ሂጅራ ባንክ እንደ ሀገሪቱ የመጀመሪያ የሆነዉን የሸሪዓ መርህ ላይ የተመሰረተ የሞባይል መተግበሪያ ፕላትፎርም ይፋ አደረገ።
በዛሬዉ እለት ሂጅራ ባንክ ሀላልፔይ የተሰኘ በሀገራችን ፈርቀዳጅ የሆነውን የዲጂታል ዋሌትና ፋይናንሲንግ ፕላትፎርም የኢትዮጵያ አስልምና ጉዳዮች ጥቅላይ ምክር ቤት ፕሬዝዳንት ክቡር ዶክተር ሀ/ሃጂ ኢብራሂም ቱፋ ፣ የኢትዮጵያ ብሄራዊ ባንክ ምክትል ገዢ የተከበሩ አቶ ሰለሞን ደስታን የባንኩ ቦርድ አማራር እና የማናጂሜንት አባላት ኢንዲሁም የተለያዩ ተጋባዥ እንግዶቸ በተገኙበት በHayatt Regency ሆቴል ይፋ አድርጓል።
የሂጅራ ባንክ ቦርድ ሰብሳቢ የሆኑት አቶ አብዱሰላም ከማል እንደገለፁት ሂጅራ ባንክ ከተቋቋመበት ግዜ ጀምሮ ህብረተሰቡን ያማከለ አገልግሎት ከመስጠት ባሸገር የማህበረሰቡን ተጠቃሚነት ይበልጥ ለማጎልበት በተክኖሎጂ የታገዙ እና የተቀላጠፉ አገልግሎቶችን እያቀረበ መሆኑን በመጥቀስ ፤ በዛሬዉ እለት ይፋ የሆነዉ የሀላል ፔይ ፒላትፎርም ለማህበረሰባችን ያለንን ቅርበት እና አገልጋይነት የሚያረጋግጥ ነዉ ብሏል።
ኣክለዉም ሰፊዉ ማህበረሰብ የሃላል ፔይ ጥቅም እና አስፈላግነቱን ተገንዝቦ ተጠቃሚ ይሆን ዘንድ መልዕክታቸዉን አስተላልፈዋል።
የባንኩ ፕርዘዳንት የሆኑት አቶ ዳዊት ቃኖ እንደ ተናገሩት በተላያዩ ዘርፈ ብዙ የስራ አይነቶች ላይ ለተሰማራ እና ከወለድ ነፃ የፋይናንሲንግ አገልግሎት ሰያገኝ ለቀየዉ ህብረተሰብ ሃላል ፔይ ልዩ እድል መሆኑን በመግለፅ ሂጅራ ባንክም የማህበረሰቡን ፍላጎት ከግምት በማስገባት ደህንነቱ የተጠበቀ ሚቹና ግዜ ቆጣቢ የሆነዉን ሃላል ፔይ መተግበሪያ በማቅረቡ ሂጅራ ባንክ ታሪካዊ ስጦታ ለትዉልዱ አበርክተዋል ብሏል።
ሃላል ፔይ እጅጉን በጥንቃቄ የተሰራ የሞባይል መተግበሪያ ስሆን ሂሳብ ከመክፈት እና ከማንቀሳቀስ ባለፈ ያለ ምንም ማስያዣ የዲጂታል ፋይናንሲንግ አገልግሎት ማግኘት የሚያስችል ነዉ።
እንዲሁም ክፍያዎችን መፈጸም ፣ገንዘብ ገቢ እና ወጪ መድረግ፣ ገንዘብ መላክ እና መቀበል እና ዋሌት እና ሂሳብ ማስተዳደር የሚያስችል የሸሪዓን መሪህ የተከተለ መተግበሪያ ነዉ።
Baankiin Hijraa Pilaatfoormii akka biyyaatti yeroo jalqabaatiif adeemsa Shari'aa hordofe ifoomse!
Baankiin Hijraa guyyaa har'aa Appilikeeshiinii HalaalPeey jedhamu kan akka biyyaatti yeroo jalqabaatif seera shari'aa bu'uureffachuun tajaajila waaleetii dijitaalaa fi faynaansiingii kennuu dandeessisu bakka preezidaantiin mana maree dhimmoota islaama itiyoophiyaa Dr. Sh/Haji hajjii ibraahim tufaa, Baankii biyyoolessaatti itti aanaa hogganaa kan ta'an kabajamoo Obbo Salamoon Dastaa akkasumas hooggansi boordii baankichaa fi miseensonni Manaajimentii baankichaa fi bakka keessummoonni adda addaa argamanitti Hoteela Hayatt Regencytti ifoomsee jira.
Walitti qabaan Boordii Baankii Hijraa Obbo Abdusalaam Kamaal akka jedhanitti baankiin Hijraa hundreffama isaa irraa eegalee tajaajila hawaasa giddugaleeffate kennuun cinatti fayyadamummaa hawaasaa cimsuudhaaf tajaajiloota Teeknoolojiidhaan deeggaramanii fi si’atoo ta’an dhiyeessaa jiraachuu ibsuun, appilikeeshiiniin HalaalPeey kan guyyaa har’aa ifoomsine kun caalmatti aantummaa fi tajaajiluummaa nuti hawaasaaf qabnu kan mirkaneessuudha jechuudhaan Akkasumas hawaasni bal’aan barbaachisummaa fi faayidaa Halaalpeey hubachuudhaan akka itti fayyadamu ergaa dabarsanii jiru.
Pirezedaantii Baankii Hijraa kan ta’an Obbo Daawit Qannoo akka jedhanitti, Hawaasa bal’aa gita hojii garagaraa irratti bobba’ee fi kan yeroo dheeraaf tajaajila faayinaansii halaalaa hin argatin tureef HalaalPeey carraa addaa ta’uu ibsuun baankiin Hijraa fedha hawaasaa hubannoo keessa galchuudhaan applikeeshiinii si’ataa fi yeroo qusataa ta’e Halaalpeey dhiyeessuudhaan baankiin Hijraa kennaa seena qabeessa dhaloota kanaaf gumaachuu ibsaniiru.
Halaalpeeyin Applikeeshiinii Moobayilaa of eeggannoo cimaadhaan dalagame ta’ee, tajaajila waleetii akkasumas tajaajila faayinaansii Diijitaalaa qabsiisa(colleteral) tokko malee argachuu kan nama dandeessisuudha.
Akkasumas kaffaltiiwwan raawwachuu, Mallaqa galii fi baasii gochuu, mallaqa erguu fi fudhachuu akkasumas herrega too’achuu kan dandeessisu appilikeeshiinii adeemsa shari’aa hordofeedha
#HijraBank #HalalPay #Digital_banking #digitalplatform #InterestFreeBanking #Pioneering #firstever