Jechoota jaalala @jechoota_jalalaa Channel on Telegram

Jechoota jaalala

@jechoota_jalalaa


Channela keenya kana irraa:-
β˜‘Jechoota jaalala
β˜‘Baacoo fi Afoola
β˜‘Dubbiste irraa baratta
β˜‘Asoosama adda addaa fi kkf.

YouTube channel Kenya subscribe godha πŸ™, πŸ™ πŸ™ πŸ₯°
https://www.youtube.com/@Kenbolyrics
@kenbo_dagafu

Jechoota jalalaa (Oromo)

Jechoota jalalaa is a Telegram channel dedicated to love, poetry, music, and cultural discussions in the Oromo language. With a focus on fostering a sense of community and connection through shared interests, the channel offers a platform for members to engage in discussions, share poems, songs, and cultural insights. Whether you are a lover of poetry, music, or simply interested in learning more about the Oromo culture, Jechoota jalalaa provides a welcoming space for all. The channel features a diverse range of content, including traditional Oromo poems, contemporary love songs, and discussions on various aspects of Oromo culture. Members can also participate in language learning activities, where they can practice and improve their Oromo language skills. Additionally, Jechoota jalalaa highlights emerging Oromo artists and provides a platform for them to showcase their talent to a wider audience. For those interested in visual content, Jechoota jalalaa also has a YouTube channel where subscribers can access videos related to Oromo poetry, music, and cultural events. By subscribing to the YouTube channel, members can stay updated on the latest content and engage with the community in a multimedia format. Whether you are a seasoned Oromo language speaker or just beginning to explore the rich cultural heritage of the Oromo people, Jechoota jalalaa welcomes you to join the community. Come be a part of a space where love, poetry, music, and culture converge to create a vibrant and inclusive environment. Subscribe to Jechoota jalalaa and immerse yourself in the beauty of the Oromo language and culture. Asoosama adda addaa fi kkf! πŸ™

Jechoota jaalala

10 Dec, 09:40


#Copha_Jaalalaa
#Ribqaaf_Abdiisaa
#Kutaa_Xumuraa!!
#Barr. Jaali Abata
Kutaa isin darban profile koo Jalaa argattuu!

#Dubbisa_Gaarii!!

Guyyaa tokko taateen addaa tokko anaaf Abdiisaa gidduutti Uumame! osooma teenye waliin taphannuu fuula isaa irraa miirri of dadhabuu natti muldhate! miirri isaa waan obsa Isa dhorke natti fakkata!

Anis sukkumaan isaa Ajaa'iba na godheera! obsuu yaalus hin dandeenye Luka isaa boraafadheen ija isaa keessa ilalaan itti odeessa! afuurri koo na qabbana'aa dhufe. Abdii Koo sin jaalladha jedhee osoon Afaani hin xumurin hidhiin Kootiif hidhiin isaa wal sime.

Lamaan keenya wal gangalchuutti kaane miirri kiyya ho'ee akka abidda saafaa laboobaa jira. Anis Abdiisaa koo ofitti qabee hammadheen dhungoon isa haleele.

Dabaree dabareen hidhii wal xuuxutti kaane. Gorora keenya ishee akka dammaa minyooftu sanas daangaa malee Wal afeeruutti kaane. Harki Abdiisaa guntuuta kiyya sukkuumaa, asii gadi sokke. Anillee dhorkuuf hamilee hin arganne milkaa'i goota koo jedheen dhiise akkuma miiraan oofamaa jirruttin bir jedheen dammaqe. edaa jaalala dhugaan se'e Abjuutu na dhamaase!
#XUMUREERA!!
Barruu biraan haga walitti deebinutti turtii gaarii!!

Jechoota jaalala

09 Dec, 17:04


#COPHA_JAALALAA

#Ribqaaf_Abdiisaa
#Kutaa_3ffaa
#Barr. Jaali Abata
Kutaa isin darban profile koo Jalaa argattuu!

#Dubbisa_Gaarii!!

Abdii wa, waa sii haasofsiisuu barbaadeen turen jedheen sosodaachaa maal ture Ribqo naan jedhe Anis ija isaa keessa ilaaleen Afaani baafachuu sodaadhe kana gidduutti Abdiisaaf bilbilli bilbilame innis dhiifama yeroo tokkof jedhee bilbilaan haasa'u eegale.

Nan gubadhe carraan har'a argadhe kunis na jalaa gubachuufi jedheen ofitti hasaase. Innis akkuma haasa'ee xumureen dhiifama #Ri maal na gaafachu barbaadde naan jedhe kokolfaa!

Ana sodaan keessa koo na weerareera Arrabni kiyya akka nama macha'ee dubbii waan dadhabe fakkata irree isaa qabadheen ija isaa keessa ilaaleen dubbachuuf Arrabni na hidhamen callisema ilaale.

#Ri koo maal taate si dhukkube moo? naan jedhe! anis mataa kiyya sochoosen lakkin jedhe. Maalire na gaafadhu kaa naan jedhe Anis deebiseen #Abdii koon jedhe. Innis yoo #Ri koo naan jedhe. Anis deebiseen sodaachatuman #Abdii koo si, si, sin jaalladhen jedheen innis anis sin jaalladha #Ri Koo naan jedhe.

Fuula koo irraati battaluma miirri gammachuu mula'ate! anis ofitti qabeen hammadhe. Nan gammade deebii akkasii afaan Abdiisaa irraa nan dhaga'a jedhee hin yaanne. Amma aniif inni jaalallee waliif taane. Yeroo mara waliin haasofne, waliin bashannana! Abdiin anaaf qaroodha isa in argin oole, buluu hin fedhu!

Guyyaa tokko. itti fufa. .......

Jechoota jaalala

09 Dec, 04:06


#COPHA_JAALALAA

#Ribqaaf_Abdiisaa
#Kutaa_2ffaa
#Barr. Jaali Abata ( Add godhaa!)

Jaalalli isaa Onnee koo irratti #Cophee keessa kiyya dhuunfate! Miirri koo hunduu isa miireffata. Abdiin kana osoo naaf hubatee jaalalan isaaf qabu kana osoo narra qoodate? jedheen hawwe! hiriyyoonni koo maal maal taate Ribqaan jedhanii gaaffiin walii isaani muddu. Qaamaan huqqadheen jira, huqqina koo irraa kan ka'e mucaan hiriyyaa koo #Badhaatuun #Ri koo maal taate? maaliif natti hin Imattu naan jette. Anis callisuu irra darbee dhibee koo himachuu hin dandeenye sababni isaa yoo bartes qorsa naaf ta'uu hin dandeessu.

Dhibeen koo kun kan qorsa argatu yaalii Dr Abdiisaa qofa. Guyyaa tokko osoo inni kaaffeedha laaqana nyaachuuf deemaa jiruun arge. Anis laaqana nyaachuuf waanin deemaa jiruuf. Carraa kanatti fayyadameen isa waamuu barbaadeen #Badhaatuun Immoo maali in maraatte naan jetti jedheen sodaadhe.

Abdiisaan mucaa callisaadha baay'ee hin odeessu Gaafa dubbatu dubbiin isaa qoosa of keessa qaba. Ogummaan dubbata. Kabaja namaas beeka Ilma safuun guddateedha! Anis Guyyaa tokko qophaatti argadheen Abdiisa Akkami? jedheen nagaa gaafadhe innis fuula ifaadhan Nagaa galata uumaa ofii akkam? naan jedhe. Anis deebiseefi Nagaa kiyyan jedhe. Amkamire barnooti naan jedhe. Gaariidha jedheen deebiseefi Abdii wa, waa sii haasofsiisuu barbaadeen turen jedheen sosodaachaa maal ture Ribqo naan jedhe Anis ija isaa keessa ilaaleen Afaani baafachuu sodaadhe kana gidduutti. itti fufa......

Jechoota jaalala

07 Dec, 09:23


Jechoota jaalala pinned Β«#COPHA_JAALALAA #Ribqaaf_Abdiisaa #Kutaa_1ffaa #Barr. Jaali Abata Guyyichi yoomu hin dagatamu hiikni jaalalaa maal akka fakkatu kanin itti bare guyyaa sanaadha! Iji isaa qorsa fakkata, bareedinni isaa saffisa…»

Jechoota jaalala

07 Dec, 09:23


#COPHA_JAALALAA

#Ribqaaf_Abdiisaa
#Kutaa_1ffaa
#Barr. Jaali Abata

Guyyichi yoomu hin dagatamu hiikni jaalalaa maal akka fakkatu kanin itti bare guyyaa sanaadha! Iji isaa qorsa fakkata, bareedinni isaa saffisa ol-aanadhaan onnee kiyya booji'e!

Jaalalaaf kanin bitame guyyaa sanaadha. Ani Maqaan koo Ribqaan jedhama kanin dhaladhe Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiidha! Abban kiyya Qabeenya bunaatin baay'ee beekamoodha! akkuma umuriin koo barnootaf ga'een mana barnoota na galchan! Anis Amma kunoo barnoota Koo sadarkaa 2ffaa xumuree ergan "University" Asoosaa seene waggaa lama ta'eera.

Abdiisan kan dhalate magaala Gimbiiti. "University" Asoosaati barnoota "Accounting" waggaa sadaffaa barachaa Jira baruma kana eebbifama. Anis kanin isa arge osoo inni gara mana kitaaba deemaa jiruuti. Fuulli isaa ifaadha Callisaa namaati.

Gubaan Jaalala isaa erga na waxalutti ka'e bubbuleera. baasee itti himuuf Akka aadaa kooti shamarri dhiira gaafatti osoo hin taane; gaafatamtee deebii kenniti! halkan irribi ija kooti hin dhufu sammuu Koo keessa kan jiru Abdiisaa qofa. Fedhiin nyaataf qabullee baay'ee gadi bu'e. Osoon yeroo mara Isa waliin oole filannoo koo isa angafaati.

Onneen kiyya isaaf akkuma banametti jira. Ijaan hin argin yoon oole illee natti hin tolu. Akka inni gaaffii Jaalalaa naaf dhiyeessuf illee yaali hedduun taasise garuu naaf hin milkoofne. Jaalalli isaa Onnee koo irratti #Cophee keessa kiyya dhuunfate! Mee obboloota koo akkamiin #Abdiisaa Jaalallee kiyya taasifachu danda'aa??? kutaa 2ffaan itti fufa....

Jechoota jaalala

15 Nov, 11:56


#ASOOSAMA_GABAABAA

#MIIRA_KOO

#kutaa_3ffaa

Barr. Jaali Abata

*******

Ufff Firii, Firii koo maalo na dhagahi? jedhee osoo Afaani hin fixin Aayyoon Kumaa koo maali maal taate maalif qofaa dubbatta? maali gurbaa qalbii dabarsite? jettee gaaffi wal walirra na gaafatte. Anis naheen hooma miti Aayyo nan weeddisan jedhe. Isheefis dubbiin waan gale fakkata "Eeyyee weedduun kee garuu kanuma nama tokko ta'e kaa naan jette" Anis ija ishee keessa ilaalu sodaadhen biraa sokke....

Maal akkan balleesse hin beeku Firiin koo na gante. Yeroo baayye maal akkan balleesse beekuuf irra dedebi'ee gaafadhus deebii naaf hin laanne. ijoonni koo yeroo hunda ishee arguuf dharra'aan sun har'a imimmaan roobsaa jiru...

Qaamni koo hunduu waa'ee keef na kirkiru. qor-qalbiin koo yeroo mara faana kee gulufu Arrabni koo yeroo mara maqaa kee weeddisu.... Firii koo maalif gantuu taate? Guyyaa tokko jaalala koo naaf hubatta jedhee osoon abdiin si eeggadhu cira duukkana cillimiitti na gatte? Si jaallachuun koo gatiin isaa kana ta'e?

Ijoonni koo lameen argaa kee dharra'anii si dhabnaan imimmaan arcaasani.
Onneen koo dhukkubsatte waldhaansa kee barbaadani. Caba cabee waldhaansa dhabe. Dhibee keessa kootiif daawwa yeroon dhabu Siin mararsiifadhe, si kudhaammadhe yeroon si dhabu mee akkam tahure Firii koo..... itti fufa.....

Jechoota jaalala

13 Nov, 15:08


Jechoota jaalala pinned Β«#ASOOSAMA_GABAABAA #MIIRA_KOO #kutaa_1ffaa Barr. Jaali Abata add godhaa hordofaa! ****** Jechoonni gara sammuu kootti toora galanii akka ya'aa bishaani natti lola'aanis Ani garuu baase waraqaa irratti katabuuf ammayyu…»

Jechoota jaalala

13 Nov, 15:08


#ASOOSAMA_GABAABAA

#MIIRA_KOO

#kutaa_2ffaa

Barr. Jaali Abata

******

Anis maal irraa akkan eegalu wal laaleen peennaa koo qabadheen Afaan kiyya ittiin rurukutaan qooxii manaa ilaaleen yaadaan dhidhime...... Achii asis deebi'een imaltuu yaadaa jedheen katabuu.. itti fufe...

Imalli yaada koo tokko jedhee eegalee..... Maal jedhee akkan eegalu hin beeku. Guyyoonni hunduu guyyoota duukkanaa natti ta'an si dagachuus si abdachuufis hamileen koo na du'an. Gaarummaa kee yaadee osoon hin turin jechoonni keetiif gochoonni kee warreen faallaa jaalala keenya ta'aan sun fuula koo dura toora galanii dhufan....

Yaanni koo murtii kennuuf eenyuun akka yakkamaa gootu yaadde dhiphina yaadaan gidirfamti. Sitti murteessuuf si jaallata dhiisuuf gochoonni kee dedebi'anii gara kiyya dhufuun ragaa sirratti bahu. har'as waa'ee keef murtii tokkorra osoon hin ga'in hafee jedheen miira aariin peenna kiyya darbachuu qofan yaadadha..... Ammayyu garuu imalli yaadaa hin xumuramne....

Adduunyaa jaalala keessatti dhugaan akka uraa #lilmoo dhiphatti. Sobni fi gochoonni fokkataan garuu dagaagani mullatu. Miira kee nama baayyee jaallattu cina teesse hogganuun baayyee akka ulfaatu ati inni dubbisaa jirtu kun beekta. Garuu dhugaan jiru miira yeroo sanaa hogganuu yoo dandeesse jireenya kee keessatti waanti to'anoo keen ala bahu hin jiru.

Firiin koo har'a na gidirsitus bor guyyaan tokko akka jiru abdiin qaba. Ani Beekan Kumaalaa haga yoomitti jaalala isheen akkan gidirfamu hin beeku. Garbummaa jaalala jalattin kufe... Yoom akkan injifadhu hin beeku. Ufff Firii, Firii koo maalo na dhagahi? jedhee osoo Afaani hin fixin... itti fufa....

Jechoota jaalala

12 Nov, 15:33


#ASOOSAMA_GABAABAA

#MIIRA_KOO

#kutaa_1ffaa

Barr. Jaali Abata add godhaa hordofaa!

******

Jechoonni gara sammuu kootti toora galanii akka ya'aa bishaani natti lola'aanis Ani garuu baase waraqaa irratti katabuuf ammayyu tole hin jenne. Sababni isaa miirri koo isheef yaadota lama gidduu jiru.

Inni tokko Maal siif gooti ati ofii jaallatte faana ishee buute dhiphina yaadaan gidirfamta. Isheen yaada kee kanas waan tole jette siif fudhatte miti? maalumaf ishee faana qoramta? kan jedhee na gaafatu sammuu kooti, kan gaafatamus sammuuma kooti.

Inni lammaffaa immoo Lakki, lakki kun doggoggora malee isheen baayyee si jaallatti garuu baaste dubbachuuf waan sodaa keessa isheeti qabduuf siif himuu dhiiste malee akka si jaallattu fuula ishee irraa beekama. Sanuu ijaan hatte hattee si ilaaluun ishees sanuma mullisa naan jedha.

Yaadota armaan olii Kun sammuu koo keessa asiif achi fiiguun jechoota tooraan gara sammuu kootti yaa'uu sana bittinsuuf yaalu. Anis maal irraa akkan eegalu wal laaleen peennaa koo qabadheen Afaan kiyya ittiin rurukutaan qooxii manaa ilaaleen yaadaan dhidhime...... Achii asis deebi'een imaltuu yaadaa jedheen... itti fufa....

Jechoota jaalala

12 Nov, 15:30


Channel name was changed to Β«Jechoota jaalalaΒ»

Jechoota jaalala

11 Nov, 15:32


Channel name was changed to Β«MELBAA MIIDIYAAΒ»

Jechoota jalalaa

28 Oct, 12:28


Hordoftota chanal jechoota jaalala Namonni gafi qabdan kara fb hiraya ha'a ta'un
https://www.fb.com/l/6lp1kJRRR

Jechoota jalalaa

23 Oct, 12:26


#COPHA_JAALALAA

#Kuulaniif_Latii

#Kutaa_Xumuraa!(3)

#Barr. Jaali Abata

Maal godhu garuu guyyaan Gurraacha sun maalif akka Uumame hin beeku Latii koo kunoo ani jaalalleen kee kuulaniin qara ilaalaan hafe. Rakkoof gadadoon sitti waan cimeef biyyaa godaanuuf akka ati daandii irra buute dhagaheera. Sagalee kees karaan ittiin dhagahu ergan dhabee waggoonni darbaa jiru. Latii koo tarii maalin beeka bishaanni si nyaate, naachaf soorata taatetta ta'aa ? Ayii hiriyyee Koo bara rakkinaa, birmataa koo yeroo maraa Mee eessa jirta siin jedhu?
Garaan koo obsa dhabe iji koo imimmaan lolaasa jiraatti. Latii koo Duute jedhee gadda kee hin teenye jirta jedhee si waliin hin jiraanne, Lubbuu ❀️ koo maalif nama maraate na goote? Siif Jira osoo naan jettu, nagaa osoo natti hin dhaamin barristee badde. Latii koo ani kunoo si dagachuu hin dandeenye. qalbiin koo yeroo mara si waliin gulufaa oolti. Anis karaan danda'e hunda si argachuuf yaalii taasisaan jira. Akka carraa ta'ee karaa Qophii #Copha_Jaalalaa jedhu kanaanin xalayaa kana siif katabe.
#Xumureera! Yoo sitti tole#Share yaadaf qeeqa yoo qabaattan #Comment godhaa!
Barruu biraan haga Walitti deebinutti nagaan naaf turaa! Jaali Abata add gochuu hin dagatinaa!

Jechoota jalalaa

22 Oct, 14:03


#COPHA_JAALALAA

#Kuulaniif_Latii

#Kutaa_2ffaa

#Barr. Jaali Abata hiriyyoonfadhaa!

Nuti lameen Wal hin qaanfanne, akkuma gaafa dhalanneetti jirra Latiin koo miirri isaa danfeera, fuula isaa irraa dafqi tinfuutti ka'eera. uggum maal jaalalli maraachaan akkasii nama jechisiisa! Guyyichi anaaf adda, guyyaa Latiin #Ancaqqeedhan hidhii kiyya dhungateedha! Anaaf Kun yaadannoo jaalalaa Koo isa angafaati.

Yoomiyyuu isa of-cinaa dhabuu hin fedhu baay'een isa jaalladha liphsuu ijaafillee of-cinaa isa dhabuu hin fedhu anaaf inni nama addaati.

Uumaan gaafa uumama uume uumama waliif uume qaba. Anaafis akka dhirsaatti kan naaf uume Latiidha jedheen yaada. Guyyoottan ani isa waliin dabarsu hunduu anaaf guyyoota jiran keessa adda. Maal godhu garuu... itti fufa....... Yaada keessan #Comment godhaa! yoo isinitti tole #Share godhaa!!

Jechoota jalalaa

22 Oct, 12:08


'Balaa ibiddaa Magaalaa Finfinneetti mudate to'achuuf tumsa taasifamaa jiru cinaatti Hilikooptara fayyadamuuf yaalii taasisaa jirra' - Kantiibaa Adaanech Abeebee

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee balaa ibiddaa Markaatoo naannoo Shammaataraatti mudateen miidhaa qabeenyarra ga'eef gadda itti dhagahame ibsaniiru.

Balaa ibiddaa mudate to'achuuf hojjettoota komishinii balaa ibiddaa, qooda fudhattootaafi hawaasa waliin carraaqqiin taasifamaa jiraachuu himan.

Haala daandiirraa kan ka'es konkolaattonni ibidda dhaamsuufi socho'uuf rakkachuu himan.

Kanarraa ka'uunis Hilikooptaratti gargaaramuuf yaalii taasisaa jirra jedhan

Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniitiin dabarsaniin qaamoleen ibiddicha to'chuuf carraaqaa jiran tumsa eegalan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru. Via OBN

Jechoota jalalaa

21 Oct, 14:51


#COPHA_JAALALAA

#Kuulaniif_Latii

#Kutaa_1ffaa

Barr. Jaali Abata
#Asoosama, Seenessa_Jaalalaa fi kan kana fakkatan dubbisuuf #Jaali_Abata hiriyyoonfadhaa!

#Yeroo_dubbisa_gaarii!

Afuurri ko oliif gadi deebi'uu dadhabeera
Qaamni koo hunduu of dadhabaniiru.
Harki isaa na susukkuumuun na butucheera, yeroo inni natti jedhee dhungoon na haleelu anis miiraa koon to'achuu dadhabe. Dabaree koon isa gangalchuutti ka'e.

Waanan injifadhe natti fakkate! Akkuma fedhii koottiin isa susukkume. Hidhii isaa walakkaan dhungoon isa haleele, gorora isaa damma, damma jedhu sanan dhandhamadhe. Nuti lameen Wal hin qaanfanne, akkuma gaafa dhalanneetti. itti fufa.... #Share_comment gochuun yaada keessan naaf qoodaa!

Jechoota jalalaa

17 Oct, 12:23


#Uffee....

#Kutaa_Xumuraa!

Barr. Jaali Abata Add godhaa!

Firii koo in yaadatta ishee gaafa baargamoo obbo Birbirsoo keessa wal ammannee osoo teenyu hidhiin kootif kee wal xuqee maal godha garuu gorora kee isa damma, damma jedhu sana osoon hin dhandhamin sagaleen obbo Birbirsoo walirra nu kaachise..

Ijoo koo qara ilaala hafte naaf dhufta jedhee osoon si eeguu cira badde. Maal ta'a osoon si waliin wal baruun koo cira hafeera ta'e? Firii koo si dagachuun dadhabe nan yeelale.... Onneen koo na kirkire.... qaamonni koo hunduu na laamsha'aan miironni koos jajjabaachuuf hamilee kee dhaban....

Maal jedhee akkan xalayaa ishee dhumaa siif katabu wallaaleen keessa koo waliin wal dhaansoo qaba. Jaalalaan na madeessitee baduu kee yaadadheen si arrabsuuf jechoota soquu eegale.... Peennaa kiyya quba gidduutti galchadheen cittuu waraqaa irratti katabuuf... eegale.... ✍️. Firii koo jechoonni sammuu koo keessa toora galan garuu waa'eema jaalala keeti Leellisu, si arrabsuuf isan yaade dhiiseen ittuu si eebbise Lubbuu koo eessa jirtaa? Ani Jaallataan kee kunoo si eegaan jira Uffee jedheen Afuura dheeraa baafadheen goolabe ..... #Xumureera!
Maxxansa biraan haga walitti deebinutti nagaan naaf turaa!

Jechoota jalalaa

16 Oct, 12:29


#Uffee......

#Kutaa_3ffaa.....

#Barr. Jaali Abata Add godhaa!

Agartuun koo si arguuf si dharra'e, duukkana cillimii keessa ta'een foolii kee yaade maaluma ta'aa laata yoo barriste naaf dhufte onnee siif wargamtu kana yoo gammachuun guutte miira koo si yaade buusaan qaama kiyyaa walii adda deemu kana yoo dhufte waldhaante? Firii koo eessa jirtaa? Maalo asan jira naan jedhi......

Guyyootan si waliin dabarse yaadadheen garaan kiyya na mooga'e. Firii koo in yaadatta ishee gaafa baargamoo obbo Birbirsoo keessa wal ammannee osoo teenyu hidhiin kootif...... itti fufa......

Jechoota jalalaa

15 Oct, 03:15


#Uffee...

#Kutaa_2ffaa.....

Barr. Jaali Abata Add godhaa!

******
Onneen koo jaalala isheen afuufamte waan dhohuuf kaate fakkaatti. Miironni koo hunduu isheef na kirkiru. Maqaan ishee onnee koo irratti waan katabame jiru fakkaata arrabni kiyya osoo hin waamin hin oolu. Ayii Firii......

Ergan peennaa koo dhabee irribnis isuma faana waan bade natti fakkate.. Sireen koos bara baayyee qophaa narra ciiste narra ka'i waan jedhu natti fakkata. Uffanni halkaniis natti ho'anii Sireen waliin waliif galani waan na ari'an natti fakkate Anis suuta jedheen cufaa mana kootii saaqadhen gara alaatti gadi ba'e....

Baay'ee duukkana'aa waan jiruuf suuta jedheen harkaan waanin irra ta'uu barbaaddadhen gadi ta'e.... Dacheen kun hunduu callisaan guutameera.... halkan keessa sa'aa 8:00 ni ta'aa...darbe darbee sagalee sareetu fagoodha dhagahama. Gara samii yeroon ilaalu uurjota qofatu muldhata.... Ufff Firiin koo yoona irriba keessa jirti miti jedheen yaadan gara isheetti imale....... itti fufa...

Jechoota jalalaa

06 Oct, 11:24


https://t.me/kiyadram_a
Diraamaa bareda afaan Amaaraan bareda kan ta'e
Link armaan gadii tuquun seena dawadha πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/kiyadram_a

Jechoota jalalaa

02 Oct, 12:20


#Uffee....
#Kutaa_1ffaa
Barr. Jaali Abata

Keessi ishee gara jabummaan waan weerarameef kanan jedhee katabuuf wallaleen Aariidhan peennaa darbachuu qofan yaadadha.... Oolee bulees garuu waa'ee ishee dagachuun dadhabe. Firii koo garaa na raaste, keessi koo isheef na wargame... yaadonni eda naaf dhufuu didan harra immoo gara kiyyatti dambali'uu eegalan.... Jechoonni eda toora irraa badanis wal waamani himootan ijaaramani keeyyata, keeyyataan wal qoodani maaloo na barreessi maaloo na barreessi jechaa jiru... Anis obsuu dadhabeen iddoon rafuuf ciise gototamaa ka'een ifaa koo ibsadheen barreessuuf peennaa koo fudhuuf yeroon hiixadhu hin jiru..... Akkan eda darbadhee keenyan manaatti rukute cacabse yaadadhen miira muffin uffee jedheen ......

Jechoota jalalaa

01 Oct, 12:40


https://www.clickoekwages.buzz/p?1001970359508654166
Hoji online hara Ethiopi keessa amnisisa Kan ta'e namota gurpi kana keessa hin jiref Sher akka hin gone akka hin goyomne

Jechoota jalalaa

27 Sep, 17:05


Baarichoo, Baarichoo sagaleen jedhu isaan cinaa dhagahame innis rifate yeroo ofirra ilaalu kan gara isaatti fiiga jiru Siddeseedha. Dhuftee miilla isaa ishee hafte sanatti kuftee dhiifama naaf godhi Baarichoo yeroo jettu. Sagalee laafan Baarichoon Siddise sitti barfateera jedhee hawwii waliin biraa sokkan...
#Xumurameera!!

Asoosama biraan haga walitti deebinutti nagaatti naaf turaa!
Warreen yaada karaa gara garaa naaf kenna turtan immoo baay'ee naaf jiraadha! isinin jaalladha!

1,934

subscribers

108

photos

8

videos