Arsi Communication Office (@arsicommunication) के नवीनतम पोस्ट टेलीग्राम पर

Arsi Communication Office टेलीग्राम पोस्ट

Arsi Communication Office
3,192 सदस्य
5,770 तस्वीरें
56 वीडियो
अंतिम अपडेट 01.03.2025 08:52

समान चैनल

QUBEE MEDIA 📚
19,240 सदस्य
SEENAA TUBE
5,341 सदस्य

Arsi Communication Office द्वारा टेलीग्राम पर साझा की गई नवीनतम सामग्री


Buusaan gonofaa damee godina Arsii abbootii qabeenyaa akaakuu gumaata garagaraan deeggarsa olaanaa taasisaniifi sekteraalee raawwii hojii olaanaa galmeessisaniif sirna beekamtiifi badhaasaa taasise.

Haaluma kanaan Aabbootiin Qabeenyaafi namoota dhuunfaa gaaddisa buusaa gonofaatiin gumaata olaanaa godhan beekamtiifi geeba badhaafamaniiru.

Aanaan Loodee Heexosaa,Digaluufi Xiijoo,Leemmuufi Bilbiloo,Amiinyaafi Jajuu raawwii hojii olaanaa galmeessisuun beekamtiifi geeba badhaafamaniiru.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Tajaajila haqaa qulqulluufi si'ataa ta'e kennuun ittiquufiimsa maamilaa dabaluun fayyadamummaa hawaasaa dhugoomsuuf hojjatamaa jira.

Godina Arsiitti wal tajjiin marii fooyya'iinsa sirna haqaa hoggantootaafi qaamolee seeraa hirmaachise dhaadannoo" Fooyya'iinsa Sirna Haqaa Tajaajila Haqa Qabeessaaf"jedhuun gaggeeffame.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Buusaan Gonofaa humnoota waloo safuu,duudhaafi aadaa wal gargaarsaa sirna gadaa iddotti deebiseedha.

Bu'uruma kanaan godina Arsiitti yaa'iin buusaa gonofaa hoggantootaafi qooda fudhattoota hirmaachise gaggeeffame.

Ittigaafatamaan Buusaa Gonofaa Damee godina Arsii Obbo Hirphaa Tashoomaa godinichatti bara kana deeggarsa buusaa gonofaa daraan cimsuuf dhadannoo gargaartummaarraa gara omishtummaatti jedhuun buusii miseensummaa,gumaata buusaafi inisheetiivii qonnaatiirraa midhaan walitti qabuun

Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir rakkoowwan gurguddoo nama tolcheefi uumamaan dhufan dandamachiisuuf gaaddisni buusaa gonofaa gahee olaanaa qabaachuu himan.

Xiyyeeffannaa mootummaa hawaasaa keessa bahe taasiseen deeggarsa biyya alaatii galu hambisuun, aadaa,duudhaafi safuu sirna gadaa oromoon ittiin wal deeggaraa turen buusaa gonofaa kan hundaa'e ta'uus ibsan.

Hirmaattotni yaa'icharratti hirmaatanis miseensummaa buusaa gonofaa akka dabalu gochuun cinaatti gumaata akaakuu garagaraa cimsuun deeggarsa cimsuuf kan hojjatan ta'uu himan.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Maddoota galii garagaraa cimsuun carraa hojii dargaggootaaf uumuun imala guddina biyyaa saffisiisuuf hojjatamuu akka qaba.

Godina Arsiitti wal tajjiin mana maree CHUO kurmaana 2ffaa qooda fudhattoota hirmaachise gaggeeffame.

Ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa godina Arsii Obbo Huseen Abdallaa gabaasa raawwii hojii baatiiwwan jahan dabran keessatti raawwatamaan hirmaattootaaf dhiyeessuun irratti mari'atameera.

Gamaaggamichan hanqinootaafi ciminoota raawwii hojii baatiiwwan dabran keessatti mul'atan qorachuun,ciminootni turan caalmaan akka ittifufaniifi hanqinootarratti kutannoon hojjatamuu akka qabu kallattiin kaa'ameera.

Ittigaafataamaan Paartii Badhaadhina damee godina Arsii Obbo Darajjee Abarraa humnaafi qabeenya jiru qindeessuun hoji dhabdummaa hir'isuun fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu himan.

Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir humna misoomaa biyyaa kan ta'e dargaggootaafi carraa hojii uumuun jireenyaa dhunfarraa dabree diinagdee keessattis hirmaannaa taasisuun imala guddina biyyaa keessattis gahee akka bahatuuf hojjatamaa jiraachuu himan.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Yuuniyeenotni cichoominaan hojjachuun cinaatti aadaa qusannoo cimsachuun hojiilee investimentii keessatti hirmaatanii hojjachuun diinagdee biyyaa guddisuu keessattis gahee bahachaa jiru.

Yuuniyeeniin Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Diida'aa Yaa'ii Idilee 17ffaa gaggeesse.

Yuuniyeenichi maashinaroota galteewwaan qonnaa bite miseensotaaf dhiyeessuun tajaajilaaf banaa taasiseera.

Hojigaggeessaan Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Diida'aa Obbo Muhaammad Qaasim yuuniyeenichi sosochii hojiilee misoomaa garagaraarratti hojjachaa tureen kaappitaalli akka guddatuu gochuun fayyadamummaa miseensota daran cimsuuf hojjachaa jiraachuu himan.

Bu'uruma kanaan yuuniyeenichi yeroo ammaattis kaappitaalaa qarshii miliyeena 28 olitti shallagamu qabaachuus ibsan.

Ittigaafatamaan Ejansii Waldaa Hojii Gamtaa godina Arsii Obbo Aadam Aadam Sa'id yuuniyeenotni waldaalee hojii gamtaa hundi galii isaanii guddifachuun investimentiiwwan garagaraarratti hirmaachuun diinagdee caalmaan akka dabalaniif hojjatamaa jiraachuu himan.

Yuuniyeenotni hundi hanqinaalee dhiyeessii calla guddiftuuibsan furuun cinaatti makanayizeeshinii galteewwan qonnaa bituun omishaafi omishtummaa dachaan akka dabalamuu gochuufis xiyyeeffatee hojjatamaa jiras jedhan.

Bulchaa ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa gamtaan gurmaa'anii humnaafi qabeenya jiru qindeessuun kutannoon hojjachuun diinagdeen guddachuurra dabree imala badhaadhina dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himan.

Qisaasama qabeenya yuuniyeenota keessatti mul'atan hambisuun kaappitaala yuuniyeenichaa dachaan dabaluuf hojjatamuu akka qabus himan.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Dhaloota beekumsa,dandeettiifi gahumsaa qabu horachuuf qulqullina barnootarratti xiyyeeffannoon hojjatamaa jira.

Godinina Arsiitti gabaasni duub-deebii supparvizyinii hojiilee barnootaarrattii ji'oota lamaaf gaggeeffamaa ture dhiyaachuun irratti mari'atame.

Gabaasn duub-deebii supparvizyinii hojiilee barnoota ji'oottan lamaan dabran manneen barnootarrattii gaggeeffamaa ture bakka hoggantootniifi ogeeyyiin Waajjira barnoota godina Arsiifi bulchiinsa magaalaa Asallaa hirmaachisetti dhiyaachuun kallattiin hojii ittaanuu kennameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Barnoota godina Arsii Obbo Ahmad Huseen godinichatti barnoota qulqullina qabu kennuun dhaloota dandeettii, gahuumsaafi beekkumsaan biyya hogganuu danda'u uumuuf sirna deeggarsaafi hordoffii cimsuun hojjatamaa jiraachuu himan.

Cabiinsa sirna baruufi barsiisuu keessatti mudachaa ture hunderraa furuufis barnootni qulqullina qabu akka kennamuuf qooda fudhattootni barnootaa sadarkaan jiran xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuus himan.

Waajjira Paartii Badhaadhina godina Arsiitti Ittigaafatamtuun ijaarsaa aadde Ra'iisaa Aadam haala baruufi barsiisu manneen barnoota hundatti qixa sirrii ta'een hojiirraa olchuun qulqullina barnoota mirkaneessuun dhaloota qaroomee horachuuf qindoominaan hojjachuun murteessaa ta'uu himan.

Sirna deeggarsaafi hordoffii ji'oottan lamaan dabran taasifamaa tureenis hanqinaalee manneen barnootaa keesaatti mul'atan yeroofi qulqulliinaan deebii akka argatu gochuun bu'aan abdachiisaan argamuus himan.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Ergaa Baga Geessanii Obbo Darajjee Abarraa I/G/Paartii Badhaadhinaa Godina Arsii

Muddee,16/2017(ACO)-Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Arsii Obbbo Darajjee Abarraa guyyaa dhaloota Yeesus Kiristoos(ayyaana) qillee kabajamu sababeeffachuun erga baga geessanii dabarsaniiru.

Ummataa godina Arsiifi naannawaashee hundaaf;baga guyyaa dhaloota Yeesus Kiristoos(ayyaana)qillee bara 2017tiin isin gahe baga geessan jechuun barbaada.

Guyyaan dhaloota Yeesus Kiristoos(ayyaana qillee)hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti ayyaana beekamaa,guddaafi bifa jaalala qabuun kabajamuudha.

Ayyaanichi bifa miidhagina qabuun kabajame akka golabamuuf hordoftootni amantichaa karaa gurmaa'een qindaa'uun nageenyaa eeggachuun kabajuu akka qabanis dhaamaniiru.

Irra deebi'ee baga ayyaana qillee bara kanaatiin isin gahe,baga geessan.!

Ayyaana Gaarii!!

Darajjee Abarraa I/G/Paartii/Godina Arsii

Muddee,16/2017

Arsii;Asallaa

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Ergaa baga geessanii bulchaa godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir

Muddee,28/2017(ACO)-bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir guyyaa dhaloota Yeesus Kiristoos(ayyaana) qillee sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ummata godina Arsiifi magaalaa Asallaa hundaaf;baga ayyaana guyyaa dhaloota Yeesus Kiristoos(ayyaana)qillee bara 2017 nagaan geessaan.

Godinichatti ji'oottan jahan dabranitti gama misoomaan,hawaasummaan,diinagdeen,siyaasaafi nageenyaan qormaatilee heddukeessatti injifannoowwaan gurguddoon galmaa'aniidha.

Ji'oottan itti aanan kanattis caasaa mootummaa sadarkaan jiruufi hawaasaa keenya hirmaachisuun hojiilee misoomaa,siyaasaafi nageenyaa karaa guutuu ta'een rawwaachuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun cinaatti imala badhaadhinaa saffisiisuuf kutannoo addaatiin hojjanna.

Ayyaanichi kan jaalalaa, nagaa, gammachuu, badhaadhinaafi kan waan yaaddanitti milkooftan isiniif haa ta'u jechuun barbaada.

Obbo Ibraahim Kadiir;Bulchaa Godina Arsii

Muddee,28/2017,Arsii;Asallaa

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Fudhatamummaa Paartii Badhaadhinaa ol kaasuun,tokkummaa keenya cimsuun,gurmaa'iinsa cimaa ijaarameen imala nadhaadhinaa ni dhugoomsina!

Konfiransiin hundee paartii badhaadhinaa kurmaana lammaffaa miseensota hojjattoota mootummaa sekteraalee godina Arsii gaggeeffame.

Konfiransichi mata duree"Fudhatamummaa Paartii Badhaadhinaa ol kaasuun,Tokkummaa keenya cimsuun,Gurmaa'insa cimaa ijaarameen imala Badhaadhinaa ni dhugoomsina!" Jedhuun marii paanaaliitiin gaggeeffame.

Baadhaadhinni paartii gama siyaasaan, misoomaan,diinagdeen,hawaasummaafi nageenyaatiin xiyyeeffannoo kennuun fayyadamummaa hawaasaa milkeesduuf hojjachaa jiruudha.

Tokkummaa,qindoominaafi gurmaa'iinsa cimaa uumuun imala karoora milkaa'inaa paartichi qabatee socho'aa jiru bu'ura gochuun mul'atasaa dhugoomsuuf hojjachaa jiraachuu miseensotni konfiransicharratti hirmaatan ibsan.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

Godina Arsiitti koreen Dhaabbii Misooma Baadiyaa Caffee Oromiyaa duub-deebii supparvizhinii hojiilee misoomaa,diinagdeefi hawaasummaarratti gagggeessaa ture dhiyeessuun kallattii yaada furmaataa kenne.

Koreen Dhaabbii Misooma Baadiyaa Caffee Oromiyaa guyyoottan shanan dabran aanaalee godinichaa garagaraatti argamuun raawwii hojiilee misoomaa,diinagdee,hawaasummaa,nageenyaa,kenna tajaajilaafi humnoota walootiin raawwatamaa turan daaw'achuun hanqinootaafi ciminoota turan ilaaleera.

Gabaasni duub-deebii raawwii hojii supparvizhinii gama Pirojektotan,Diinagdeefi Hawaasummaan aanaalee godinichaa keessatti hojjatamaa turan hoggantootaafi manajimentii sekteraalee mootummaa godinichaaf dhiyaachuun irratti mari'atame.

Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir godinichatti baatiiwwan jahan dabranitti gama misoomaan,hawaasummaa,diinagdeefi nageenyaatiin hojiiwwan bal'aan hojjatamaa turuu ibsuun,iddoowwan harcaatiin mul'atanitti xiyyeeffachuun kutannoon kan hojjatamu ta'uu himan.

Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Misooma Baadiyaa
Caffee Oromiyaa Obbo Diriirsa Waaquma supparvizhinii aanaalee godinichaa keessatti taasisaa turaniin rakkoolee bulchiinsaa gaarii furuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf gama nageenyaan,misoomaan,diinagdeefi hawaasummaattiin hojiilee jajjabeessaa ilaalaa turuu himuun,hanqinaalee iddoo muraasatti mul'ataniif xiyyeeffannoo kennuun hojjatamuu akka qaban himan.

Odeeffannoo waktaawaa argachuuf

Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391