Latest Posts from Ajaaibsiisoo Telegram Channel (@ajaaibsiisoo_telegram_channel) on Telegram

Ajaaibsiisoo Telegram Channel Telegram Posts

Ajaaibsiisoo Telegram Channel
Guyyaa guyyaan dhugaawwan hawwataa, barreeffamoota hubannoo namaaf kennan, fi wantoota xixxiqqoo sammuu namaa Gabbisanii fi bohaarsan argachuuf Miseensa Channelii keenyaa ta'aa!🔥

@Ajaaibsiisoo_Telegram_Channel
14,474 Subscribers
317 Photos
2 Videos
Last Updated 06.03.2025 20:43

The latest content shared by Ajaaibsiisoo Telegram Channel on Telegram

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

07 Nov, 06:42

2,462

Denmark keessatti alaabaa biyya biraa gubuun seeraan nama adabsiisa,alaabaa Denmarkiin gubuun garuu, hayyemamaadha!! 😕
Ajaaibsiisoo Telegram Channel

07 Nov, 06:42

2,623

Kooriyaa Kaabaa keessatti namni tokko yoo yakka raawwate maatiin,warri fi ijoolleen namichaa hundi mana hidhaa 🇰🇵 seenu.🧐
Ajaaibsiisoo Telegram Channel

06 Nov, 13:15

2,971

#Addunyaa_haara_kanaan_wal-baraa 👀

🌟Fiinlaand biyyoota sirna barnootaa addaa qaban keessaa tokkodha.

🌟Fiinlaanditti yuunivarsitii seenuuf waggaa 9 qofa baratta. Waggoota 9 kana keessatti yeroo 1 qofa qormaata qoramta;innis Seensa yuunivarsiitif qofadha.

🌟Hojii manaa wanti jedhamu hin jiru, hunduu daree barnootaa keessatti xumurama. Sadarkaan barnootaa 1ffaa, 2ffaa...jedhamu hin jiru.

🌟Barnootni bilisa. Manni barumsaa dureeyyii fi hiyyeessaa jedhamu hin jiru, sirni barnootaa wal qixa ta'e bakka hundatti kennama.

🌟Barsiisaan tokko sa'aatii 4 ol hin barsiisu.🔥

Show me your reaction 🤩

🔊@Ajaaibsiisoo_Telegram_channel🎩
Ajaaibsiisoo Telegram Channel

18 Oct, 22:47

299

Telegram Subscribers guddifachuuf

Inbox 🥷🏽 @Khaveen

__
Channel keessan nu waliin tolaan beeksifachuuf nu qunnamaa.

1k ---10k
20k ---40k
50k ---100k

@Khaveen
Ajaaibsiisoo Telegram Channel

15 Oct, 22:03

3,173

Namoonni baay'een Oksiijiiniin nuti guyya guyyaan argannu, baay'een isaa Biqiloota irraa madda jedhanii amanu. dhugaan jiru garuu, oksijiinii lafarra jiru keessaa dhibbeentaa %50-70 kan ta'u Galaana irra madda.

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel
Ajaaibsiisoo Telegram Channel

15 Oct, 22:01

2,801

Namni suuraa irratti argitan kun, bara 1987tti, tikkeettii xiyyaaraa umurii guutuu gatii qaalii ta'een, qarshii Miiliyoonaan lakkaa'amu baasee kutate. Erga baay'ee itti fayyadameen booda, bara 2008 tti namni kun "Nu gowwoomsaa jira" jedhanii waan yaadaniif, tikkeettii isaa guutummaan jalaa haqaniiru.

Yaaddeettaayi, tiikkettii xiyyaaraa umurii guutuu?😎



🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel
Ajaaibsiisoo Telegram Channel

15 Oct, 22:00

2,347

Mastiikaa (Haphee) yemmuu alanfattanii fixxan, eessatti gattu?

Namni baayyeen Mastiikaa alanfattee yemmuu fixu bakkeetti darbatta ta'a, Simbirroonni naannoo keenyaa garuu nyaata itti fakkaatee fudhatanii nyaatu. yeroo kana suuta suuta nyaataaf bishaan akka itti dhugan dhabuudhaan du'u.

Kanaafuu bakka hin malletti Haphee alanfannee gatuu haa dhiisnu.

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel
Ajaaibsiisoo Telegram Channel

12 Oct, 01:01

2,656

Utuu akka tasaa dhalli Namaa, dachee kanarraa dhabamee, maaltu uumamaa?
1. Guyyaa 10niin booda, Beelladoonni Manaa fi qonnaa sababa beelaatiin ni du'u.
2. Torban muraasa keessatti, Warshaaleen Nuukilaraa ni dhoo'u, kunis waggootaaf, ' Nucler Winter' fiduu danda'a.
3. Waggaa muraasaan booda, Magaalonni Biqilootaan ni uwwifamu.
4. Waggaa 60 booda, Qurxummiin garmalee baay'atee, Galaanarra dhangala'a.
5. Waggaa 300 booda, ijaarsi Sibiilaa ni caccaba.
6. Waggaa 500 booda, Bosonni akka bara 10,000 dura turetti deebi'a.

Jiraachuun dhala namaa waan hedduuf.....

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel
Ajaaibsiisoo Telegram Channel

20 Sep, 17:59

3,541

Dubartii akka Addunyaatti boroo (teessuma) guddaa qabaachuun 1ffaa taate. Maqaan isheen Mikel Ruffinelli jedhamti. Umuriin ishee Waggaa 52 dha. Ameerikaa kutaa bulchiinsaa California jiraatti. Kan nama dhibu boroon ishee qofti Meetira 2.4 bal’ata. Hojjaan ishee immoo meetira 1. 6 qofaadha.😀🤌🏽
Kana jechuun borootu hojjaa ishee caala!😀

Inumayyuu boroo ishee kana erga heerumtee baaste. Maal jechuufiin jedhee beektu warri utuu hin heerumiin boroo fiduuf waan meeqan mel mel jettan mee heerumaa ilaalaa!😀

, dhiirota(Abbaa dhimma) caalaa shamarrantu boroo ilaaluu jaallatu!😔

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel
Ajaaibsiisoo Telegram Channel

19 Sep, 16:41

2,542

Qurxummiin 'Barramundi' jedhamtu tun yeroo guddatuu saalaan(korniyaa) dhiira, garuu hormaataaf gaafa geessu dhalaatti jijjiiramti!!! Aja’ibaa😂😱😱

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel