Qaroo Academy

@qarooacademy


Winners don't do different things, they do things differently!
Dhaloota qubeetiin, Dhaloota qubeetiif! @qarooacademy join godhaa!
https://www.youtube.com/@qarooacademy9420

Qaroo Academy

21 Oct, 13:41


#MoE

Ministeera Barnootaa; Ramaddiin barattoota yunivarsiitii yeroo dhiyootti kan ifoomu ta'uu beeksisaniiru.

Ministirri kunis "Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 fudhatanii bu'aa seensa yunivarsiitii argatan yeroo dhiyootti ni ramadamu" jedheera.

Barattoonni obsaan akka eeggatanis waamichaan dhiyeessaniiru.

@Qarooacademy

Qaroo Academy

08 Oct, 17:04


#MoE #Placement

Bara 2016 barattoonni qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii darbiinsaa argachuun yunivarsiitiiwwan mootummaatti sagantaa idilee fi sirreeffamaatiin barachuu barbaadan hanga Fulbaana 30, 2017tti filannoo Yunivarsitii akka guutan jedhameera.

Filannoo keessan guutuuf karaa barsiisota mana barumsaa keessanitti bakka bu’aniin dhaabbataa fi damee barnootaa filachuu ni dandeessu.

Barattoonni yeroo ramaddii deeggarsa addaa barbaadan iyyata isaanii karaa kana qofaan https://student.ethernet.edu.et iyyaachu akka danda'an Ministeerri barnoota dhaameera.

@Qarooacademy

Qaroo Academy

08 Oct, 16:04


Qabxiin darbinsa sagantaa fooyya'insaa( Remedial) ifoome.

Ministeerri barnootaa akka beeksiisettii qabxiin seensa sagantaa fooyya'insaa ( Remedial)bara 2016 dhiirootaaf 204 yoo ta'u Shamarraniif ammoo 192 ta'uu Beeksiiseera.
@Qarooacademy

Qaroo Academy

10 Sep, 22:27


Qabxii Olaanaa👏

Muummee lamaaniinuu qabxii olaana kan galmeessan dubartoota dha!

Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa muummee saayinsii uumamaa fi hawaasummaatiin qabxii 600 keessa (575 fi 538) galmeessuun qabxii olaana kan fidan dubaraa dha.

Kanumaan dabalatee barattoonni dubaraa hedduun qormaata bara kanaa irratti qabxii 500 ol galmeessisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun qormaata 700 keessaa naannoo Tigraayitti kenname keessaa dubartoonni qabxii olaanaa galmeessaniiru.

Armaan olitti suuraan barattoota tokko tokkoo qabxii olaanaa galmeessisan ilaaluu dandeessu.

Barattoonni dubaraa baay'ee ciccimoon jiru.

@Qarooacademy

Qaroo Academy

09 Sep, 17:34


Qabxii akkamitti ilaaluu dandeenya?

Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 qormaata fudhatan har'a galgala sa'aatii 6:00  irraa eegalee qabxii isaanii ilaaluu ni danda'u.

Marsariitii 👉https://result.eaes.et

Ergaa barreeffamaa gabaabaa /SMS/👉 6284

Karaa Telegiraamii👉 https://t.me/eaesbot

Share Gochuu hin dagatinaa!

@Qarooacademy

Qaroo Academy

06 Sep, 16:04


#MoE

Bu'aan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Wiixata ni ifooma.

Bu’aan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Wiixata Qaam'ee 4 bara 2016 akka ifoomu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Qormaanni biyyoolessaa bara kanaa walmakaan waraqaa fi toora interneetii irratti kennamuu isaa ni yaadatama.

@Qarooacademy

Qaroo Academy

03 Sep, 19:02


#NGAT : Guyyaa fi sa'aatiin Qormaata Seensa Digirii Lammaffaa (NGAT) ifoomeera.

Sagantaa damee barnootaa fi qormaata seensaa Ministeera Barnootaa irraa arganne armaan olitti ilaalaa.

Qormaanni kun Hagayya 30 hanga Qaam'ee 1, 2016tti akka kennamu beekamaadha.

@Qarooacademy

Qaroo Academy

02 Sep, 11:12


#Yuunivarsiitii_Finfinnee

Yuunivarsiitiin Finfinnee bara barnootaa 2017 barattoota ministeera barnootaarraa ramaddiidhaan akka hinsimanne ni beekkama.

Pirezidaantiin eeggataa Yuunivarsiitichaa Dr. Saamu’eel Kiflee simannaa barattootaa bara barnootaa 2017 iaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Yuunivarsiitichi cehumsa gara ofdanda’uutti taasisu boqonnaan qooduun hojeessuuf baatiiwwan 12 darban hojiilee addaddaa hojjechaa turuusaa dubbataniiru.

Haala Kanaan hayyoota, hawaasa Yuunivarsiitichaa fi qaama dhimmi ilaalu waliin imaammattoota, tarsiimoowwan, hojmaatilee fi qajeelfamoota bocuunseeneetii fi Boordii raggaasisuun hojiitti galchuuf adeemsarra akka jiru himaniiru.

Bara barumsaa hojmaata hojeeffaman keessaa sirni simannaa barattoota haaraa isa tokkoo fi kan olaanaa ta’uu himaniiru.

Haala Kanaan Yuunivarsiitichi bara barnootaa 2017 ministeera barnootaarraa barattoota akka hinsimanne hubachiisaniiru.

Barattoonni Yuunivarsiitichatti barachuu barbaadan qabxii caalmaa kan galmeessisanii fi ulaagaalee dabalataa Yuunivarsiitichaa guutuu kan danda’an qofadha jedhaniiru.

Kanaaf ammoo poortaaliin barattoonni ittiin galmaa’an http://portal..aau.edu.et qophaa’uusaa eeranii, filannoo Kana seenuun galmaa’uun irraa eegama jedhaniiru.

Hojmaanni kun barattoonni yunivarsiitii ofdanda’etti hawwiisaanii milkeessanii ga’umsaa fi dandeettii dorgommii horatanii akka bahan kan gargaaru akka ta’e ibsaniiru.

@Qarooacademy

Qaroo Academy

01 Sep, 16:40


Yuunivarsitii Jimmaa barattootaaf waamicha hin goone!

Beeksifni sobaa karaa miidiyaa hawaasaa akka waan Yuunivarsitiin Jimmaa galmeef waamicha taasisetti beeksifamaa jiraachuu arginee jirra.

Haatahu malee, Yuunivarsitiin Jimmaa hanga ammaatti waamicha galmee barattootaa kan hin taasifne tahuu isin beeksisaa, odeeffannoon karaa miidiyaa hawaasaa maxxanfamaa jiru kan dhugaarraa fagaate tahuu hubachiifna.

Yuunivarsitichi galmee bara barnootaa 2017 karaa fuula miidiyaa hawaasaa fi marsariitii yuunivarsitichaa isa sirriitiin kan beeksisu taha.
@Qarooacademy

Qaroo Academy

31 Aug, 15:23


Barnoonni Fulbaana 7, 2017 eegala.

Naannoo Oromiyaatti Barnoonni bara 2017 Fulbaana 7 kan eegalu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.

Bara barnootaa 2017tif galmeen Barattootaa Hagayyaa 27 hanga qaammee 5tti ni gaggeefama.

Hojii baruufi barsiisuu bara kanaafis qophiin hundi xumuramuu Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Girmaa Baayisaa ibsaniiru.

Bara kana akka waliigalaatti

➡️ M/B bu'uura boruu 20,225,
➡️ Sadarkaa 1ffaa 16,351, 
➡️ Sadarkaa 2ffaa1,365 akkasumas
➡️ Koolleejjota 13 ol keessatti sirni baruuf barsiisuu kan gaggeefamu ta'uu himanii jiru.

Walumaagalatti bara kana barattoonni mil. 12 ol simachuun manneen barnootaa 37,959 keessatti hojiin baruufi barsiisuu ni adeemsifama.
@Qarooacademy

Qaroo Academy

28 Aug, 10:32


#Prof_GabbisaaEjjetaa

Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa Qorataa Misooma Midhaanii Waggaa jechuun filataman.


👉 Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan qorannoowwan faayida olaanaa qaban taasisuun  sadarkaa addunyaatti beekamtii olaanaa argataniiru.

👉 Yuunivarsiitiin Purdiis qorataa misoomaa midhaanii waggaa filatamaa jechuun  filateenii jira. 

Pirofeesar Gabbisa Ejjetaa Meedaliyaa Saayinsii Biyyaalessaa dhiheenya argachuun isaanii ni yaadatama.

@Qarooacademy

1,617

subscribers

277

photos

8

videos