Namummaa Isa Haaraa
Efe 4:24
# Waa'ee namummaa haaraa yeroo dubbannutti isa dura namummaan moofaa tahe tokko akka jiru beekamaadha!!!
Namummaan moofaan kunis:-
1) Namummaa isa waaqayyo malee jiraatudha. Efe 4:22
*Namummaa isa waaqayyoof hin bulle jechuunis waaqayyoon isa ofirratti hin moosifneedha.
2)Namummaa cubbuun irratti moo'edha. Qol 3:5-9
*Cubbuun irratti kan moo'e jechuun namummaa cubbuuf garba tahee hojjetuudha.
3)Namummaa qajeelaa hin taaneedha.
*kunis hojii fayyinaa kiristosiin hojjetame amantiidhaan eenyummaa hin fudhanne waan taheefidha
#Egaa namummaa inni haaraan kun isa moofaa kanarraa raawwatee adda kan taheefi Qofaatti Kiristaanonni eenyummaa waaqa biraa arganne kennaa guddaadha
Egaa Namummaan inni Haaraan kun:-
1)Namummaa Cubbuu jalaa du'eedha. Rom 6:11 "6:6
* Namummaa cubbuun irratti hin mooneedha. Namni yeroo du'u dhagna isaa du'een cubbuu hojjechuu gonkumaa hin danda'u ykn cubbuun isa irratti gooftummaa hin qabaatu. Namummaan inni haaraan kunis cubbuu jalaa isa du'eedha.
2)Namummaa qajeelaa taheedha. 1Qor 6:11
*Kunis qajeelummaan kiristoos isaaf lakkaa'ameetu. Qajeelummaa amantiidhaan argamudhas.
3)Namummaa Qulqullummaa eeggatuudha. Efe 2:24
# Nuti kiristaanoonni foon uffannee biyya lafaa irra yeroo jiraannutti namummaa haaraa uffanneerra. Haa tahuyyuu malee eenyummaa haaraan kun gara isa akka fakkaattii isaatti isa uumetti guyyuma guyyaatti eenyummaa haareffamaa jiruudha! Efe 4:24
Egaa Adeemsaa fi jireenya keenya keessatti dadhabbiin karaa foonii nutti dhagahama, foon keenya inni nuti uffannee jirrullee fedhii mataa isaa akka guunnuuf nu abbooma haa tahu iyyuu malee wantoonni nuti jireenya keenya keessatti keessummeessinu isa nu keessa buufatee jiru hafuura qulqulluu kan hin gaddisiifne tahuu qaba!Rom 8:9
#Karaa hafuuraa garuu hojii namummaa isa moofaa akkasumas fedha foonii isaa waaqayyoo nurraa hin feene ajjeesneerra! Jalaas duuneerra! Rom 8:13 Rom 6:6
Waanti du'e ammoo jiraachuu, deddeebi'uu, hojjechuu hin danda'u.
《 FOCUS WKU | DS Team | 2017 》