📡FATAAWAA NUURALHUDAA📡
Kabajamtoota hordoftoota nuuralhudaa, in shaa ALLAH guyyaa har’aa gaafii haaraya keeysummeeysina.
Yeroon gaafiin itti ergamu,
Dhaggeeyfattoota Biyya Keeysaa Qofaaf;
• guyyaa Arba’aa July 19, 2017 akka sa’aa biyya keenyaatti Salaata Zuhrii booda Sa’aa 9:00 – 10:00 (3:00 PM – 4:00 PM)
Dhaggeeyfattoota Hundaaf.
• Salaata Ishaahii booda Sa’aa 3:30 – 4:00 (9:30 PM – 10:00 PM)
Ibsa dabalataa:
Tartiibni yeroo guyyaa, dhaggeeyfattoota biyyaa qofaaf kenname. Dhaggeeyfattoonni keenya kan biyyarraa gaafii ergan, sababaa Rakkina networkiitiif gaafii erguun itti ulfaata. Kanaaf akka irra deddeebi’anii yaalanii erganiif yeroo bal’aa kennine. Gaafii biyyoota alaa irraa sa’aa kanatti ergamu hin keeysummeeysinu. Gaafii lakkofsa Ethiopia irraa ergame qofa qeeballa.
Tartiiba yeroo 2ffaa kan halkanii irratti ammoo, dhaggeeyfattoota guutuu addunyaatu gaafii erga. Yeroo kanatti dhaggeeyfattoonni keenya kan Itiyoophiyaa jiran, yoo networkiin guyyaa isaan rakkise, galgala deebisanii erguu mirga qabu. Dhaggeeyfattoota biyyarraa gaafii ergan yeroo lameenuu ni keeysummeeysina in shaa ALLAH.
Lakkofsi Gaafiin irratti ergamu, +1 516 254-8900. Gaafii gama whatsapp irraan ergamu qofa keeysummeeysina. Gaafiin ergamus gaafii sagalee qofa tahuu qaba. Nama tokkoof daqiiqaa 3 fi gaafii 3 qofatu hayyamama.
NuuralHudaa
Soora Qalbii Muslimaa
www.nuuralhudaa.com