Liivarpuul tapha Piriimiyerliigii Ingiliiz galgala kana sa'aatii 1:30tti Anfiilditti morkataa seena qabeessa Maanchistar Yunaayitid waliin taphata.
Haa ta'u malee, Mirror Sports akka gabaasetti taphi kilaboota lamaan gidduutti taasifamu sababa haala qilleensaa hamaa Ingilaandi Merseyside keessatti mul'atuun yeroo biraatti darbuu malaa jedha jira.
Manni Maree Magaalaa Liivarpuul taphichi taphatamuu fi dhiisuu isaa har'a akka murteessu ibsameera.
Mul'anni bakka sanaa mul'ata, halkan edaa irraa eegalee qilleensi hamaa ta'ee fi qorri Merseyside irratti mul'ate agarsiisa.
Haalli qilleensaa hamaan naannoo sana jirus imala Maanchistar irraa akka gufachiisu yaadni dhiyaateera.
♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿ
https://t.me/Ispoort_time
Ispoort Time