๐๐๐
๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐ธ๐ฉ:
Amantiin Kiristaanaa Yoomii fi akkamitti Biyya Itiyoophaa gale?
Amantaan Kiristaanaa DH.K.B Bara 42itti Biyya
Sooriyaatti hundeeffame.Yeroo hundeeffama isaa irraa kaasee
gidiraa(muddama)baay'ee qunnamaa ture. Namoonni amantaa kana fudhatanis isumaa
wajjin rakkachaa turan. Gariin isaani yoo ajjeefamaan, gariin isaanii immoo baqatanii iddoo
adda addaa jiraataa turan. Yeroo baqatan kanas bakka deemanitti namoota biroo amantaa kana
barsiisaa turan. Biyya keenyas yeroo jajqaba bifuma kanaan dhufe. Gosti amantaa Kiristaanaa
Ortoodoksii jedhamu Gaafa Afirkaa keessatti jalqabuma amantiin Kiristaanaa jalqabe irraa
dhawata dhawaatan babal'ataa deeme yaadni jedhu jiraatus akkaataa barreeffamni hedduun
muldhisutti DH.K.B jaarraa 4ffaa baroota Mootii Aksuum Izaanaa (320_360) dhufe jedhutu irra amansiisaadha. Namtichi Mootii Izaanaa fudhachiise nama Siiriyaa Firaaminaaxos
jedhamuudhaGaruu namoonni caalaatti Kaaba biyyatti keessa babal'isan kabajamtoota salgan
jedhamuun namoota beekaman Kan jaarraa 5ffaa keessa biyyoota Baha Meediteraaniyaa irraa
dhufaniidhaa.
Dhimma kana irratti Ustaaz Ahmaddiin Jabal akkas jedha: "Namoonni amantii Kiristaana
Kaaba Itoophiyaa keessatti barsiisaa turan kabajamtoota salgan jedhamuun beekaman
baqattoota biyya Soriyaa walgahii qaalkidaan 451 booda dhufaniidha. Isaanis: Abbaa
Aftsee, Abbaa Aleef, Abbaa Garimmaa, Abbaa Gubaa, Abbaa Liqaanis,Abbaa
Pheenxeliyon, AbbaaTsahamaa, Abbaa Yemaataafi Abbaa Zemikaa'el Argaawii
jedhamu"(Kitaaba Ahmaddiin Jabal, "Seenaa Muslimoota Itiyoophiyaa" jedhu, Fuula 35 fi Fuula
170 irraan fudhe ).
Inni armaan olitti ilaalle kun jalqaba dhufiinsa isaati. Eega biyya keessa galee booda immoo
akka salphaatti ummata biratti fudhatama argachuu hin dandeenye.Barsiisni amantichaa
baay'een aadaa fi amantii ummata biyyattiitiin (naannaa Gaafa Afirkaatiin)waan wal faallesseef
ummatichi fudhachuuf qophii hin turre. Kanaaf abbootiin amantichaa abbootii Siyaasaatiin
arka wal qabatanii amanticha dinqiin ummatatti fe'aa turan. Keesumattuu dameen Ortoodoksii
dirqiin ummata irratti fe'amuuf gaafa jedhu diddaan ummanni yeroo adda addaafi bakka adda
addaatti geggeessaa ture yoo ilaalle baay'ee nama suukkanneessa,Sammuu nama
madeessa. Jarri sun namuma amantii qabu ? Inumaa dhala namaati ? nama jechisiisa. Seenaa
biyya keenyaa keessatti lolli guddaan adeemsifame, Kan guddina biyyatti Quucarse, Kan
Saboota adda addaa gidduutti ibidda diinummaa qabsiise, Kan Saboota baay'ee dhabama
godhee fi Iddoowwan Turizimiif oolan baay'ee mancaase lola dirqiin Kiristaanessuu amantaa
Ortoodoksiiti. Garuu namoonni tokko tokko lolli geggeeffamaa ture sun kan Siyaasaa akka ta'ee
fi kan amantaa akka hin taane dubbatu. Dhugaan jiru kan Siyaasaa qofa osoo hin taane kan
amantaas akka ta'e namatti argisiisa. Inumaa kan amantii qofa jechuu ni dandeenya. Kanaaf
immoo ragaa baay'ee kaasuun ni danda'ama. Fkn Minilik yeroo ummata Harargee lolaan cabsu
gama Magaalaa Harar deemuun Masjiidatti ol bahee itti fincaanee,akka diigame Bataskaanni
iddoo isaatti ijaaramu godhee ture. Osoo Siyaasaaf qofa ummata sanaan lole ta'e eega
ummaticha injifatee maaliif Masjiida diiguun bakka isaatti Bataskaana ijaarsisa?Kun waanta
nama hunda irraa dhokatu miti. Mootoleen Kiristaanaa isaan dura turanis kanuma godhaa
turani. Kanaaf lolli godhamaa ture kun kan amantii Ortoodoksii baballisuuf godhame ta'uun
hubatamuu qaba. Garuu kana jechuun Kiristaanoni hardha jiran Kanneen yaadaan cubbuu kana
hin deeggarre itti gaafatamaa ta'u jechuu miti. Kun waan isaan isaan ilaallatu miti. Sababni
isaas isaan gocha kana hin deeggarre, biras hin jiranu.Akkamitti itti gaafatamaa ta'u ree?
Muslimootas ta'ee Kiristaana irra amma Kan eegamu Seenaa darbe irraa barachuun fuunduraaf
badiin akkanaa akka hin uumamneef ofegannoo chimsuun waljaalalaa fi kabajaan