Walaloo Jaalalaa™ @walaloo_jaalalaa24 Channel on Telegram

Walaloo Jaalalaa

@walaloo_jaalalaa24


Walaloo jaalalaa toora kanaan ni argattu, walaloo jaalalaa yoo qabaattan share nuuf godhaa
https://adsly.me/@walaloo_jaalalaa24

Buy ads: https://telega.io/c/Walaloo_jaalalaa24
Contact: @Getu_Abera

Walaloo Jaalalaa™ (English)

Are you a fan of Jaalalaa music? Do you want to stay updated on the latest news, releases, and events related to Jaalalaa music? Look no further than the Walaloo Jaalalaa™ Telegram channel! This channel is dedicated to all things Jaalalaa, providing you with a platform to discover, enjoy, and share your favorite Jaalalaa music with like-minded individuals. Whether you are an avid listener or a newcomer to the genre, Walaloo Jaalalaa™ is the perfect place for you to connect with others who share your passion. Stay informed about upcoming Jaalalaa concerts, new album releases, and exclusive interviews with your favorite Jaalalaa artists. Share your own recommendations, discuss the latest trends, and connect with fellow Jaalalaa enthusiasts from around the world. To join the Walaloo Jaalalaa™ Telegram channel, simply click on the link provided: https://telega.io/?r=PjtD_s9j. For advertising inquiries, visit: https://telega.io/c/Walaloo_jaalalaa24. Have questions or need assistance? Feel free to reach out to the channel's administrator, @Getu_Abera, for further assistance. Don't miss out on the opportunity to be a part of this vibrant Jaalalaa community. Join Walaloo Jaalalaa™ today and experience the magic of Jaalalaa music like never before!

Walaloo Jaalalaa

23 Jan, 21:17


🔵"mallattoon nama guddaa irraa calaqqisu jaalalaa fi kabaja, gadi ofdeebisuu,..▶️ See More

✉️ "Haati manaa ogeettiin wantoota gurguddoo afran kana yommuu gootu caalatti abbaa manaa isheetiin jaalatamti",... ↪️ See More

            👇👇👇👇
     👉See More👈
     👉See More 👈
             👆👆👆👆

Abbaa manaa cimaa duuba haadha manaa ogeettii jira,...
           ⬇️
➡️ See More
      See More

Walaloo Jaalalaa

23 Jan, 09:15


Walaloo Jaarsaa fi Jaartii

𝙹𝚊𝚊𝚛𝚜𝚊 : 𝑺𝒊𝒊𝒇𝒂𝒏 𝒄𝒂𝒍𝒍𝒆𝒆𝒔𝒔𝒆𝒆 𝒏𝒂𝒒𝒂
𝒔𝒊𝒊𝒇𝒂𝒏 𝒄𝒂𝒄𝒄𝒂𝒃𝒔𝒆𝒆 𝒅𝒉𝒂𝒒𝒂
𝒎𝒆𝒆 𝒎𝒂𝒂𝒍𝒖𝒎𝒂 𝒅𝒉𝒂𝒃𝒅𝒆
𝒏𝒂𝒎𝒂 𝒈𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒕𝒆 𝒍𝒊𝒒𝒂𝒂

𝙹𝚊𝚊𝚛𝚝𝚒𝚒 : 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒖𝒎𝒂 𝒏𝒂 𝒇𝒖𝒖𝒕𝒆
𝒋𝒊𝒓𝒖𝒖𝒏 𝒏𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒅𝒂𝒃𝒆𝒆
𝒂𝒃𝒂𝒂𝒓𝒔𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒂 𝒎𝒐𝒐
𝒌𝒂𝒏 𝒔𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒏𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒆

𝙹𝚊𝚊𝚛𝚜𝚊 : 𝑫𝒖𝒓𝒂 𝒔𝒊𝒕𝒖 𝒏𝒂𝒂𝒏 𝒋𝒆𝒅𝒉𝒆
𝒂𝒏𝒊 𝒔𝒊 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂
𝒂𝒎𝒎𝒂 𝒎𝒂𝒂𝒍 𝒓𝒂𝒌𝒌𝒂𝒕𝒕𝒆
𝒎𝒐𝒐 𝒎𝒂𝒕𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒔𝒊 𝒃𝒂𝒂𝒅𝒉𝒂

𝙹𝚊𝚊𝚛𝚝𝚒𝚒 : 𝑵𝒂 𝒋𝒊𝒃𝒃𝒊𝒔𝒊𝒊𝒇𝒕𝒆 𝒋𝒊𝒓𝒖𝒖𝒏
𝒕𝒂𝒂'𝒆𝒆 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒂𝒇𝒇𝒂𝒍𝒖 𝒂𝒂𝒓𝒔𝒂𝒂
𝒔𝒊 𝒘𝒂𝒍𝒊𝒊𝒏𝒊𝒔 𝒉𝒊𝒏 𝒋𝒊𝒓𝒂𝒂𝒅𝒉𝒖
𝒂𝒃𝒂𝒂𝒓𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒋𝒂𝒂𝒓𝒔𝒂𝒂

𝙹𝚊𝚊𝚛𝚜𝚊 : 𝒂𝒏𝒂𝒕𝒖 𝒉𝒐𝒋𝒋𝒆𝒕𝒆𝒆 𝒇𝒊𝒅𝒆𝒆
𝒎𝒂𝒏𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒔𝒊𝒊𝒇 𝒌𝒖𝒖𝒔𝒂𝒂
𝒂𝒄𝒉𝒊𝒊 𝒐𝒍 𝒏𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒉𝒂𝒂𝒔𝒂'ain.
𝒅𝒉𝒂'𝒆𝒆𝒏 𝒍𝒂𝒇𝒂 𝒔𝒊 𝒃𝒖𝒖𝒔𝒂𝒂

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

22 Jan, 08:23


📄 Xib xib godhee Imimmaan!

Boo'ee si deebisuufi
Hin arganne bakkakee
Kiisee sossobachuuf
Nan wallaalee akkakee

Akka nama ormaa
Garaa na dhokfattee
Gadoo qiimii guddaa
Narratti qabattee

Siif jedhee aaduukoo
Siif jedhee aaruukoo
Waan maraa dagattee
Utuun siif maraadhuu
Erga na baqattee

Anis maalan boo'aa
Xibxibgodhee imimmaan
Kan ofiin nama ganu
Jibbuu hin didu garaan

Kolfaan si geggeessaa
Beenu dhaqi dhimmakee
Anaaf sin qoodneefuu
Faannikee sigigaate

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

22 Jan, 05:30


🚨 Mobile Card abbaa 25 gadhiifamuuf daqiiqaa 9 qofatu hafe. Ariifadhaa "Request Join" erguudhaan eegaa! 🏃‍♂️


🎆 𝑺𝒑𝒐𝒏𝒔𝒐𝒓𝒆𝒅 𝒃𝒚: Tech Team ⭐️

Walaloo Jaalalaa

21 Jan, 09:16


🔽
𝗟𝘂𝗯𝗯𝘂𝘂 𝗸𝗶𝘆𝘆𝗮 𝘀𝗶𝗶𝗻 𝗝𝗲𝗱𝗵𝘂𝘂
𝗶𝘀𝗵𝗲𝗲 𝗕𝗮𝗸𝗸𝗶𝗻 𝗕𝗲𝗲𝗸𝗮𝗺𝗻𝗲𝗲
𝗗𝗼𝗸𝘁𝗼𝗿𝗼𝗼𝗻𝗻𝗶 𝗛𝗲𝗱𝗱𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮
𝗕𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗱𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗦𝗶𝗻 𝗗𝗵𝗮𝗯𝗻𝗲𝗲

𝗷𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗚𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮
𝗡𝗮𝘁𝘁𝗶𝗻 𝗔𝗮𝗿𝗿𝗲 𝗝𝗮𝗿𝗷𝗮𝗿𝘁𝗲𝗲
𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗞𝗼𝗼 𝗛𝘂𝗻𝗱𝘂𝗺𝗮𝗮
𝗴𝗮𝗺𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝘁𝗶𝘀 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗿𝘁𝗲𝗲

𝗜𝗺𝗮𝗮𝗻𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗞𝗮𝗮𝘆𝘆𝗼𝗼 𝗞𝗲𝗲
𝗚𝗮𝗹𝗺𝗮 𝗚𝗮'𝘂𝘂𝗳 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗱𝗵𝗲𝗲
𝗙𝗶𝗹𝗮𝘁𝗮𝗺𝘁𝘂𝘂 𝗛𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗸𝗼𝗼
𝗯𝗮𝗴𝘂𝗺𝗮𝗻 𝗦𝗶 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗮𝗱𝗵𝗲𝗲

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

20 Jan, 11:59


. Ani...💔
.....
Jaalattuukee
ishee siif yaaddu🥹
Amanamtuukee
yoomuu sin kaadu💔
Obsituukee
kan si dhiistee hin tarre🙏
Sirraa adda ba'uuf
kan biraa hin barre🥀

. Ati.... 💔
.....
Kan filatamte
kan jaalatamte💐
Keessa kiyyatti
bakka kan dhuunfatte🥹
Beektee amalakoo
naaf yaadda dhugaasaa💋
Kan walii baga taane
kun guddaa badhaasa😭


。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

19 Jan, 20:37


"Of jaalachuun ofittummaa miti,.. See More

✉️ "Haati manaa ogeettiin wantoota gurguddoo afran kana yommuu gootu caalatti abbaa manaa isheetiin jaalatamti",... ↪️ See More

            👇👇👇👇
     👉See More👈
     👉See More 👈
             👆👆👆👆

Abbaa manaa cimaa duuba haadha manaa ogeettii jira,...
           ⬇️
➡️ See More
      See More

Walaloo Jaalalaa

19 Jan, 15:49


Kan uumama yakkee
Waan hin jirres fide
Kan cubbuus bocatee
Dhugaa arguu dide

Baraa miti nama
Barri maal balleesse
Deemeet jijjiirama
Badii isaatin malee
Akkamiin yakkama?

Osoo ganna roobee
Aduun bonaa dhaamu
Osoo birraan habaabee
Cidhaaf nama yaamu

Osoo akkuma lixxeen
Aduun hin hafin takkaa
Balleessaa isaa kamiin
Namni bara yakka?

Osoo akka namaatti
Barri karaa hin bulin
Yookan garaaf jedhee
Karra namaa hin galin

Kan faayidaan bitamee
Karaa irratti hafu
Kan garaa guuttatee
Bakkuma oole rafu

Kan garaarraa-n hafne
Osoo ilmi namaa jiru
Inni dhibamee-n ciifne
Kan fageenya hifatee
Deemsa isaa-n dhiifne
Bara maalif abaaru?

Bara hamtuu diigee
Sona namaaf ijaaru
Kan laafaa utubee
Dadhabaa gargaaru

Bara hamaa jedhanii
Maalif xuriin qaqqabu
Barri waa hin yakkine
Badii homaa hin qabu

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

18 Jan, 12:08


NUTI QAAMA TOKKO 🌹

Nuti qaama tokko
Miilaa hanga mormaa
Addaan facaatanii
Hin ta'inaa orma!

Wallottis dhaladhu
Wallaggaafi jimmaa
Dhabnikee dhabakoo
Dhimmikee naaf dhimma

Harargees yoo taate
Arsii yookaan Baalee
An wol hin caalchisu
Gandaaf gooxii laalee

Booranaa fi Gujii
Matakkaliif Shawaa
Anaafis qoricha
Wanti-isiniif dawaa

Faffaca'uun fafa
Addaan wal dhiluuni
Anaaf biyya kooti
Beddelleef Iluuni...

Kutaan adda baanee
Hin dhandhamnu eelaa
Dheebuunkee kan kooti
Beelli kee naaf beela

Bahaaf lixa-n jennu
Kaaba yookaan kibba
Wol jaalanna sabaa
Haa jibbinu jibba!......

Na gahee sin hanqatu
Cabnu woliin okkolla
Gufannus walumaani
Ceenus waliin offolla!..

Ija bitaaf mirgaa
Hin laallu addatti
Hin galinaa sabaa
Hin gallu gandatti!

Tokkummaan Oromummaa
Irbuu goota kumaati
Galfata hin nyaatinaa
Dhaamsa kiyya dhumaati!

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

17 Jan, 12:02


Afaan Jaalalaa

Maal jedheen sitti himaa
akkan si jaaladhuu
mallattoo miira koo
atoo na hin hubattuu

Ija koo na cabsa
labooba nyaara koo
yoon sitti himuuf ka'e
na luugama arrabnikoo

Si arguuf sardameen
sitti himuuf holladhaa
Utuun afaan beekee
miira koon baafadhaa

Beeka afaan dubbii
qooqa walii galaa
maaf naa dumdumaa
qooqni afaan jaalalaa.

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

16 Jan, 17:45


Baguman Si fuudhe!
•••
Hamiifi gorsa ormaa
Hin dhageenye ciraatti
Jaalattee natti heerumte
Mana dhabus kiraatti!
~
Dhangaa jaalala dhugaan
Mi'eessite jiruukoo
Ati naaf haadha kooti
Obboleettii tiruukoo!
~
Gameettii haadha manaa
Tokkeekoo yaa shaggituu
Ijji kiyya simalee
Nama biraa hin argitu!
~
Waa meeqa osoo jedhanii
Dhagahuu diddee duuddee
Abbaa manaakee gootee
Ofirratti na muudde!.
~
Namummaan na madaalte
Hiyyummaaf nan tuffanne
Argadhu waliin nyaannee
Dakkuus waliin uffanne!
~
Kanin dur fala dhabee
Olii fi gadi fiigu
Haaraa ijaaruun hafee
Kan ijaarame diigu!
~
Gorsaafi obsa keetiin
Dawaa taatee anaa
Kiraa keessaa baaftee
Natti ijaarte mana!
~
Kaleessa koof har'a
Gaafan laalu dhaabbee
Durumaan sifuuchuu
Dhabuu kiyyan gaabbe!
~
Mil'uun ija keetii
Naaf soora qalbiiti
Ati kennaa kiyya
Badhaasa rabbiiti!
~
Baguman sifuudhe
Tokkee hanga kumaa
Ani kee, atis koo....
Jiruu hanga dhumaa..
~
Gar-tokkee qaamakoo
Naaf waan hunda ati
Sin mararsiifadha
Siifan baasa gatii...
~
Gaara feeten ba'a
Goda feeten bu'a
Bara jireenya koo
Siif jiraadheen du'a!
~
Uumama kee tolchee
Kan siin na badhaase
Galatan galfadha
Waaqatti ol asaasee!

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

15 Jan, 09:10


Hirriyyaa dhugaa ❤️

Hiriyyaan dhugaa
Fakkeenya jiruuti
Hedduu waljaallatu
Akkuma tiruutti

Eenyutu adda baasa
Dhufu malee duuti
Hiriyyaan dhugaa
Kan waljaalatuuti

Warqiif meedaaliyaa
Miti kennaa namaa
Jaalalaaf tokkummaa
Baay'eetu beekamaa

Qaamaan fagaatanus
Qalbiidhaan walfaanaa
Hiriyyaa dhugaa malee
Eenyu walitti Aanaa

Dhiiras ta'ee Dubaraa
Namni Hiriyyaan tolaa
Rakkinaaf dhiphinaa
Walirraatii qolaa

Kan gatiinsaa qaalii
Yoomuun jirre gabaa
Hiriyyaa kee kunuunsi
Eeyyee kun si darbaa

𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

11 Jan, 09:06


Naaf jiraadhu,... ❤️

  。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

10 Jan, 13:42


Naaf Hin Godhin Dhiifama 😭💔

Balleessan kan kootuma
Ati homaa hin qabdu badii
Anatu si dallansiise
Yeroo lamaa sadi 🥹

Anatu daangaa darbee
Balleesse Adaba
Ati qulqulluudha
Anumatu badii qaba

Dogongora kan koo
Amanee fudheera
Battaluma sanas
Dhiifama si kadheera 🥹

Utuma dhageessuu
Akka waan hin dhageenyee
Akka waan dhiifama
Afaan kee hin beeknee 😡

Tasa garaa jabaattee
Na cuftee na ilaalaa
Sagaltama si waamus
Ni calliste na jalaa 😭

Nama fedhe yoo ta'es
Hinuma dogongora
Animmoo balleessaa koo
Amanee fudhadheera 🥀

Dogongora akkanaa
Ittin deebi'u lamuu
Boolla wal fakkaatutti
Si'a lama hin kufamu 🥹

Amanee fudheera
Badiikoo hundumaa
Yoo garaa jabaatte
Naaf hin godhin dhiifama 😢

  。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

09 Jan, 04:42


Wal Hubachuu 🆗

Wal hubadhu haadhoo
Haadhoo garaa tokkoo
Yoo diddee waljeeqxe
Wal dhabda gaaf tokko

Har'a jirta kunoo
Kan borii hin beektu
Waliif garaa laafi
Utuu lubbuun jirtu

Gargaaruu dadhabdus
Harka gabaabbattee
Rakkoo haadhoo keetii
Maali yoo hubatte?

Madaan isaa hin mullatu
Xin-sammuun hiyyeessa
Rakkinni wal guuree
Onneesaa bobeessa
Namnis hin hubatuuf
Arrabaan gaggeessa

Dubbachuu dadhabee
Of keessatti iyyaa
Imimmaan soorachaa
Garaachas yoom fayyaa?
Cal jettee hin dhiisin
Wal hubachuu wayyaa

Ati inni qabduu
Ati inni dureessaa
Gargaari haadho kee
Baasi hiyyuma keessaa
Yoo ati harka isaa qabde
Innis of jabeessa

Rakkinaan machaa'ee
Amala yoo dhabe
Inni haadhoo keeti
Haadhoo hamileen cabe
Nan dhageessu hin jedhin
Rakkootu isa qabe.

Tuttuqqaa hin jaallatu
Abiddaaf hiyyeessi
Galata irraa dhabdus
Dhiifamaan gaggeessi
Jireenya itti aanuuf
Gammachuu qindeessi

Namni yeroo hundaa
Gammadee hin jiraatu
Waan guute fakkaatee
Yeroo inni hir'atu
Abdii hin kutatin
Waaqayyo sin gatu
Ani hubadheera
Akka inni sirratu

Atis of sirreessi
Hin hawwinis findee
Obsaan dabarsuum
Rakkoo haalli fide
Wal hubachuu wayya
Isa guutuu dide

Barris ni dabarti
Guyyaanis ni dhufa
Warri si darbatu
Harka keetti kufa
Wal hubachuun dhibnaan
Rakkoon itti fufa

Tasa wal hin simu
Haalli itti jirruuf
Karoorri jireenyaa
Haadhokee hin dhabiin
Rakkinni jiraatus
Isatu qabeenya
Wal hubadhuu darbii
Lafa irraa yoo dhabdes
Olii qabda Beenyaa


  。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

08 Jan, 03:49


OKLIVE 1V1 VIDEO CHAT

1️⃣  Real female hosts❤️👯‍♀️

2️⃣  Free video chat🔞💬

3️⃣  Group chats, channels, mini-programs, diverse ways to play🏠📲
👆👆👆👆👆👆👆click👆👆👆👆👆👆👆

Walaloo Jaalalaa

07 Jan, 19:50


✉️ "Haati manaa ogeettiin wantoota gurguddoo afran kana yommuu gootu caalatti abbaa manaa isheetiin jaalatamti",... ↪️ See More

         👇👇👇👇
     👉See More👈
     👉See More 👈
             👆👆👆👆

Abbaa manaa cimaa duuba haadha manaa ogeettii jira,...
⬇️
➡️ See More
See More

Walaloo Jaalalaa

07 Jan, 11:44


Onneen koo,... ✍️

〰️〰️〰️💌〰️〰️〰️

Sitti Hin Argamu Malee
Keessi Koo Akka Alaa
Silaa Dhugaa Jaalala Koo
Naaf Hubatta Siif Galaa

〰️〰️〰️ 💌〰️〰️〰️

Dilbata Si Jaalladhee
Wiixata Sirraa Hin Maquu
Qalama Jaalala Keetii
Muka Jibbaan Hin Haqu

〰️〰️〰️ 💌〰️〰️〰️

Biqiltuu Jaalala Dhaabe
Bishaan Jibbaa Itti Hin Coru
Onneen Koo Siif Jiidhadha
Bona Saafaas Hin Qooru.

  。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

06 Jan, 08:45


Lapheensaa siif Naate ❤️

Dararaa jaalalaa
Isa kophaat-beeka
Kaayyoof abdii baatee
Obsaan guyyaa eega
~
Gaafa yaaddoon marsee
Kophummaan dhiphisu
Imimmaansaa roobsa
Halkanis hin ciisu
~
Abjuudha wareera
Kophummaan doorsisee
Dhugaa jaalala keen
Ofiisaa moosisee
~
......eeyyee.......
~
Abbaa hirbuu ta’ee
Baatee joora waadaa
Siqiqiin ajjeesee
Kophaa ciisee aadaa
~
Yaadakeen oofamee
Daaka seenee Gibee
Namatti hinmakamu
Dhoksaa taa'a riphee
~
Ofiisaa sodaata
Akka waan si dhabuu
Gaafis taa'ee bula
Hin nyaatin agabuu
~
Qofaasaa hasaasa
Utuun quba nyaatee
Yoom deebiti laata
Lapheensaa siif naate?

  。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

05 Jan, 11:06


Harmee

Biiftuu qarri baatu
Hirribarraa kaata
Galaana rakkoo daaktee
Galaa anaaf taata

Dadhabe hin jettu - Dugda keetti baattee
Ofiif hin boqonne - Boqonnaa naaf laatte
Rakkoo hin himattu - Kan kiyyaaf yaaddofta
Nan bareeda hin jettu - Anaaf daalachoofta

Gaara baatee daka buutee
Dafqa kan kee xuruurfatta
Dadhabbii kee of dhokfattee
Guddisa koof shan gugguufta

Harkaa dhabdus yoom waakkatte
Anaaf jecha ifatamte
Dungoo taatee anaaf iftee
Ofiif dhumtee kan dhabamte.

Si'if akkam jedheen
Maal barreessaa?
Jecha kamtu si addeessaa
Bakka qabda ana keessaa

Jecha filee yoon qubeessu
Oolmaa kan kee hin addeessu
Osoo addunyaan si jedhamee
Innuu sin gitu bar harmee!

  。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
   💔。/|\。
          #share
            #join

Walaloo Jaalalaa

04 Jan, 08:09


https://t.me/+-c46GIJsonMzNjVk

Walaloo Jaalalaa

04 Jan, 05:34


Anaan Aayyoo 😭

Ibidda itti kaa'ee
Mana ati ijaarratte
Godaannisa ida'ee
Dhala kee sirraa nyaatee

Sirnichi nama lagu
Boqonnaa qe'ee ofiitti
Mirga jiraachuu sarbuun
Qomoo koo si doorsifti

Dhiiga isaan boochisaa
Haadholii fi daa'immanii
Nu qaluun nu doorsisa
Hidhanii nu gaadi'anii

Sabatti jabaattekaa
Waggootni kurnoon
Kan rasaasaa miti....
Albeen nu waadekaa
Akka hoolaa tuntunoo,
Akka daabboo furnoo

Jabaan dhidhimfamee
Qilileedhaa Watwaata
Dhugaan liqimfame
Erga balfamee qaata

Imimmaan dur boonye
Har'a dhiiga gatiinsaa
Biqilaan bishaan dhiisee
Dhiigaan eegale latiinsaa

Ji'i Daandidha ibsa
Bakkalchi Bari'uu labsa
Arrabni dhugaa dabsa
Jedhee qaamni nagaa
Morma koo narraa cite
Taasise oduu aaga

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

03 Jan, 20:03


❤️ "Jaalala dhugaa keessatti wantoota 5n kana dhiirronni adda baafatanii beekuun gaaridha,...👉 See More

👉 See More
See More

🚨 Shamarran miira namaa ariitidhaan booji'an,.. See More

Walaloo Jaalalaa

03 Jan, 05:24


Yaa Haadha Biddeenaa 🥹

Mee maalan si godhe
Anis siif daa'imaa
Ergaa kee hintaa'u
Bakka jetten deema

Ilmaan kankeen hunduu
Hangafaaf quxisuun
Osoosaan taa'anii
Maaliif narakkisuun

Anis ilmaan kankee
Sitti hinfakkaadhuu?
Kunoo daalachaa'ee
Akkatti rakkadhu

Yaa rabbiikoo ati
Haadha narraa fuutee
Harka masaanuutti
Darbattee na laattee
Wayi haadha kiyya
Reefuu naa mul'atte

Wayi haadha kootii
Wayi sidhabiisaa
Eessa abbaa kootiin
Fuudhee si deebisaa

Dararamaa jira harka
haadha buddeenaatti
Utuu an hin nyaatin
Nyaateera naanjetti
Sanuu hambaa ijoolleeshee
Anaan nanyaachifti
Akka sarraatanyaatti
Ana xiqqaa kana
Oliif gad oofti

Shaakammaayee kunoo
Jaldeessan fakkaadhaa
Maaloo ummittiikoo
Eessa-si argadhaa? 🥹

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

02 Jan, 04:37


"Edaa" Garamitti Hiikuu?

Ani siif jedhee cabeen
Caba kee siif okkola
Dubbachuullee dadhabeen
Cobni imimmaanii naan lola

Halkan walakkaa faa
Hiriyyoota koo raffisee
Keessattuy Alalasaa
Dhokfachuun boochisee

Michuu gaafa rakkoo
Jedhamee waamamee
Beelaf dheebuun koo
Garaadhan waadamee
* *
Maafan galata dhabee
Nyaachisee obaasee
Isa uffata hin qabne
Daarayyuu baasee
**
Rakkataa meeqa ilaalen
Keessi koo naan lola
Ijaaree hin qabuuf malee
Mana koottan siin gala
***
Edaa edaa yaa jiruu
Jiruu lafa kanarraa
Ol baatee samii xuqxuu?
yookaa badii lafarraa
***
Cinaacha tokkoon rafuun
Ani mee si gammachiisuufi
Beenyan koo didee dabuun
Luugama malee kaachisuufi
**
Edaa garamitti hiikuu?
yaa isa guyyaa gurraachessite
Dadhabiin silaa hin mul'atu
"Edaanuu" maaf barbaachifte? 🥹


。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

01 Jan, 04:44


Ni Dhufta Jedhee 💔

Ni dhufta jedheen urgooftuu aarsa
Qoraasuma qaaliin hin waakkadhu
Yaa'ii sinbiraa yaaseen waccisiisa
Nan yaala simannaa addaa godhuu

Ganama abdiin dammaqeen
Waaree hafuu keef mufadha
Guyyuummoo of haaresseen
Deebi'ee abdii godhadha

Bariikoo yeroo hundaa na sobutti
Mufadhee itti gaddee hin beeku
Guyyaa gaafa muffii koos
Sirraa dheessuu hin akeeku

Ni dhufta jedhee si dhabeen
Sababaan of sossoba
Waaqa komachuu yaadeen
Of tuffadhee, of taajjaba

Ni dhufta jedhee....

Akkuma koo gaafasii
Amaamota kadhadhuu?
Waca sinbirrootaatiin
Barfannaa kee simadhuu?

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

31 Dec, 15:35


Hawwii 🫣

Meeqatu guuttate
hawwii jireenya isaa
Gammachuu argatee
Kan ciise garaansaa

Nama meeqa laata
Kan harkaan ga'ate?
Fedhiii garaasaatii
hawwii kan dhuunfate
Hinaaffaan guutamte
Hammeenyan hudhamtee
Meeqatu hawwee dhabee?
Meeqatu hawwee harkaan qabe
Hawwii bira ga'uuf
Meeqatu dadhabe?
Nama meeqa laataa
Hawwee kan argatee

Fedhii garaasaatti
Sonaan kan guutate
Eenyutu natti hima
Eenyutu beeka laata?
Eessa daangaan hawwii
Eessatti dhaabbataa?
Eessan ba'ee deemee
Eessatti jal'ataa?

Eessan qajeelee
Eessa irrattuu gufataa?
Dhugaa ta'uu baannaan
Hawwiin hawwiidhuma.
Kan qoricha hin qabne
Dhukkuba hundumaa
Kan deebiis hin qabne
Gaaffii ilma namaa

@Walaloo_jaalalaa24

Walaloo Jaalalaa

30 Dec, 06:41


Garaan duraan,... 🥹

Akka waan si
malee jedhuu
akka waan siin lafti
bari'ee dukkanuu

Dhibbaan of baayistee
of baastee Qooxii gubbaa
Edaa nan barree ati na
jibbiinan ani sin jibbaa

Kadhaan hin jiru siif
kufee hin Jilbiiffadhu
Barbaachisaa taanan
Argaa keeyyuu hin fedhu

Atis kanumaafuu karaa
kee kutte gaafa na miitu
Anoo Kamiif Jedheen
kan guyyaan natti dhiitu

Ati silaa fedha kee
hunda raawwattee qajeelte
Anaan garuu gidiraa
Yandoo sanaan na qabsiiste

Akka Namnuu hin
amanamne sirraan baree
Amma kaa martuu naaf
tokko hin ilaalu gargargallee

Akkanan siin jedha kun
bu'aa siif taanan milkaa’i!
Garuu miidhamni koo
Sitti argamnaan deebi'i!

Yoo kanaa Achii lafa garaa
kee deemii iddoo yaadde
Anis sin jibbaa garaan
duraan ittiin si jaaladhe

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

29 Dec, 07:35


Akkanatti Sin Eegnee ❤️

Karaan ganda
keenyaa geessuu
Lagni dur ittiin
deemnee ittiin ceenu

Qe'een dur tole martu
achii gahuuf hawwuu
Kan ijji koos Barbaadee
Arguuf dhimmuu

Har'a Garuu faarri isaa
bade hulaan balbalaas cufaa
Kan nagaan deeme gara
kee dhuftu si biratti kufa

Daandin mana keetti na geessu
qoreedhaan cufamee
Jaalalan siif qabu haala
kanaaf jechaan danqamee

Sirraa na ittisuuf
akkan dhufee sin argine
Anis akka akkana taatu
Akkanatti sin eegnee

Yeroo miilli koo lafa kee
gubbaa dhufee dhaabbatu
Argaan ija kootii waa'ee
kee yaadee dudubbatu

Garuu
Natu achi hiiqee ture malee
warri kaan lubbuun dhiphatu
Karaan ganda keetti ol seensisu
Badee qoreedhaan cufatu

Yaadees hawwee
sammuu kootin xiinxalee
Akkanatti sin eegne
tasa karaa abjuullee

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

28 Dec, 10:39


👍 Haati manaakee ergaalee jaalalaa yeroo hundumaa sirraa dhaga'uu feetuu fi humna guddaa ta'uuf.. See More

         👇👇👇👇
      👉See More👈
      👉See More 👈
               👆👆👆👆

💔 Ergaalee jaalalaa humna cimaa qaban 10n kanneenitti fayyadami!... 👉 See More

Walaloo Jaalalaa

28 Dec, 08:02


Situ Miidhamee Guyyaa

Iddoo keeti argamee otoon
waan Meeqa sin jedhu
Dhibee kees fudhadhee
otoon siif Dhukkubsadhuu

Rakko kee hirmaadhee
siif otoon figuu
Ijaarsaa anaaf si gidduu
jiruus otoon diguu

Isaa kiyyaa dagadhe Gammachuuf
keef yeroon dhimmuu
Midhamaa kee Fudhadhee
Yeroon ani siif miidhamuu

Bakka kee of buusee
yoon ani siif hidhamuu
Ullee yaadaan Qabame
yeroon dhaanamuu

Milkaa’uu kee hawwee
kiyyatti dukkanessaa
Of saxilee maratti
balaatti of sukkanneessaa

Boollaa humna koof hin
malee irraan Gadee itti kufa
Siif Jedhe itti Dhuma sittu
irraa na hafa si naaf wayya

Jedheen dararamaa isaa
garaa koo Ibsachuu dhiisee
Guyyaas halkaniis nan yaadaa
boqodhe yoomaan ciisee

Ani siif Kanatti dabarsee of
kenne kolfa keen hawwaa
Siif Jedhen mana kooti gadda
kan kee moo duuchaa Qaawwaa


Qalbiin koo na sarbee
keessatti kootin Dhiibamaa
Fayyaati otoon jiru yoon
fakkadhees Hidhamaa


Gammachuu kee arguuf
waan Maraa siif taa'aa
Teellaa taheen siif dura
kooti gaarii hawwaa

Aarii kee akka hin argineef
Jedhe Karaa koo sisirreessa
Jaalalaan siif qabu kan hin qabne lakkoobsa garaatti Dhoksaa

Filadheen miidhamaa koo
ittiin jiraadha siif jecha
Sumaaf jedheen hirmaadha
isaan keessaa hin qabne Figichaa

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

27 Dec, 21:27


❤️ "Jaalallee keessanif ergaa (message) bareedaa erguuf rakkachaa jirtuu? Asitti bu'uun argadhaa
👇👇

See More
See More

❤️ Ergaalee Jaalalaa 100,... See More

Walaloo Jaalalaa

26 Dec, 15:46


...Ol baasii gadi buusii
Deemsa kee ilaalladhu
Akkuma mataa keetti
Obboleessa kee jaaladhu

Jecha gaarii dubbadhu
Yookiin callisuu filadhu
Garaa jibbaa jibbiitii
Garaa jaalalaa horadhu.


。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

24 Dec, 11:45


Namni baranaa! 🙂

Hiree keetti inaafee
Si dhorkuu fedhee deemsa
Jiruukee keessa galuuf
Soqatee karra seensaa...
Akka bookee ija lixxuu
Fiigaa dhufa bararaa
Onneekee booji’achuuf
Fakkeessee si marara.

Irra keessa kokkolfee
Cinaan fakkaatee fira
Duubaan "qarxam" si gochuuf
Qopheessee kiyyoo shiraa
Arraba damma dibee
Mimmi’eeffatee afaan
Koodee fakkaatee dhufa
Malaan si ga’uuf lafaan.

Jireenyakee keessatti
Qabaachifattee qooda
Erga sitti firoomee
Siin amanamee booda...
Aarii isaatu eegala
Innaaffaadhaan finiinuu
Sabbata gootee hidhannaan
Jalqaba si ciniinuu...

Akka waan hireen kankee
Darbee kan isaa ta’uu
Rabbumaanuu sodaatee
Xiqqumallee sii-n na’u.
Si woliin oolee bulee
Ba’aa galakee baree
Iccitii diinaaf kennee
Si godha irbaata saree
Ati afaan guutattee
Osoo jettuunii "michuu"
Gara jabina hamaan
Xobbee si kuta kichuu!

Eeyyee.......!

Suma woliin nyaatee, dhugee
Onsee gumbiif okoleekee
Humna baasee suma cabsa
Dha’ee jilbaaf mogoleekee
Maaddii irraa nyaate dhiita
Ganaa irraa nyaate gana
Madda gammachuukee gogsee
Karra gaddaa sitti banaa
Nama baranaa eeggadhu
Utuma ta’eeyyuu ana!

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

23 Dec, 07:13


Situu...!

Gaafan sitti hiquu
Haqa natti haaltaa
Dhara ammayyeessitee
Nagoyyoomsuu yaalta

Jaalalakoof yaalaa
Ukkaamsita firaa
Gowwaa na taasistee
Abshaalomta cira

Ulaagaakee olfuutee
Bu'aan ijaarrattaa
Ormatti firoomtee
Waliin na cirattaa

Situu...!

Jaalala hiikasaa
Waliin wal wallaaltaa
Na gantaa eenyummaakoo
Bu'aan na jijjiirtaa

Osoon bu'ee ba'ee
Siif dafqa lolaasuu
Imimmaan jaalalaa
Lolaan dhangalaasuu

Osoon of ilaallee
Daawwitiikeen jiruu
Kaleekoo mummurtee
Gurguratta tiruu

Situu na jijjiira
Fayidaatti michaa
Waanan si jaalladhuuf
Iman sitti cichaa....✍️

SIN DHIISUU....!
。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

22 Dec, 07:15


Gaaf gaaf.....

Duratti kan eegdu,
Dudduuba siqata,
Guddaadha kan jettu,
Hundarra xiqqata!

Gaaf gaaf.....

Hantuutaan firooma,
Adurreen manakee,
Diina sitti ta'a,
Guddisni harkakee

Gaaf gaaf......

Harki gabaabbateet,
Hiixachuun sitti cima,
Korojoo hormaatti,
Hawwiinkee dhidhima.

Gaaf gaaf.....

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

21 Dec, 07:15


A k k a s 📱 A k k a s i i n

Fuula jireenyaa irratti,
Tibba siqiqiin namatti gamu
Daddaqama le'ii jireenyaan,
Ergeramee hamileen samu

Ofiif uumamaan ganamanii,
Si'a keessi ofii saakamu
Gaadiin mogolee rigamanii,
Ala dhadhaabbati ofii daakamu

Abdiin dagalee jireenyaa,
Dagalfata gidiraatti yeroo si gatu
Firiin milkii quuqee ifa labse
Cillima summaa'een si'a gatatu

Kun murtii labsii waaqaa
Seemaa diriirfame miti
Yoos gabaa jireenyaatti bahii
Obsa ittiin keessa hulluuqxu biti!

Jireenyi:-
Takka sabbata siif hiikkataa
Takka milkooma si jala lufa
Takka fulla'aa, takka gufachaa
Jireenya jiraachuun itti fufa!

Beeki,
Sirna leetoo keessatti hiraaruun
Kitaaba jireenya keenyaa, miti azala
Akkas akkasiin jireenya jiraachuutti
Hadhooftuu dhudha'aa dhaqqabu ajala!

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

20 Dec, 07:14


Cocorrisee korrisee
Hidda dhiigaa labee
Furtuu onnee fudhatee
Lugamee afaan qabee

Kayyoo kee siif raawwataa
Mana gammachuu na onsee
Nan falmadha ijibbaata
Jibbi jaalala doomse

Dhaddacha dhaapheen falmaa
Haqa hanqaaqame galchuuf
Kanan karoorsee ture galma
Akka utubuuf nu lachuu

Onnee kootti hin bu'in
Yoo tiruu ta'e malee
Kana caala nan miidhin
Yoo jiruun koo siif galee!

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

18 Dec, 07:14


Na jaallatta, anatti aanta.
Naaf obsita, naaf dhossita.
Suuta jettee na gorsita.

Na gargaarta, ofitti qabdee
Iccitii koo diidatti baastee
yoom lallabde!

Jettee fi jechaan, na tuttuqxee
nan waraantu
fuula guurtees na ifattee,
narraa in siiqxu

Jaalataakoo abbaa sirrii,
Hunda caalu
Waa’ela koo, warraa fi firrii,
Sin madaalu!

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

17 Dec, 07:13


Ati haala
mildhuu keetu naf dawwaadha
Dhibee koorra na fooyyeessa
Si argiinaan suusiin ba'a
Si'in dhabnaan na jonjjeessaa
...na raateessa

At na waamnaan nagaan buusa
Nan siihaa waa maraafuu
At callisanaan gooliin kaasa
Harkaa hin laadhu waan baraafu

Dhokachuu kee na maraacha
Naaf boo'icha guyyaan chidhaa
Muldhachuu kee na araada
Susii hamaan kankoo sidhaa.

Ati jiraanan an lafadha
Nama hundaaf nagaa waaraa
Alala irraa gaafa ibsituu
Ilkaan keettan an bohaaraa
... Ati haalaa
... Ati miira

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

16 Dec, 04:18


(Ta'innaa jaalalaa)
-
Si yaadaan manaa ba'e
Of nyaataan mana ga'e!
🤔
Aannannooftuu - jiistuu garaa
Tasgabbooftuu - beektuu baraa
Murtii-toltuu haadha haqaa
Gammachiistuu akka maqaa
Ka Uumaan barii naa mure,
Natti fakkaattee ture.
-
Dhugumammoo,
Aannannooftuudha
Qabbanooftuudha
Tasgabbooftuudha,
Dhugumammoo,
Bara beekta
Murtii tolta
Maqaaf bulta!
Dhugumammoo,
Arrabnikee qajeelina himti
Qalbiinkee gaarummaa hirti
Akka kootti!
-
Garuu natu,
Si yaadaa manaa ba'ee
Of nyaataa mana ga'e!
Suma situ,
Keessakee na agarsiisee
Eessakeeyyuu na dhabsiise!
...
Kan durse hin maaru
Durfamaan haa aaru 🥺
* * *

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

14 Dec, 07:12


Kamtuu wayya?

Afaan sukkummadhe
Garaatti qabadhee
Haa haftuu jedhee dhiisu
Moo dubbadhe duchisiisu

Kamtuu wayya? Isa kam?
Dubbadhe digdiguu
Daaratti gadii dikuu

Kamtuu wayya? Isa kam?
Itti dhiise bulfadhuu
Bar tokko dubbadhu

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

13 Dec, 07:12


Ee...
Akka waaqa arfaasaaf birraa
Balaqqeessi ba'u sirraa
Naasisee laphee na eelcha
Na feesisa boraatii gudeelchaa
Gudeecha keerra ciibsachuu mataa
Araadeen qalbii koo gataa
Atoo dagatte'yyuu waan maraa
Baruun natti ulfaate kee garaa
Kaleessatu har'a caalee
Kanaafan duuba ilaalee
Maal ta'a harki kee yoo na yaalee
Sinsinnii keenya buusee raaree
Silaa...
Nan boqodha akka sirrii
Nan dirmammaa'u sammuuf dirri

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

12 Dec, 15:45


Lubbuu koo sin jaalla
Siin jedhee tiruu koo
Feetu siifan du'aa
Siif dhiisee jiruu koo

Si fayyada taanaan
Lubbuu koon siif laadha
Jaalala kee uruurseen
Mataa kootti baadha

Miira kiyya maraan
Ittiin waa dubbisi
Onnee koo banadhuu
Keessatti shubbisi

Qaamni koo kan keetii
Ittiin dhimma ba'ii
Fayyaa kankoo fudhuu
Akka feete ta'ii

Harki kiyya keetii
Ittiin waa hojjedhu
Miilli koo, koo miti
Fudhuu ittiin ejjedhu

Fudhu qaama koo hunda
Hin eegin mallattoo seeraa
Mallattoof falmii malee
An of siif laadheeraa

Of siif kennee ka'ee
Sin gaafadhu lamuu
Homtuu nan fudhatu sirraa
Jabaaf beekaan kamuu

Homtuu na sin gaafatu
Tokko sin seenin mamiin
Ani dhuunfaa keetii
Ragaadha decheef samiin

Of siif laadheera tiruu koo
Kee qofan ta'ee hafaa
Si qofaafan jiraadha
Dhugaa waaqaaf lafaa

Eenyummaan kiyya keetii
Qulqulluun hin faalamne
Situ na horatee
Kan lamuu hin dhaalamne
Ani of siif laadheera dhugaa
Kan booda hin haalamne


。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

12 Dec, 07:11


Bitaan cufan mirgaan baana
Lukkuu jedhan risaa taana
Dhugaa irbuu isa kaleessaa
Tumaan ittuu nu jabeessa!
Hidda tolla - suuta loona
Nutti duulu- duula moona
Nu tuttuqu ni obsina
Nu dhukkubus ni kolfina!

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

11 Dec, 12:46


Learning englsih very well Join Us Now
😃👇👇
https://t.me/Now_Speak_English
https://t.me/Now_Speak_English

Walaloo Jaalalaa

11 Dec, 07:10


Dhiirri dhokatee boo'a 👌

Wanta yaadu tibba dhabe
Hamileen'saa yennaa cabe
Qamaacaan sammuutti ba'ee
Ba'aa laphees itti ta'ee
Dararamee yoo hadoode
Hirqinfatee yoo gadoode
Dhiirri...
Rakkinni rakkoo dhalchatee
jireenya'saa yennaa goobu
Yeroo namni ilaalu miti
imimmaan dhiiraa kan roobu 👌
Eee...
Guyyaa kolfee sobee seeqee
Inuma simata sammuu qeeqee
garuu...
Galgala dukkana keessa
Argaa namaa dafee dheessa
Ibsaa dhaamsa ifa seessa
Holqa boo'ichaa of geessa

Miirasaa boqochiisuuf kophaa taa'ee
Imimmaanni morma jala isa yaa'ee
Nama dhokseetu of kiisa
Imimmaantu laphee jiisa
Malee dhiira garaatu boo'aan sobadha
Dhiirri kan boo'u gaafa qobaadha
Harka ol qabata
Waaqasaa kadhata 👌
sanuu..
"Imimmaanni dhiiraa
bishaan miti dhiigaa
Mogoleetu laafnaan
hadhooftuu diddigaa..."

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

10 Dec, 09:40


💋 Gaa'ela keessatti faayidaalee dhungoon qabu dubbisuudhaaf asitti bu'aa
👇👇👇
https://gaggeessummaa.com/faayidaalee-dhungoo/

Walaloo Jaalalaa

10 Dec, 07:10


Qabiinsa jaalalaa
Eenyutu si caala?
Sirka jiran tooftaan martuu
Tika jibbaanis hin durfamtu
Jaalalas jibbas itti beekta
Bakkaan qabdee yeroon eegda.

Tooftaakee keessaa tokko:

Kan jaalattu san, ofirraa fageessita
Kan si jibbu san, ofitti dhiyeessita

Jibbituu dhiyeessuunkee,
akka sin dagneefi
Jaalattuu fageessuunkee,
akka sin barreefi!

Dagatnaan ni miidhamta
Baramnaan ni jibbamta!
* * *
。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

23 Nov, 07:57


Imalli cimaa fi dadhabsiisaan yeroof kan namatti dhaga'amu ta'us, humni achi keessatti kuufattu Jabina. Ofitti amanamummaadha. Dirree moo'ichaati... See More

↪️ See More
See More
.

Amaloonni barbaachisoo ta'an kan jijjiirama guddinaa fidan 10... See More

Walaloo Jaalalaa

21 Nov, 04:38


🚫 “Adda ba’aa jettanii
Lakki nu adda hin baanu
Kaleessa tokko turre
As geenyee lama hin taanu
Islaama - kiristaana jettanii
Nu hin qoodinaa gonkumaa
Dhiignii fi lafeen keenya
Kaayyoon keenyas tokkuma!
Sababa kamiiniyyuu
Nu gidduu hin dhaabdan dallaa
Oromoo taanee baane
Oromoo taanee galla!

Galuun suniyyuu hafee
Yoo taates cita mormaa
Walirraa adda hin baanu
Fudhannee ajaja ormaa
Jabbii miilli hidhame
Margaan hin badadinaa
Amantaa lakkooftanii
Kutaan nu hin ramadinaa
Feetan qawwee keessaniin
Nu harcaasaa akka baalaa
Qoodamnee jiraachuurra
Tokkoomnee du’uut’ caala!”

Kun Irbuu Shinnigaati. Waadaa dhiigaa fi lafeeti! ❤️🌹❤️
❤️⚘️⚘️💕❤️

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

21 Nov, 04:35


🚫 “Adda ba’aa jettanii
Lakki nu adda hin baanu
Kaleessa tokko turre
As geenyee lama hin taanu
Islaama - kiristaana jettanii
Nu hin qoodinaa gonkumaa
Dhiignii fi lafeen keenya
Kaayyoon keenyas tokkuma!
Sababa kamiiniyyuu
Nu gidduu hin dhaabdan dallaa
Oromoo taanee baane
Oromoo taanee galla!

Galuun suniyyuu hafee
Yoo taates cita mormaa
Walirraa adda hin baanu
Fudhannee ajaja ormaa
Jabbii miilli hidhame
Margaan hin badadinaa
Amantaa lakkooftanii
Kutaan nu hin ramadinaa
Feetan qawwee keessaniin
Nu harcaasaa akka baalaa
Qoodamnee jiraachuurra
Tokkoomnee du’uut’ caala!”

Kun Irbuu Shinnigaati. Waadaa dhiigaa fi lafeeti! ❤️🌹❤️
❤️⚘️⚘️💕❤️

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

21 Nov, 04:19


Binance account bantanii 10 USDC argachuuf isin gargaara.
👇
https://www.binance.info/activity/referral-entry/CPA/together-v4?hl=en&ref=CPA_00IZNN6AD9

Walaloo Jaalalaa

20 Nov, 22:30


🎲Jaalala keessatti " 😀" wanti guddaan miira walii ciminaan hubachuudha. Sababni isaa... ↪️ See More

▶️ See More
See More

Ergaalee Jaalalaa 10...➡️ See More

Walaloo Jaalalaa

20 Nov, 05:45


Nama si hin yaadne yaaduu jechuun utuu si hin dhukkubin aaduu jechuudha 🪫

🟢 Join Us

Walaloo Jaalalaa

19 Nov, 18:18


💔 Laafinnii fi Ciminni shamarranii wantoota gurguddoo 10 irratti Akka hundaa'u quba qabduu??.... ↪️ See More

➡️ See More
See More

As tuquudhaan itti fufaa dubbisaa!

Walaloo Jaalalaa

18 Nov, 19:44


Wantoonni gaariin jireenya keessatti salphaatti hin dhufan. Yeroo rakkinaa fi qormaata guddaa keessa darbitu, jireenyikee waan yeroo dheeraaf hin turre utuu hin taane, waan ati bara baraan akka qabeenyaatti ilaaltee itti gammaddu waan siif qabaachuu malu siif qopheessu ta’uu danda’a...
👉 Itti fufaa dubbisaa

🌐 As tuqaa >> See More
As tuqaa >> See More

Welcome 🤗

Walaloo Jaalalaa

17 Nov, 18:44


🌸 Sababiilee hin yaadamne gurguddoo 5 kan shamarran dhoksaatti dhiirotarraa eegan... ↪️ See More

             👇👇👇
             banaa
         .  banaa
               👆👆👆👆

🤦‍♀️ Maaliif??,... See More
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯

Walaloo Jaalalaa

15 Nov, 18:03


👉 Hojii Airdrop guyyaa guyyaadhaan Tether dollar 0.25$ Isin argachiisuu fi affeerraa namoota 10tiin 1$ isiniif kennu kana ammuma eegala.

Guyyaa 4f affeerraa Nama tokkootiin carraa Dolara 50$ isiniif Kenna.
👇👇👇
https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=6422729645
🎁 Join TronKeeper for a secure Tron wallet experience and start earning rewards! 🪙

Walaloo Jaalalaa

12 Nov, 19:57


Jaalallee yookiin haadha manaa baay'ee jaallattu waliin umurii dheeraa turuu yoo barbaadde wantoota 5n kana gochuu hin dagatin,... See More

🎺 See More
See More

💘Maaliif barbaachise,... Itti fufuun dubbisi!

Walaloo Jaalalaa

12 Nov, 11:41


🌸 Sababiilee hin yaadamne gurguddoo 5 kan shamarran dhoksaatti dhiirotarraa eegan... ↪️ See More

             👇👇👇
         banaa
         . banaa
               👆👆👆👆

🤦‍♀️ Maaliif??,... See More
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯

Walaloo Jaalalaa

10 Nov, 20:48


🌸 Sababiilee hin yaadamne gurguddoo 5 kan shamarran dhoksaatti dhiirotarraa eegan... ↪️ See More

             👇👇👇
         banaa
         . banaa
               👆👆👆👆

🤦‍♀️ Maaliif??,... See More
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯

Walaloo Jaalalaa

10 Nov, 19:58


Jaalala Dhugaa

Jaalalli dhugaan kana
Gaafan taa'ee ilaalu
Onnee isaanii lamaan
Kan jaalalli dhaalu

Jaallatanii wal argatan
Beeku jooraa jaalalaa
Jaalala isaanii kana
Gabaa tokkotti daldalaa

Jaalalli jooraan qabu
Dhumasaat gaariidha
Jaalallii sobaan imaluu
Dhumasaat aaridhaa

Muka muummee gamaa
Eenyutu jala dhaqee taa'a
Akka jaalallee ofii illee
Maaltu namaaf ga'aa

Qabbaneessituu onnee
Mi'ooftuu akka dammaa
Waan akka jaalalaa tolu
Dhuguma jiraa ammaa

Gaafa jaalalaa dhamdhamanii
Inni har'aa isa kaleessaa caala
Namni mi'aa jaalalaa hin beekne
Jaalalleewwan darban ilaalaa

Gaarummaa malee
Jaalallii jibba hin qabu
Jaalalaan hanqaaqunuu
Dhagaaarraa bu'ee hin cabu

Bakka jaalalli jiraatu
Qabbanatu mul'ata
Dhala namaa qofa miti
Bineensuu jaalala jaallata

Namni erga nama ta'ee
Maalumaan wal caalaa
Qabeenyaan nama hin ibsu
Namni garuu isa ilaalaa ✔️🌹❤️
❤️⚘️⚘️💕❤️

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

10 Nov, 15:38


🖱️Miirri isaanii guyyaatti jijijjiiramuuf baay'ee ariifata, Kunis sababa gurguddoo 5f... See More

             👇👇👇
         banaa
         . banaa
               👆👆👆👆

🤦‍♀️ Maaliif??,... See More
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯

Walaloo Jaalalaa

09 Nov, 16:50


➡️ Sababiilee gurguddoo 5 amalli dubartootaa haala waliin akka jijjiiramuuf dirqamsiisan beektuu?... 👉 See More

             👇👇👇👇
         👉banaa👈
         👉banaa👈
               👆👆👆👆

🤦‍♀️ Hanqinni dubartoota kudhan shan ni dhoksu shan ni obsu... See More

¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯

Walaloo Jaalalaa

09 Nov, 09:03


Sin jaalladha damma koo
Yaa ishee qixxee lubbuu koo
Sirraa fagaattee turuu
Hin dandeessuum onneen koo

Dhugaaniin si jaalladha
Karra onnee koo tarsaasee
Qalbiin koo gaaf hundumaa
Gama keetti na kaasee

Jaalala sobaa hin beeku
Kan faashiniin mancaase
Tokkittittii lubbuu koon
Gad fuudhee siif galaase

Simalees homaa hin hawwu
Lapheen koo suma baata
Haala kamiin keessattuu
Onneen koo si dheebota

Atis narraa hin fagaatin
Shurrubbee koo kuulanii
Surraama kee kanasoo
Ilaalanii hin quufanii

Akka baraati jettee
Faashinii itti baasiinii
Jaalala keenya lachuu
Hamtuu gidduu hin baasini

Ofitti na qabadhuu
Jaalala dhugaa fudhu
Tasayyuu dogongoree
Ormaaf onnee koo hin laadhu 🎲

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

08 Nov, 19:10


Biyya kanatti
...
Jira garuu hin jiru!
(Waan akka taphannaati)

....
Boombaan jiraatus bishaan hin qabu. Shiboon diriiree argitus elektirikii hin dabarsu. Akkuma onneen guutee jaalalli keessa hin jirre jechuudha.
...
Erga social median gabaa argatees social lifen gurgurtaa dhabeera. Mana guutuu keessaa sadarkaa namni dhibuurra ga'eera. Wal bira taa'ee waliin ooda uummati. Waliin haasa'uun hafee kiyyoon waliin dubbii nama qaamaan nu bira hin jirretti darbatamuu erga eegalee bubbule mitiiree...? (Maal si galche! Maal na galche!)
...

Ammas biyya kanatti!

Ittoon jira dhadhaa fi zayitiin garuu.. l... mana kee situ beeka waan ta'eef itti guuttadhu...

Egaa rasaasni keessaa dhibus qawween guuteera. Akkuma buqqeen mataa guutee sammuun keessaa dhibe. Edaa sammuun immoo jira qalbiitu keessa hin jiru malee. Yuunversitiinis jira.. barataatu keessa hin jiru ( Agaaziin keessaa hin dhibu)

Maal garuummoo masaraan mootummaa mootummaa hin qabneyyuu lafa ballaarratti diriiree ijaarameera mitii...?

Ani hin jenne😝😛😂

Wantan irraanfadhe:

Kanniisis guuteera damma garuu hin argattan. Arrabuma mi'eeffadhaa! Forward godhii hiriyyaa keef

Walaloo Jaalalaa

06 Nov, 19:25


Injifannoon kee harka kee keessa jira. Abjuun kees hiika qaba. Waan abjootte immoo hiika itti kennuuf ammuma irraa dhama’i! Dhamaatii fi milkaa’inni kee hiika abjuu keeti. Abjuu kee of keessatti awwaaltee hafta taanaan ati ofiifuu hin taane jechuudha...👉 See More
👇👇👇👌💘

➡️ See More
See More

Walaloo Jaalalaa

06 Nov, 18:27


Kufuu keessa ka'uun utuu hin jirree
Abaarsa keessa eebbi utuu hin jirree
  Jireenyi karaa bu'aa ba'ii utuu hin taanee...
    Obsi furtuu balbala kakuuti
Kun hundumtuu riqicha jireenyaati
   Kufuu achiin immoo cimanii ka'u❤‍🩹

Walaloo Jaalalaa

04 Nov, 12:05


https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=385137790
🎁 Join TronKeeper for a secure Tron wallet experience and start earning rewards! 💰

Walaloo Jaalalaa

03 Nov, 20:29


Sinbirroo koo barrisii
Samii keessa kaadhuu
Dhaamsa koo ballisii
Lubeetti naaf laadhuu
~
Hundinuu nattin toluu
Keessako waadeeraa
Kan abdii natti horuu
Sagaleeke yaadeeraa...!
Baayyeen si jaalladha
Si dhabuun naaf cabaa
Haqa kee hin dhoksuu
Dhugaa keen lallabaa
Ati hin beektu ciiftee
Irbuu dhiigaa baattaa
Jiruu dhuunfaa dhiiftee
Bultii keenyaaf kaattaa
Burqaa shiraaf dabaa
Karra isaa kan cuftuu
Abdii guddaan qabaa
Milkiin akka dhuftuu....!
~
Allaattii koo joobiraa
Samii keessa kaadhuu
Jedhiiti dhaamsa koo
Lubeetti naaf laadhuu...!

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🔵
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

02 Nov, 20:07


🧠 Jaalalaaf dursa kennuuf qophii ta'i! Jaalalli qulqulluun Kan haalota irratti hin hundoofne yoo ta'e galmi isaa miidhagaadha.
💎 Obboloota kanneen irraa barachuuf as tuqaa,... See More

👆👇👇👆👇👇💘

See More
See More

Walaloo Jaalalaa

01 Nov, 20:04


Dubartii, jajjabni gatiin isheen ofiif kennitu guddaadha. Kabaja ofii isheef eenyummaa isheef qabdurraa kan madde, yeroo hundumaa ogummaa gurguddoo 5 tti gargaaramti....➡️ See More👆👇👇

↪️ See More
See More

🎲 Shamarran ogummaa 5n kanneenitti fayyadaman jireenya isaanii keessatti gartuu hundumaa irratti milkaa'odha... ➡️ See More

Walaloo Jaalalaa

27 Oct, 22:47


😀Jaalalaaf dursa kennuuf qophii ta'i! Jaalalli qulqulluun Kan haalota irratti hin hundoofne yoo ta'e galmi isaa miidhagaadha. Obboloota kanneen irraa barachuuf as tuqaa,... See More

👆👇👇👆👇👇💘

See More
See More

Walaloo Jaalalaa

27 Oct, 12:55


Toora galchee hanqinakee
Jibbaa keetiif kan ragaduu
Arguu fedhee rakkinakee
Siballeessuuf kan sagaduu

Dhoksees ta'u ifa baasee
Simiidhuuf kan sitti fiiguu
Galma kankee hunda raasee
Godookee kan sitti diiguu

Boolla qotee gad fageessee
Simiidhuudhaaf inni kaatuu
Booda goree kan jabeessee
Hidhii isaa sitti nyaatuu

Hin jiraatu nagaa ta'ee
Shirri isaaf dalagaadhaa
Sijibbinaan lafaa ka'ee
Fira ta'us alagaadhaa

Isaaf kun hamma tooftaatii
Hin milkaa'uufi deemsisaa
Jireenyi harka uumaattii
Gubataa hafa keessisaa

Hin deemin hammeenya baataa
Gaafas raafamtee hin cabduu
Keessa keef nageenya laataa
Waan facaafatte hin dhabduu

。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🟣
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

27 Oct, 08:04


(Arjaa naaf taate!)

Callisashee jalatti,
Jaalala biqilchite,
Obsa kunuunsite,
Ofitti na aansite,

Dogoggora soroorte,
Anatti dhamaatee!
Bakka boqonnaakoo,
Arjaa naaf taate!
......
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🟣
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

18 Oct, 20:26


Aappiin Jaalallee Ittiin Barbaaddatan Quubsadhaa?
👇👇
https://gaggeessummaa.com/jaalallee-barbaaddachuun-yeroo-kamuu-caalaa-amma-ulfaataadhaa/

Walaloo Jaalalaa

18 Oct, 20:16


Hiriyaa Dhugaa

Hiriyaan dhugaa
Fakkeenya jiruutii
Hedduu waljaallatu
Akkuma tiruutti

Eenyut adda baasa
Dhufu malee duutii
Hiriyaan dhugaa
Kan waljaalatuuti

Warqiif meedaaliyaa
Miti kennaa namaa
Jaalalaaf tokkummaa
Baay'eetu beekamaa

Qaamaan fagaatanus
Qalbiidhaan walfaanaa
Hiriyaa dhugaa malee
Eenyu walitti Aanaa

Dhiiras Ta'ee Dubaraa
Namni Hiriyaan Tolaa
Rakkinaaf dhiphinaa
Walirraatii Qolaa

Kan gatiinsaa qaalii
Yoomuun jirre gabaa
Hiriyaa kee kunuunsi
Eeyyee kun si darbaa

𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕

😒
           👇
。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🟣
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

18 Oct, 04:04


🟥 Best 10K+ Channels Followers Welcome click here and add join us ➡️ JOIN 🚩

    🍰MORE JOIN  🕯
   🍰 MORE JOIN 🕯
ᥲძძ ᥡ᥆ᥙr ᥴһᥲᥒᥒᥱᥣ

𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
📌 Channel keessan tolaan nu waliin beeksifadhaa

Free Promotion: @Getu_Abera

Walaloo Jaalalaa

16 Oct, 21:32


❤️ ✍️ "Miira jaalalaa namatti dhaga'amu parsantiin 70% maal akka ta'e beektuu?...." ➡️ As tuquun dubbisaa.

🔜 See More
See More

Walaloo Jaalalaa

16 Oct, 20:21


✏️ Best 10K+ Channels Followers Welcome click here and add join us ➡️ JOIN 🚩

    🍰MORE JOIN  🕯
   🍰 MORE JOIN 🕯
ᥲძძ ᥡ᥆ᥙr ᥴһᥲᥒᥒᥱᥣ

𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
📌 Channel keessan tolaan nu waliin beeksifadhaa

Free Promotion: @Getu_Abera

Walaloo Jaalalaa

12 Oct, 20:07


Kennaa koo

Sin jaalladha hedduu
Humdumaa gararraa
Gonkumaa hin yaadu
Adda ba'uu sirraa

Bifaafi amalakeen
Hundumaa guutuu
Jaalalaaf kabajakee
Xinnaaf Kan simattu
Aadaaf amantaakeef
Kabaja Kan laattu
Dhuguma ati kennaadha
Kan anaaf maltu

   Yoomiyyuu an keeti
    Qalbiinkoo si  yaada
    Sagalee kee suusii
   Natti ta'e araada
Waadaa eeggannee
Waliin haa turru
Ormaaf bakka qabu
Ani sin jijjiiru

😒
           👇
。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🟣
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

11 Oct, 07:06


Guyyoonni hamtuu
Kan darban kaleessa
Gaafan taa'ee yaadu
Gola sammuukoo keessa

Dhiphinniif gaddi koo
Yaaddoon darbe hundi
Inni ani keessa taa'ee
Na dhabsiise abdi...!

Inni yeroo sanaaf
Natti ta'e gaara
Har'a kolfaa yaaduuf
Humna naaf ta'eera!

Kanaaf nan jabaadha
Humna koo kuufadhee
Mo'ichas nan argadha
Abjuu koo uffadhee

Raasee na dammaksa
Cufaas cabseen ba'a
Guddaadha humnikoo
Dhagaa dhooseen ka'a

😒
          
。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🟣
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

10 Oct, 20:06


Hin Dubbanne malee
------------------
Nan fiige, nan kaadha
Hidhaa hiikuu na dirqe
Nan kuuse nan baadha
Abdii yaaddoon marqe
~
Kanaaf jedheen.....
Siif Ijaaraan jira; ijaaraa
Kaasuun dadhabe malee
Si yaadaan jira; si yaadaa
Dhufuun dadhabe malee
~
...Yaadan qabu fixadhee
Iyyaaf wixxisan hiradhe
Bitaaf mirgaa natti duule
Malee yooman maraadhe
~
Waan qabe nas qabe
Hin teenye humnaafuu
Humna na caale malee
Maaltu ta'aree anaafuu
~
Hin dubbanne malee
Hin taane jiraan jiraafuu
Akka naan hin jennellee
Hin dhiifne an garaafuu

😒
           👇
。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🟣
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

09 Oct, 06:05


Dhangaa jechootakee
Qalbiikoon sooradhee
Abdii keessa taa'een
Jaalala kee horadhee
Yaada kaatee guluftu
Booqaa birraa barii
Jaalalli kufteen kuftu
Naaf koottu bararii...
Gaaffii jaalalaa koof
Gatii kee barbaanna
Waan mana keef-koo
Wal wajjin hirmaanna
Waamichan siif qabe
Seenaa wal gaafanna
Cinaachan siif cabe
Dharraa wal baafanna
Dhaaphuu itti kolfi
Ittiin siin haa ba'u
Hunduma keenyallee
Ittiin nuun haa ga'u

😒
           👇
。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🟣
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

08 Oct, 21:20


➡️ Utuu lafa kana irra dhiironni qofti jiraatanii Shamarran hin jiran ta'ee, ardiin kuni dirree Waraanaa,...➡️ See More

↪️ See More
       See More

Dhiironni lafa nageenyi jiru qubatu, shamarran qabannaa tolan nageenya fidu, lameenuu waliin adeemuuf eeggannoolee 5 gochuun barbaachisaadha....➡️ See More

Walaloo Jaalalaa

22 Sep, 05:13


https://telega.io/c/Walaloo_jaalalaa24

Walaloo Jaalalaa

18 Sep, 19:18


Y o o m i ?

Kan yaadni wal tumsee,
Qalbii naaf dagalu,
Miirrikoo gamtoomee,
Alaa anaaf galu?

Y o o m i ?

Kan faanni boqotu,
Barbaachi dhaabbatu,
Argatee gammadee,
Naftikoo gabbatu

Moo wantichi,

Dachee kana irratti,
Argachuu fi dhabuun
Dabaree naqattee,
Dhokachoo taphatti?

😒
           👇
。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。🔻
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

07 Sep, 08:13


👉 Walaloo Leta Kenei
• Hawwii Ilma Namaa •

@Asoosamaafiwalaloo

Walaloo Jaalalaa

07 Sep, 07:03


Beenu 💔
~
Dhiisi jennaan didde
anaan na dhaga'uu
Namni hundi garuu
akka koo siin ta'uu
~
Beenu erga feetee
barbaadi kan biraa
Rabbi kan naaf uume
anaafis ni jiraa

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24

Walaloo Jaalalaa

29 Aug, 12:35


Warri Dogs hojjechaa turtan baga gammaddan!

Amma yeroon itti baafattan dhufee jira... namoonni gurgurachuu barbaaddan keessaan na quunnamaa
➡️ @Getu_Abera

Walaloo Jaalalaa

27 Aug, 22:09


Deemtee hin fagaattu
Nattis hin dhiyaattu
Yaada waliin hirta
Fuullee kiyya jirta

Yookaan aachi hin siqxu
Yookaan natti hin hiiqxu
Giddu gidduu taate
Garaakoo na nyaatte

Anis akkumakeeti
Murtoo cimaan dhabe
Garaa murachuufis
Inuman dadhabe

Elaa...
An daa'ima miti
Kan dalga baatamu
Takka na jibbitee
Takka hin jaalatamu!

Haqasaan dubbadhaa
Atis haqa dubbadhu
Garaakoon muradhaa
Garaakee kutadhu

Waanuma fedheefuu
Murtoon kan abbaati
Garaan murtoo dhabe
Dhukkuba abbaati!

            👇
。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。💎
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

26 Aug, 17:37


Hunduu Waan Qabu Kenna!
•═•
Lagni bishaan siif kenna
Gaafa ati dheebottu
Manni ho’a siif kenna
Gaafa ati dhaamottu
Muka bosonaa argatta
Kan mana ittiin ijaartu
Galaanni immoo qurxummii
Kan affeellattee nyaattu

Mi’a gatii jabeessa
Gabaa qaalii irraa argatta
Riqicha bishaan qabu
Bidiruudhaan dabarta
Waan hin qabne argachuuf
Isa qabu harka ilaalta
Atis waan qabdu hiixadhu
Xiqqaatu tokko in caalta!

Garuu......

Xaddee foon hin kadhatin
Qoraattiin si waxalti
Salphoo ulfina hin kadhatin
Udaaniin siqabatti
Machooftuu hin hammatin
Bulgaatiin si lollaati
Nama badii hin qoccolin
Dhuftee hiriyaa kee taati
Addaggeetti hin shirkoomiin
Mataa irratti ol si baati
Daa’ima qullaa hin baatin
Wayyaa kee irratti albaati

Kotte duudaa hin hooksiin
Ilkaantu sirraa dhuma
Hunduu waan qabu kenna
Jireenyatu akkasuma.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
。\|/。🌺
Walaloo Jaalalaa

Walaloo Jaalalaa

12 Aug, 19:35


Reefun Hubadhe ✍️

Yeroo ati anaaf jettee
Aarsaa guddaa kanfalte
Homaa natti hin fakkaanne
Yaadattuu hin qabanne

Yeroo ati anaaf jettee
Hiriyoota keen jibbamtu
Sammuun koo hin xinxalle
Natti hn dhaga'amne homtuu

Anoo gootuman of se'e
Yeroo ati na gabbartu
Yeroo ati anaaf jettee
Karoora kee haqxu

Garuu,....
Dhugaan isaa kana miti
Kan ati hunda gootuuf
Ani adda taanan miti
Kan ati naaf yaaddus

Jaalalaaf dursa laatte
Ofiikee gadi ofqabdee
Waan narraa hawwitus
Hunda narraa dhabdee

Hedduu naaf obsitee
Na dhaggeeffatteerta
Anatu si hin qaqqabne
Har'a fagaatteerta
Yoomuu si hin dagadhu
Onnee koo keessa jirta

#Miss_U_Love 😭

            👇
。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。💎
       #share
         #join

Walaloo Jaalalaa

11 Aug, 17:53


Ani fi Ati

Ijaan wal argina
Qalbiin wal darbina

Qamaan - Waliin fiigaa
Yaadan - Wal diddiigaa

Irra dibaa - Soba kolfaa
Keessa keessa - Wal o'orfaa

Hin fakkannee fakkeessina
Waan hin taane odeessina
Qoraan baaqqee bobeessina
Mi'aa jechaa hadheessina

Jiruun keenya duuwwaa dhoraa
Hireen keenya adda goraa

Mee maal baasuf dhama raasna
Kottu...
Adda baanet adda baasna.



@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24

Walaloo Jaalalaa

09 Aug, 16:26


Aduu 🔘

Miirakoo To'attee
Na Tasgabbeessita
Hamilee Natti Hortee
Ana jabeessita.

Gaafan Abdii Kutee
Yaannikoo Jeeqamu
Gaafa Hunduu Dide
Maqaa Kankoo Waamuu,

Dallanee Itti Dhiisee
Aarin Yoon Suntuuru
Dafee Natti Argama
Harki Kan kee hin Turu.

Kaan Waliif Birmata
Ulaagaa Lakkaa'ee
Kaan Wal Teessifata
Teessoo Irraa Ka'ee.

Kaan Lagaan Wal Waama
Gandatti Deebi'ee
Kaan Sanyii Himata
Hidda Isaa Lakkaa'ee.

Inni Keessa Qabne
Ulaagaa Isaanii
Homaa Gatiin qabu
Dafqi Isaa Bishaani.

Kansaa Hin Mul'atuu
Ulaagatuu Dhokse
Gaari Inni Dalage
Jallinatti Maqse.

Fedha Uumaa Taanan
Fudhachuun Hin Oolu
Waan Waaqni Sirreessuuf
Ani Nama Hin Lolu.

Hunduu Arguuf Jira
Gatii Isaa Safaree
Gaaftokko Nan Kolfa
Anis Hamman Aare.

Gatiin Dadhaboota
Waaqa Biraa Hin Badu
Nuufis Baasaa Jira
Kan Hin Dhaamne aduu.

             ⬇️
。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。💎
       #share
         #join