FOCUS ASTU

@focusastu


JAALALA ARGISIISUU FI DEEBI'EE DHUFUU KRISTOSIIN LALLABUU.
“Nama Waaqayyoo ta'uu keessaan obboloota jaallachuu, obboloota jaallachuu keessaan nama hundumaa jaallachuu argisiisaa!”
— 2Phe. 1:7
Fellowship of Oromo Christian ASTU students

FOCUS ASTU

18 Oct, 06:46


WELCOME PROGRAM

Nagaaf ayyaanni  Waaqayyoo hunduma keessaniif haa baay'atu.

✳️#JIMAATA
📌Barattoonni  #waggaa_1ffaa hundumti keessan baga nagaan gara tokkummaa keenyaatti dhuftan isiniin jenna.
📌Guyyaa har'aas #sagantaa_addaa hunduma keessaniif qopheessinee waan jirruuf wal affeeruudhaan yeroodhaan irratti nuuf argamaa isiniin jenna🙏
#Welcome_Program
#Dont_miss_it🙅🙅
#Time: 11:30 LT
@focusastu
#Place: Bole Church(adama)

FOCUS ASTU

16 Oct, 14:01


2024 FOCUS ASTU Welcome Program

October 11 2024

FOCUS ASTU

16 Oct, 11:51


💥#Galmee_Kitaaba_dhuga_baumsaa
Barumsi kitaaba dhuga bahumsaa (Kitaaba Actionii) bara kanaa #Sanbata_Duraa (09/02/2017) fuuldura keenya jiru waan eegaluuf  namoonni gartuu kamirraayyuu barachuuf fedhii qabdan karaa Google form isiniif qophaa'ee jiru gadii odeeffannoo achirra jiru guutuudhaan akka galmooftan isin gaafanna🙏
Link:https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSekioEoLVxipB1m1bqlGlMlnkoT6Fn5oblCLOW2P7NdvUsFog/viewform?usp=sf_link

FOCUS ASTU

11 Oct, 05:55


FELLOWSHIP PROGRAM

Nagaan fi Ayyaanni Waaqayyoo hunduma keessaniif haa baay'atu.

✳️#JIMAATA
📌Guyyaa har'aa  yeroofi bakka isaa eeggatee sagantaan tokkummaa keenyaa isiniif  qophaayee ni jira. kanaaf hiriyoota keessan affeeruun  yeroodhaan irratti nuuf argamaa  isiniin jenna.🙏

#Dont_miss_it🙅🙅
#Time: 11:30 LT
@focusastu
#Share
#Place: Bole Church(adama)

FOCUS ASTU

13 Sep, 19:31


Akkam jirtu obbolootni keenya jaallatamoo focus astu hundi? Nagaan Waaqayyoo isiniif haa baay'atu🔥

📌Waggaa darbe 2016#summer-break torban muraasaaf waaqayyo nu gargaaree macaafa qulqulluu keessaa sagalee Waaqayyoo mata duree   dhoksaa #Fannoo_kristosii fi waa'ee #jireenya_keenya isa karaa isaa argamee irratti waliin akka ayyaana kristos biraa nuuf kennameetti  qooddataa kan turre xumuramuu isaa isin beeksifna👏

Bara 2017 kanattis yeroo gara mooraatti deebinu walii wajjin sagantaa tokkummaa keenya keessatti waaqayyo  yeroo  gaarii akka nuuf kennu abdii guddaa qabna.
    Ammasitti Nagaan nuuf turaa🙋‍♂️

-------🔥#FOCUS_ASTU_2017🔥----------

FOCUS ASTU

07 Sep, 18:33


Dhugumaan fiixaan ba'umsi waaqayyoon fo'atamanii isattis amanuudhaan,kansaa ta'anii,amma dhumaattis akka hin sochooneef humna isaa waan hundumaa irra caaluufii ogummaa isaa isa dinqisiisaa irra isumaan dhaabbachuu,isas eeggachuu caale hin jiru.halelujah🔥

✝️✝️#Fiixaan_bahumsi keenya isa amantii  keenya jalqabee,akka ulfina isaa mul'isuttis isa nuuf xumuru irra ija keenya kaa'achuudhaan  isattis jiraachuu keessa jira.isa tti adda bahuudhaan ofii keenyaa,hubannaa fi ogummaa keenyatti hirkatnee wanti nuyi milkoofnu hin jiru.wanta ogummaaf jabina  keenya fakkaatu dhiisnee,wanta gowwummaafi dadhabbii  waaqayyoo fakkaatutti hirkachuudhaan yoo ta'e malee✝️✝️

Dheekkamsa isaa ooluun,nagaa hin dhumneef araara argachuun,fuula isaa duratti qajeelotaa fi qulqulloota tahuun, cubbuu keenyaaf dhiifama argachuun,du'a jalaa bilisoomuunii fi seexanaa fi biyya lafa kana mo'uun karaa isaafii hojii fannoo isaa qofa nuuf ta'eera.kun hundumti isaa immoo dubbii amantiiti.inni immoo  dubbii kristos.kristos immoo waan hundumaaf waan hundumaadha.

✝️✝️#Amanannaa nuyi waaqayyoo irratti qabnu kana caalaa egaa wanti gatii guddaa nuuf qabuufi gati jabeessi  tokko illee hin jiru.Isa malees wanti nuyi waaqayyo wajjin qabnus tahe,isa biraa abdannu hin jiru.kanaafuu waan hundumaa irra caalcisnee isa eeggachuun,jabeessinee  qabachuun,isaafis dhimmuun nurra  jiraata.waaqayyo immoo yeroo hundumaa hamma dhuma baraattis humna isaatiin,hafuura isaatiinis nu wajjin jira🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥

  --------------- FOCUS ASTU--------------

FOCUS ASTU

07 Sep, 18:33


Part:9⃣
🔥#Amantiitti_Fiixaan_Bahuu🔥
Waaqayyo amantii kan inni nuuf kenneef nuyi eenyummaafi hojii isaatti shakkii tokko malee amanuudhaan fayyinee, hariiroo sirrii fi guutuu ta'e isa wajjin qabaatnee,gammachuu isaa isa bara baraa keessaa qooda akka qabaatnuufi.

Kana jechuun amantiitiin guutummaatti yaada waaqayyoo isa dhugaa fi qulqulluu,isa nama gara tokkummaa jireenya waaqayyoof waamee jiraachisuu, fudhatee isas raawwachuudhaaf gara namaa dhufe malee yaadaaf hawwii namni lafarratti qabu  isa kan yeroo,isa  darbuus raawwachuudhaaf miti.

✝️Yeroo hundumaa abbaa   gaarii isa nuuf ta'e waaqayyootti  hidhamnee kan nuyi jiraachuu dandeenyu  karaa amantii qofadha.kun immoo wanta  humnaa fii ogummaa  Waaqayyo mul'isudha.nuyi ofii keenyaan isatti jiraachuu waan hin dandeenyeef amantii akeeka isaa raawwatu nuuf kennee hin dhiisne.Akka nuyi irraa  hin kufneefis amantii keenya humna  ofii isaarra nuuf dhaabe.✝️
👇👇👇
“Egaa amantiin keessan humna Waaqayyoo irra malee ogummaa namaa irra hin dhaabanne.”
  — 1Qor. 2:5

FOCUS ASTU

31 Aug, 17:41


Waaqayyo ilmasaa isa nuuf kenne kana egaa  yeroo ofii  isaatti akka gooftummaa isaa isa bara baraattis waan hundumaas miilla isaa jalatti walitti qabuu,akka ilmummaa isaattis mana waaqayyoo isa guddicha keessatti angafa isa waan hundumaa darbee nuuf  dhaalu isa godheera.halelujah🔥

✝️Nuyi warri karaa #fannoo isaatiis ijoollee isaa taane egaa waaqayyo waan  hundumaa karaa yesuusiin akka nuuf kennu sagaleen isaatiin nutti ni dubbata.
Waan hundumaa kanas isa  biraa ni arganna.kunis karaa ayyaana isaatii kan  kristos ta'uudhaan,har'a wangeela isaatiifis dhiphachuu keessaa qooda qabaachuudhaan wanta kristos argatu hundumaa argachuudha✝️

✝️Dhuguma iyyuu fayyisaa  keenya isa guddicha  wajjin bara baraan  gaafa jiraannu wanti nutti hir'atu tokkollee hin jiru.Waaqayyo waan hundumaa nuuf kennuudhaaf karaa ilmasaatii jireenya bara baraatti nu waameera.jireenyi kunimmoo jireenya hin dhumneefii wanti tokkollee utuu keessaa hin hafin wanti hundumtuu keessa nuuf jiru keessattis nu eegaa jirudha✝️

Kanaaf har'a yeroo biyya lafaa kana keessa amantiidhaan  deddeebinutti gara kristos isa gatii keenya ta'ee,dhaala keenya bara baraas ta'e ilaaluu qabna.Waaqayyo isa nuuf kennuu isaatiin nu jaallachuu isaa mul'iseera.wanta inni argatu hundumaa akka argannuufis duraan dursee nu fo'ateera. karaa isaas wanta hundumaa kan keenya godheera.ulfinni bara baraan isaaf haa ta'u🙏