FBC Afaan Oromoo @fbcafaanoromo Channel on Telegram

FBC Afaan Oromoo

@fbcafaanoromo


Maddi Oduulee: FBC AFAAN OROMOO

Maxxansa Public FBC Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbuu miti, hubadhu.
Sababaadhuma isaan Telegramaan odeeffannoo Maxxansaa hin turreef, Bara 2019 irraa hundeesse.

↪️ Contact: @admiinii_bot

FBC Afaan Oromoo (Afaan Oromoo)

FBC Afaan Oromoo waa kanale artistoota Afaan Oromoo keessatti argamu. Kan ilee Afaan Oromoo fi aadaa Afaan Oromoo fi maqaa afaan Oromoo keessatti walaaleefamuu qaba. Kanaleen bakka jirutti media torban xalayaa fi hidhameefi mediaan yeroo jabaata jira. FBC Afaan Oromoo kanaleen saba Oromoo qofaa ganama jedhu yoo saamame kan baay'inaan aadaa fi afaanuma Oromoo irraa gara Oromoo jirata. FBC Afaan Oromoo jiraattota Oromoo, aartii Oromoo fi aanteen Oromoo irratti turti kanaleen jirutti walitti fufa.

FBC Afaan Oromoo

10 Jan, 06:38


Taatee eda Kibbaa fi Kibba Lixa Itiyoophiyaatti Samiirratti mul’ate
Finfinnee, Amajjii 2, 2017 (FMC) – Eda galgala naannawaa sa’aatii 1:30 Taateen addaa Kibbaa fi Kibba Lixa Itiyoophiyaatti Samiirratti mul’achuu Waldaan Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa beeksise.Kutaalee Kibbaa fi Kibba Lixa Itiyoophiyaatti wanti tuuta Qaanqee Ibiddaa fakkaatuu samiirra socho’aa turuu ibseera.Godinaalee Gujii fi Booranaatti qaanqeen kun samii keessa balali’aa turuu dhaabbatichi himeera.Wantoonni kunneen gara Kallattii Kibba Itiyoophiyatati waayita saffisaan socho’an mul’achuu ibseera.Taateen kun Taatee uumamaa ta’uu isaa mirkaneessuuf hojiin qulqulleessaa hojjetamaa jiraachuu eereera.Hojiin qulqulleessuu akkuma xumurameen hawaasaaf kan ifoomsu ta’uu himeera.Hojiin qulqulleessuu hanga xumuramutti hundi tasgabbiin akka eeguu waamicha dhiyeesseera.#Oromia #Ethiopia

FBC Afaan Oromoo

29 Dec, 11:59


Godambaan Masaraa biyyaalessaa daawwannaaf banaa ta’e
Finfinnee, Mudde 20, 2017 (FMC) – Godambaan Masaraa biyyaalessaa daawwannaaf banaa ta’uu Waajjirri Ministira Muummee beeksise.Masaraan Dhaloota dhufuuf fakkeenya boonsaa fi kaka’umsa waaraa ta’e daawwannaaf banaa ta’uu isaa himeera.#Oromiyaa #Ethiopia

FBC Afaan Oromoo

29 Dec, 11:59


Dooktar Geediyoon Ministira Dhimma Alaa Jibuutii waliin mari’atan
Finfinnee, Mudde 20, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Dhimma Alaa Jibuutii Mahaammad Alii Yesuuf waliin dhimmoota waloo fi naannawaarratti mari’atan.Hariiroon biyyoota lamaanii kan bara dheeraa ta’uu Dooktar Geediyoon eeruun, tumsi biyyoota ollaa kun akka fakkeenyaatti kan ilaallamu ta’uu ibsaniiru.Biyyoonni lamaan nageenya naannawichaaf gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru.Itiyoophiyaa fi Jibuutiin hariiroo Diinagdee, Daldalaa fi Tajaajila Buufataa qaban caalmaatti cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.#Oromiyaa #Ethiopia

FBC Afaan Oromoo

28 Dec, 11:06


Koreen Giddugalessa Paartii Badhaadhinaa walga’ii gaggeessuu eegale
Finfinnee, Mudde 19, 2017 (FMC)-Koreen Giddugalessa Paartii Badhaadhinaa walga’ii gaggeessuuu eegaleera.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gama Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin,har’a ganama tattaaffiiwwan taasifamaa jiranirratti mari’achuuf Koreen Giddugala Paartii Badhaadhinaa walga’ii eegaleera jedhan..

FBC Afaan Oromoo

28 Dec, 11:06


Qabeenyi Waliigalaa Baankichaa Birrii Tiiriliyoona 1.9 qaqqabuun ibsame
Finfinnee, Mudde 19, 2017 (FMC)- Qabeenyi waliigalaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Birrii Tiiriliyoona1.9 qaqqabuu Pireezidaantiin Baankichaa Abbee Saanoon ibsan.Baankichi kanaan dura ijaarsa Pirojektoota guguddoof dhala xiqqaan Birrii biiliyoonan lakka’aman liqeessaa turuu ibsuun,Kanaanis baankichi rakkoo keessaa turuu Pireezidaanti Abbeen himaniiru.Amma garuu foyya’insa taasifameen Baankichi cee’umsaa fi milkaa’inoota guguddoo irra jiraachuu kaasaniiru.Erga Imaammanni Fooyyeessi Diinagdee Gooroo hojirra oolee as sochiin waligalaa baankichaa sadarkaa olaanaatti cee’uu ibsaniiru.Haaluma kanaan qabeenyi waliigalaa Baankichaa Birrii Tiiriyoona 1.9 fi Qusannaan waliigalaa Birrii Tiiriliyoona 1.4 qaqqabuu ibsuu TOI gabaaseera.

FBC Afaan Oromoo

27 Dec, 11:32


IGAD Hospitaala Waliigalaa Negeellee Booranaaf deeggarsa taasise
Finfinnee, Mudde 17, 2017 (FMC)- Dhaabbanni Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Hospitaala Waliigalaa Negeellee Booranaaf deeggarsa meeshaalee wal’aansaa Birrii miiliyoona 20’tti tilmaamamuu taasise.Deeggarsichi karaa Barreessaa Olanaa IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoon, Dhaabbata Tola Ooltummaa “Humna Bridge” jedhamurraa ta’uun ibsameera.Deeggarsichi meeshalee tajaajila ciibsanii wal’aanuu, meeshalee laabiraatoorii fi kanneen biroo ta’uun ibsameera.Sagantaa walharkaa fuudhiinsa deeggarsichaarratti Itiyoophiyaatti Waamamaan IGAD Obbo Ababaawu Bihoonanyi, Daayrektara Olaanaa Tajaajila Dhiyeessii Qorichaalee Itiyoophiyaa Dooktar Abdurqaadir Galgaloo, Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bokonaa Guutaa Dabalatee hoggantoonni Godinaa Booraana Bahaa argamaniiru.Deeggarsi taasifame tajaajila hospitaalichaa kan guddisu ta’uu eerameera.Hospitaalichi lammiilee naannawaa...

FBC Afaan Oromoo

27 Dec, 11:32


Konkolaattota Boba’aa yeroo dheeraaf tajaajilan kan Elektirikaan bakka buusuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Mudde 18, 2017 (FMC) – Hojiin Konkolaattota Boba’aa yeroo dheeraaf tajaajilan kan Elektirikaan bakka buusuu hojjetamaa jiraachuu Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee beeksise.Magaalichatti Konkolaattoonni moofaan Boba’aan hojjetan gadi lakkifama Kaarbaniif sababa olaanaa ta’aa jiraachuu Hogganaan Biiroo Geejjiba Magaalaa Finfinnee Yaabibaal Addis dubbataniiru.Konkolaattota kanneen kan Elektirikaan bakka buusuuf Mootummaa Federaalaas ta’ee bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.Yeroo ammaa Konkolaattonni Humna Elektirikaan socho’an heddumminaan tajaajila kennuu eegaluu himaniiru.Balaa Konkolaataa hir’isuu fi nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojiin Geejjiba Motar maleeyyii guddisuu barbaachisaa ta’uus eeraniiru.Biirichi fedhii Geejjiba hawaasa magaalichaa guutuuf, akkasumas dhiphina Tiraa...

FBC Afaan Oromoo

27 Dec, 11:32


Hanga halkan sa’aatii 4:00tti daballii taarifaa malee tajaajilli Geejjibaa akka kennamu biirichi hubachiise
Finfinnee, Mudde 18, 2017 (FMC) – Qaamoleen Magaalaa Finfinneetti tajaajila geejjiba Ummataa kennan taarifa idileen hanga sa’aatii 4:00’tti tajaajila akka kennan biiroon Geejjiba magaalichaa hubachiiseKaabineen bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Tajaajilli Geejjiba Ummataa hanga halkan sa’aatii 4:00tti akka itti fufu murteessuun kan yaadatamuudha.Akkaatuma murtichaan Awutoobisoonni, Miinii Baasiiwwanii fi kanneen biroo daballii taarifaa malee hanga halkan sa’aatii 4:00tti tajaajila akka kennan Biirichi hubachiseera.

FBC Afaan Oromoo

22 Dec, 03:57


Afaan Oromoo Telegram channels.
___________________________________________
BBC NEWS : @bbcAfaanOromoo

FBC : @fbcAfaanOromo

VOA : @voaAfaanOromo

FBC Afaan Oromoo

06 Nov, 11:44


Dooktar Abiy, Pireezidaantii Rippaablika Seeraaliyoon waliin mari’atan
Finfinnee, Onkololeessa 27, 2017 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Pireezidaantii Rippaablika Seeraaliyoon Juuliiyes Maadaa Baayyoo waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.Pireezidaanti Juuliiyes Maadaa Baayyoo Waajjira isaaniitti simachuun dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’achuu isaanii Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia

FBC Afaan Oromoo

06 Nov, 08:12


Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaan Doonaald Tiraamp dursaa jiru
Finfinnee, Onkololeessa 27, 2017 (FBC) – Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa 47ffaan Doonaald Tiraamp dursaa jiraachuu ibsame.Bu’aan filannoo bulchiinsoota 7 injifannoo filannichaaf murteessoo ta’an eegamaa jira.Tiraampi bulchiinsota murteessoo ta’an keessaa Kaaba Kaaroolaayinaa fi Joorjiyaa injifachuu isaanii eerameera.Bu’aa filannoo hanga ammaatti beekameen Tiraamp teessoo 247 yoo injifatu, Kaamaalaa Hariis teessoo 210 injifachuu Washingitan Post fi CNN gabaasaniiru.#Oromia #Ethiopia

FBC Afaan Oromoo

27 Oct, 10:07


Paarkichi Zayita Avookadorraa oomishe yeroo jalqabaaf gabaa alaaf dhiyeesse
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC) –Paarkiin Indaastirii Agroo Giddugaleessaa Diillaa Zayita Avokaadoorraa oomishe yeroo jalqabaaf gabaa Alaaf dhiyeessuu beeksise.Zayita Avookaadoo leetira kuma 22 gabaaf dhiyeessuu himeera.Zayinni yeroo jalqabaaf dabaree tokkoon oomishame leetirri kumni 22 gabaa alaaf dhiyaachuu eerera.Yeroo itti aanu gabaa Awurooppaa fi Ameerikaaf dhiyeessuuf walitti hidhamiinsi gabaa uumamuu himameera.Dabalataan Bunattis Sona dabaluun gabaa alaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuus ibsameera.Paarkii Indaastirii Diillaa keessati Abbootiin qabeenyaa 10 Zayita Avookaadoo, Bunaa, Aannanii fi Damma qindeessurratti bobba’uu Hojii Raawwachiisaan Olaanaan Misoona Paarkiiwwan Indaastirii Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Birhaanuun dubbachuu TOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia

FBC Afaan Oromoo

27 Oct, 10:07


Kaappitaala Birrii biiliyoona 2 kan hundaa’e Maanufaakcheriingiin Galiilaa hojii eegale
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC) – Kaappitaala Birrii biiliyoona 2 kan hundaa’e Maanufaakcheriingiin Galiilaa Paarkii Indaastirii Boolee Lammii keessatti hojii eegaleera.Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa paarkicha keessatti hojjetaa jiran lammiilee hedduuf carraa hojii uumuu Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaan Olaanaan Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa Zaman Juunaddiin ibsaniiru.Akkasumas oomishaa alaa galaa turan biyya keessatti oomishuun shafara alaa hambisuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu eeraniiru.Dhaabbanni Dhuunfaa Itti Gaafatamummaan isaa murtaa’e Galiilaa Maanufaakcheeriing har’a ifatti paarkicha keessatti Kophee oomishuu eegaluu himaniiru.Lammiilee kuma 1 oliif carraa hojii kan uume ta’uus dubbataniiru.Sisaay Geetinnatiitu gabaase.#Oromia #Ethiopia

FBC Afaan Oromoo

27 Oct, 10:07


Baatiwwan sadan darban Agoobarri Miiliyoonni 2.2 raabsamuun ibsame
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC)-Baatiwwan sadan darban weerara dhibee Busaa ittisuuf Agoobarri miiliyoonni 2.2 raabsamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.Ministeerichi qorichaalee farra busaa fi Agoobara raabsuun weerara dhibee busaa ittisuuf hojitti galuu ibseera.Facaatii dhibichaa ittisuu fi to’achuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu Ministeerichatti Daayrektarri Ittisaa fi To’annoo Dhukkuboota Dooktar Hiwoot Salamoon ibsaniiru.Baatiwwan sadan darban lammiilee miiliyoona 6.6 oliif qorannoo taasisuun lammiileen miiliyoonni 2.9 dhibee busaan qabamuu isaanii eeruu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

FBC Afaan Oromoo

22 Oct, 17:32


Seenesssa dogoggoraa Oromoo ilaalchisee barreeffamaa turan sirreesuuf inistitiyuutichi hojjechaa jiraachuu ibse
Finfinnee Onkololeessa 12, 2017 (FBC)- Seenesssa dogoggoraa ummata Oromoo ilaalchisee barreeffamaa turan sirreesuuf Inistiitiyuutii Qo’annoo fi Qorannoo Oromoo xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu ibse.Inistiitiyuutichaan kan qophaa’e waltajjiin leenjii Qorattootaa mata duree “Seeneessa dogoggoraa, qorannoon adda baasuun, seenessa waloon bakka buusuun, dandeettii ogummaa qorattootaa leenjiin gabbisuun murteessaa dha” jedhuun, Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jjra.Daarekteerri Olaanaa Inistiitiyuutiichaa Dooktar Dirribaa Tarrafaa haasawaa taasisaniin, seenesssa dogoggoraa uummata Oromoo irratti barreeffamaa ture sirreessuudhaaf, Inistiitiyuutiin Qo’annoo fi Qorannoo Oromoo gahee gudda bahachaa jiraachuu eeran.Kitaabota garaagaraa dhimma Afaan, Aadaa, Seenaa fi Aartii Oromoo irratti xiyyeeffatan maxxansuun, ummataaf dhi...

FBC Afaan Oromoo

22 Oct, 17:32


Hojiirra oolmaa Imaammaata nageenya Saayibeeriif qooda fudhattoonni gahee isaanii akka bahatan gaafatame
Finfinnee Onkololeessa 12, 2017 (FBC)-Imaammaata nageenyaa Saayibeerii biyyaalessa hojiirra oolchuuf qooda fudhatoonni gahee isaanii bahachuu akka qaban gaafatame.Bulchiinsi Nageenyaa Odeeffannoo baatii Nageenyaa Saayibarii 5ffaa sababeeffachuun mata duree ”Imaammata Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa fi gahee qooda fudhatootaa” jedhuun waltajjii marii gageggeesseera.Daarekatarri Olaantuu Bulchiinsa nagenyaa Odeeffannnoo Tigisti Hamdii maricharratti imaammanni Nageenyaa saayibarii nageenya bu’uuralee misoomaa mirkaneesuuf kan tumsu ta’uu himan.Imaammaticha hojiirra oolchuun nageenya saayibarii biyyaa eeguuf qooda fudhatoonni gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.Hojiirra oolmaa imaammaticharratti humna namaa gahumsuu fi qindoomina cimsuun akka barbaachisu eeraniiru.Dijitaalazeeshiiii dhugoomsuu fi aggaammii haleellaa saayibarii dabal...

FBC Afaan Oromoo

22 Oct, 17:32


Sababa Balaa ibiddaa ‘Shammaa Taraatti’ mudatee qorachaan jira-Poolisii
Finfinnee Onkololeessa 12, 2017 (FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa Amagaalaa Addis Katamaatti Markaatootti Giddugalaa ‘Shammaa Taratti’ sababa balaa ibiddaa mudatee qorachaa jiraachuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.Sababa balichaa Garee Qorannoo Fooransikii Poolisii Federaalaa waliin ta’uun qorannoo qindaa’aa gaggeessuu eegaluu ibseera.Balichaa ittisuu fi sababa balichaan yakki biraan akka hinmudanne akkasumas hojjettoonni ittisa balaa hojii isaani sirnaan akka bahataniif qaamoleen nageenyaa hirmachisuun balichi akka hinbabal’anne tattaaffii olaanaan tasifamuu ibseera.Balicha da’eeffachuun yakkaa hannaan namoonnni shakkaman 33 to’annoo jala oolfamuun qorannoon gaggeeffamaa akka jiru ibseera.Balichaan namoota 7 irraa miidha salphaan, namoota 2 irra ammoo miidhaa cimaan qaqqabuu poolisiin beeksiseera.#Oromia #Ethiopia

FBC Afaan Oromoo

21 Oct, 19:13


Kantiibaa Adaanech balaa Ibiddaa naannawa Shammaa Taraatti mudateen qabeenyi barbadaa’uusaatti gadduu ibsan
Finfinnee, Onkololeessa 11, 2017 (FBC) –Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen balaa Ibiddaa naannawa Shammaa Taraatti mudateen qabeenyi barbadaa’uusaatti gadduu ibsaniiru.Balaa kana to’achuuf konkolaatotni bobba’an sababa dhiphina daandiin akka fedhan socho’uu waan hin dandeenyeef heelikooptara fayyadamuuf yaaliin taasifamaa jiraachuu Aadde Adaanech himaniiru.Balicha hir’isuuf qaamoleen deeggarsa taasisaa jiran hundi yaalii isaanii cimsitanii akka ittifufan gaafataniiru.#Oromia #Ethiopia

FBC Afaan Oromoo

11 Oct, 10:26


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Ministiroota haaraa muudamaniif leenjiin laatamaa jira

FBC Afaan Oromoo

11 Oct, 10:26


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Baatiin nageenyummaa saayiberii biyyaalessaa 2ffaan ifatti kan  eegalu ta’uu  ibsame

FBC Afaan Oromoo

11 Oct, 07:01


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Magaalaa Finfinneetti adeemsi baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2014 eegalame

FBC Afaan Oromoo

03 Sep, 12:41


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa raawwii hojii bara 2013 gamaaggamaa jira

FBC Afaan Oromoo

03 Sep, 12:41


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Ameerikaatti balaa obomboleettiin muudateen lubbuun namoota 45 darbe

FBC Afaan Oromoo

29 Jul, 10:13


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Jilli damee Fayyaa Giddugaleessa Afrikaarraa dhufee Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti daawwannaa gaggeessaa jira

FBC Afaan Oromoo

29 Jul, 10:13


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Torbeewwan lamaan darbanitti biyyoota garagaraarra lammiileen kumni 41 ol gara biyyaa deebi’aniiru-Ministeera Dhimma Alaa

FBC Afaan Oromoo

13 Jul, 15:43


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Ijaarsa Hidha Haaromsaaf Birrii biiliyooni 2 ol walitti qabame

FBC Afaan Oromoo

06 Jul, 14:08


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Boordichi bu’aa filannoo waliigalaa torbee kana kan beeksiisu ta’uu ibse

FBC Afaan Oromoo

06 Jul, 14:08


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay gaaffii jijjiirrama maqaa buufata televiizhinii naannichaa dhiyeessee fudhatamaa argateera

FBC Afaan Oromoo

06 Jul, 14:08


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii addaa 4ffaa bara hojii 6ffaa gaggeessuu eegale

FBC Afaan Oromoo

06 Jul, 14:08


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Manni maricha Baajata bara 2014 dhiyaate Birrii biiliyoonaa 561.67 raggaasise

FBC Afaan Oromoo

06 Jul, 14:08


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Aanaa Ejersaa Lafootti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 7 darbe

FBC Afaan Oromoo

06 Jul, 14:08


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Ummaanni Sudaan dhugaa hidha haaromsaa hubachuu qabu – Ambaasaaddar Yibalxaan

FBC Afaan Oromoo

06 Jul, 14:08


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Oromiyaatti Adoolessa 6, 2013 aduu tokkotti biqiltuu miiliyoonni 350 dhaabuuf qophiin taasiifamaa jira – BQQUO

FBC Afaan Oromoo

29 Jun, 19:10


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Ityoophiyaanoonni kumni 1 fi 777 Saa’ud Arabiyaarra gara biyyaa deebi’an

FBC Afaan Oromoo

29 Jun, 05:51


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Mootummaan gaaffii waliigaltee dhukaasa dhaabuu bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay gaafateef deebii laate

FBC Afaan Oromoo

29 Jun, 05:51


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa magaalaa Finfinnee Waxabajjii 23 – 25,2013 laatama jedhame

FBC Afaan Oromoo

29 Jun, 05:51


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Ityoophiyaanoonni kumni 2 fi 257  Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

FBC Afaan Oromoo

27 Jun, 03:16


Welcome to Fana Broadcasting Corporate S.C: Ijaarsi Proojektii Bishaan Dhugaatii Magaalaa Jigjigaa eegalame