse firdiif dhiyeessu miti. Amma firdiin kan waaqayyooti. Inni immoo keessa yaada namaa ilaalee farada.

Akkuma cubbuun gadi fageenya akkasii qabu abboommiin kakuu haaraatti gadi fageenya qaba. Warroonni aarsaa kiristoosiin maqaa dhahatanii jireenya gadi dhiisii jiraachuu barsiisan akka jedhan otoo hin taane, dhaloonni kakuu haaraa dhaloota yaada isaa keessaa seera waaqayyoo qabuu dha. Seerri hafuuraas isa kana. Waa’ee kanaa wangeelli akkana jedha.
“Guyyoonni sun yeroo ga'an, kakuu ani mana Israa'eliif kakadhu,'Seera koo yaada isaanii keessa nan kaa'a, garaa isaanii keessattis isa nan caafa; ani isaaniif Waaqayyo nan ta'a,isaanis anaaf saba in ta'u, isa jedhuu dha' jedha gooftichi.” Ibr. 8:10

BARUMSA SANBATAA SDA

15 Oct, 15:48


Egaa dhaloonni kakuu haaraa seera isa dhagaa irratti caafame osoo hin taane seera isa harka waaqayyoon yaada isaani keessatti caafame qabu jechuu dha. Kun immoo sirriitti akka hubatamu nan barbaada.

Kakuu duraa keessatti gabateewwan dhagaa lamman abboommiin kurnan irratti barreeffaman mana qulqullmmaa keessaa kutaa hundaa caalaa qulqulluu keessaa saanduqa kakuu keessa taa’u. kakuu haaraatti immoo manni qulqullummaa saba waaqayyooti. Ulaagaa mana qulqullummaa ta’uu kan guutu egaa qodaan mana qulqullummaa isa keessa kan jiruu dha. Kanaafuu akkuma kakuu isa duraa sana har’as seerri waaqayyoo mana qulqullummaa keessa jira. Bakki inni jiru immoo yaada warra fayyanii keessa ta’uu isaati.

“Yesuus seera raawwate” kan jedhu waca protestantota keessa jiru keessaa tokko. Eeyyeen akkuma Mat.5:17 irratti jedhu inni seeraa fi barsiisa raajotaa diiguuf otoo hin taane raawwachuuf akka dhufe dubbateera. Heertuudhumti kuniyyuu bifa sirriitiin hin hubatamne. Dabalataan immoo heertuun itti aanu hin ilaalamu. Lakkoofsa 19 irratti namni abboommota hunduma irra xinnaatan keessaa tokko diigee diigamuu isaa barsiisu…. Jedhe yesuus. Itti fufees “Ani isinittan hima, qajeelummaan keessan qajeelummaa warra barsiisota seeraatii fi Fariisotaa irra guddaa yoo caaluu dhaabaate, mootummaa waaqaatti gonkumaa hin galtan" isaaniin jedhe.” Mat. 5:20

Seera raawwachuu jechuun maal jechuu dha? Kutaa itti aanu keessatti ilaalla.

HUB.! Namni kamiyyuu waan seerri isa irraa barbaadu raawwachuudhaan qajeelaa ta’uu hin danda’u. fayyuus hin danda’u. namni kan fayyu yesuusitti amanuudhaan qofa. Namni kan qajeelaa ta’us yesuusitti amanuudhaan qofa. Amma kan ani jechaa jiru garuu namni fayye tokko seera waaqayyoo mormuu hin danda’uu dha. Namni fayye ni abboomama. Tarii gaaffii ‘Amma abboomii hunda namni guutuutti eegu jira’? jedhu na gaafachuu dandeessa. Abboommii mormuu fi abboommii eeguu dadhabuun waan garagaraati. 1yoh. 1 fi 2 deebii quubsaa qaba.

Facebook: Obboleessa keessan Tolasaa Guutamaa irraati

BARUMSA SANBATAA SDA

15 Oct, 09:10


Na Amani Anumatu Si Ajjeesa''

Biyyaa Ameerikaatti, haadha ilma tokko qabdu tokkotu ture, ilmi ishee kunis isheen dalagaa adeemnaan taphachuuf karaatti ba'e.
Xinnoo turee garuu wanti gaariin hin dhaga'amne, mucaan kichuun sun Albeen waraanamee ajjeefame.
Ergasii haati guyyaa murtiin Nama mucaa ishee ajjeese itti murta'u argamtee turte, namni mucaa ishee ajjeese umrii waggaa 14 yoo ta'u, waggaa saddeet itti murteessan .

Yeroo kana Haati ol jettee mucaa yommuu gara alaatti baasaa jiran ijaa kessa ilaalaa akkas jetten, '' na amani anumatu si ajjeesa'' ittiin jette. mucichis gara mana sirreessaatti fudhatame.
Waggaa afur booda mucaa Isa ilma ishee ajjeese sana gaafachuu deemtee, dubbistee deebite; mucichi, erga hidhamee kaasee namni tokkollee achitti kan isa gaafatee beeku hin turre.
Guyyaa sana irraa jalqabee immoo deddeebitee gaafatti; waan isaaf barbaachiisu ni laattiif turte.
Mucaan sun sababni inni ilma ishee ajjeesuu danda'eefis Garee gang jedhamanitti makamuuf, gara- jabummaa isaa agarsiisuuf ture.

Mucaa kanas kan ajjeese qormaata garee gang kana darbuuf ture.
Ijoollummaa isaa irraa egalee immoo daandii irratti nama guddate ture.
Darara jireenyaa dandamachuuf garee sanatti makamuu filannoo taasifatee itti gale, garuu galmi isaa mana hidhaa ta'e,
Yeroo adabbii kee xumurtee ba'uuf jettu, maal hojjetta? Jetteetu gaafatte haati mucaan ishee jalaa ajjeefame, Innis hin beeku jedhen. Achuman haala hojii siifan mijeessa jettee biraa deemte.
Guyyaa biraas dhuftee, yoo asii baate essa turta? Jetteen; innis hin beeku, naman beekus, firas hin qabu jedhen.
Isheenis ani qofaa waanan ta'eef ana bira turta jetteen; innis sodaachaadhuma tole jedheen , achumaan fudhattee gara mana isheetti galte.
Achumaan kutaa tokko laattefii dalagaas mijeesiteefii hojjechaa achuma jiraata ture.
Ji’a ja'a booda guyyaa tokko ofitti waamtee , ‘’Waanan guyyaa sana mana murtiitti siin jedhe yaadattaa?’’ jetteen ;innis akkamittan dagadha jedheen.

Isheenis akkuman siin jedhe godheera, mucaan inni mucaa koo ajjesse sun du’eera hin jiru jetteen;innis rifaatee akkamitti jedheen , isheenis argitee, ani kanan ajjeesuu barbaade foon kee osoo hin taane, Eenyumma kee isa ittiin ilma koo ajjeeste sana ture isa immoo guyyaan itti mana sirreessaatti deddebi’aa turee irraa eegaleen ajjessuu jalqabe, kanaaf ati amma nama addaati; malee nama yeroo mucaa koo ajjeese sanaa miti! inni du’eera ati nama haaraadha jetten.
Isas baay'ee ajjaa’ibe immimmaan ijarra of yaasa walitti maraman.

Dhuma irratti akkas jetteen ‘’atis akkuma argitu ani qofaa koon jiraadha; ilmoo hin qabu atis immoo akkasuma, maaloo mucaa koo naaf ta'uu no dandeessaa?’’ jettee yommuu gafaattu, ammas kolfaa guddaan walii galaanii walitti maraman.
#Dhaamsa
Namummaa gaarii haa gonfannu!
Namumman gaariin eenyummaa nama tokkoo qarree milkaa'inaatti ol baasu erga ta'ee namni kamiyyuu namummaa gaarii gonfachuudhaaf dorgommii Wal irraa hin citne gaggeessuu qaba.
Gochaawwan hamoo gochaawwan gaggaariin bakka buusuun nama gocha gaarii dalaguun fakkeenya namoota biroof ta'u ta'uun ni danda'ama.
#Amaloota gaggaarii irra deddeebiin shaakaluun illee #dansa dha

BARUMSA SANBATAA SDA

13 Oct, 06:07


🎤Faaruu baay'ee ergaa guddaa qabudha, ittiin eebifamaa!

SANBATA GAARII!

@haftuuproduction

https://youtu.be/xE0EeyhdFHk

BARUMSA SANBATAA SDA

11 Oct, 15:19


Gospels formula

👉“.. not I, but Christ....."

— Galatians 2:20 (KJV)


Note: I +Christ🙅

BARUMSA SANBATAA SDA

11 Oct, 10:39


App. Barumsa sanbataa Haaraa guutummaa'saa
Ijoo dubbii Wangeela yohaannis keessaa
Afaanota sadiin
●Afaan oromoo
●Amhaariffa
●Tigriffa

BARUMSA SANBATAA SDA

11 Oct, 03:09


“Biyyi lafaa ogummaa ofii isaatiin Waaqayyoon isa ogummaadhaan guute beekuu dadhabnaan, gowwummaa barsiisa isa nuyi lallabnuutiin warra amanan fayyisuun Waaqayyotti tole.”
— 1Qor. 1:21

BARUMSA SANBATAA SDA

06 Oct, 17:31


maqaa YESUUS,
●Gorsaa,
●dinqii,
●Waaqayyo-jabaa,
●abbaa bara baraa,
●angafa nagaa.”

— Isa. 9:6

BARUMSA SANBATAA SDA

05 Oct, 17:24


Heertuu Yaadannoo: "Yesus garuu, "Du'aa ka'uun, jireenyis ana: namni anatti amanu yoo du'e iyyuu in jiraata. Utuu jiruu kan anatti amanu hundinuu immoo bara baraan hin du'u; kana amantaa ree?" jedheen."
(Yohaannis 11:25, 26).
🥰

BARUMSA SANBATAA SDA

04 Oct, 10:17


'Barnoota 1ffaa.docx'

https://t.me/sogproduction 🙏🙏🙏

BARUMSA SANBATAA SDA

04 Oct, 08:55


Wangeela yohaannis!
B/Sanbataa 1ffaa
Mallattoolee karaa agarsiisan!
Memory text:
³⁰ Yesus macaafa kana keessatti kan hin caafamin, milikkita kan biraa baay'ee bartoota isaa duratti hojjeteera.
³¹ Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman.

Yoh. 20
¯¯¯

BARUMSA SANBATAA SDA

04 Oct, 08:06


●Wangeela yohaannis wangeelota 3'n irraa(Mat,Mar.,luq) Maaltu adda godha?
yeroo baay'ee xiyyeeffannaa waa'ee walitti dhufeenya yesuusiifi nama dhuunfaa ykn namoota lamaa kaasa, fkn Naataana'eel, Niqoodemoos, dubartii ishee boolla bishaanii bira jirtu, namicha waggaa 38'f laamsha'ee ture, namicha jaamaa ta'ee dhalate, Alaazar fi obboleeyyan isaa, Piilaaxoos, Pheexiros, yookaan Toomaas. Kanneen kana keessaa hedduun wangeela Yohaannis qofa keessatti mul'atu.
●Fakkiin guddaan w/Yohaannis mul'isuu fedhu maali??
Kristoos yesuus! Dinqiiwwan baay'ee yesuus hojjete ni argina, haa ta'u malee dinqii godhame sana Ol kaasee mul'isuu caalaa abbaa dinqii sana godhe kristoosiin ol kaasee mul'isuudha!
●Wangeelli yohaannis MAALIF BARREEFFAME??
Dinqiiwwan yesuus godhe hundi macaafa qulqulluu keessatti hin barreefamne(yohn.20³⁰) Muraasa keessaa barreesse yohaannis kan barreeffaman kunis kaayyoofi innis, kristoos yesuus ilma waaqayyootti AMANNEE ; isatti amanuu keenyaan immoo jireenya barabaraa akka qabaannuufi ( yohn. 20³¹)

BARUMSA SANBATAA SDA

04 Oct, 08:02


Channel photo updated

BARUMSA SANBATAA SDA

04 Oct, 06:20


Filp. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁷ Amma garuu Kristosiif jedhee, wanta bu'aa anaaf qaba ture hundumaa akka waan gatameetti lakkaa'eera.
⁸ Dhuguma iyyuu gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa'a; Kristosin bu'aa koo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta'eera; akka kosiittis isa lakkaa'eera.
⁹ Kanaanis ani kan Kristos ta'ee argameera. Egaa qajeelummaan koo isa seera eeguudhaan argamu utuu hin ta'in, isa Kristositti amanuudhaan argamuu dha; qajeelummaan kun Waaqayyo biraa in dhufa, amantii irras in dhaabata.
¹⁰ Kanaafis isa duwwaa beekuu, humna du'aa ka'uu isaas miyeeffachuu, dhiphina isaa irraa, du'a isaa irraas hirmaachuu nan barbaada.
¹¹ Warra du'an keessaa kaafamuu biras nan ga'a jedheen aggaama.

BARUMSA SANBATAA SDA

02 Oct, 17:45


“...Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafan gaarummaa kootiin ofitti si dhi'eesse;”

— Er. 31:3

BARUMSA SANBATAA SDA

02 Oct, 05:30


.


“Kanaafis amantiidhaan qajeelota erga taanee, gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo biratti nagaa qabna.”



— Rom. 5:1

BARUMSA SANBATAA SDA

01 Oct, 21:10


Maal jettee ofiif boossa?
Utuu duutee....ofiif boo'uun ni danda'ama ta'ee maal jettee ofii boossa????
Namaaf boo'uun salphaadha!

BARUMSA SANBATAA SDA

30 Sep, 06:42


Ittiin Eebbifamaa
Iddoo qabda gola onnee koo keessaa


https://youtu.be/vk3eTYaJWMA?si=TFW6P_KEVID4PqWv

BARUMSA SANBATAA SDA

27 Sep, 14:20


Isa salphate Yesuus!
Biyya roomaa keessatti ilaalcha guddaa kan qaban
1ffaa irratti qomoo roomaa warra ta'anidha
2'ffaa irratti immoo luboota mana sagadaa keessaa....(Yihudota)
3'ffaa ykn sadarkaa dhumaa'rratti immoo christaanota(Yihudiis ta'u roomaa Garuu christoositti kan amanan)
● warri roomaa fi luboonni yihudotaa christaanota baay'ee tuffatu, jibbu itti qoosu, warra ga'oo taasisan! Maalif???
Sababnisaa kristaanonni Room keessa jiran kun kan isaan itti amanan isa warri roomaa fi luboonni( warri ilaalcha guddaa qaban) Reebanii itti tufanii qullaa isaa fannootti fannisan, salphisan sana waaqessu! Isa ulfina dhabe sana. Isa yeroo isaan fannoo irra ka'an sana dhiiga roobsaa baachuu dadhabee hamma kufutti dhiphate sanaan Inni GOOFTAA keenya jedhu!
Kanaaf warra kristaanotaatti ga'isu( isa humna keenyaan gadiitti waaqessu jedhuun)
○ kanaaf phaawuloos" “Ani wangeelatti hin yeella'u, inni humna Waaqayyo isa.....fayyisuu dha.”
— Rom. 1:16 jedhe.
Waan sagadaniif beeku isa itti sagadanis ni beeku! Inni yeroo dhiphinaa kan obseef isaaniif ta'uu isaa hubataniiru, W/room yesuusiin fannisanii waan mo'an itti fakkaate yesuus Garuu HUMNA CUBBUU HUNDUMAA MO'E! salphina ijoollota isaa ofii fudhatee QAJEELUMMAA ISAA nuuf kennuuf sana hundumaa ta'e!
︎Obboloota ko tarii naannoo ati jirtutti yesuusitti waamamuun leeyyoo( faaraa) yoo si taasise iyyuu gammachuu guutuutti fudhadhu! Wangeelatti hin leeyya'in inni humna waaqayyooti
(Wangeela= inni immoo waa'ee christoosi)
#Eebbifamaa