GoaLine Talks @goalinetalks Channel on Telegram

GoaLine Talks

@goalinetalks


Odeeffannoo ispoortii biyya keessaaf alaa yeroo isaanii eeggatan, Afaan Oromootiin bakka itti argattan!

GoaLine Talks (Afaan Oromoo)

GoaLine Talks kan bara 2019itti dhihaate, kan yeroo ammaa isaatti akka Afaan Oromootiin bakka itti argatame keessaa, Odeeffannoo ispoortii biyya keessaa keessatti argamtan. Kan akka dorgommiitti oduu isaa deebi'iif, jaalalaaf, fi faarfata isaa akka hedduminaan nu gahe akka jiruuf. GoaLine Talks kunis motummaan Oromoo, aadaa fi afaan Oromoo, fi hojii isaatiin jireenya isaa eegsisanii jabeessuun, qoqa gabroomfataa hiraarsaa fi mootummaan Abbayaa Tapha Oromoo isaa waldhabdeessaanii dhiibbaan jiru. Dhaamsa Oromoo, seera Oromoo, fi fayyina guutuu Oromoo kan kaan barreessan gootaa fi lammaffaa isaa seenaan jedhuun akka hiikaman itti fayyadamanii jiru. GoaLine Talks isaatti to'annoo haasa'aa akka sadarkaa Oromoo guutuutti jireenya isaa keessatti argata. Kan isaa kan afaan Oromootiin bakka itti argate dhaloota namoota 30ffaa isaanii akka ibsa malee hin argatne. GoaLine Talks kan isaan duraa fi isaan cufaa jira, gubbaatti akka argattan, maqaa isaa fi kaaba isaa kan akka kaasuuf yaalutti goochuuf dhuguma akka jiru goochuudha. GoaLine Talks akka gootaa fi lammaffaa Oromoo argatan kana isiin gurmeesuudha. Sababaa keenya akka goota Oromoo fi lammaffaa Oromoo argatan kan ittiin gargaaraman, gaafii gudda fi qabsoo isaa keessatti akka labsameef kennuuf isaaniin baay'een jiraatt fudhatama. GoaLine Talks kan argatan itti fudhatame guutummaan Oromoo fi dhaamsa Oromoo baay'eefanna. Baay'eefannicha kan akka tokkumma dargaggootaa fi qabsoo isaa qooduuf tiin sagaleef jireenya isaa bahuu isaa jira. GoaLine Talks isaan ammaa seenaan isaa jiran isaaniin gargaarsaafi goota isaatiin irratti kennamuufi gocha isaa keessatti goochuu danda'uudha. GoaLine Talks isaaniin akka bishaan 12 ittiin 4 qabsoo fi digtootaafi dargaggoota isaa keessatti isaanii kan goochuu isaa ta'uu sossobaa isaa jira. GoaLine Talks akka gootaafi lammaffaa Oromoo argatan gootaa fi lammaffaa isaa akka akka gadiif deebisuudha. Mana isaanii akka itti fayyeessu gootaaafi lammaffaa isaa seenaan isaa dhiheessan gochaa isaa jira. GoaLine Talks kan bara 2021 ittiin geggeefame keessaa, oduu isaa, walumaagalatti raawwatuufi walumaagalaa isaa keessatti bargate. GoaLine Talks isaaniin kan hin gargaarfamneef guutummaan Oromoo fi dhaamsa Oromoo baay'eefanna. GoaLine Talks isaaniin ammaa seenaan isaa jiran isaaniin gargaarsa fi goota isaa keessatti goochuudha. GoaLine Talks isaaniin itti fudhataman ittiin saamicha, miiraafi fi gargaarsa Oromoo dhiheessan goochuu isaa jira. GoaLine Talks kan keessaa isaaniin hawwii fi jaalalaa isaa akka himeessan itti hojjetuu isaaniin dhiheessan goochaa isaa jira.

GoaLine Talks

06 Sep, 06:17


👉Kiristiyaanoo Roonaaldoon tapha Neeshiinsi Liigiitiin halkan edaa Poorchugaal fi Kirooshiyaan taphatan irratti goolii 1 lakkoofsiisuun waliigalaan goolii lakkoofsise 900'n gaheera.

👉Urjichi kubbaa miillaa CR7 riikardiiwwan fooyyessuun sadarkaa kubbaa miillaa olfannisuu akkuma itti fufetti jira👏

@goalinetalks

GoaLine Talks

02 Sep, 19:00


#transferupdate

Vikter Oosimeen ergisa waggaa tokkoof turuun kilaba Turkiyyee Gaalaataasaraayitti imaluuf waliigaleera.

👉Ganna kana Chelsii, fi PSG dabalatee kilaboota Saawudiitiinillee barbaadamaa kan ture Jifataan warra Naayijeeriyaa Osimeen, gatii Naappooliin taphatichaaf gaafatu garmalee olka'aa ta'uusaarraan kan ka'e mariin hedduun waliigaltee malee adda citeera.

👉Barana Naappoolii keessa turuu akka hin barbaanne beeksisuusaa hordofee garee kilabichi bara kana naaf taphatu jedhee ifoomse keessaallee hir'ifamuun giddu gidduutti kan rakkate Osimeen, gaaffii Gaalaataasaraayi kana fudhachuuf ijayyuu waan sukkuummate hin fakkaatu

👉Waliigalteen ergisaa kun Osimeen kilabni guddaan isa barbaadu Amajjii dhufu yoo argame, waliigalteen Gaalaataasaraayi faana qabus adda cituu ni danda'as jedhameera.

👉Kana malees, kaffaltiin koontiraata diiguuf barbaachisu £130M irraa gara £75M'tti akka gadi bu'uuf gaafachuusaas Faabiriziyoo Roomaanoon gabaaseera.

@goalinetalks

GoaLine Talks

02 Sep, 12:01


#Laliga #Week4

👉Gabateen qabxii Laaliigaa Ispeen taphoota torbee 4ffaan booda kana fakkaata.

👉Baarseloonaan taphoota hunda injifatee qabxii 12 walitti qabachuun ni dursa.

👉 Riyaal Maadiridii fi Atileetikoo Maadirid qabxii 8 walitti qabachuun itti aanu

@goalinetalks

GoaLine Talks

02 Sep, 10:57


#PremierLeague #Week3

👉Whoscored taphattoota 11 torban kana gahumsa bareedaa agarsiisan jedhe ifa godheera.

👉Liiverpuul taphattoota 4 filachiisyyn dursa qabateera.

@goalinetalks

GoaLine Talks

02 Sep, 10:53


#PremierLeague #Week3

👉Taphoota torbee 3ffaan booda gabateen qabxii piriimiyer liigii Ingilizii kana fakkaata.

👉Maan Siitii fi Liiverpuul taphoota sadan injifachuun qabxii 9 walitti qabachuun #1ffaa fi #2ffaan dursaa jiru.

👉 #4ffaa - Arsenaal, qabxii 7
👉 #11ffaa - Chelsii, qabxii 4
👉 #15ffaa - Maan Yuunaayitid, qabxii 3

@goalinetalks

GoaLine Talks

02 Sep, 10:49


#transferupdate

❌️ Arsenaal gaaffii Al Itiyaad kufaa taasiseera.

👉 Kilabni Saawudii Al Itihaad Liyaandiroo Tiroosaardiin Arsenaal irraa fudhachuuf £35M kan dhiyeessan yoo ta'u, Arsenaal taphaticha gurguruu akka hin barbaanne beeksiseera.

👉Leenjisaa Biraayten duraanii Roobeertoo Diizeerbii wajjiin wal dhabuusaa hordofee jijjiirraa Amajjii bara 2023 tiin Arsenaalitti kan makame Tiroosaardi, taphataa murteessaa Arsenaal ta'uusaa mirkaneessee jira.

@goalinetalks

GoaLine Talks

01 Sep, 18:52


Leenjisaan Maan Yuunaayitid Eerik Teen Haag kilabicha keessatti seenaa gadi aanaa galmeessuu itti fufaniiru

🔴 Maan Yuunaayitid taphoota piriimiyeer liigii shanan darban dirreesaarratti Liiverpuul wajjiin taasise keessaa sadiin moo'ameera, taphoota 18 duraan taasise keessaa garuu yeroo sadii qofa moo'ame.

🔴Maan Yuunaayitid baroota dorgommii shanan darban keessatti yeroo sadiif taphoota sadan jalqabaa taasise keessaa taphoota lamaan moo'ameera (2020-21, 2022-23) - Eerik Teen Haag immoo leenjisaa tokkicha balaan kun yeroo lama irra gahedha, bara darbeef barana jechuudha.

🔴 Eerik Teen Haag seenaa Maan Yuunaayitid keessatti leenjisaa jalqabaa yeroo waggaa tokko hin guunne keessatti taphoota piriimiyeer liigii sadii, goolii sadii fi isaa oliin Ooldi Tiraafordi irratti moo'ame ta'eera - Onk 2023, Maan Siitiin 3 fi 0'n, Muddee 2023, Boornimaawuz 3 fi 0'n Maan Yuunaayitidiin qe'eesaatti injifatanii turani.

Maddi: The Athletic - Opta waabeffachuun kan gabaasedha.

@goalinetalks

GoaLine Talks

01 Sep, 17:48


#PremierLeague #Week3

👉Darbiin laankishaayer olaantummaa Liiverpuuliin goolabameera.

👉Niwukaastil Jeemsi Paarkitti Tootinaamiin waamuun goolii 2 fi 1'n injifachuun yoo gaggeessu, Chelsiin Kiristaal Paalaas faana qabxii qooddateera.

👉Tapha cimaa torbee kanaatiin immoo masaanuusaa yeroo dheeraa Liiverpuuliin Ooldi Tiraafoorditti kan simate Maan Yuunaayitid goolii 3 fi 0'n injifatameera. Taphichaan Mohaammed Saalaan goolii tokko lakkoofsisuun kubbaa lama mijeessee kenneera. Luwiiz Diyaazis gooliiwwan lamaan lakkoofsiseera.

👉Maan Yuunaayitid daqiiqaawwan 30 jalqabaaf sochii bareedaa taasisus, dogoggorri taphattoonni sarara gidduu kilabichaa Kaasimiiroo fi Koobii Meenuu gooliiwwan sadaniif kallattiin gumaachuun gatii isaan kaffalsiiseera.

@goalinetalks

GoaLine Talks

31 Aug, 18:57


#Laliga

👉Baarseloonaan tapha torbee 4ffaa Laaliigaa Ispeen injifannoon itti fufeera.

👉Kilabni Kaataaloon Baarsaan kilaba dheengadda warra Loos Bilaankos makaraa agarsiisuun qabxii tokko irraa fudhate, Laas Paalmaasiin ofitti waamuun garafuun deebisaniiru.

👉Taphicha goolii 7 fi 0'n kan injifatan ijoolleen Haansii Filiik, Raafiniyaan Haatirikii hojjeteera.

@goalinetalks

GoaLine Talks

31 Aug, 18:54


#Bundesliga

👉 Baayerni Liiverkuseen taphoota 35 booda injifatamaniiru.

👉 Kilabni Jarmanii Zyaabii Alonsiin leenji'u fi shaampiyoonaan Bundesliigaa bara darvee Baayerni Liiverkusen, tapha galgala kana RB Leebzichi wajjiin taasiseen hanga daqiiqaa 72ffaatti 2 fi 0'n dursaa turus, boodarra gooliiwwan sadii keessummeessuun erga Caamsaa bara 2023'tii yeroo jalqabaaf injifatamaniiru.

@goalinetalks

GoaLine Talks

31 Aug, 18:49


#PremierLeague #Week3

👉Piriimiyeer Liigiin taphni Eevertenii fi Boornimaawuz gidduutti gaggaaffame immoo raajii nu agarsiiseera.

👉Hanga daqiiqaa 86ffaatti goolii 2 fi 0'n dursaa kan tura Eeverten, daqiiqaa 10 keessatti gooliiwwan sadii keessummeessuun qabxii sadii argachuuf ture kennuufiin qe'ee isaaniitti eebbisee gaggeesseera

Safuudhabboo😂

@goalinetalks

GoaLine Talks

31 Aug, 18:46


#PremierLeague #Week3

👉Taphoota torbee 3ffaa har'a gaggeeffamaniin Arsenaal qabxii yoo qooddatu Maan Siitiin injifateera.

👉Dirreesaarratti Biraayitaniin kan simate Arsenaal goolii Kaayi Haaverzi daqiiqaa 38ffaa irratti lakkoofsiseen dursaa turus, Jaawoo Peediroon daqiiqaa 58ffaa irratti goolii qixxeessituu Biraayitaniif lakkoofsisuun taphichi qixaan xumurameera.

👉Deekilaan Raayis kaardii diimaadhaan dirreerraa ari'amuun haala taphichaa kan jijjiire yoo ta'u, taatechi jaallattootaa fi ogeeyyii kubbaa miillaa wal falmisiisuurratti argama.

👉Tapha biraatiin Maan Siitiin gara Weesti Haamitti imaluun gooliiwwan Haalaandi sadiin fi Ruuben Diyaaz ofirratti lakkoofsiseen 3 fi 1'n injifachuun deebi'eera.

👉Eerlingi Haalandi baranayyuu Haatirikii 2ffaa yoo hojjetu, hanga ammaatti taphoota sadiin gooliiwwan 7 lakkoofsiseera.

👉Walumaagalatti liigichaan haatirikiiwwan 8 hojjeteera.

@goalinetalks

GoaLine Talks

31 Aug, 07:01


#transferupdate

Foddaan jijjiirraa taphattootaa kilaboota Awurooppaa eda cufameera.

Chelsiin waliigaltee ergisaa fi dirqama-bittaatiin Jeedan Saanchoo Maan Yuunaayitidirraa fudhateera.

Arsenaal utuu hin eegamiin Raayim Isteerlingiin ergisaan Chelsiirraa fudhateera.

Riis Niilsen immoo Arsenaal irraa ergisaan Fuulaamitti makameera.

Armaandoo Biroohaan ergisaan Chelsiirraa gara Eevertenitti imaleera. Gara Ipiswiich Taawonitti imaluuf mariirra turanis inni adfa cituun kunoo Evertem gurbaa dargaggeessa kana fudhateera
.
Kiristaal Paalaas Eedii Inkiitaa Arsenaal irraa £25 + £5M kaffaluun dhaabbiin yoo mallatteessifatu, Chaaloobaa immoo Chelsiirraa ergisaan fudhateera.

Peerisichi kilaba Sees Faabirigaasiin leenji'uu fi Seeriyee A'tti barana ol guddate, Koomootti makameera.

@goalinetalks