Ajaaibsiisoo Telegram Channel @ajaaibsiisoo_telegram_channel Channel on Telegram

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

@ajaaibsiisoo_telegram_channel


Guyyaa guyyaan dhugaawwan hawwataa, barreeffamoota hubannoo namaaf kennan, fi wantoota xixxiqqoo sammuu namaa Gabbisanii fi bohaarsan argachuuf Miseensa Channelii keenyaa ta'aa!🔥

@Ajaaibsiisoo_Telegram_Channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel (Oromo)

Ajaaibsiisoo Telegram Channel irratti guyyaa guyyaan dhugaawwan hawwataa, barreeffamoota hubannoo namaaf kennan, fi wantoota xixxiqqoo sammuu namaa Gabbisanii fi bohaarsan argachuuf Miseensa Channelii keenyaa ta'aa! Channelii keenya akka ajajaan dhoqqeetti, wantoota Oromoo irratti argaman finiinsee, dhalatanii, seenaa fi aadaa Oromoo kennan, barruulee fi aangoo guutuu argatanii hojii irraa fudhatamaa jiru. Guyyaa guyyaan sammuudhaan kana keessatti argaman, wantoota Oromoo adda addaa keessatti hojii fudhachuun kan godhameef. Ajaaibsiisoo Telegram Channel naannoo Oromoo fi wanta Oromoo keessaa Facebook, Instagram, Twitter fi Youtube akka kan alatti sirriitti dabalaman irratti hojjata. Kanaafuu, channeliin kun akka Waraana Videos fi Sirna Ilmoo Oromoo ni argamuun hawaasa Oromoo keessaa kan hin qabbane dhuguma kanaan itti fufanii jiru.

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

17 Jan, 04:47


Uumamni suuraa irratti argitan kun "Farda galaana" jedhamuun beekama. Uumama kana kan adda godhu, yeroo inni dhalaa fi isheen dhaltuu wal-quunamtii saala taasisanitti, kan ulfaa'u isa dhiiraadha!! Yeroo waliin turanitis bara jireenya isaanii guutu eege walii qabachuun jiraatu!!

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

17 Jan, 04:46


Daakkiyyeen Hanqaaquu keessa ergaa baate Daqiiqaa 10 keessatti wanta argitee hunda akkaa Maatii isheetti fudhattii.

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

11 Jan, 19:04


Osoo namichi suuraa kana irra jiru si ta'e, eenyuuf kaata?? Maaliif??

Comment down!!👇👇

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

22 Dec, 07:02


Vitamin D aduu irraa hin dhufuu; Gogaa keenya irraa dhufaa. Kunis ifni aduu kolestroolii gogaa keenya keessa jiru gara vitaamin D3tti waan jijjiiramuuf.
🌞

Like godhii darbii.👍

⚡️

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

15 Dec, 20:47


Dinqii Addunyaa

1. Biqiltoonni yommuu muuziqaa dhaggeefatan daddafanii guddatu.

2. Bara 1849tti ‘Scotland’ kessatti cabbiin meetira 6 gahu samii irraa bu’ee ture.

3. Harkisa lafaa jalaa bahuuf saffisa 11.2 km/s deemuu qabna.

4. Yeroo hancaqqee (maastikaa) nyaannu sammuun keenya dandeettii waa yaadachuu isaa ni dabala.

5. Ashaaraan harka nama hundaa akka garaagara ta’e kan arrabaas garaa gara.

6. Raashiyaa keessattii kaaffee ajaa’ibaa tokko keessatti gatii hamma nyaattee osoo hin taane sa’aatii ati hangam fayyadamte ilaallamee kaffalta. Sababa kanaan namoonni baay’een 
daddafanii nyaachuuf jecha hudhamanii argamu.

7. Ummanni ameerikaa naannoo qarqara arkitikii jiraatu sababa qorra hamaa san irraa kan ka’e 
nyaaata isaanii rifirijireetara keessa kaa’atu.
8. Liyonaardoo daavinchiin harka tokkoon barreessaa karka biraan fakkii ni kaasa. Seenaa 
namicha kanaa kutaa lammaffaa irratti ni argattu.

9. Fara’oona dhumaa ijiptii kan taatee fi baay’ee bareedduu kan jedhamtu kiiliyoopaatraan nama Ijiptii osoo hin taanee kan giriikii turte. Seenaa ishee kutaa lamaffaarratti ni argattu.

10. Mahaatama gaandiin akkuma beeknu nama beekkamaa nageenya irratti shoora guddaa taasise kun yeroo 5 badhaasa noobeeliif dhiyaatuus yeroo 1 injifachuu hin dandeenye. 🍭

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel🎩

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

13 Dec, 22:28


#Wanta_Namni_Hundi_Beekuu Qabu

✅️ Yeroo Timaatima (🍅) Bifa Adda Qabu Argattu Hunda Nyaachuu Irraa Of Qusadhaa.

✅️🐍 Ciniinnaa Bofaa irraa kan ka'e ta'uu akka danda'u
Ogeessota fayyaa irraa Yaadonni dhiyaataniiru.

✅️ Iddoo miidhama isaa sana Irraa gateen Gara fayyaalessa Nyaataf Fayyadama Jedhaanii yaadunillee Dhiibbaa Fayyaa keenyarratti akka fidutu himama.

✅️ Bofa fi Reptiles Biroo Darbee darbee Fuduraalee 🍑🍓 Yeroo Beela'an Ciniinuu, Akkaataa Battee fiSimbirroonni 🦇 Pawpaw Bilchaate Nyaatan Wal Fakkaata.

✅️ Of Eeggannoon Keessan Wantoota Summii Qaban Bineensonni Fuduraalee Keessatti Lilmoodhaan Naqaman Akka Hin Nyaanne Si Eega.

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

07 Nov, 06:42


Dhaabbatni raadiyoo kaanaadaa keessa jiran hundumti sirba kaanaadaan ala kan lammii biyya alaa sirbisiisuun seeraan kan dhoorkamedha!! 🔇

Warri kan keenyaa sa'atii 24.........🙃
🔊@Ajaaibsiisoo_Telegram_channel🎩

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

07 Nov, 06:42


Denmark keessatti alaabaa biyya biraa gubuun seeraan nama adabsiisa,alaabaa Denmarkiin gubuun garuu, hayyemamaadha!! 😕

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

07 Nov, 06:42


Kooriyaa Kaabaa keessatti namni tokko yoo yakka raawwate maatiin,warri fi ijoolleen namichaa hundi mana hidhaa 🇰🇵 seenu.🧐

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

06 Nov, 13:15


#Addunyaa_haara_kanaan_wal-baraa 👀

🌟Fiinlaand biyyoota sirna barnootaa addaa qaban keessaa tokkodha.

🌟Fiinlaanditti yuunivarsitii seenuuf waggaa 9 qofa baratta. Waggoota 9 kana keessatti yeroo 1 qofa qormaata qoramta;innis Seensa yuunivarsiitif qofadha.

🌟Hojii manaa wanti jedhamu hin jiru, hunduu daree barnootaa keessatti xumurama. Sadarkaan barnootaa 1ffaa, 2ffaa...jedhamu hin jiru.

🌟Barnootni bilisa. Manni barumsaa dureeyyii fi hiyyeessaa jedhamu hin jiru, sirni barnootaa wal qixa ta'e bakka hundatti kennama.

🌟Barsiisaan tokko sa'aatii 4 ol hin barsiisu.🔥

Show me your reaction 🤩

🔊@Ajaaibsiisoo_Telegram_channel🎩

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

18 Oct, 22:47


Telegram Subscribers guddifachuuf

Inbox 🥷🏽 @Khaveen

__
Channel keessan nu waliin tolaan beeksifachuuf nu qunnamaa.

1k ---10k
20k ---40k
50k ---100k

@Khaveen

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

15 Oct, 22:03


Namoonni baay'een Oksiijiiniin nuti guyya guyyaan argannu, baay'een isaa Biqiloota irraa madda jedhanii amanu. dhugaan jiru garuu, oksijiinii lafarra jiru keessaa dhibbeentaa %50-70 kan ta'u Galaana irra madda.

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

15 Oct, 22:01


Namni suuraa irratti argitan kun, bara 1987tti, tikkeettii xiyyaaraa umurii guutuu gatii qaalii ta'een, qarshii Miiliyoonaan lakkaa'amu baasee kutate. Erga baay'ee itti fayyadameen booda, bara 2008 tti namni kun "Nu gowwoomsaa jira" jedhanii waan yaadaniif, tikkeettii isaa guutummaan jalaa haqaniiru.

Yaaddeettaayi, tiikkettii xiyyaaraa umurii guutuu?😎



🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

15 Oct, 22:00


Mastiikaa (Haphee) yemmuu alanfattanii fixxan, eessatti gattu?

Namni baayyeen Mastiikaa alanfattee yemmuu fixu bakkeetti darbatta ta'a, Simbirroonni naannoo keenyaa garuu nyaata itti fakkaatee fudhatanii nyaatu. yeroo kana suuta suuta nyaataaf bishaan akka itti dhugan dhabuudhaan du'u.

Kanaafuu bakka hin malletti Haphee alanfannee gatuu haa dhiisnu.

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

12 Oct, 01:01


Utuu akka tasaa dhalli Namaa, dachee kanarraa dhabamee, maaltu uumamaa?
1. Guyyaa 10niin booda, Beelladoonni Manaa fi qonnaa sababa beelaatiin ni du'u.
2. Torban muraasa keessatti, Warshaaleen Nuukilaraa ni dhoo'u, kunis waggootaaf, ' Nucler Winter' fiduu danda'a.
3. Waggaa muraasaan booda, Magaalonni Biqilootaan ni uwwifamu.
4. Waggaa 60 booda, Qurxummiin garmalee baay'atee, Galaanarra dhangala'a.
5. Waggaa 300 booda, ijaarsi Sibiilaa ni caccaba.
6. Waggaa 500 booda, Bosonni akka bara 10,000 dura turetti deebi'a.

Jiraachuun dhala namaa waan hedduuf.....

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

20 Sep, 17:59


Dubartii akka Addunyaatti boroo (teessuma) guddaa qabaachuun 1ffaa taate. Maqaan isheen Mikel Ruffinelli jedhamti. Umuriin ishee Waggaa 52 dha. Ameerikaa kutaa bulchiinsaa California jiraatti. Kan nama dhibu boroon ishee qofti Meetira 2.4 bal’ata. Hojjaan ishee immoo meetira 1. 6 qofaadha.😀🤌🏽
Kana jechuun borootu hojjaa ishee caala!😀

Inumayyuu boroo ishee kana erga heerumtee baaste. Maal jechuufiin jedhee beektu warri utuu hin heerumiin boroo fiduuf waan meeqan mel mel jettan mee heerumaa ilaalaa!😀

, dhiirota(Abbaa dhimma) caalaa shamarrantu boroo ilaaluu jaallatu!😔

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

19 Sep, 16:41


Qurxummiin 'Barramundi' jedhamtu tun yeroo guddatuu saalaan(korniyaa) dhiira, garuu hormaataaf gaafa geessu dhalaatti jijjiiramti!!! Aja’ibaa😂😱😱

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

19 Sep, 11:48


Burj khalifa gamoo dherinaan addunyaa irraa tokkoffaa tahe kan ijaare kaampaani Samsung tahuu beektu laata 😱😱😱

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

19 Sep, 11:48


Chaayinaa keessatti barattoonni qormaata irratti nama biraa irraa dalagan ykn dalaysiisan mana murtii dhiyaatanii hanga waggaa 7 hidhamuu danda'u....😱😱

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

19 Sep, 11:46


beektu laata? ibiiddi gaadidu akka hin qabne. 🧐

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

19 Sep, 11:44


Tongkonan mana abbootii aadaa ykn rumah adaat kan ummata Torajan kan Kibba Sulawesi, Indooneezhiyaa keessa jiraniiti. Tongkonan boca bidiruu adda ta'ee fi guddina guddaa kan qabu foddaa saddleback qaba. Akkuma ijaarsa aadaa Indooneezhiyaa kan Awustirooneeshiyaa irratti hundaa'e irra caalaan isaa, tongkonan tuullaa irratti ijaarame.

Share➡️ 🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

13 Sep, 17:27


#Roonaaldoon miidiyaalee hawaasummaan hordoftoota Biiliyoona 1 horachuun addunyaa irraa nama jalqabaa ta’e.



🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

23 Aug, 19:41


Kana beektuu laata ?🙋

Biyyaa Najeriyaa 🇳🇬 keessaatii sabnii lou jedhamuun beekkamu tokkoo akkuma suraa irraatii argitan kana

✔️ Dubartonii biyyaa sana yeroo abbaan mana isanii bilbileef kabajaa isaniif qabduu ibsachuuf jechaa dadaftee jilbilffattee itti hasooftii jedhamaa Kanaaf yeroo dubartiin tokko jilbiffattee bilbilaa hasooftuu abbaan warraa ishii waajjin hasooftii jechudha..

Biyyaa keenyas osoo dhufe wanti Kun🤣🤣🤣

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

20 Aug, 22:35


Bara 2013 keessa, Abbaan qabeenyaa dhaabbata 'Meta' (Facebook) Maark Zuukarbarg, iccitii isaa mirkaneessuuf jecha, doolaara miiliyoona 30 baasuun, namoota 4 ollaa isaa galan irraa mana jireenyaa isaanii irraa bituun ofirraa fageessee ture.😁

Namni qarshii qabu iccitii isaa eeggachuuf, waan danda'u hunda godheetu ofirraa si fageessa.😁


🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

11 Aug, 22:10


Toomaas Edisaan galgala yeroo qorannoo gaggeessu, kubbaa sibiilaa harkatti qabateetu qorannoo gaggeessa.
Kana kan godheef, yoo akka tasaa hirribni isa qabe, kubbaan sibiilaa harka isaa keessa jirtu, harkaa buutee sagalee waan kennituuf, ni dammaqa.

Tooftaa ittiin hirriba ofirraa balleessan😁

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

11 Aug, 22:07


REPOST SEEROTA DINQISIISOO KOORIYAA KAABAA 🤣

1. Kooriyaa kaabaa keessatti amantiin kamiyyu dhorkaadha. Waaqni jira jechuun nama adabsiisa.

2. Kooriyaa kaabaa keessa tiraafikii durbaa qofaatu jira. Tiraafikiin dhiiraa hin jiru

3. Filannoon Kooriyaa kaabaa waggaa 5, 5niin geggeeffama. Garuu kaardiin filannoo maqaa nama tokkoo qofaa qaba.

4. Kooriyaa kaabaa keessatti yoo yakka hojjette amma dhaloota sadii fi maatiin hundi itti gaafatama.

5. Namni kamiyyu rifeensa isaa akkaataa mootummaan eeyyamuun qofa sirreeffata. Akka pireedizantii isaanii uffachuun ta’e rifeensa sirreeffachuun dhorkaadha.

6. Konkolaataa yookiin computerii bitachuuf eeyyama mootummaa argachuu qabda.

7. Akka biyyaatti TV sadii qofaatu jira.

8. Kaalendarii isaanii bara 1912 yeroo mootiin isaanii Kim sung 2ffaa dhalatee kaasanii lakkaa’u. Amma akka addunyaa 2020 irra hin geenye bara 109 irra jiru

9. Dhiirri tokko durba waliin waa’ee jaalalaa kan inni haasa’uu danda’u yoo kan ishee fuudhu ta’e qofaadha. Gaafa guyyaa gaa’ela isaanii bakka awwaalcha Kim Sung 2ffaa daawwachuun dirqamadha.

10. Kooriyaa kaabaa keessa akka biyyoota biroo taaksii fi gibirri ummata irraa hin funaanamu.

11. Yeroo mucaan dhalatu maqaa pirezidantii isaanii baasuun hin danda’amu. Yoo osoo pirezidentiin isaanii hin muudamiin dura baasaniif ta’e maatiin maqaa mucaa jijjiiruuf dirqamu.

12. Biyyattiin rakkoo humna ibsaa waan qabduuf yeroo hundaa akka guutuu biyyaatti halkan ibsaan ni bada.

13. Maatiin ijoollee barsiifachuuf gara mana baruumsaa yeroo ergu taa’umsa kennuun dirqama.

14. Uffata jiinsii bifa samii (blue) uffachuun dhorkaadha. Akka sirna impeeriyaaliizimii USA tti ilaalu.

15. Magaalaa guddoo piyongyang keessa nama eeyyemameef qofaatu jiraachuu danda’a.

16. Biyyattii keessa qaama miidhamaan hin jiru. Ni ajjeefamu.

17. Humni nama baratee 100% dha. Namni hin baranne hin jiru.

18. Raadiyoo biyyattii sagalee hiri’suu malee dhaamsuun dhorkaadha.

Ajaa'iba!!!

🔊 @Ajaaibsiisoo_Telegram_channel

Ajaaibsiisoo Telegram Channel

02 Aug, 04:24


A Trained Rat Takes Over The AGT Stage!

Maal irraa barannaa.....? Barreessaa