(WMO-Sadaasa 2/2017)
Waltajjiin gamaggama raawwii hojii piroojektii dhabamsiisa Dhibee Daranyoo Sombaa (ETB) bara 2016 fi kurmaana 1ffaa bara 2017 bakka qooda fudhattoonni garagaraa argamanitti gaggeeffamaa jira.
Waltajjii kanarratti gabaasni raawwii hojjettoota Ekisteenshinii fayyaa, ogeeyyii buufata fayyaafi qindeessitoota piroojektii dhiyaachuun ciminootaafi hanqinoota turan gamaggamuun kallattii gara fuulduraa kaa'uudha.
Piroojektiin kun piroojektoota fayyaa Waldaan Misooma Oromiyaa xiyyeeffanoon hojjetu keessaa tokko yoo ta'u, yeroo ammaa godina Arsiifi Shawaa Kibba Lixaatti aanaalee 20 keessatti dhibee daranyoo sombaa dhabamsiisuu irratti kan hojjetudha.
Tokkummaan Misoomaaf!