أحدث المنشورات من Amar Temam (@amartemam1133) على Telegram

منشورات Amar Temam على Telegram

Amar Temam
5,699 مشترك
11,070 صورة
125 فيديو
آخر تحديث 01.03.2025 07:55

أحدث المحتوى الذي تم مشاركته بواسطة Amar Temam على Telegram


Burraayyuutti dhagaan bu'uuraa ijaarsa Masjiida Bukaarii ka'ame
~~~
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti ijaarsa masjiida Bukaariitiif dhagaan bu'uuraa Muftii Itiyoophiyaa Dr.Jeylaan Kadir, Perezdaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa Sheyik Gaalii Muktaar fi Perezdaantii Majilisa Magaalaa Shaggar Doktar Muhammadsaalih Jamaaliin ka'ameera.

Saganticha irratti ijaarsi masjiidichaa yeroo gabaabaa keessatti akka eegalamus ibsameera.

© Amar Temam
#SpiderMedia

#Ramadan_Mubarak
Obboleewwaan koo Musliimaa marti baga Rabbiin baatii filatamaa, kabajamaafi jaallatamaa Ramadaanaa kan bara Hijraa 1446/2025tiin isin ga'e. Nama irraa fayyadamuufi ittiin milkaa'u Rahmaan nu haa godhu

#Oduu_Ammee
#Ramadan_Mubarak
Soomni Ramadaana bara Hijraa 1446/2025 bor kan eegalu ta'uun ifoome. Haaluma kanaan galgala har'aa Salaatni tarahwii ni eegalama.

Baga Rabbi baatii filatamaa, jaallatamaafi kabajamaadhaan nu gahe. Nama irraa fayyadamu Rahmaan nu haa taasisu.

© Amar Temam

Allaahu Akbar
Tulluun guddaan kun har'a Finfinneetti eebbifamuun Ramadanaa baname

Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo naannawaa Xoor Hayiloochiitti ijaaramaa kan ture Masjiidni guddaan Baabu Rayyaan eebbifame.

Spider Media : Shaabaan 29, 1446 AH
Hawaasa muslimaa naannawichaafi garee investimentii Meedirook akkasumas ahlalkhayirotaan kan ijaarame masjiidni kun kaare meetira 2000, bakka salaata dhiiraafi dubaraa, galma walgahiifii kutaalee garaa garaa kan qabu gamoo abbaa darbii sadi'ii masjiida guddaafi miidhagaadha.

Sagantaa eebba Masjiidichaa irratti hooggantoonni majlisa Federaalaafi magaalaa Finfinnee, ulamaa'onni, ustaazonni ', abbootiin qabeenyaafi keessumoonni garaa garaa akkasumas hawaasni muslimaa hedduun argamaniiru.

© #Amartemam

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
>#SpiderMedia

Dargaggoota Muslimaa biyyattii jidduutti tokkummaa wal kabajuufi garaagarummaa kamiiyyuu ol ta'e uumuuf hojjataa jiraachuu Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaa beeksise

Spider Media : Shaabaan 17, 1446 AH
Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaa Dargaggoota Muslimaa biyyattii jidduutti tokkummaa wal kabajuufi garaagarummaa kamiiyyuu ol ta'e uumuufi dargaggoota kallattii maraan ga'oomaa ta'e horachuuf hojii eegalee jiru cimsee itti fufeera.

Haaluma kanaan Kaawunsilichi magaalaa Jimmaatti dura buutota kutaalee hawaasaa garaa garaafi hooggantoota adda addaa waliin marii kaleessa eegale har'as itti fufee gaggeessaa oole.

Marichaan cinaatti Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaa dandeettiifi beekumsa dargaggootaa leenjiin guddisuuf sagantaa leenjii sadarkaa biyyaalessaatti eegale akka godinichaatti har'a magaalaa Jimmaatti eegalchiiseera.

Leenjichi dargaggoonni hubannoo hooggansaa qaban akka hubataniifi gabbifatan gochuun akkasumas dandeettii hoji uumtummaa isaanii gabbifachuun hojii ta'anii eeguu irra gara uumuutti akka ce'an kan gargaaru ta'uutu ibsame.

Leenjiin sadarkaa biyyaalessaatti gaggeffamaa jiru kun naannooleefi magaalota biroottis itti fufuun ni gaggeffama.

© #Amartemam

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia

Dargaggoota Muslimaa biyyattii jidduutti tokkummaa wal kabajuufi garaagarummaa kamiiyyuu ol ta'e uumuuf hojjataa jiraachuu Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaa beeksise
👇👇👇

#Oduu_Ammee
Ministirri Dhimma Alaa #Djibouti Mahamud Alii Yusuuf Dura Ta'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa ( #AfricanUnion ) Ta'uun Filaman

© #Amartemam

Waldaan Dubartoota Muslimaa Tigraay yaa'ii hundeeffama isaa waggaa 20ffaa gaggeesse

Spider Media : Shaaban 16, 1446 AH
Dubartoota 50'n bara 1997 kan hundaa'e Waldaan Dubartoota Muslimaa Tigraay waggoottan 20 dabaraniif dubartoota rakkoolee garaa garaatiif saaxilamaniifi maatii bulchan jabeessuufi of dandeessu irratti hojii bal'aa hojjachuu Dura Buutuun Waldichaa Aadde Nasriin eeraniiru.

Dabalataan hawaasa dhibeewwan garaa garaatiif saaxilamoo ta'aniif xiyyeeffannaa kennuun leenjii hubannoo kennuufiin dabalataatti karaalee isaan ittiin haala galii jireenya isaanii ittiin gaggeeffatan mijeessuufii irratti waldichi hojii bal'aa hojjataa turuu himaniiru.

Waldichi hundeeffama isaa waggaa 20ffaa sababeeffachuun guyyaa har'aa magaalaa Finfinnee Hoteela Ayaatti qaamolee hirmaattotaa garaa garaa waliin marii gaggeesseera.

Sagantichaan qaamolee hanga ammaatti sochii Waldichi taasiseef deeggarsa taasisaa turaniif waraqaan galateeffatannaa kan kenname yoo ta'u hojiiwwan Waldichi yeroo itti aanu hojjachuuf karoorafte milkeessuuf sirni galii walitti qabuus taasifameera.

Hooggantoota Majlisaafi Ustaazota dabalate qaamoleen garaa garaa sagantaa kana irratti argaman hojiin gaariin Waldaan Dubartoota Muslimaa Tigraay hojjataa jiru kun cimee akka itti fufuuf hawaasni muslimaa tumsa taasisuu akka qabu dhaamaniiru.

© #Amartemam

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia

Waldaan Dubartoota Muslimaa Tigraay yaa'ii hundeeffama isaa waggaa 20ffaa gaggeesse
👇👇👇

Haallii gaariin hiriyaa koo #SadioMane akkan Islaamummaa fudhadhu na godheera
~~~
Alhamdulillaah diiniin keenya bal'aa fageenya deemamee hin dhumneedhaaf male silaa akka nuti bu'uura diinii male waanuma mara har*aamaafi baax*la godhaa deemnuufi ''hin ta'u'' jechuu aadaa godhannee kanaatiin, da'awaa masjiida itti cufnee ala duwwaa yaanu kanaatiin silaa hangana taanee har'a hin geenyu.

Fandiifi pirotikoolii hanga daataafi konkolaataa ammayya'aatti osoo nuti halduree da'waa gochuuf barbaachisan jennee guca guutnee teenyuu isaan dugda duubaan nu lixan.

Ijoolleen aalama fuula duratti kubbaafi sanyii Ispoortii biroo taphattu aklaaqa toltee yeroo namoota heddu haalaafi alamala duudhaa Islaamummaa jiddugaleeffateen mo'attee boojitu, yeroo isiin dafqitee hurkitee qarshii argattuun akka isaan kaanii aalama marsuu caalaa Masjiidaafi Madrasaa, hospitaalaafi mana barnootaa dabalatee ijaarsa bu'uuralee misoomaa garaa garaa babal'isuun, yatiimaafi rakkaataa, miskiinaafi dhibamaa tumsuun diinii nuti masjiida keessaa himnu isaan qabatamatti alaa hojjatan kanallee qaanfii Rabbiifi namaa male gadi baanee itti duullee Islaamummaa keessaa baasna. Bifa ofii baaneen garuu.

Kubbaa haleeluu ati jettuun alatti haalaafi amala gaarii qabuun, lammilee hiyyeessaafi miidhaman tumsuun kan beekamu Sadio Mané aklaaqa isaa kanaan akkuma yeroo hedduu ammas hiriyaa isaa Islaamummaadhaan wal barsiise.

Hiriyaan isaa kun amala gaarii #Sadio_Mane irraa argeen, gaarummaafi namummaa isarraa barateen gammachuun Islaammumma akka fudhate ibse.

Maaneenis gammachuu hiriyaan isaa kun gara karaa haqaa tokkicha kan ta'e Islaamummaatti dhufee hordofuun biyya yeroo sana ture Jarman irraa ka'uun gara Sa'uudii imalee sirna sha*haadaa hiriyaa isaa kana irratti argame.

Kun meshaa da'awaa guddicha caalaan kalqii, duursaan keenya, Rasuulli ﷺ keenya nu barsiisaniidha. Fala, furtuu shakkiifi komii tokko male bara dhufaa darbaa hojjatu, hojjatees milkaa'u.

© #Amartemam
https://t.me/amartemam1133