Caffee Oromia

@caffeeoromia


โ˜Ž๏ธ +113726218
๐Ÿ“ง [email protected]
FB : CAFFEEOROMIA
Website:Www.caffeeoromiyaa.org

Caffee Oromia

15 Oct, 08:11


๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ง๐ง๐ข ๐Š๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐๐š๐ฅ'๐š๐š๐ง๐ข๐ข๐Ÿ๐ข ๐‡๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐ญ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐Š๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š:
****
๐ถ๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘’๐‘’๐‘› ๐‘‚๐‘Ÿ๐‘œ๐‘š๐‘–๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž, ๐‘š๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘Ž ๐‘œ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘“๐‘“๐‘Ž๐‘›๐‘›๐‘œ๐‘œ ๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘Ž, ๐‘ค๐‘Ž๐‘˜๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ค๐‘Ž๐‘Ž๐‘“๐‘– ๐‘ž๐‘ข๐‘™๐‘ž๐‘ข๐‘™๐‘™๐‘–๐‘›๐‘Ž ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘ข ๐‘–๐‘ ๐‘–๐‘› ๐‘๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘”๐‘Žโ„Ž๐‘ข๐‘ข๐‘› โ„Ž๐‘œ๐‘—๐‘–๐‘– โ„Ž๐‘œ๐‘—๐‘—๐‘’๐‘โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘ข๐‘Ÿ๐‘’ ๐‘‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘› ๐‘๐‘–๐‘š๐‘ ๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘“๐‘ข๐‘“๐‘ข ๐‘ก๐‘Ž'๐‘ข๐‘ข ๐‘ค๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž ๐‘–๐‘ ๐‘–๐‘›๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘Ž. #Caffee_Oromia

Caffee Oromia

14 Oct, 14:38


๐’๐ข๐ซ๐ง๐š ๐Š๐š๐›๐š๐ฃ๐š ๐†๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐š๐š ๐€๐ฅ๐š๐š๐›๐š๐š ๐Œ๐š๐ซ๐ฌ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ•๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š

Caffee Oromia

14 Oct, 13:58


Tokkummaa walqixxummaa irratti hundaaโ€™een Itoophiyaa utubnee, obbolummaa sabdaneessummaa buโ€™uura cimaarra dhaabuun biyya birmadummaan ishii dhalootaan tikfame Alaabaa keenya olkaafnee ni mirkaneessina.

Dura Teessuun Koree Dhaabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Caffee Oromiyaa, Kab. Aadde Mastaawot Fayyisaa sirna Kabaja Alaabaa kanarratti argamuun haasawaa taasisaniin, Alaabaan Wabii Tokkummaa Sabdaneessuummaafi birmadummaa keenyaati jedhan.

Alaabaan ibsituu eenyummaa, mallattoo bilisummaafi birmadummaa biyyaa kan mirkaneessuufi buโ€™uura heddummina keenyaati jedhan. Kanaanis, jaalalaafi kabaja Alaabaaf jecha gootonni ilmaan biyyaa wareegama qaalii kaffalaa turaniin birmadummaa biyyaa tiksuun harโ€™aan gahanii jiru jedhan.

Guyyaa Alaabaa wayita kabajnu, dhaloonni hiikkaafi maalummaa Alaabaa hubatee wareegama Alaabaaf jecha gootonni qaqqaaliin kaffalaa turan kyaadachaa, dhaloota itti aanu biyya guddina diinagdeen badhaate dhaalchisuu keessatti itti gaafatamummaa seenaa nurra jiru akka bahanuuf yaadameetu jedhan.

Alaabaan biyya keenya duudhaa sabdaneessummaa, afdaneessuummaafi heddummina amantaalee kan buโ€™uureffatedha. Alaabaan Naannoo Oromiyaas, duudhaa Sirna Gadaa irraa kan madde, aadaafi seenaa ummata Oromoo kan calaqqisiisu taโ€™uus himaniiru.

Guyyaan Alaabaa Marsaa 17ffaa kun Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti harโ€™a Godinaalee, Magaalota, Aanaaleefi sadarkaa Gandaa, Akkasumas Manneen Barnootaa hunda keessatti kabajamee akka oolu taasifamee jira.

Pirezidaantiin Mana Murtii waliigala Oromiyaa, Kab. Obbo Gazaalii A/Simal saganticharratti argamuun sirna kakuu raawwachiisanii jiru.

Caffee Oromia

14 Oct, 13:58


๐€๐ฅ๐š๐š๐›๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐๐š๐›๐š๐ง๐ง๐ž๐ž, ๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š ๐“๐จ๐ค๐ค๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐’๐š๐›๐๐š๐ง๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐ˆ๐ฃ๐š๐š๐ซ๐ซ๐š!

Caffee Oromia

14 Oct, 08:30


Guyyaan Alaabaa 17ffaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Waajjira caffee Oromiyaatti kabajamee jira.

Guyyaan kun โ€œAlaabaan Keenya Tokkummaa Biyyaalessaaf, Birmadummaafi Olkaโ€™iinsa Itoophiyaaf! Mata duree jedhuun Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti bakka Hooggansiifi Hojjettoonni Biirolee Naannichaa argamanitti Waajjira Caffee Oromiyaatti sirnoota garaa garaan kabajameera.

Olkaโ€™iinsi Alaabaa keenyaa, Wabii Tokkummaa Sabdaneessummaafi birmadummaa keenyaa taโ€™uu hubannee guyyaan kun kabajaafi jaalala Alaabaaf qabnu kan itti agarsiifnudha. Akkasumas, irra deebiin waadaa keenya kan ittti haaromsinudha.