Godina Shawa Kibba Lixaa Aanaa Walisootti waraanni mootummaa hariiroo WBO waliin qabduu jedhuun ergaa Uummaata nagaa ukkaamsanii hidhanii, mana hidhaa baasanii ajjeesun waan baratameedha.
Hagayya 29 bara 20216 A.L.I Manguddoo Obbo Wanduu Abbabaa_Magarsaa dhukkubasatanii yaalaaf ganda isaanii irraa gara magaalaa Walisoo osoo deemanii butamanii ergaa Waajjiraa Aanaa Walisootti hidhamanii baafamanii ajjeefamun karaa bahiinsa ganda Dirree Dullattii jedhamutti qarqara lagaa reebutti gataaman. Manguddoo kana malee namni tokkos tureera. Suura fi Maqaa akkuma qulqulleessineen beeksifna.
Ilmi maanguddoo kanaas #Milkii_Wanduu_Abbabaa ji'oota muraasa dura humnoota mootummaan ajjeefamuu isaa kan yaadatamuudha.
Maatiin isaanii guyyaa tokko booda barbaadanii reeffa maanguddoo kanaa argachuu fi iddoo dhaloota isaanii ganda Wallu Soomaa jedhamutti gaggeessa rawwaatan.