Wabii Sanyii

@wabisegni


Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu

Wabii Sanyii

14 Oct, 05:23


Irreechi Nageenya

@segnigudeta @WABIISG

Wabii Sanyii

11 Oct, 16:30


Kabajamtoota hordooftoota
Chaanaalii koo hundaaf


ammas of eeggadhaa!
Ani Telegram group hin qabu !
Group hedduun maqaakoon banamee namoota add godha qarshii isinii ergina jechuun namoota hedduu gowwoomsaa jiru.

Ani #Chaanaalii Telegiramii #SanyiiGuddataa jedhamu
username @segnigudeta
hordoftoota 188,546 ol kan
qabu #qofa qaba.

#Namoota maqaa nama daldalu irraa of eeggannoo godha saaxila Namoota hedduu #suuraa fi #maqaa Telegiramii koo fayyadamu burjaajeesaa jiruu waan ta'eef.

#NB. Telegram group hin qabu.

Fuula Barruu/Facebook koo kunooti https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820 hordoftoota 63,690 ol kan qabu qofa koo.

#Galatoomaa/ThankYou
Sanyii Guddataa
@segnigudeta
@WABIISG

@segnigudeta @WABIISG

Wabii Sanyii

11 Oct, 07:57


"#Kufaatiin qamaa #Jireenyaati, hin kufnu taanan hin barannu, hin barannu taanan Gonkumaa hin jijjiiramnu. "

GALMA namni qabu nama kayyoo qabu namni kayyoo qabu immoo rakkoo miti rakkoof furmaata arga jireenya hadhaa'aa har'aan miti qabeenya har’aa qabuuniis miti kayyoo jiraatuf beeke jireenya guutuu abdii keessa isaan jiraata

Yeroo tokko tokko taate har’aa rawwaatnu ilaalame namoota tokko tokkof waan kayyoo hin qabne itti fakkaata dhugaan isaa garuu jireenya keessatti dogoggorri karaa lamaa akka uumamu beekuudhaan kan jalqabaa maatii, oollaa, hiriyoota ykn gaggeessaa keenyaan dhiibbaa nurraa Ga'uu ta'u danda'a ; kan lammaaffaa jireenya nuti haalota bakkeen mul'atan to'aachuuf tasifnuudha . yoo ati amantee ni fudhaata taate ilaalchi jal'aan jireenya kee irraatti dhiibbaa hamaa ati tasumaa mo'aachu hin dandeenye siif uume darba.

Namootni si qeequf aango guutuu qabu Sababni isaa eenyummaa kee isaa sirri si caala kan beeku hin jiru Kanaaf namootan nan qeeqiin jechuuf aangoo hin qabdu guddummaa fi kabaja kee garuu situ eeggachuu danda'u qaba.

Yoo Dhugumaa kayyoo hin qabdu taate galma hin qabdu ceephoon namoota jireenya kee irraatti ba'aa guddaa ta'uu danda'aa.

Jireenyi kayyoo hin qabne garba nama godhaa garbummaan immoo nama qofaan miti Waantootni jireenya nama hin jijjiirre kamiyyuu garba namaa godhaatanii kayyoo ofii irraa addaa nama baasu.

Namni kayyoo isaa hin beekne immoo jireenyi isaa borii duwwaadha Kanaafan jiraadha waan jedhuu tokko hin qabu. namni waan bor jiraatuf hin qabne immoo abdii hin qabu namni abdii hin qabne jireenyi isaa gammaachuu hin qabu namni gammaachuu hin qabne uuma wajjiin wal komata.

Qabeenyi gatii jabeessi karaa duraa hin jiru bu'aa ba'ii hedduu bodaa kan argachuun danda'amu yoo Dhugumaa badhadhummaan jirachuu barbadnaa taane dandeetti dhokataa keessa keenya jiru beekne itti hojjeechu qofan. Via Iyyaasuu @segnigudeta @WABIISG

Wabii Sanyii

08 Oct, 11:50


#Qumaara irraa of eeggannoo godha Hojjachuufi dhiisuu mirga keeti, #nyaattame jettee yoo ofgalaafattu ykn boossu arguu hin feenu. Kanummaa.

@segnigudeta @WABIISG

Wabii Sanyii

07 Oct, 05:11


🎴OVID Real Estate🎴

▪️Job Position 1 - Driver
▪️Job Position 2 - Sales Representative
▪️Job  Position 3 - Managerial Assistance
▪️Job Position 4 - Contract Engineer
▪️Job Position 5 - Compliance Officer
▪️Job Position 6 - Contract Officer
▪️Job Position 7 - Collection Officer
▪️Job Position 8 - Quantity Surveyor
▪️Job Position 9 - Supplier Quality
▪️Job Position 10 - Inventory Manager
Job Position 11 - Procurement Division Manager
▪️Job Position 12 - Contract Admin
▪️Find More Details here
          💧💧💧💧💧

https://kebenajobs.com/job/ovid-real-estate-oct-06-24/

▪️Deadline: October 11/24


@segnigudeta @WABIISG

Wabii Sanyii

02 Oct, 17:46


Personal Growth and Self-Development

❏ Faayidaa guddina dhuunfaa(Benefits of personal development)!

✍️Waan gochuu barbaaddu  adda baafatta (You’ll figure out what you want to do).
✍️Galma ifa ta’e kaa’uu ni dandeessa(You’ll be able to make clear goals).
✍️Kaka’umsa ni qabaatta(You’ll be motivated).
✍️Madaallii hojii fi jireenyaa fooyya’aa ni argatta(You’ll get a better work-life balance).
✍️Abdii hojii kee ni fooyyessa(You’ll improve your career prospects).
✍️Dhiphina kee akka to'attu si gargaara(It helps you manage stress).
✍️Deeddebitee akka of haroomsitu si gargaara(It helps you re-energize yourself).
✍️Ilaalcha gaarii akka qabaattu si gargaara(It helps you develop a more positive outlook).
✍️Fayyaa akka qabaattu si gargaara(It helps you to become healthy).
✍️Qabeenya akka qabaattu si gargaara(It helps you become wealthy).
✍️Akka geggeessaatti akka guddattu si gargaara(It helps you grow as a leader).
✍️Humna sammuu kee fooyyessuuf si gargaara(It helps you improve your mental power).

@WABIISG

Wabii Sanyii

02 Oct, 15:12


Yooyyaa! 
Ammallee Yooyyaa!

Baga jala bultii Ayyaanna guddichaa
Oromoo Irreechaan sin gahe nu gahe.

Yuutuubii  odeeffannoo Wayitawwa kan biyya keessaa fi biyya alaa hanga danda'e saffisaan isin biraan ga'u kana seenuun Subscribe gootanii akka hordoftan isin affeerreerra! #Subscriber gochuun Mallattoo bilbilaa tuquun all kan jettu irra kaa'aadhaa!

👇
https://www.youtube.com/@sidadamenaofficial.2536

Wabii Sanyii

02 Oct, 04:20


Self Investment  is the greatest investment

“Believing and investing in yourself is the best way to shift your thinking from a paradigm of excuses to one of the solutions.” – Farshad Asl

#PersonalDevelopment is looking inward and focusing on ways to better yourself. Personal development increases your self-awareness, your self-esteem, increases your skills, and fulfills your aspirations.

Personal Development Courses are suitable for anyone working in business, industry or the public sector. Topics include everything from Assertiveness and Self Esteem Skills to Customer Service, Negotiation Skills and Dealing with Difficult People.

REASONS TO CHOOSE

Learn how to maximise your potential, leading to a more fulfilling life

Acquire new skills crucial for workplace efficiency and effectiveness

Develop skills that increase your self-confidence in the work environment

Master tools to adapt to changes and challenges in your professional and personal life

Namoonni barabaadan
@WABIISG irratti na dubbisaa

Wabii Sanyii

01 Oct, 19:21


#ArtofSabona

Bakka og-fakkiifi kalaqni wal-tumsanii fagoo akeekan. Koottaa waliin tirannaa!

Telegram: https://t.me/sabonart

Dive into the world of art! Showcasing gallery collections, artist stories, and visual inspiration.

#Omishaa fi #Tajaajila
keessan beeksifadhaa!

Galatoomaa/ThankYou
   Sanyii Guddataa

@segnigudeta @WABIISG

Wabii Sanyii

01 Oct, 11:32


Fresh Graduates and experienced
Required more than 520

Odeeffennoo beeksisa wayitawaa
guyyaa guyyan bahu argachuuf

@segnigudeta @WABIISG

https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820

Wabii Sanyii

29 Sep, 11:27


JIRRA Miidiyaa Bashannanaa, Barnootaa. fi odeeffannoo Wayitawwa.  Sin biran gahuf  mul'ata guddaa qabatee Miidiyaa biyya keenyaa keessaa isa gaarii ta'uuf hundaa'eedha .
Chaanaalii keenyaa JOIN Godha nuyi Hordoofaa .https://t.me/Jirramiidiya


JIRRA MEDIA  is an entertainment, Educational and news media established with a great vision to be the best Media in our country

#Omishaa fi #Tajaajila
keessan beeksifadhaa!

@segnigudeta @WABIISG

Wabii Sanyii

28 Sep, 12:39


Dhaabbilee nama dhunfaa, Waldaa Aksiyoonaa, dhaabbata motummaa fi miti motummaa kamiyyuu yeroo hundeeffamu seeraa qabeessa ta'u qabu.

Akkasumas 4P's of Marketing Mix qabaachuu qaba isaaniis

1ffaa. Product/Omishaa fi tajaajila dha. Dhaabbilee kamiyyuu yeroo hundeeffamu omishaa fi tajaajila ittin hawaasaa tajajiluu qabaachuu qaba

2ffaa. Price/Gatii/

Dhaabbilee kamiyyuu yeroo hundeeffamu omishaa fi tajaajila isaa ittiin gurguru qabaachuu qaba garuu gatii isa Fixed price ykn Variable price ta'u danda'a akkasumas Taxable or non taxable ta'u danda'a.

3ffaa. Place/Teessoo/

Dhaabbilee kamiyyuu yeroo hundeeffamu Teessoo mataa isa qabachuu qaba HO, DISTRICT, BRANCH, FRANCHISE OFFICE ta'uu danda'a.

4ffaa. Promotion/Beeksisa

Dhaabbilee kamiyyuu yeroo hundeeffamu omishaa fi tajaajila fayyadamaan gahuuf kara ittiin beeksisu qabachuu qaba beeksisa miidiyaa TV, RADIO, NEWS PAPER adda addaa fayyadame ykn Beeksisa Afaan /Mouth to Mouth advertising/ ta'u danda'a

@segnigudeta @WABIISG

Wabii Sanyii

25 Sep, 11:05


NAMOOTA LAMATU JIRUU
JIREENYA KEE MO'ACHUUF TATTAAFFII ATI TAASIFTU KEESSAATTI GOSA NAMOOTAA LAMATU YAADA SIIF QABA
                 
●1● Warri ga'umsa ofii isaaniittiyyuu hin amanne "meerre eessa geesseree?" siin jedhu. Iji isaanii mudaa kee malee coba yaada keetii hin argu. Ija ittiin ofii isaanii ilaalaniin si ilaalu. Lafa ofii dhokatan si barbaadus. Isaan jireenyi ilma namaa waanuma halkan tokkotti jijjiiramu se'u. Waan amma jette akka ati amma jiraattee itti agarsiiftu barbaadu

Kun dhibaa'ummaa isaaniirraa madda. Sammuun isaanii 'waa hojjetanii waa argachuu' waan jedhu hin fudhatuuf. Taa'anii quba namatti qabuun garuun kennaa isaaniiti. Isa hin nuffan, hin dadhabanis. Yeroo ati jalqabdu si tuffatu, yeroo ati xumurtu immoo si jibbu

●2● Warri lammaffaa immoo warra guyyaa borii irraa abdii qabaniidha Jijjiiramni cichoominaan hojjechuu, jabaatanii fuulduratti adeemuu fi tattaaffiidhaan waan har'a hojjechuu dandeessu hojjechuu keetiin si madaalu

Humna, ga'umsaafi dandeettii har'a qabduun waan har'a hojjechuu dandeessu yoo hojjette, bor immoo maal  hojjechuu akka dandeessu abdii sirraa waan qabaniif  jabaadhu siin jedhu Jireenya kee borii yaada keefi tattaaffii kee har'aa  keessatti ilaalu  Hanqinuma kee wajjin si jaallatu

Yoo dogoggorte si gorsanii sitti dheekkamu malee "hin dandeessu" jedhanii abdii kee si keessatti hin gogsan Egaa, eenyuun akka dhaggeeffattu siifan dhiisa @segnigudeta @WABIISG

"Nama hundumaaf gaarummaa yaadi,
garuu hiriyaa filadhu."— (Giriikota)

Wabii Sanyii

25 Sep, 11:05


"Nama hundumaaf gaarummaa yaadi,
garuu hiriyaa filadhu."— (Giriikota)

Wabii Sanyii

24 Sep, 12:16


QAJEELFAMOOTA GAGGEESSUMMAA 6
JOOBIRA IRRAA BARACHUU QABNU

⁃Akkaataan jireenya joobiraa jireenya nama mul'ataa waliin walfakkaata.
┃⁃ Ati waa’ee joobiraa baay'ee dhageessee ni beektaa? Joobirri seenaa ajaa’ibsiisaa baay'ee ni qaba. Kanneen keessaa amaloota 6 waliin haa ilaallu:

#1ffaa:
Joobirri kophaa isaa olka’iinsa baay’ee olka’aa irratti balali’a.

Joobirri simbirroota xixiqqoo kan akka ‘sparrows’ yookiin gosa biroo kamiyyuu waliin hin balali’u. Kophaa isaa fi olka’iinsa baay’ee olka’aa irratti balali’a.

⁃ Kuni kan nu hubachiisu namoota sammuu dhiphoo qaban irraa fagaachuu akka qabnuu fi hiriyaa filachuu dha. Namni dhaabbata inni qabateen beekama. Yeroo hunda mo’attoota waliin taa’i! Bakka si madaalutti argami!

#2ffaa:
Joobirri mul’ata guddaa fi sirrii ta’e qaba.

Joobirri dandeettii ijaan arguu guddaa qaba, waan samii irraa hanga 5km fagaatu irratti xiyyeeffachuu danda’a. Kallattii cufame waan qabaniif adamsa irratti xiyyeeffatu.

⁃ Kuni wanti nu hubachiisu yeroo hunda jireenya keessatti xiyyeeffannoo ifa ta’ee fi mul’ata itti kaayyeffattu qabaachuu akka qabduudha. Jireenyi gufuu hedduu qabdi. Ergama kee irraa abdii hin kutin.

#3ffaa:
Joobirri lafee haaraa fi foon haaraa malee waan du’aa hin nyaatu.

⁃ Kuni wanti nu barsiisu, waan darbe dhiisudhaan qajeelfama haaraa, karaa haaraa mo’achuu danda'an qorachuu itti fufuu akka barbaachisu dha.

#4ffaa:
Joobirri qilleensa bubbeen makate jaallata.

Qilleensi bubbeen makate joobira ni kakaasa, erga olka’iinsa murtaa’e tokko irra gahee booda, baallee isaa irratti siiqanii boqotu.

⁃ Kun wanti nutti argisiisu, tuqaawwan gara fuulduraatti ittiin socho’an walitti hidhuu, qormaata jiru fudhachuun akka ta'udha. Qormaanni nama jabeessuu qofaaf akka ta’e amanuu dha. Obomboleettii jireenyaa fayyadamuun gara olka’iinsa guddaatti ol ka’uudha malee mataa buusanii taa'uu miti. Shaampiyoononni qormaata gonkumaa sodaachuu hin qaban.

##5ffaa:
Joobirri leenjidhaaf qophaa'a.

Ijoolleen isaa akkaataa koonyaa keessaa ba’anii balali’an baratu.

⁃ Kuni kan argisiisu zoonii mijataa keessa jirtu akka dhiiftuu fi guddinni achi akka hin jirre akka bartudha. Qormaata tokko tokko irratti hirmaadhu.

#6ffaa:
Joobirri Gaafa Dulloomu Humna Isaa Haaromsuuf Bakka Fagootti Soorama Baha.

Kana irraa kan nuti barachuu dandeenyu amalli durii darbee darbee hammam rakkisaa ta’us, wantootni ba’aa nutti ta’an yookin jireenya keenyatti gatii hin daballe of biraa hambisuun akka nurra jiraatuu dha. Via kanan dubbisee irraa

@segnigudeta @WABIISG

Wabii Sanyii

23 Sep, 04:10


MUL'ATA KEE QOFARRATTI XIYYEEFFADHU NI MILKOOFTAA

Mul'ataaf malee mul'achuuf hin hojjatin

Mul'anni kee bakka ati gahuu barbaaddu sitti mul'isa. Namni mul'ata qabu mul'ata isaa galmaan gahuuf jiraata. Namni mul'ata isaa galmaan gahuuf hojjatu galma ni ga'a. Namni mul'achuuf hojjatu galmi isaa mul'achuuf males mul'ata waan hin taanef galma gahu hin qabu.

Namni mul'ata qabuu fi mul'ataaf hojjatu akka Ifaa bara baraan hin dhaamnetti mul'anni isaa ol baasee isa mul'isa. Namni mul'achuuf hojjatu immoo yeroo ta'eef akka Ifaa billic jedhee takka ifee deebi'ee dhaamuu mul'atee bada. Yoomiyyuu yoo ta'e mul'achuuf osoo hin taane, mul'ata kee galmaan gahuuf hojjadhu.

Uffata feete uffadhu, konkolaataa feete qabadhu, barbaaddu xiyyaara feete qabaadhu, qabeenyi kee ittiin mul'achuuf osoo hin taane mul'ata kee galmaan ga'uuf hojjadhu.

Addunyaa kan jijjiiran namoota mul'achuuf dhama'an osoo hin taane, namoota mul'ata galmaan ga'uuf dhama'aniidha. @segnigudeta @WABIISG

Wabii Sanyii

20 Sep, 15:14


#Sammuu_Kee_Yaada_Gaarii_Nyaachisi!
Akkuma qaamni keenya guyyaa guyyaan nyaata gaarii barbaadu,sammuun keenyas guyyaa guyyaan yaada gaarii barbaada.

Qaama keenya nyaata faalamaa fi sammuu keenya yaada badaa yoo nyaachifne,qaama dhukkubsataa fi sammuu dhukkubsataa qabaachuu dandeenya.

Kanaaf waa'ee keetiif Ogeessi jalqabaasuma waan ta'eef qaama kee nyaata gaarii akkasumas Sammuu kee yaada keenya nyaachisuu hin dagatin!

#Jireenya kee harka caalu #sammuu kee keessatti dabarsita. Mana yeroo dheeraa keessa jiraattu kanammoo; jibba, inaafaa, ofittummaafi gandummaa irraa bilisa godhadhu galatoomaa.

@segnigudeta @WABIISG

Wabii Sanyii

13 Sep, 10:35


XIYYEEFFANNOO FI KAKA'UUMSA
(FOCUS AND MOTIVATION)

━━━━━⊱✿⊰━━━━━━
1️⃣ Xiyyeeffannoo jechuun wanta tokko irratti dandeettii qaban hundumaan, yeroo hundumaa itti yaadudhaan irratti hojjachuu jechuudha.

👉 Namoonni waan hedduu hojjachuuf dandeettii uumamaa qabu. Garuu, waan hojjatanitti xiyyeeffannoo itti kennuu baannan, kan hojjatanii fi kan dhiisan waliif wallaalu.
✍️ Kana jechuunis hojii hunduma keessaa ana hin dhabinii ta'a.

Warri Addunyaa keenya kanarratti beekamtii gurguddaa qaban, hundi baratanii miti,
Garuu, hojii keessaa isa dandeettii isaanii madaalu irratti xiyyeeffatanii hojjataniiti.

Atihoo hojii hunda keessaa kamirratti xiyyeeffattee hojjataa jirta?
Kamtu si gargaara,

Hub:
🔑 Ati ofiif qofa jiraachuuf addunyaa kanarratti hin uumamne,
Dhaloonni dhufu Sirraa waa eeggataa jira.

┄┄┄┄┄❅☕️❅┄┄┄┄┄
2️⃣ Nama si kakaasu yoo argatte waan tokko hojjachuuf kaka'uumsa horatta.

Yoo nama si jajjabeessu dhabde:
✔️ Ati of hin gatin!
✔️ Of hin tuffatin!
✔️ Ati ammallee nama jabaadha!
✔️ Lafa kana irra akkasumaan miti kan dhufte.
✔️ Waan lafa kana irratti siin hojjatamee darbu, namni biraa akka keetti hojjachuu hin danda'u.

Yeroo hundumaa sammuu keetiin hojjadhu!
✔️ NI DANDEESSA.
✔️ NAN DANDA'AS Jedhi!
✔️ Sammuu kee hojiidhaan busy godhi! (of hojjachiisi!)
✔️ Waan haaraa hojjachuu ni dandeessa.

👉 Ganama yoo kaatu, karoora kee guyyaa itti yaadi!
Galgala yoo raftu, fiixaan bahuumsa hojii kee kan guyyaa guyyaa madaali!

✍️ Akeeka (galma) barbaadde bira gahuun harkuma kee keessa jira. Via Tola Abe @segnigudeta @WABIISG

Wabii Sanyii

11 Sep, 14:45


Just Start

@segnigudeta @WABIISG