Latest Posts from Ispoort Time™️ (@ispoort_time) on Telegram

Ispoort Time™️ Telegram Posts

Ispoort Time™️
Chaanaalii kana jalatti Oduu
Ispootii yeroo yeroodhaan
Ni Argattu

#Taphoota_Liigota_gurguddoo
#Awurooppaa_shanan_kallattiin_hordofuu_ni_dandeessu.

Imalli keessan
Dirree ispoortii faana ha ta'u
1,335 Subscribers
3,570 Photos
262 Videos
Last Updated 06.03.2025 02:59

Similar Channels

ORO-CRYPTO
8,247 Subscribers
Motivation Tips
4,552 Subscribers

The latest content shared by Ispoort Time™️ on Telegram

Ispoort Time™️

05 Feb, 17:14

261

Waan leenjistoonni gurguddoon waa'ee Kiristiyaanoo Roonaaldoo dubbatan isaan murasaa

Aleeks Faargusaan

🗣 "Murteen koo hundarra gaariin Ispoortiing Liisbaan irraa mallatteessisuu ture. Nama Maanchistar Yunaayitid Awurooppaa keessatti daran guddisedha."

Joozee Mooriinihoo

"Liyooneel Meesiin taphataa cimaa pilaaneetii kanaa yoo ta'e, Kiristiyaanoo Roonaaldoo taphataa cimaa addunyaa kanaati."

Zineediin Ziidaan

🗣 "Gareen tokkoof akka rasaasaati, kilabni inni deemu kamiyyuu milkaa'aadha."

Peep Gaardiyoolaa

🗣 "Kiristiyanoo Roonaaldoo taphataa tilmaamuun hin danda'amnedha, bakki isaa gadi bu'us garee koo irratti goolii galchuu hin dhiisu."

Diyeegoo Simi'onee

🗣 "Amantaan isaa na ajaa'ibsiisa. Gonkumaa saayikoloojiidhaan isa mo'uu hin dandeessu."

Kaarloo Anchelootii

🗣 "Taphataan yeroo hunda caaludha. Galata isaaf bara leenjisummaa kootti Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa akkan injifadhu baay'ee na gargaareera."


@Ispoort_time
@Ispoort_time
Ispoort Time™️

28 Jan, 11:41

418

🚨 Taphataan sarara fuulduraa Atalantaa lammii Naayijeeriyaa Ademola Luckman shaakala irratti jilba isaa irratti miidhaan irra gahe jedhameera.

Kana hordofuun Lookman tapha boruu galgala Baarseloonaa waliin taasisan irraa hafuu akka malu gabaafamaa jira.

Atalantaan tapha Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa boru galgala sa'aatii 5:00 irratti Baarseloonaa waliin ni taphata.

Tapha kana abbaa murtii Ingilizii Maayikeel Oliivar ta'a.

Share godhaa
Ispoort Time™️
@Ispoort_time
Ispoort Time™️

27 Jan, 20:46

354

🚨Dorgommii garee waancaa Afrikaa ifoome!

Dorgommii waancaa Afrikaa bara 2025f Morookoon qopheessitu carraan gareen gaggeeffamu daqiiqaa muraasa dura magaalaa guddoo Morookoo Raabaatti gaggeeffameen ifoomeera.

Gareen biyyoolessaa 2️⃣4️⃣ waancaa Afrikaa irratti hirmaatan morkattoota garee isaanii baraniiru.

Biyyi keessummeessituu waancichaa Morookoon garee tokkoffaan Maalii, Zaambiyaa fi Koomoroos waliin kan morkatan ta'a.

Waltajjiin garee maal fakkaata?

Garee Tokko: Morookoo, Maalii, Zaambiyaa fi Koomoroos

Garee Lammaffaa: Afrikaa Kibbaa, Masrii, Angoolaa fi Zimbaabuwee

Garee Sadii: Naayijeeriyaa, Tuuniziyaa, Yugaandaa fi Taanzaaniyaa

Garee Afur: Senegaal, Koongoo, Beeniin fi Bootswaanaa

Garee Shanaffaa: Aljeeriyaa, Burkinaa Faasoo, Ikuwaatooriyaal Giinii fi Sudaan

Garee Jahaffaa: Ayvoorii Koost, Kaameeruun, Gaaboon fi Moozaambiik

Share godhaa
@Ispoort_time
Ispoort Time™️

23 Jan, 13:09

445

🚨✅️Riyaal Vaalaadooliid Maanchistar Siitii himate!

Kilabiin Laaliigaa Ispeen Riyaal Vaalaadooliid Maanchistar Siitiin taphataa Jumaa Baah kontiraata isaa akka addaan kutu affeere jechuun himate.

Maanchistar Siitiin taphataa sarara ittisaa giddu galeessaa ganna 18 Jumaa Baah mallatteessisuuf waliigalteerra gahuun gabaafame.

Taphataan kun garee akkaadaamii Riyaal Vaalaadooliid waliin waliigaltee kan qabu yoo ta'u, keewwatni gadhiifamuuf Yuuroo miiliyoona 6 akka ta'u himama.

Taphataan kun garee akkaadaamii irraa akka garee guddichaaf Riyaal Vaalaadooliidiif mallatteessisuu gaafatame, garuu diduu isaa yeroo ifa ta'u Yuuroo miiliyoona 6 kaffalee kontiraata isaa akka addaan kutu gaafate.

👉Keewwatni gadhiifamuu Riyaal Vaalaadooliid osoo taphatichi kontiraata isaa garee tokkoffaaf mallatteessee gara Yuuroo miiliyoona 💶30tti ol guddata ture.

Murtee taphaticha duuba Maanchistar akka jiru Riyaal Vaalaadooliid ibseera.

Kilaboonni biroo jijjiirraa taphatichaaf maallaqa fooyya'aa akka dhiyeessan Riyaal Vaalaadooliid agarsiiseera.

Share Share godhaa

@Ispoort_time
@Ispoort_time
Ispoort Time™️

23 Jan, 12:09

297

📊Kilaboota Awurooppaa bara dorgommii darbee kaasee hanga har'aatti galii hedduu sassaabbatan.


♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿ
@Ispoort_time
@Ispoort_time
Ispoort Time™️

23 Jan, 09:51

309

🚨Siitiin ji'a kana keessa jijjiirraa irratti baasii meeqa baase?

Bara dorgommii gadi bu'aa dabarsaa kan jiru Maanchistar Siitiin jijjiirraa baatii Guraandhalaa irratti garee isaa cimsaa jira.

Maanchistar siitiin baatii Guraandhalaa keessa jijjiirraa sadii kan xumure yoo ta'u, guyyoota itti aanan keessatti sarara gidduu isaanii ni cimsa jedhamee eegama.

Maanchistar Siitii baatii kana keessa

- Abdukodr Kusanov Yuuroo miiliyoona 50n
- Resen Yuuroo miiliyoona 35
- Omar Mermush Yuuroo miiliyoona 75n mallatteessaniiru.

💶 Maanchistar Siitiin garee isaanii cimsuuf ji'a kana keessa jijjiirraa irratti Yuuroo miiliyoona 160 baaseera.

Share godhaameee
Ispoort Time™️
@Ispoort_time
Ispoort Time™️

23 Jan, 09:43

307

🚨 "Abjuun koo dhugoomeera".

Taphataan lammii Masrii Omar Mermush gara Maanchistar Siitiitti makame Kilabichaaf mallatteessuu ''waan yoomiyyuu hin daganne'' jechuun ibseera.

''Gareewwan addunyaa keessaa warra ciccimoo ta'an Maanchistar Siitiif mallatteessuun miira nama hin amansiifnedha, guyyaa ani yoomiyyuu hin daganne,'' jedhe Omar Mermush.

Taphataan kun itti dabaluudhaan, "Asitti argamuuf abjuun qaba ture, abjuun koos dhugoomeera" jedheera.

"Baay'een gammada, maatiin koo baay'een boona, lammii Masrii jalqabaa Maanchistar Siitiif taphate ta'uu kootti nan boona."

Taphataan lammii Masrii Omar Mermush Maanchistar Siitiitti shamizii lakkoofsa 7 uffachuuf jira.

Share godhaa
Ispoort Time™️
@Ispoort_time
Ispoort Time™️

22 Jan, 22:07

286

Taphoota Shaampiyoons Liigii Awurooppaa har'a taphatamu.

Xumurame
Arsenaal 3-0 Dynamo Zagireeb
⚽️D. Raayis 2'
⚽️Havartez 66'
⚽️Odegaard 90+

PSG 4-2 Maanchister Siitii
⚽️Dembelee 56' ⚽️Grilish 50'
⚽️Barkoolaa 60' ⚽️Haalaand 53'
⚽️J. Neveez 79'
⚽️G. Raamoos 90+3'

Riyaal Maadriid 5-1 Saalizbarg
⚽️Roderigo 23' 35' ⚽️Bidstrap 85'
⚽️Mibaapee 48'
⚽️V. Juneer 55' 77'

AC Milaan 1-0 Jiroonaa
⚽️R. Liya'o 37'

Seeltik 1-0 Reenjers
⚽️Bento (og) 86'

Feynoord 3-0 Baayer Muuniink
⚽️Himinez 21'
⚽️Himinez 45+ P
⚽️Ueda 89'

Spartaa Praag 0-1 Inter waliin
⚽️L. Maartineez 13'

@ispoort_time

♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲      🔕         ✉️   
ˡᶦᵏᵉ    ˢᵃᵛᵉ    ˢʰᵃʳᵉ   ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
Ispoort Time™️

22 Jan, 09:47

345

🚨Naapooliin Yunaayitidiif meeqa dhiyeesse?

Kilabiin Serie A Xaaliyaanii Naapooliin taphataa sarara fuulduraa Maanchistar Yunaayitid Alejandro Garnacho fudhachuuf carraaqqii cimaa taasisaa akka jiru himamaa jira.

📞 Leenjisaan Naapoolii Antooniyoo Koonteen bilbilaan Alejandro Garnacho waliin haasa'ee taphataa kana mallatteessisuuf waliigaltee irratti hojjechaa akka jiru himamaa jira.

Naapooliin Alejandro Garnacho fudhachuuf Yuuroo miiliyoona 50 dhiyeessuuf qophii ta'uu kan himamu yoo ta'u, Maanchistar Yunaayitid ammoo waliigaltee fooyya'aa gaafachaa akka jiru himamaa jira.

🔵🟦 Kilabiin Weesti Landan Cheelsiin taphataa kanaaf fedhii akka qabus himamaa jira jedha Fabrizio Romano.

Share godhaa
@Ispoort_time
Ispoort Time™️

22 Jan, 07:35

244

🚨✅️Taphattuun sarara ittisaa ganna 24 No'amii Girmaa Cheelsiif yoo mallatteesse, seenaa kubbaa miilaa Cheelsii keessatti dhalattuu Lammii Itoophiyaa isa jalqabaa ta'a.

Gareen dubartoota Cheelsii gatii Rikoordii adunyaa ta'en kilabii Ameerikaa Sandiyaagoo Weev irraa No'aamin Girmaa fudhachuuf waliigalteerra gaheera.

Cheelsiin jijjiirraa Kanaaf doolaara miliyoona 1.1 kan baasan ta'a.

♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
https://t.me/Ispoort_time

@Ispoort_time
@Ispoort_time